cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

𝑽𝑶𝑰𝑪𝑬 𝑶𝑭 𝑯𝑼𝑴𝑨𝑵𝑰𝑻𝒀 ™

Yaadaaf asiin nu qunnamaa @Gifts_of_islam Chaanaalii keenya irraa qophiilee armaan gadii argattu👇👇👇👇👇👇👇 👉oduu fi odeeffannoo woyitaawoo 👉gorsa hayyoota 👉bashannansiisoo 👉barsiisoo 👉Gaaffiilee 👉dhiyaadhaa waliifis qoodaa🎉💝

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
554
Suscriptores
+224 horas
+47 días
+1530 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Baga nagaan dhuftan Mîłkìí Iłmã hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Mostrar todo...
Akka Naaf Hubattan… Guyyaa muraasa dura dhimma konkolaataa Ummatni kabajaa Harargeen badhaasa seenaa naaf kennite ani gurguramuu fi karatti hafuu isii kaase irratti,yaadota dogoggora tahan hedduu argeeti dhagahe. Kanarratti har’aa fi seenaaf waa jechuu fedhe. Gariin waan ani ulfinaa fi kabaja ummata Sikkoo fi mandoo gadi buusetti na ilaale. Gariin waan ani konkolaataa naaf galchaa mallaqa walitti naaf qabaa jedhee iyyadhe se’ee duula narratti bane… Ilaamee… Ani dargaggeessa wagga 30 gadiiti. Nama wallaalaa dha,beekumsaa fi dandeettii namarraa adda na taasise hin qabu. Ummata kanaaf oolmaa oole jedhee seenaa fi Qiyaamaaf waan lakkaa’adhe hin qabu. Garuu RABBIIN yeroo si qormaatuu fedhe suma zeeroo kana ija namaatti dhibba si godha! Tola RABBII waakkachuuf miti. Hanga kiyya of isiniif himuufi. Beekkamtii fi galata ummataa argadha jedhee takkaa karooraan irratti yoo hojjadhe tahe,arrabni kiyya gaafa xumura jiruu tiyyaa shahaadaa na haa didu. Garuu ummata osoo ati hin hojjatin dursee mindaa siif kafalu irraa dhaladhe. Ani Maaliif Sa’uudii Deeme ? Ila akkana… Gaafa jalqaba biyya Sa’uudii imalu,simannaa fi badhaasa ummataa argadha jedhee lafa san hin ejjanne,biyya Jaalallee kiyya Nabi Muhammad (Salawaatullaahi Wasalaamu Aleyhi) dheebuu bara dheeraa qabu habbuuqqachuuf achi dhaqe. Sagantaa fi badhaasa naaf godhaa jedhee namni ani dubbise yoo jiraate har’a haa dubbatu. Garuu ummatni ani irraa dhaladhe ummatni sikkoo fi mandoo ani lafa Makkaa seenuu kiyya gaafa dhagahan,nu dubbiftee wal agarru malee hin galtu jedhan. Yeroo dheeraaf ani didus dirqama narra kaa’an. Jalqaba Hararge Moo Sikkoo Fi Mandoofu Na Simate ? Yeroo jalqabaatiif hawaasni na simate sikkoo fi mando,makkarraa Gara Riyaad xayyaaraan na yaaman,nama 30 jala waan gahuun manguddoo fi dargaggoon konkolaataa hiriirsanii dirree xayyaaraatti na simatan. Ani yeroo gadi bahee argu ni rifadhe. RABBITI na beeka guyyaa sna dhokadhee bo’e,himachuuf osoo hin taane himuufi. Akkas hin seene… Booda Maaltu Ta’e !? Hoteela qabanii sagantaa guddaa seenaa kiyya alaa keessatti jalqabaaf naaf godhan,badhaasni gatii qaaliin bitamee guyyaa san naaf kenname Wallaahi lakkoofsa isaa RABBI qofatu beeka. Sagantaa akkasii yeroo lama naaf godhan. Jalqabaaf seena kiyya keessatti biyya alaatti namni sagantaa ani isa hin geenye kan inni na caalu naaf godhe sikkoo fi mando. Hanga akka daa’imaatti harkaan nyaata afaan na kaa’anii na nyaachisanitti ulfina dur abboota irraa dhaalan natti argisiisan. Akkatti irraanfadhuu fi itti waakkadhus hin qabu. Yoo ani isaan waakkadhe isaan osoo hin taane RABBIIN walitti dhufa. Tola RABBII waakkadhe waan ta’eef… Ilmaan Afran Qalloo Harargeen Maal Goote ? Baatii lama booda Ummatni Afran Qalloo harargeen Baabaa keenya Sheikh Amiin Ibroo wajjiin sagantaa nuuf goote. Akkatti Sheikh Amiin wajjiin na qixxeessanii sagantaa naaf godhan hanga har’aa na ajaa’iba. Achi qofatti hin dhaabne,ulfina tasa hin eegamne,konkolaataa na badhaasan. Oromoon hundi gaafa san gammadee akkatti gammachuu ibsatu dhabe.. Booda Konkolaataa Maal Tahe ? Boodarra konkolaataa kana galchuuf balbala Shanii ol rukunne. Baatii sagal guutuu yaalii alaa fi keessaa godhee dadhabe,konkolaataa kana qaraxa isaa kafaluu waan hin dandeenyeef kana hunda arkifatte. Sunis sababa malee murtii RABBIITI. Konkolaataa Kana Galchuun Yaaliin Mallaqaa Godhame Jiraa !? Konkolaataa kana galchuuf akka jaalleewwan tiyya kan akka Sheikh Mubaarak Roobee,Sheikh Sa’ad Aliyyii,Abuu Mus’abii fi Sheikh Muhammad Amiin yaalii guddaa godhanii turan sunis hin mirgoofne. boodarra karaan konkolaataan itti galtu mootummaa Itiyoophiyaatiin cufamnaan ummata harargee koree dhimma konkolaataa wajjiin mari’annee gurguruu murteessine. Gurgurtaan isii paarsantii 39 gadi tahee gurgurame. Dhiyeenya Dubbii San Maaliif Kaase ?!
