cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Sagalee Fayyinaa(MARPE)

▶️Kaayyoon Chaanaalii Keenyaa 👉Karaa Sagalee waaqayyoo 👉Karaa Faarsaa 👉Karaa Walaloo 👉Karaa fakkeenyota gara garaa sagalee kristoostti wal jabeessudha. ▶️Kanaaf Chaanaalii keenya https://t.me/Sagaleefayyinaa share nuuf godhaa! ▶️Yaadaaf 👉@Marpeeee_bo

Mostrar más
Finlandia963El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad14 364
Publicaciones publicitarias
6 503
Suscriptores
+824 horas
+57 días
-330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Far. 40 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Ani abdii guutuu dhaan Waaqayyoon nan eeggadhe, inni immoo gara kootti jedhee, iyya koos anaaf in dhaga' e. ² Inni boolla huursaa bishaan sodaachisaa keessaa, dhoqqee akka suphee nama qabatu keessaas harkisee na baase; inni miilla koo dhagaa hin sochoone irra anaaf dhaabachiise, ejjennaa koos anaaf in jabeesse, ³ Inni faarfannaa haaraa, isa ani ittiin isa jajadhu afaan koo keessa in kaa’e; baay’een kana arganii isa in sodaatu, waaqayyummaa isaa in amanatu.
Mostrar todo...
2
Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru. 2 Seerri hafuuraa inni karaa Kristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du'atti nama geessu jalaa si baaseera Roomaa 8:1
Mostrar todo...
Faarfannaa Kana❤ 👉Xoofoo dhangaga'aa dhugdee Fiixaan baaste fayyinaKoo Abbaa fooniif dhiigaan miti Sitti waamama eenyummaan koo Dhagna haaraa uffadheen, Si wajjiniin du'aa ka'e Maafan maqaa kee hin faarfadhu Cubbamaatu luba ta'e🙏
Mostrar todo...
🙏 10 1
Yoon maal jedhen si quubsa, Nan wallaalee Oolmaa keetu qabeenya koo irra caale Silaa hin feetu warqeedhaaf meetii Siifan laadha galanni, ulfinni kan keetii🙏
Mostrar todo...
🔥 11
TORBEE DHUFUN FANNIFAMA(Dinqii Gooftaa) ================================= " Kiruseedii gurguddaa ardii Afrikaa keessatti gaggeessinuun namootni miliyoonaan lakkaawwan gooftaatti amananu turan. Dabareedhaan biyya Koongoo wangeela lallabuufan deeme. Guyyaa tokko obboleessi wayii akka mana hidhaa dhaqnee wangeela dhugaa baanuuf nu affeere. Innis kanaan dura achi deemee waan tureef hidhamtoota keessaa kan amanan turan. Yeroo dhaqnetti namoota 50 kan duuni itti murtaa'e, harkii fi miilli isaanii haala sukkanneessaan, finyoo(funcaa) sibilaan, hidhaman argine. Taa'anii faarfatu. "Guyyaan gooftichi uume isa kana" jechuun walharkaa fuudhanii suuta faarfatu" jedhan hojjetaan wangeelaa Reinhard Bonnke. Girgiddaa manichaa keessa sibila tokkorra taa'ee osoon dhaggeeffadhuu Hafuurri Waaqayyoo natti dubbate."Mucaa dura bu'ee faarfachiisaa jiru kanaan 'Mana hidhaa kanaas ni baata, wangeela koos ni lallabda' jedhii itti himi" naan jedhe. Anis yaa gooftaa kun sagalee keetii jedheen irra deebiin gaafadhe. Waaqayyoos deebisee "Eeyyee! kun Sagalee kooti !" jechuun natti dubbate. Namicha afaan naaf hiikuun "muca dura bu'ee faarsaa hogganaa jiru naaf waamin" jedheen. Dargaggeessichi yoo dhufu"Maqaan kee eenyu jennaan Richard" naan jedhe. Richard, Waaqayyo gooftaan "mana hidhaa kanaas ni baata, wangeela koos ni lallabda" sin