cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Power Of Dream

Channel kanaan, 👉barruuwwan barsiisoo 👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes) 👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech) 👉Gorsa(advice) 👉Carraawwan hojii(job opportunity) ni argattu 👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success)        @Tamasgenbekele

Mostrar más
Finlandia1 375El idioma no está especificadoNoticias y medios21 500
Publicaciones publicitarias
4 437
Suscriptores
-124 horas
+697 días
+74930 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
1
Photo unavailableShow in Telegram
Namoonni 200 ol sagantaa guddaa kana hordofaa jiru Join @Obsaa1204
Mostrar todo...
10👍 3
"#Dandeettii Miira Kee to'achuu hin qabdu yoo ta'e, dandeettii miira keen to'atamuu qabda Jechuudha"(#Miratuu Shaanqoo) 👇👇👇👇 @Temesgenbekelee
Mostrar todo...
👍 4
Photo unavailableShow in Telegram
#Special_Event Nan hirmaadha yoo jettan bilisan karaa kana na qunnamaa @Temesgenbekelee Sagantaan keenya Dhiimma leenjii gahumsa dhuunfaa Dhimma Business Experience namoota milkaa'aniiti Join us @Temesgenbekelee @Tamasgenbekele
Mostrar todo...
👍 7
Photo unavailableShow in Telegram
#Special_Event Nan hirmaadha yoo jettan bilisan karaa kana na qunnamaa @Obsaa1204 Sagantaan keenya Dhiimma leenjii gahumsa dhuunfaa Dhimma Business Experience namoota milkaa'aniiti Join us @Tamasgenbekelee @tamasgenbekele
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
👍 2
00:32
Video unavailableShow in Telegram
15.60 MB
👍 6
Gaafa waan haaraa eegaltu..! Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun sin muudatu taanaan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha. Wanti haaraan gaafa eegalamu, namoonni muraasni si hubatu, hedduun si jalaa callisu. Warri biroon immoo si qeequ, abdii si kutachiisuuf watwaatu. Maarree sammuun kee gabrummaa jala jira taanaan hin dandeessu yoo jedhee dhibaa'aan mogolee si buusu harka marattee teessa yoo ta'e eessaan waan haaraa hojjettee milkooftaa? Kara kamiinis gulantaafi ejjennaa isa gara mul'ata kaayyatteetti si geessuu deemtaa? Akkamiin kaayyoo kee galman geessee seenaa kee galmeeffatta? Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Waa'ee keef ragaan si caalu hin jiru. Waan hojjechuu dandeessu kan beeku oollaakee osoo hin taane si mataa keeti. Eeyyee ati galma gahuuf murtee kee malee wacni nama biraa homaa si hin fayyadu. Kanaafuu harka namaa ilaaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti imaluu siif wayya. Warri gaafa waa eegaltu si tuffataniifi si jalaa callisan warra si deeggaran caalaa si hordofu. Yoo kufte sitti qoosuuf afaan bananii si eegu. Gaafa ati waan yaadde milkiin raawwatte, warri callises, warri hin dandeessu jedhes, warri jaaadhu ni dandeessa jedhes, hunduu harka siif reeba. Gaaf sana naannoonkee jajuun marfama. Weedduun gara dhaba. Si qofaatu addunyaaf jira siin jedhu. "Hayyuu, beekaa, goota..... "jedhee namni hundi si waliin dhaabbachuuf kaata. Kun hunduu soba, fakkeessaadha, goyyoomsaafi raffisaadha. Gaafa dura mogolee si buusuuf deemanis ofin jibbin, gaafa yaa'iin ba'ee si weeddisus sittin hoo'in. Hojiikee hojjedhu. Hin raafamin. Waan xiqqootti quuftee hin rafinis. "Ka'eetan bariin sokke Firakoo marii dhoksee...!" jedha geeraraan. Homaaf osoo gurra hin kennin deemee faachaan gale. Gaafa gale gootummaan geerara. Santu akka! @Temesgenbekelee @Tamasgenbekele
Mostrar todo...
👍 4 3👏 2
Repost from MusaAbubeker
Photo unavailableShow in Telegram
#Isa:Namni kun maaliif waakkataa? Anoo mindaan koo na gaheetuman jiraadhaa. #Ana :dhugaamoo? #isa:dhuguma an baay'ee cinqii kana hin qabu. #Ana:Basic needs warra jedhaman;Mana,Konkolaataa,uffataa fi kanneen biroo immoo warroota akka maatii kee gargaaruu,dhaabbata bor galii itti fufaa sif fidu dhaabuu faa qabdaa? #isa: hin hasoofteega amma😁 Manni kiraadha Konkolaataa Zariin kooyyuu hin qaban Nyaata agabuu hin bullu galata shuroo Maatii gargaaruummoo aniyyuu gargaarsa isaanii nan barbaada! #Ana : Akkas taanaan mindaatu na gahe jechuu keerra waanti ani barbaadu hin jiru ykn Abjuun koo waanuma xixiqqaa mindaan guutumtu yoo jette gaariidha. Addunyaa kanarra iyyeessa kan jedhamu nama  Abjuu fi Mul'ata hin qabneedha.
Mostrar todo...
👍 10🔥 3
Photo unavailableShow in Telegram
CBE irraa Ergaa akeekkachiisaa! Gowwoomsitoonni 'tajaajila baankii moobaayilaa keessan haa sirreessinu' jedhanii fi ergaawwan dogoggorsitoota biroo baankii irraa bilbiluu fakkeessanii akkaawuntii maamiltootaa hatuuf yaalu. Haa ta'u malee akka hojmaata baankii keenyaatti tajaajila baankii moobaayilaa waliin walqabatee osoo qaamaan gara damee baankii keenyaa hin dhufin tajaajilli ykn hojimaanni bilbilaan kennamuu danda'u hin jiru. Kanaafuu, gaaffii kamiyyuu bilbilaan akka hin fudhannee fi gowwoomsitoota irraa akka of eegdan isin gorsina; Bilbilli akkanaa yeroo isin qunnamu lakkoofsa bilbilaa 951 ykn waajjira poolisii isinitti dhihoo jirutti akka eertan kabajaan isin gaafanna.
Mostrar todo...
👍 5
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.