cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Fuula Hubannoo Seeraa

Chaanaala Hubannoo seeraa Bilisaan irraa argattaniidha

Mostrar más
Finlandia2 335El idioma no está especificadoLey7 703
Publicaciones publicitarias
255
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Waliigalteewwan Bakka Bu'iinsaa Dhiphifamuun Kan Hiikamuu Qaban Ta"uu‼️ (Jildii 13ffaa L.G. 50985) ✅ SHH kwt 2181(1) daangaa Aangoo bakka bu'ummaa kan murtaa'u waliigaltee bakka buusaa fi Bakka Bu'aatiin akka ta'e tumeera. ✅ Waliigaltee Bakka Bu'iinsaa kanaan Aangoon Bakka Bu'ummaa kennamu gosa 2(lama) yommuu ta'u isaanis: Bakka Bu'iinsa Waliigalaa(SHH kwt 2203) fi Bakka Bu'iinsa Addaa (2205) jedhamuun beekamu. ✅ Bakka Bu'iinsi Waliigalaa Bakka Bu'aan hojii Bulchiinsaa qofa akka hojjetuuf kan aangessu yommuu ta'u hojiiwwan Bulchiinsaa kan jedhamanis maal fa'i akka ta'an kwt 2204 jalatti tarreeffamanii kan jiran kan akka: qabeenya bakka buusaa eeguu, yeroo waggaa 3 oliif hin caalleef kireessuu, Liqii funaanuu, galii funaanuu, Midhaan funaanuu, Mi'a daldalaa gurgurtaaf ramadaman ykn baduu danda'a gurguruu fkkf ✅ Bakka Bu'iinsi Addaa Bakka Bu'iinsa bulchiinsaatiin alatti Bakka Bu'aan hojii addaa akka raawwatu ibsuun kan kennamuudha. Aangoo bakka Bu'iinsaa kanaanis bakka bu'aan qabeenya hin sochoonee gurguruu, qabsiisee liqeeffachuu, kennaa raawwachuu, Mana Murtiitti falmuu fi kkf raawwachuu danda'a. ✅ Qabatama jiru keessatti garuu sanadni bakka Bu'iinsaa yeroo qabxiiwwan seerichaan ibsaman kana osoo hin eegin qophaa'ee kennamuu danda'a. Fkn duuchumatti "maqaa kiyyaan waliigaltee akka taasisu" jechuun sanadicha keessatti ibsamuu danda'a. Waliigalteewwan immoo bal'aa waan ta'aniif kam akka ta'e ifatti hin agarsiisu. ✅ Haalli akkanaa yeroo uumamu waliigaltee sanadaa kana immoo hiikuun dirqama waan ta'uuf kana akkaataa SHH kwt 2181(1) tiin dhiphatee hiikamuu qaba. ✅ SHH kwt 2181(3) Aangoon Bakka Bu'ummaa yeroo hiikamu osoo hin bal'atin dhipphateeti jechuun tumeera.
Mostrar todo...
# Namni Tokko Bakka Bu'iinsa Erga Kennee Booda Yoo Du'e; Bakka Bu'iinsa Maqaa Nama Du'eetin Kenname kana Qabachuun Himanni Dhiyaatu, Falmiin Taasifamuu fi Murtiin Kennamu Akka Hin Jirrerratti Lakkaa'ama ‼️ (jildii 17ffaa L.G. 95587) ✅ Maqaa Nama tokkootiin Mana Murtiitti dhiyaachuun himannaa dhiyeessuu fi falmuun kan danda'amu abbaa dhimmaa muummee irraa Aangoo bakka bu'ummaa; abukaatummaa ykn dubbifixummaa kan argate qofa ta'uu SDFHH kwt 57 jalatti tumameera. ✅ SHH kwt 2231(1) jalatti immoo namni bakka bu'iinsa kenne tokko kan du'e yoo ta'e waliigalteen faallaa kanaan ibsame yoo jiraate malee Aangoon Bakka Bu'ummaa battalumatti hafaa akka ta'u tumameera.Tumaawwan kanarraa namni Bakka Bu'iinsa kenne tokko kan du'e yoo ta'e Aangoon Bakka Bu'ummaa kenname hafaa kan ta'uu ykn adda kan citu ta'uu ni hubatama.
