cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

"Ka'i Qeerro!" Follow Us!! Twitter: twitter.com/Qeerroo2011/ Facebook: facebook.com/SQeerroo/ Instagram: instagram.com/Qeerroo2011/ Telegram: t.me/Qeerroo2011/

Mostrar más
Finlandia301El idioma no está especificadoPolítica3 498
Publicaciones publicitarias
17 136
Suscriptores
+3924 horas
+2807 días
+1 28130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Murni gidirsaan PP Mirga namummaa dhala namaa sarbuun rakkoo ulfaataa ilma namaarraan gahaa jira! (SQ-Caamsaa13, 2024) Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo Araddaa Gaara Abdullaatitti Abbaa Maatii Obbo Iisaa Abdii Ussoo jedhaman dirqamaan Mooraa Leenjii Waraanaa deemuu qabdu jechuun reebicha jajjabaa irratti raawwachuun bifa suuraan mul’atu kanaan miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiru. Duulli ilmaan Oromoo Mooraa Leenjii Waraanaatti guuruu kun kan duraa olitti jabaachuudhaan Oromiyaa cufa keessaa Saala, Umurii fi fayyummaa osoo adda hin baasne kan guuraa jiran ta'uu Maddeen SQ bakkoota hedduurraa nuuf mirkaneessaniiru.
Mostrar todo...
😢 9👍 4😭 3
Dargaggoota Waraanni Abiyyi Maqiitti mana hidhaatii baasee rashane!
Mostrar todo...
😢 41👍 6🥰 6
😢 36👍 9😭 9 7
Sirni nama nyaataan Abiyyi Oromoo lafarraa daguuguu jabeessee itti fufee jira. (SQ-Caamsaa 04, 2024) Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaalaa Maqii Ganda Odaa iddoo addaa dhaaba loonii jedhamuun beekkamutti darggaggoota lama ammaaf maqaa isaanii hin argatin, waajjira poolisiitii baasuun haala sukaneessaadhaan ajjeesanii maddeen SQf himani.
Mostrar todo...
16👍 8😭 8😢 1
😭 65😢 8 3
#DUULA_GUYYOOTA_40tin Sabboontota Oromoo lafarraa duguguuf karoorfame akkuma itti fufeetti jira. (SQ-Ebla 29, 2024) Dargaggoo Milkii Wanduu Abbabaa Jedhama. Godiina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisoo Ganda Baadiyyaa Wallu Wadalaa (Wallu Sooma) Jedhamutti dhalatee guddaate. Baraata Sadaarkaa 2ffaa ture. Barnoota isaa irraa yeroo hedduu sababa Oromummaa fi Sabboonummaa isaa hidhamaa waan tureef garaa matii isaa biraatti deebi'ee bultii horate. Dhiheenyuma kana Maatii horate irraa hidhamuudhan Mana Hidhaa Baatii 9 ture . Erga Mana Hidhaa Bahee ammaa Baatii 5 ture. Manaa hidhaa magaala Walisooti argamu keessatti dararaama ture. Dheengadda Halkan jechuun 27/04/2024 sa'aatii 9tti bilbilanii Manaa Gadi Waamanii fuudhanii ittiin deeman. Maatiin akkuma durii mana hidhaa sanatti deebisan jedhee mana hidhaa magaala walisoo fi mana hidhaa kan Aanaa keessa gaafacha turan. Dubbiin Garuu akkas hin turre dargageessa ol adeema kana ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun Qe'ee irraa, maatii irraa yoo xiqqaate Kiloometra 15 fageessudhan Magaala Walisoo irraa gara Kibbaatti Gandaa Foduu Goraa jedhamutti Rasaasa itti roobsanii erga Ajjeesanii booda, ganda itti ajjeesanii baasanii Ganda biraatti geessanii karaa gubbaatti gatani Reenfi isaa halkan Kan Gatame guyyaa guutu Karaa Gubbaa Oole, Booda Maatiin Iyyaafannoo Hedduun Dhagahanii Dhufanii kaafatan. Eebla 28, 2024 gaggeessan isaa raawwate. Hireen Sabbontota Oromoo sirnaa faashistii Nazii kana keessatti ajjeefamuu, dhiigni qulqulluun dhangala’uu qofa.
Mostrar todo...
👍 24😢 6
Waraanni Mootummaan Bobbaafame Lammilee Nagaa Gaaga'uu ammas itti fufe. Lixa Oromiyaa Araddaa Gidaami Qellem bakka mana Hamo jedhamuti dargaggoo Gabru Lamma yakka tokko malee, mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesun bakkeetti gatan.
Mostrar todo...
👍 11😢 2
Mostrar todo...
Wallee Jaal Jigsaa Diinaa - Oromiyaa

42👍 24🙏 4
Jaal Jiksaa Diinaa Wallee "Oromiyaa" jedhu qabatee dhufaa jira. Karaa Tooraa You tube :- https://youtube.com/@WaariiEntertainment-gv1pm?feature=shared kana ni argattu.
Mostrar todo...
👍 57 9🔥 1🤔 1
Toora Miidiyaa Hawaasaatti gargaaramuun sirni biyya bulchu odeeffannoo Kijibaa tamsaasuu Qorannoon BBC mirkaneesse! (SQ-Ebla 19, 2024) Sirni biyya Impaayerattii (Xooppiyaa) bitee jiru Bilxiginnaan Miidiyaalee Hawaasaa kan akka Facebook fi Telegram tti dhimma bahuun odeeffannoo burjaajessoo, maqa-balleessiifi jibbiinsaa heddumminaan maxxansuu, Maqaa “Raayyaa Miidiyaa” jedhuun Maqaa Gaarii Mootummaa fi Paartii biyya bulchuu uumuuf kana gochuu Qorannoon BBC’n har’a baase ifoomseera. BBC’n qorannoo isaa kana Namoota Garee sana (Raayyaa Miidiyaa) keessa jiraniif dhaabbata Meettaa ykn Facebook irraa argadhe jedheen qorannoon ifoomse Screenshot hedduu yeroo odeeffannoon toorota akka WhatsApp fi Telegram’n walii qoodamuufi ‛Campaign’ qabna qophaa'a” odeessawwan jedhan heddumminaan argamaa turani. Paartiin Bilxiginnaa bakkoota garaagaraatti namoota dhuunfaa fi garee ijaaruun maalaqa bifa durgoon kafaluun wantooti qabatamoon lafarra hin jirre uwwisa Miidiyaa akka argataniif tattaaffiin inni godhu kan laayyootti ilaalamus miti. Oromiyaa keessatti haqi akka dhokatu, wanti lafarra hin jirre, maqaa Mootummaa dhaadhessan akka facaafaman, Maqaan Garee ykn nama dhuunfaa akka gurraacheffamu godhuun akka hojjetan beekamaadha. Kanaafis ololli kijibaa Waraana Bilisummaa Oromoo irratti guyyuu oofamu agarsiiftuu guddaadha!
Mostrar todo...
👍 65 19💯 1