cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

GALAA SAMMUU

Qoosaa garaagaraa,Walaloo nama bohaarsaniif barsiisan, isiniif qoodna. Yaadaaf karaa @Ayyaanaqofaan nu quunnamaa!

Mostrar más
Finlandia2 189El idioma no está especificadoMotivación y presupuesto47 527
Publicaciones publicitarias
212
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Irraa baradhu!! 👇Addunyaan kun namoota gosa lama irraa tolfamte 👉Gartuun warri tokko akka motorii wayita dachee sochoosan 👉Gartuun warri kaan immoo akka jirmaa lafa ciisu namni isaan tuqu malee hin socho'an 👇Wayita dooniin kee gara kee dhufuu diddu filannoolee lama qabda 👉Tokko daaktee doonii kee bira geessee doonii kee fidachuu 👉Ykn ammoo teesseetuma hanga dooniin kee dhuftutti eeguudha 👌garuu yoo daaktee bira geesse daftee doonii kee daftee fudhatta 👇Dhimma tokko irratti yoomiyyuu filannoolee lamatu jiru 👉 Namootni kan biroo akka hojjetaniif isaaniif dhiiftee ati teessee bu'aa isaa eeguu 👉Haala jiru fooyyessuuf atis seexaadhaan (kaka'umsa) mataa keetiin waa hojjechuuf ka'uudha 👌Hojii kee namoota kan biroof dhiiftee teessee bu'aa isaa eegda taanaan kan si eeggatu kufaatiidha 👇Wayita dukkanaa'u filannoolee lamatu jira 👉Dukkanicha abaaruu 👉Dukkanicha keessa dhabbattee dungoo ibsachuudha 👇Wayita waan tokko hojjechuuf kaatu carraan si eeggatu waan lamadha 👉Milkaa'ina 👉Kufaatiidha/ni gufatta 👌Garuu tasumaa yoo yaalii gochuu dadhabde carraan kee waan tokkodha.innis kufaatiidha
Mostrar todo...
"Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta. ➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 9,999 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 9,999 bare malee jedhe. ➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa?? Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.
Mostrar todo...
"Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta. ➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 9,999 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 9,999 bare malee jedhe. ➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa?? Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta. Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa
Mostrar todo...
05:30
Video unavailableShow in Telegram
❤️🙏
Mostrar todo...
9.69 MB
Wallaggaa, Naqamte📍 Har’a ganama barii irraa eegaluun Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessa dhukaasni guddaan akka ture jiraattootni magaalichaa himaniru. Hidhattootni ABO-WBO har’a ganama magaalicha galuun humna nageenyaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa turan jedhan. ''Ganama osoo namni sochii hin jalqabiin magaalicha galan. Naannoo Boordii dhukaasa guddaatu jira, ammatti manuma keessa teenyee dhukaasa dhaggeeffataa jirra,’’ jedhan jiraataan magaala tokko. Boordiin walakkaa magaalaa Naqamtee yoo tahu, boordii irraa fageenya meetira 500 hin caalle irratti kaampiin waraana mootummaa argama. Dhukaasni gaggeeffamaa jirus naannicha tahuu akka hin oolle himan jiraataan kun. ''Jiraataan gara biraa BBC’n dubbise ammatti miidhaan nama irra gahe dhageenye hin jiru, namni sochii godhus hin jiru hidhattootni garuu magaala keessa galanii dhukaasni jira,'' jedhan. ‘’Kaleessa odeeffannoon jira ture. Waan isin barbaachisu bibbitadhaa, suuqiin cufamuu danda’a odeeffannoon jedhu ture. Waan akkanaa taha jennee hin eegne malee,’’ jette jiraattuun magaalichaa gara biraan. ‘’Mooraa keenyaa gadi hin bane, namoonni tasa bahanii arganii dhufanii nutti himan garuu hidhattoota WBO arguu natti himan,’’ jette. Gama mootummaan waan jedhame hin jiru. BBC’n kantiibaa fi bulchiinsaaf nageenya magaalittii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne. Maddi:-BBC @Tikvahethafaanoromoo
Mostrar todo...
(Luqaas 18 ) ------------ 1 Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta'u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf, Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime. 2 "Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko mandara tokko keessa ture. 3 Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, 'Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!' jettee, itti boossi turte. 4 Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, 'Waaqayyoon yoon sodaachuu dhaabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhaabaadhe, 5 haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti' jedhee ofitti dubbate" jedhe. ... 7 Waaqayyo immoo warra isaaf fo'amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasufii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree? 8 Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta'u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?" jedhe. Sanbata Gaariii!!