Mostrar todo...
✳️ Waliigalteen Tokko Seeraan Ala Kan Jedhamu Yoomi❓ Garaagarummaan Waliigaltee Seeraan alaa (Unlawful contract) fi Waliigaltee Ulaagaa seeraa hin guunne (Illegal contact) Hoo Maali❓ ✅ Waliigaltee Seeraan alaa (unlawful contract) jechuun Seeraan akka raawwatamu kan hin eeyyamamnee fi dhorkii seeraa kan qabu jechuudha. ✅ Waliigalteen tokko immoo Seeraan Ala Kan Jedhamu dhimmi Waliigalteen irratti raawwatame qabiyyeen isaa, kaayyoon isaa Seeraan mirgaa fi dirqamni akka irratti seenamu Seeraan kan hin heeyyamamne ykn Seeraan dhorkamaa kan ta'e yoo ta'eedha. Fknf Heeranis ta'ee seera yakkaa keenyan akkasumas seerota idil-Addunyaatiin nama gabroomsuun ykn itti tajaajilamuuf dirqamaan qabachuun dhorkaadha. Waliigalteewwan akka kanaas qabiyyee fi bu'urri isaa faallaa safuu hawaasaa waan ta'eef seeraan ala. ✅ Dhimmi bu'uuraa waliigalteen irratti taasifamu (object of the contract) Seeraan kan dhorkamee jiru yoo ta'e, waliigalteen kun seera fuulduratti akka hin jirrettii kan lakkaa'amuu fi bu'aa seeraas kan hin qabne (Void Contact) dha. ✅ Waliigalteen tokko fedhii fi eeyyama nama ykn qaama kamiiniyyuu bu'aa seeraa akka qabaatu taasisuun kan hin danda'amne yoo ta'e waliigaltichi jalqabumarraa seera fuulduratti akka hin raawwatamnetti fi akka hin jirretti (Null and Void) lakkaa'ama. ✅ Akka Seera Biyya keenyaatti waliigalteen tokko seera qabeessa fi seera fuulduratti kan ragga'u ta'uuf waliigaltichi dhimma beekamaa, raawwatamuu kan danda'uu fi seera qabeessa ta'e irratti kan raawwatame (the object of the contract is sufficiently defined, possible and lawful) ta'uu akka qabu SHH kwt 1678(B) jalatti tumameera. ✅ Waliigalteen tokko yommuu taasifamu seera waliigaltee fi ulaagaa tumaawwan seera addaa waliigaltee kan hin guunne yoo ta'e waliigaltichi ulaagaa seeraa kan hin guunne "illegal contact" taasisa malee waliigalticha seeran ala "unlawful contract" hin taasisu. ✅ Waliigaltee seeran alaa(unlawful contract) fi waliigaltee ulaagaa seeraa osoo hin guutin taasifame (illegal contact) jidduu garaagarummaa bal'aatu jira. ✅Kitaabni hiikkoo jechootaa "Blacks Law Dictionary" garaagarummaa kana yoo ibsu, " The principal distinction between the terms of lawful and legal is the former contemplates the substance of a law, the latter the form of law. To say an act is"lawful " implies that it is authorized, sanctioned, or at any rate forbidden by law. To say it is "legal " implies that it is done or performed in accordance with the forms and usage of law, or in a technical manner, in this sense illegal approaches the meaning of invalid. ✅ Hiikoo kanarraa kan hubatamu: 👉 Waliigalteen Seeraan alaa (unlawful contract) qabiyyee waliigaltichaa kan ilaallatuu yommuu ta'u Waliigalteen ulaagaa seeraa hin guunne (illegal contact) immoo foormii kan ilaallatuudha. 👉 Waliigalteen seeran alaa waan Seeraan dhorkame irratti kan raawwatamu yommuu ta'u Waliigalteen ulaagaa seeraa hin guunne immoo teekniika, foormii fi haala itti fayyadama seeraa osoo hin eegin kan raawwatamuudha. ✅ Waliigalteen tokko jalqabumarraa akka hin raawwatamnetti (Null and Void) kan lakkaa'amuu karaa kamiiniyyuu bu'aa seeraa argamsiisuu akka hin dandeenyettii fi hir'inni isaa sirreessuuf filannoo ykn malli kan hin jirreedha. " an instrument or transaction which is wholly in effective, in operative and incapable of ratification and which thus has no force or effect so that nothing can cure it. ✅ Hir'ina waliigaltichaa Karaan ittiin sirreessanii bu'aa seeraa akka qabaatu taasisan kan jiru yoo ta'e waliigaltichi "Null and Void" osoo hin taane hir'ina kan qabuu fi diigamuu kan danda'u ( voidable contract) dha.
