cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

MusaAbubeker

Channel kanaan, 👉barruuwwan barsiisoo 👉 Ergawwaan hayyootaa(qoutes) 👉Dubbiiwwaan kaka'uumsa (motivational speech) 👉Gorsa(advice) 👉Carraawwan hojii(job opportunity) ni argattu 👉Karaalee milkaa'inaa(ways of success) https://t.me/atobsa

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
1 070
Suscriptores
-124 horas
+337 días
+15130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

#Personal_Development_Training Leenjii dhugumatti namni hundi itti hirmaachuu qabudha. Nama erga taate Gahumsa keessa keef akka jiraattuuf leenji sirritti isin barbaachisu waan ta'eef koottaa waliin haa leenjinu waliin haa guddannu.
Mostrar todo...
Channel keessaan akka gara 2k,3k,4k,5k tti akka isiniif guddaatu yoo barbaaddan      👇  Na Quunnami 👉 @BrakeIt 👉 @BrakeIt
Mostrar todo...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Wanta tokko itti yaadi jechuuf ittii yaada'uun tokko miti. Ittii yaaduu jechuun har'aa irra dhaabatee boruuf miidhaaf gaarummaa isaa adda basuu akkasumas murtee har'aatiif akka itti hin gaabine dursa karoorsuu jechuudha. Yaada'uu jechuun immoo kan furmaanni argamuu hin dandeenye sammuu ofii dhukkubsu jechuudha. Milkaa'ina keetiif itti yaadii hojjadhu malee itti yaadoofte sammuu kee hin dhukkubsiin. @Obsaa1204
Mostrar todo...
👍 4😘 1
#ILAALCHA_KEENYA! #Ilaalcha jeechuun akkaataa sammuu keenya wanta tokko itti hubatu jeechudha. Jireenya namaaf murteessaan ilaalcha keessa isaati. Namni hanga ilaalcha isaarra darbee jireechuu hin danda'u. Wanta hundumaaf bu'uurri ilaalcha nuti wanta sana irratti qabnuudha. Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati. Ilaalcha gaarii qabaadhu, milkaa'inni kan warra ilaalcha gaarii qabanii waan ta'eef. ~ Jireenyi keenya ilaalcha nuti ilaalluun murteeffama. Kana jechuun waanti kamiyyuu akka nuti ilaalle ta'a. "Haala si mudatu waliin jireenya kee wal simsiisuu yaalii godhi malee akkan barbaadu ta'uun qaba" hin jedhiin. #Abrahaam_Liinkan. Jecha nama kanaarraa waan baayyee baranna. Namoonni baay'een yeroo jireenyi manii #Target isaanii keessa seenuufi didutu jira. Dubbiin namicha kanaa anaan waan baayyee na barsiiseera. Innis yeroo baayyee dhugaa wantichaa hubachuu dadhabnee akkasan ta'uu qaba, kana hojjechuun qaba, isa kanaan milkaa'uun qaba jenna. ~ #Garuu hamma murtaa'e erga tarkaanfannee booda haalli sun akka nuti yaalle ta'uu dhiisaa waanti nuti hin yaalle nu quunnamee faallaa wanta yaadnee taanee argamna. Kun immoo rakkoo ilaalchaa irraa kan dhufeedha. Yeroon jedhus akka nuti itti yaadnetu rakkoon hin jiru ilaalcha jedhu qabaatee waan ba'eef malee rakkoon akka jiru of amansiifnee jireenya keenya rakkichaan wal simsiisuu dadhabnee hin argamu ture. Haalli si mudate gaarii yoo ta'es ilaalcha jireenya kee haala gaarii sanaan wal quunnamsiisi. Akkasumas haalli si mudate badaa yoo ta'es jireenyakee haalicha dheessuu osoo hin taane isaan isa wal quunnamsiisi. "Gaabbiin kan nu quunnamu yeroo wanta darbe irraa hin baratiin hafnuudha. Atimmoo gaabbii tokko malee bekumsa haaraan gara fuulduraatti hiixadhu. Kufaatii kaleessaa teellaa deebitee hin suufini! " '#KaatirinPuulsier' Addunyaa kanarraa rakkoon namootaa baayyee inni guddaan waan darbe irraa hin baratan jireenya haaraa fi ilaalcha haaraa burqisiisuu hin barbaadan. Kunimmoo akka isaan jireenya kaleessaa, ilaalcha kaleessaa irra deddeebi'anii yaaduudhaan boruu isaanii balleessaa jiraatan isaan taasisa. Kaleessi darbeera namni hojii kaleessaa irra deebi'ee hojjetu hin jiru. Jireenya kaleessaa irra deebi'ee jiraatu hin jiru, wanta kaleessa yaadee fi hojjete har'a isa kan bakka buusu hin jiru. Kufaatii hundumaa keessaa inni hamaa fi gadheen ilaalcha nama gammachiisuu fi nama biratti fudhatamummaa argachuuf fiiguudha. Waan dubbiftanii Galatoomaa 🙏🙏🙏🙏 #Maddi :- #LabataMagazine dha.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Ishee: Hello , Maali walirraa fagaanneem! Ana: Eeyyee sirriidha walirraa fagaanneerra. Ishee: Maali kuni waan gaariidha jettee yaaddaaree? Ana: Eeyyeekaa! Ishee: Maali maa jechuudha?🤔 Ana: Lafa gatiikoo baasun oolaa jira. Atis akkasuma mitiiree? Ishee: Gatii gaafa jettu maal jechuudha? Ana: Gaaffii bareedaadha. Dooktarri tokko tajaajilli inni kennuu fi Dhukkubsataan bira deemuu danda'u mana yaalaatti yoo argamedha malee iddoo mana ijaarsaa yookaan mana hoteelaa yoo oole gatiin qabu. Dhukkubsataanis dhukkuba isaaf mana yaalaa dhiisee Suuqii yookaan iddoo ijaarsa manaa yoo deeme qoricha barbaadu argachuu hin danda'u. Anii fi atis akkasi. Lafa rakasaa yoo oolte homtuu garagalee sin ilaalu. Lafa si ilaallatu fi Gatii qabu yoo oolte garuu koppii ofii waan hin qabneef qaalii yookaan gatii qabeessa jabaa taatee argamta.  Kanatu gargar nu fageesse! Namoonni dammaqani Gatii isaanii Kabachiifatu. Iddoo isaaniif malu oolu. Atis akka duriitti nan eegiin. Atilleen Lafa gatiikee barbaaddadhu! Via kaba @Obsaa1204
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
You don't need confidence to start. You need to start to develop confidence.
Mostrar todo...