jedheera jedheen itti hime. Fuulli mucaa kanaa ni geeddarame. Innis " Muka guddaa ala jiru sana agartaa ? " naan jedhe. "Eyyeen" jedheen. "Ji'atti yeroo tokko magaalaa Kinshaashaa irraa namni tokko nu fannisuuf ergama. Nuyis mukicha fuldura dhaabbannee fannifamuuf dabaree egganna. Funyoo morma(kokkeetti) hidhee fiixee mukarraatti ol harkisee gadi yoo deebisu hidhamaan sun ni du'a. Kana dura dabareen yemmuu narra ga'u yeroo sadiif nan dadhabe; ji'a dhuftutti jedhee na dhiisee deeme. Torbee dhufu garuu jalqaba irratti anatu fannifama" jechuun naaf deebise. Anis "Egaa Waaqayyoo akkas jedheera jechuun kadhadheefiin bira adeeme." Torban sana manatti yoon kadhadhu"Yaa gooftaa! Dhimma Richard sana raawwadhuuf" jechuun boo'ichaan kadhadhaaf. Haafurri Waaqayyoo guyyaa tokko "Atumti bulchitoota biyyaa bira dhaqii bakka isaa dubbadhuuf " jedhe. Anis nan dhaqe. Bulchaan biyyaa mana hin turre. Haadha manaa isaatiin "har'a dhimma tokkofan as dhufe"n jedheen. "Torbee darbe mana hidhaatti wangeela lallabeen ture. Waaqayyoo dargaggeessi Richard jedhamu gadhiifamee wangeela koo haa lallabu waan jedheef dhimma kana abba warraa keettii akka naaf himtu kabajaan si gaafadhan" jedheen. Isheenis "dhimmi kun waan ta'u natti hin fakkaatu" jette. Xiqqoo turtees " yoo ijoollee keenya Ameerikaatti kaffaltee nuuf barsiisfte garuu irra mari'anna" naan jette. Anis deebisee "Lakki ! Kana gochuuf ani qarshii hin qabun" jedheen. Baay'ee natti aarte. Balbala natti cuftee deemuuf yoo isheen kaatu "Waaqayyoo Richard hiikaa; inni hojjetaa wangeela kooti isiin jedheera" jedheen sokke. Konfiraansii gaggeessee yoon deebi'u bilbilli natti bilbilamee "Richard hiikameera. Amma barumsa wangeela barachuuf galmaa'eera" naan jedhe. Anis "Baasii mana barumsaa isa nan danda'an" jedheen. Waggaa afuriin booda Kiruseedii magaalaa Kinshaashaatti qopheessinee turre. Dura bu'aan Kiruseedii keenyaa har'a saatii laaqanaa nannoo hoteela kiyyaatti "surprise" n akka na qunnamu natti hime. Yeroo geenyu dargaggeessi tokko fiigee dhufee natti marame. Ni boo'e, na boochise. Ani Richard jechuun natti hime. Barsumsa fixee hijjetaa wangeelaa ta'e. Dhugumaan“Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru" ( Luq. 1:37) Dinqiidha hojiin Gooftaa keenyaa!! Fannifamuu nama oolchee lallabaa wangeelaa nama taasisa. Afaan Oromootti kan hiike Duresa Guluma Toora Marsalee Hawaasa irra kan dubbifne.
Mostrar todo...
4
Biqiltuun Firii Baay'ee Qabu Mataan Isaa Gadi Jedha.🙏
Mostrar todo...
👍 6 1
Notcoin warri Isin Jala darbe Bot Haaraa kana TapSwap kan jedhamu kanarraa Qarshii hojjetachuu nii dandeessu. 👇👇👇 Start godhaa tap tap gochuun Coin walitti Qabadha. 👇👇👇👇👇 https://t.me/yescoingame_bot?start=r_523444341
Mostrar todo...
Yescoin

Probably something.

Mostrar todo...
Yescoin

Probably something.

Bau. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁴ Waaqayyo yommus aadnaa isaanii dhaga'ee, kakuu Abrahaamii fi Yisihaqiif, Yaaqoobiifis kakate in yaadate; ²⁵ Waaqayyo akka Israa'eloonni itti jiran beekee, isaan in ilaale.
Mostrar todo...
👏 11🥰 3😱 2
7👍 2