cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

#Kunis keenya

Muhee _official Odeeffannoo Waytawaa gama hundaan funaanee isin biraan kan gahu taha. Chaanali kuni keessan tahuu hin dagatinaa Akkuma Maqaa isaa " #KUNIS_KEENYA " join gochuu hin dagatinaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @kunis_keena 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Mostrar más
Finlandia2 218El idioma no está especificadoLingüística13 801
Publicaciones publicitarias
198
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

#Dubbii Hayyootaa Ati barattuus barachuu baattuus wantoota shanaan kana qabaannaan galma ni geessa 1👉Character (Amala) 2👉Commitment (Murannoo) 3 👉Convention (waan hojjatu irratti ejjannoo qabaachuu) 4 👉Courtesy (Tattaaffii) 👉Courage (Daffaarummaa) @kunis_keenya
Mostrar todo...
Firiin Qormaata Biyyooleessaa kutaa 12ffaa ifoome ================= Barattoonni firii qormaata isaanii ilaallachuuf har'a halkan sa'aatii 5:30 irraa eegaluun weebsaayitii http://eaes.edu.et/ yookaan ergaa gabaabaa 6284 irratti lakkoofsa galmee isaanii(registration number) erguudhaan ilaallachuu akka danda'an ifoome. ✍Hub:- #Barattootni sababaa neetwoorkiitiin firii qormaata keessanii ilaallatuun isin rakkisu  nu dubbisuu dandeessu. t.me/Kunis_keenya
Mostrar todo...
#Kunis keenya

Muhee _official Odeeffannoo Waytawaa gama hundaan funaanee isin biraan kan gahu taha. Chaanali kuni keessan tahuu hin dagatinaa Akkuma Maqaa isaa " #KUNIS_KEENYA " join gochuu hin dagatinaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @kunis_keena 👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆

MAMMAAKSA AFAAN OROMOO  •|• Mammaaksi dubbii fida. •|• Dubbii fixa. •|• Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba. Mammaaksa Oromoo kanneen baay'ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera. ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu'a.  ➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen. ➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne." ➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate. ➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte,"  jedhe namichi tafkiidhan. ➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame. ➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu. ➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban. ➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin. ➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan. ➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata. ➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti. ➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a. ➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan. ➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati. ➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu. ➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan. ➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte. ➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan. ➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a. ➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti. ➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona. ➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga. ➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu. ➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata. ➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu. ➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u. ➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan. ➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe. ➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu. ➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een. ➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya. ➌➌. Mucaa boo'uuf jedhu jabbiin irra ejjate. ➌➍. Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbiisuu dha. ➌➎. Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba. ➌➏. Nama beekaa du'e osoo dhaga'uu awwaalu. ➌➐. Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen. ➌➑. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka. ➌➒. Qe'ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti. ➍✿. Re'een baala argatte qeerransa hin sodaattu. ➍➊. "Situ diriiree of qochisiise" jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee. ➍➋. Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti. ➍➌. Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta'ee na ciniine. ➍➍. Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe. ➍➎. Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu. ➍➏. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan. ➍➐. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise. ➍➑. Waan lafatti falan gaalati fe'an. ➍➒. "Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi. ➎✿. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan. ➎➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti. @kunis_keenya @kunis_keenya
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
👌👌👌Iccitii koodii bilbila GSM(2G) kan baayyeen keenya hinbeekne.... 👉1ffaa: Lakkoofsa bilbila fayyadamaa jirru baruuf gara *111# bilbilu. 👉2ffaa: Lakk iccitii bilbilaatiif/IMEI/ serial No፡ *#06# 👉3ffaa: Yeroo nuuf bilbilamu bilbilli kun tajaajila irra hin oolle akka nuuf jedhuuf yoo barbaanne gara *21*900# bilbiluu. Ykn dijiitii tokko hirrisuun gara bilbila keenyatti bilbiluu.  ✅ fkn lakk bilbila keenyaa yoo 0912345678 tahe gara *21*091234567# bilbilu. ✅ Balleessuuf ykn irraa kaasuuf immoo gara #21# bilbilu. 👉4ffaa: Bilbilaa nuuf bilbilamuu fi message nuuf ergamu hunda gara lakkoofsa biraatti divert gochuu yoo feene *21*0912345678# bakka 0912345678 lakkoofsa bilbila feetan galchuun bilbilu.  Gara duraan turetti deebisuuf  #21# bilbilu. Jechuunis bilbilli keenya duraan divert tahe jiraannaan Gara #21# yeroo bilbillu gara Normal tti deebihuun divert irraa ni ka'a jechuudha. ✅*#21# bilbiluun odeeffanno bilbilli keenya divert tahu fi tahu dhabuu isaa arganna. 👉5ffaa:  Bilbilli keenya wayita busy tahu qofa divert gochuuf *67*lakk# bilbiluu. Divert kanammo irraa balleessuuf gara #67# bilbiluu. 👉6ffaa: Bilbilli keessan hinkahu ykn bira hinjirru yoo tahe qofa divert gochuuf *61*lakk# bilbiluu. Divert kana balleessuuf gara #61# bilbilu. 👉7ffaa: Bilbilli keenya network ala yeroo tahutti divert gochuu qofaaf gara *62*lakk# bilbiluu divert kana balleessuuf  gara #62# bilbiluu! 👉8ffaa: Call waiting active gochuuf  *43# bilbiluu. √ Call waiting irra haquuf #43# bilbilu.  √Call waiting  activate tahu fi tahu dhabuu adda baafachuuf  *#43# bilbilu Channel keenya join fi share gochuu hindagatina. 🙏🙏🙏👇👇👇🙏🙏🙏
Mostrar todo...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
"Namni waan nyaatu fakkaata" jedhama. Sammuunis waanuma nyaatuu fakkaata. Kitaaba ati dubbistu, muuziqaa ati dhaggeeffattu, fiilmii ati ilaaltu kun hundi eenyummaakee bocu. Ati waanuma sammuukee nyaachiftu fakkaatta. Bu'aa ilaalcha keeti ati. Ilaalcha kee immoo nyaata ati sammuukee nyaachiftutu murteessa. Wanta sammuukee seenu irratti eeggannoo guddaa godhi. Halkan gaarii qabaadhaa😍 @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota Read every day%%
Mostrar todo...
act now, life will not wait for you!
Mostrar todo...
Mostrar todo...
Kunis Keenya

Kunis Keenya. 2 likes · 3 talking about this. Just for fun