Mostrar todo...
Konkolaataa eega gurguramtee gara mallaqaa deebifnee booda,jechootaa fi hamii fokkattuu dhagahuu eegale,gariin konkolaataa san akka waan warrumti na badhaase na jalaa gurgurateetti dhara haasayuu eegale,gariin akka waan isiin hatamtee baddeetti dubbate,gariin akka waan ani mallaqatti hajamuuf gurguradheetti dubbate,irra hedduun ummataa ammoo konkolaataa san eessa keessee jechuun gaafii guddaa ba’aa natti tahee na rakkise. Kanaaf sanis qulqulleessuuf karaan ani hawaasa kanattiin lallabadhu miidiyaa qofa,dubbiinis gaafa duraa miidiyaan tamsaate. Kanaaf dubbadhe. Ani Sikkoo Fi Mandoon Ni Komadhee !? Akka dhalootaatti ani sikkoo fi mandoo dha. Ani sikkoo fi mandoof ilma,komachuuf haqa guutuu qaba,waan haqa biyyomaa taheef,isaanis na komachuu haqa qabu,haqa ilmoomaa waan ta’eef. Kaleessa dabreef osoo hin taane boruufis ni abdadha. Isaanis na abdatu. Dadhabbii fi gumaata isaan naaf godhan garaa ittiin waakkadhuu fi sammuu ittiin dagadhu hin qabu. Hubachiisa walii galaa; Warra waan ani gargaarsaaf ummatatti lallabadhe se’uuf: Ani akka kiyyatti ; kaleessa ummataaf akkas godhe,har’a ummatni akkana naaf godhuu qaba jechuu,qabsoo osoo hin taane daldalatti beeka. Bittaa fi gurgurtaa fakkaata. Qabsoo jalaan qorsoo funaanuu dha. Kuni safuu fi salphina. Amala har’a dhaloota kana keessaan mul’ataa jiruudha. Qabsaa’otni kaleessaa osoo dhaka boraafatanii muka nyaatan addunyarra deeme. Garuu dhaloonni har’aa laffaatii jaraattii account isaanii irraa nyaataa jira. Ani dargaggeessa fayyaa qabu,hojjatadhee of danda’ee jiraachuuf fedha RABBIITIIN nama dirqamaa fi karoora guddaa qabu. Kuni barsiisa Rasuula RABBIITI (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) . Harka namaa nyaatuun bor foon fuularraa nama fixxi. Osoo dibata meeqa dibattu qaamni si daalachaa’a. Osoo hawaasni kiyya oromoo waraa**naa fi beelaan dhumaa jiru,dhimma dhuunfaa kiyyaatiin cinqamuun dogoggora tahutti amana. Har’as borus shilingii ykn farankaa tokko na gargaraa hin jennes hin jedhus,osoo rakkadhee biyyeellee kan nyaadhu tahee gargaarsa ummatarraa hin haajamu. Amma duras hin haajamne. Birrii lakkaa’amu qabaadhee miti. Abbaa fi Haadha kadhachuu fi nama kajeelatuun osoo jiran du’uu dha jedhanii na barsiisan irraa dhaladhe. Deeggarsi amma deemaa jirus fedha kiyyaa miti,hiriyyootaa fi jaalleewwan kiyyatu jaalalaa fi kabaja naaf qabanirraa kan hunda godhaa jiru. Ammoo yeroo oromoon kiristaanaa si wajjiin dhaabannee nutu siif bita jedhanii bilbilaa fi barreeffamaan jajjabeessan ijoolleen biyya tiyyaa gariin kan na arrabsan arge. Isaanis na arrabsatan malee nan arrabsine. Baguma nama isaan arrabsanii garaa itti qabbaneeffatan taheef. Taatee tanatu seenaa dha,tanaaf akka seenaatti barreesse. Hunda keessan nan kabaja,nan jaalladha,isin hundi foonii fi lafee kooti. Waan isinitti balleesse dhiifamaa fi gorsaan na bira dhaabbadhaa. Ibsaan Isin Jaalata!
Mostrar todo...