Mostrar todo...
Labsiin haaraa ejjaannoowwan lamaan kana haala keessummeessuu dandeessisuun waan bocame fakkaata. Haaluma kanaan akka qajeeltotti qabiyyeen abbaan manaa fi haati manaa gaa'ela hundeeffachuun duratti dhuunfaan qaban ykn erga gaa'ela hundeeffatanii booda kennaadhaan ykn dhaalaan dhuunfaatti argatan kanuma dhuunfaa isaanii ta'ee akka itti fufu (waliigaltee taasiaaniin kan waloo isaanii taasifachuus akka danda'an), qabiyyeen gaa'ela keessatti mootummaa irraa dhuunfaan ykn waloon argatan kan waloo isaaniia akka ta'u tumameera. Haala addaatiin immoo abbaan manaa fi haati manaa qabiyyee gaa'ela dura ykn gaa'ela keessatti dhuunfaan argatan waggoota 10 fi isaa oliif waliin misoomsuunii fi haala itti fufiinsa qabuun kan itti fayyadaman yoo ta'e, yeroo kana keessatti jiruu fi jireenya isaanii galii lafa kanarraa argamuun gaggeeffachaa kan turan yoo ta'ee fi mirga dubartii fi daa'immanii seeraarraa maddu kan hin sarbine ykn hin hambsine yoo ta'e qabiyee waloo isaanii akka ta'u tumamee jira. ••• Qabxiilee biroo yeroo biraa itti deebina.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe Lakk. 248/2015 dubbisuuf yeroo argadhee dubbiseen jira. Labsichi yaadamoota haaraa labsii duraanii (labsii lakk. 130/1990) keessatti hin hammatamne qabatee dhufuun gamatti kanneen hojiirra oolmaa keessatti rakkoo guddaa uumaa turan hanga ta'e tokko akka sirreeffaman taasiseera, akka hubannoo kiyyaatti. Hundaa ol labsichi mirga lafa isaa irraa buquufamuu dhabuu qotee/horsiisee bulaa Uummata Naannichaaf wabii ta'uu kan danda'an tumaalee heddu hammatee jira. Dhimmi kun akkaan murteessaa fi qotee bulaan Oromoo lafa isaa irratti hojjatee akka ofii fi maatii isaa jijjiiruu fi darbees dinagdee naannichaa utubu carraa gaarii kan uumuudha jedheen amana, hunduu hubatee qixa sirrii ta'een akka hojiirra oolu yoo taasise. Tumaalee labsichaa irratti barreeffamoota hubannoo uumuu dandeessisan jala jalaa isinii dhiyeessuuf kanan yaalu ta'ee har'aaf qabxiilee lamaan armaan gadii labsicha keessaa natti tolan haa kaasu. 𝐈. 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐲𝐤𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐨𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 Lafa baadiyyaa kennaan ykn dhaamoon dabarsuun wal qabatee rakkoon kana dura labsii lakk. 130/1999 fi dambii lakk. 151/2005 keessatti ture qixa sirrii ta'een sirreeffamee jira. Kanaan wal qabatee rakkoon kana dura ture namni lafa baadiyyaa irratti mirga abbaa qabiyyummaa qabu mirga isaa kana kennaadhaan ykn dhaamoodhaan miseensa maatii isaaf dabarsuu akka danda'u; gama biraatiin miseensa maatii jechuun ijoollee abbaa qabiyyichaa irraa dhalatanii fi namoota biroo dhaabbiidhaan maxxananii jiraatan akka dabalatu seeronni hojiirra turan ni agarsiisu; kana malees dhaaltota gidduus kan jireenyi isaa laficha irratti bu'uureffatee fi kanneen jireenya of danda'e qaban jedhamee garaagarummaan uumamee ture. Tumaaleen seerota duraanii kun hojiirra oolmaa irratti rakkoo guddaa uumanii kan turan akka ta'e sirriitti beekama. Labsii haaraa