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
🔰 BAGA NAGAAN DHUFTAN 🔰 Itiyoo-Teleekom tamsaasa telegramaa sa'aati guutuu afaan oromoodhan jalqabuu ilaalchisee hordoftoota horachuuf badhaasa qopheessera. Linkii armaan gadii fayyadamuudhan galmaa'uu keessaniif qarshii 1000 ni badhaafamtu. Namoota 30 yemmuu affeertan immoo dabalataan qarshii 3000, tokkoon tokkoon namoota affeertanif qarshii 100 badhaafamtu. Liinkii affeerraa Deleted Account. 🔽 https://t.me/Ethiotelecom_Afaan_Oromoo_bot?start=r0908971167 Liinkii affeerraa keessaani argachuudhaaf liinkii affeerraa Deleted Accounttiin galmaa'aa. JOIN | ETHIOTELECOM - AFAAN OROMOO
Mostrar todo...
"Osoo wal jaalannuu wal caaluu jaalanna. Wal caaluu jaalachuun badii miti, Rabbiitu wal caalchisee nu uume waan ta'eef. Gaafa wal caaluu jaalannu garuu, kaayyoo walcaaluu jaalanneef jidduu garaagarummaatu jira. Yoo nama caaluu jaalachuun kee nama caaltu sun gargaarsa Rabbiitiin akka si caalu taasisuuf ta'e, Rabbiin caalaa si taasisee jira Funyoon sadarkaa sun ga'uu irraa hiitee si dhaabdu hin jirtu. Yoo nama caaluu jaalachuun kee caalaa ta'uun akka siif baramu qofaaf ta'e Rabbiinuu biyyatti sin dhiisu. Of tuffachuun si miidha, wal tuffachuun biyya miidha. Of tuffachuu fi wal tuffachuun waan jibbamtuu dha. Of tuffachuun rabbiin akka hin tuffatamne si taasisuu danda'uu isaa dagachuudha. Wal tuffachuunis ati akka hin tuffatamne kan si taasise rabbi ta'uu fi namoota ati tuffattu rabbiin sirra caalchisuu akka danda'u dagachuudha. Haalli jireenya namoota baay'eedhaa, kan amantii qabuu fi hin qabneetiis akkanumaa akkasi. Karaa dogoggoraa deemuun yoo wallaalaaf ta'e badii hin qabu. Barraan isa sirriitti jijjiirratta. Yoo osoo beekhanii ta'e garuu kharaan sirrii isuma sana. Kan beekhaa kharaa jallaa deemu xumurri daandichaa eeysa akka ta'ees hin wallaalu Daandiin tokkichi qajeelaan of tuffachuu fi wal tuffachuu dhiisuudha. Akkasitti qofa ofii fi biyyaafis hin taatuu na amani
Mostrar todo...
DHUGAA HUBACHUU FI JIRAACHUU •••••••••••••••••••••••••••••••• Rakkinni addunyaa kanaa inni guddaan soba. Oduu sobaa, Barsiisa sobaa, beeksumsa sobaa, qabeenya karaa sobaa argame, siyaasa sobaa, amantaa sobaa fi k.k.f dha. Isaan hafan jettu itti guutuu ni dandeessa. Maaltu maal ta'e seeta? Dhugatu jibbamee sobni gonfoo ulfinaa uffatee deeggartoota baay'een ajjabamee masaraa dhugaatti ol galee teessuma Kore. Warra dhugaa qabutu dhokatee, sobdootatu soba dhugaa fakkeessanii dirree bal'atti ba'anii lallabanii of beeksisuudhaan deeggartoota baay'een harki rukutameef. Dubbii dhugaattu soba jedhamee, sobattu dhugaadha jedhame. Dhugaan dhugaa akka taate osoo beekanii soba dhugaa fakkeesauuf warra kufee ka'utu warra dhugaa qabaniidha jedhamee harki rukutameef. Qajeelaan booruu osoo dhuguu, jal'aan burqituu warraabatee dhuga. Nama dhugaa dhugaadhaan dubbatutu ajeeffatamee funyaan itti qabatamee, abbaa sobatu leellifame. Erga akkas ta'ee abdiin warra dhugaa qabuu Maal ree? Yaa isaa dhugaa qabattee jirtu hin gaddin. Dhugaa fi sobni akka bishaani fi Zayitaati. Bishaanii fi Zayita yoo walitti naqxe walitti hin makaman. Dhugaaf sobnis akkasuma jechuudha. Gargar bahuun isaanii hin olu. Har'a dhugaan kee sobaaf sobdootaan yoo cunqurfames turee bulee injifannoon kan warra dhugaa qabuuti. Qajeelfamoota armaan gadii kana sammutti naaf qabadhu. √ Dhugaadhaaf dhugaadhaan jiraadhu! √ Dhugaadhaan dhugaa hojjadhu! √ Dhugaadhaaf dhugaadhaan dhugaa bahi! •Qajeelfamoota armaan olii kana hojii irra yoo oolchite, ati nama badhaasa guyyaa dhumaa badhaafamu keessaa isa tokkoodha! Galatoomaa! Hiriyaa keessaniif qoodaa! Guutuu isaa argachuuf kitaaba kiyya 'Daraaraa Hegeree' itti dhiyaadhaa!
Mostrar todo...
✍Namoonni hedduun akkuma isaaniitti si ilaalu, akkuma isaaniittis si madaalu! Haa ta'u malee madaalliin isaanii si'ii miti! Calaqqeema eenyummaa isaaniiti malee. Sarara namoonni nuuf kaayaniin daangeffamnee jiraachuun carraadha osoo hin taane filannoo keenyaan, yoo kiiyyoo ormi nuuf xaxu hunda keessuma lixnee ka teennu taate nutitu of daangesse malee ormaa miti. Hin dhagahin! Ormi waan ofii dadhabe sitti marsaa atimmoo hin marra'amin. Yeroo ammaa ka Namni nama Akka horiitti marra'ee gurguruuf ta'u kanatti ati gabaa gurgurtaa isaanii funyoon hidhamtee hin dhaqiniif. Ati kaayyoo kee fanaa maraadhu, isaan ammoo waa'ee keetiif haa maraatanii. Albert Einstein tu Akkana jedha, "Muldhata akka nama maraatee si godhu hin qabdu yoo ta'e, Nama guddaa ta'uu hin dandeessu" #Albert_Einstein
Mostrar todo...