1) Largest country in Africa by land mass - Algeria 🇩🇿 2) Largest country in Africa by population - Nigeria 🇳🇬 3) Largest movie industry in Africa - Nigeria 🇳🇬 4) Largest democracy in Africa - Nigeria 🇳🇬 5) Richest Black man - Nigerian 🇳🇬 6) Richest African woman - Nigerian 🇳🇬 7) largest single solar power plant in Africa - Morocco 🇲🇦 😎 Largest Museum in Africa - Egypt 🇪🇬 9) Tallest building in Africa - Egypt 🇪🇬 10) Largest rice mill in Africa - Nigeria 🇳🇬 11) Largest fertilizer plant in Africa - Nigeria 🇳🇬 12) largest oil refinery in Africa - Nigeria 🇳🇬 13) largest fish farm in Africa - Egypt 🇪🇬 14) largest cement plant in Africa - Nigeria 🇳🇬 15) largest tea farm in Africa - Kenya 🇰🇪 16) largest music industry in Africa - Nigeria 🇳🇬 17) largest stadium in Africa - South Africa 🇿🇦 18) Fastest train in Africa - Nigeria 🇳🇬 19) longest subsea gas pipeline in Africa - Nigeria 🇳🇬 20) largest city by population - Nigeria 🇳🇬 21) Largest news network in Africa - Nigeria 🇳🇬 22) largest car race arena in Africa - South Africa 🇿🇦 23) largest pharmaceutical industry in Africa - Nigeria 🇳🇬 24) Fastest woman in Africa - Nigerian 🇳🇬 25) Fastest man in Africa - Kenyan 🇰🇪 26) largest stock exchange by market capitalization in Africa - South Africa 🇿🇦 27) largest stock exchange by number of listings - south Africa 🇿🇦 28) longest concrete road in Africa - Nigeria 🇳🇬 29) largest airline in Africa - Ethiopia 🇪🇹 30) most streamed musicians in Africa - Nigeria 🇳🇬 31) most awarded artist in Africa - Nigerian 🇳🇬 32) largest mall in Africa by structure - Morocco 🇲🇦 33) most valuable tech startup in Africa - Nigeria 🇳🇬 34) most valuable company in Africa - South Africa 🇿🇦 35) largest economy in Africa - Nigeria 🇳🇬 36) Most tribes in Africa - Nigeria 🇳🇬 37) most languages in Africa - Nigeria 🇳🇬 39) largest seaport In Africa by size - Morocco 🇲🇦 40) largest university in Africa by area - Nigeria 🇳🇬 @voice_of_humanity1 #voice_of_humanity1 #oduu #seenaa #𝑱𝒐𝒊𝒏 #𝑺𝒉𝒂𝒓𝒆 #qoutes
Mostrar todo...
🤩 3
Baga nagaan dhuftan Iskandar Abdii hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Mostrar todo...
Baga nagaan dhuftan Hayyu hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Mostrar todo...
Baga nagaan dhuftan Sumaya hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Mostrar todo...
Osmaan I, maqaa Osmaan Gaazii jedhamuunis kan beekamu, hundeessaa Impaayera Usmaaniyaa yoo ta’u, seenaa keessatti impaayera humna guddaa qabaniifi bara baraan jiraatan keessaa tokko ta’a. Naannoo bara 1258 magaalaa Söğüt, Turkii har'aa keessatti dhalate. Osmaan ilma Ertuğrul, hogganaa gosa Kayı Turkii Oghuz ture. Gosti kun qaama Impaayera Seljuk ture. Ertuğrul yeroo du'u Osmaan angafa gosa kanaa ta'e. Osmaan du'a abbaa isaa hordofee bara 1281tti hoggansa gosa isaa fudhate. Hogganaa nama hawwataa fi hawwii guddaa qabu ta’uu isaa mirkaneesse, aangoo cimsee naannoo isaa babal’ise. Naannoo bara 1299tti Osmaan Sulxaana Seljuk kan dhiibbaa weerara Moongool irraan kan ka'e laafaa ture irraa walabummaa labse. Guyyaan kun yeroo baay’ee akka bara hundeeffama Impaayera Usmaaniyaatti ilaalama. Osmaan duula waraanaa walduraa duubaan Impaayera Baaizaantiin irratti jalqabe, masaraawwanii fi magaalota ijoo hedduu milkaa'inaan qabate. Injifannoowwan inni jalqabaa magaalota Eskişehir fi Yenişehir dabalatee turan. Tarsiimoon waraanaa Osmaan yeroo baay’ee tooftaa fayyadamuu fi teessuma lafaa faayidaa isaaf oolchuu kan of keessaa qabu ture. Hordoftoonni isaa jalqaba irratti garee waraanaa xiqqaa taʼan, gara waraana sodaachisaa taʼetti guddatan. Hoggansi Osmaan sirna mootummaa Usmaaniyaa kan warra isa booda dhufan jalatti haalaan babal’atuuf bu’uura kaa’e. Bara 1326tti kan duʼe yoo taʼu, ilmi isaa Orhaan dhaala isaa itti fufee, impaayera kana caalaatti babalʼise. .
Mostrar todo...
👍 4
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.