keessatti kun hundi hafee kennaan ykn dhaamoon taasifamuu kan danda'u namoota akkaataa Seera Hariiroo Hawaasummaatiin mirga dhaaluu qaban qofaaf akka ta'e tumamee jira. Seera hariiroo keesaatti kanneen qabeenya du'aa dhaaluu danda'an dhalattoota gara gadiitti lakkaa'aman (descendants) fi maatii gara oliitti lakkaa'aman (ascendents) akka ta'e beekamaa dha. Jecha biraatiin labsii haaraan osoo maatii gara gadiitti ykn gara oliitti lakkaa'aman hin ta'in, garuu immoo sababa adda addaatiin qotee bulaa waliin jiraatan mirga lafa isaa kennaadhan ykn dhaamoodhaan akka argatan hin goonfachiisu. Kun rakkoo labsii duraa keessatti rakkoo guddaa uumaa ture bu'uurarraa fureera. 𝐈𝐈. 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 Abbaan manaa fi haati manaa lafa lafa baadiyyaa irratti mirga akkamii qabaatu? Lafti gaa'ela dura dhuunfaan qaban kan akkuma qabeenya birootti ilaalama moo miti? Gaa'elli dhirsaa fi niitii murtii Mana Murtiitiin yommuu diigamu qabiyyeen lafa baadiyyaa akkamitti qoodamuu qaba? qabxiileen jedhan seerota duraa keessatti ifatti waan hin teechifamneef hojiirra oolchuu keessatti rakkoo guddaa ture. Kanaan wal qabatees ejjannoowwan lama calaqqisaa turaniiru. Ejjannoon inni tokko akkaataa imaammata lafaa biyyattiin hordoftuu fi tumaalee heera mootummaatiin mirgi abbaa qabeenyummaa lafaa kan waloo mootummaa fi uummataa waan ta'eef mirgi qotee bulaan laficha irraa qabu mirga itti fayyadamaati; haati manaa fi abbaan manaa lafa baadiyyaatti waliin fayyadamaa turuun mirkanaa'e taanaan qabiyyee lafa baadiyyaas qooddachuu qabu; ilaalamuu kan qabu dheerinaa fi gabaabina yeroo waliin itti fayyadamaniiti; duriin isaa kan dhuunfaa isa tokko yoo ta'es yeroo dheeraa sababawaa ta'e waliin itti fayyadamnaan qixxeetti qooddachuu qabu kan jedhuu dha. Ejjannoo 2ffaan laftis akkuma qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa birootti ilaalamee bu'uura Seera Maatiitiin qoodamuu qaba kan jedhuu dha.
Mostrar todo...
Labsiin Lafa baadiyaa haaraa Lakk. 248/2015 Labsii duraanii irraa waan adda ta'een maal qabatee dhufe ❓ ✏️ Qotee bulaan qabiyyee Lafa isaa kaadastaraan safarsiifatee fi mirga qabiyyee Lafa isaa qabsiisee Baankii irraa qarshii liqeeffachuu danda'uu, ✏️ Qotee bulaan mirga itti fayyadama lafaa giddu gala guddina baadiyyaa argachuu, ✏️ Labsiin lafa baadiyaa haaraa kun kan Lafa baadiyaa qofatti kan daanga'ee miti.Sababni isaas qabiyyeen isaa magaalaa jala yoo gale ragaa(waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa) baadiyaatti kenname qabatee mirga isaa kabachiifata.Qabiyyee isaa qabsiisee Baankii irraa liqii argachuu danda'a. ✏️ kan biraa wanti haaraan Labsii kun qabatee dhufe darbiinsa yerooti.Kana jalatti Lafa seeraan ala qabatame darbiinsa yerootiin kan hin daangoofne ta'uu Labsicha keewwata 53 jalatti tumeera. #seerota_haqaman: 1.Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Lakk.130/1999, 2.Labsii Lakk.99/1997 fi kana Fooyyeessuuf Labsii Lakk.131/1999 Bahe Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa haaraa kanaan haqamaniiru. Via M/Teyib Nuure.
Mostrar todo...
✅️5) Hogganaan yookiin hojjetaan kamiyyuu bu‟uura Labsii kanaatiin yookiin Dambii Labsii kana raawwachiisuuf bahe yookiin Qajeelfama Dambii Labsii kana raawwachisuuf bahe bu‟ureffatee bahuun tarkaanfii seeraa yookiin bulchiinsaa fudhachuu dhabee yookiin tarkaanfiin akka hin fudhatamne taasise hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa torbaa gahuunifi qarshii kuma torbaa hanga kuma kudha shanii gahuun adabama. ✅️6) Miseensonni koree bulchiinsaafi ittifayyadamaa lafaa gandaa yookiin ogeessi qabiyyee lafaa safaru haala seeraan tumameen ala lafa safaree yookiin mirkaneesse yookiin galmeessee adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hangaa waggaa torba gahuufi qarshii 10,000 hanga 15,000 gahuun kan adabamu ta‟a. ✅️7) Namni kamiyyuu ragaa sobaa fayyadamuun lafa baadiyaa qabate yookiin lafa baadiyyaa irratti ragaa sobaa qopheessee yookiin qopheessisee yookiin waraqaa ragaa qabiyyee lafaa karaa seeraan ala ta‟een fudhate yookiin fudhachuuf yaalee yookiin ittifayyadama lafaa isaa wabummadhaan wayita qabsiisuu ragaa sobaa fayyadame hidhaa Cimaa waggaa sadii hanga kudhanii gahuufi qarshii kuma tokko hanga kuma kudhanii gahumhaagm ✅️8) Namni kamiyyuu qabiyyee lafa baadiyyaa karaa seeraan ala ta‟een qabate yookiin kallattinis ta‟e al kallattiin karaa seeran ala ta‟een dabarse yookiin gurgure yookiin hundee biqiltuu dhaabbataa gurgure yoo argame seera biraatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta‟e malee adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hanga kudhanii gahuufi qarshii kuma tokko hanga kuma kudhanii gahuun kan adabamu ta‟a. ✅️9) Hojjetaan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu yookiin akka kennu yookiin akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa karaa seeraan ala ta‟een kenne yookiin qopheesse yookiin jijjiire yookiin mirgi ittifayyadamaa lafaa ragaa sobaatiin wabummaadhaan akka qabsiifamu taasise seera rogummaan qabuun kan adabamu ta‟a. ✅️10)Namni kamiyyuu gocha faallaa Labsii kanaa Keewwata kana keewwata xiqqaa 1-9 tumamaniin ala jiran raawwate hidhaa waggaa 1 hanga waggaa 3 gahuun adabama. #Nuuraddiin_Shaam ✍
Mostrar todo...
#Wixinee_Labsii_Lafa_Baadiyyaa_Haaraya_jalatti_Gochoota_dhoorkaman_Fi_adabbii_yakkaa ↪️Labsiin lafa baadiyyaa duraan ture labsiin lakk 130/1999 fooyya'uuf wixineen haarayni Labsii lafa baadiyyaa qophaa'uun isaa ni beekama wixinee kana irratti Lafa baadiyyaan wal qabatee gochaalee armaan gadii raawwachuun dhorkaadha: ✅️1) Namni kamiyyuu lafti baadiyyaa osoo hin kennamniif seeraan ala qabachuun yookiin kallattinis ta‟e al kallattiin karaa seeran ala ta‟een dabarsuun yookiin gurguruun yookiin biqiltuu dhaabbataa gurguruun; ✅️2) Namni kamiyyuu ragaa sobaa fayyadamuun lafa baadiyaa qabachuun, lafa baadiyyaa irratti ragaa sobaa qopheessuun yookiin qopheessisuun yookiin waraqaa ragaa qabiyyee lafaa karaa seeraan ala ta‟een fudhachuun yookiin fudhachuu yaaluun yookiin ittifayyadama lafaa isaa wabummadhaan wayita qabsiisuu ragaa sobaa fayyadamuun; ✅️3) Namni Kamiyyuu haala karoorri ittifayyadama lafaa hayyamuun ala lafaa baadiyyaa irratti ijaarsa adda addaa gaggeessuun; ✅️4) Namni lafa baadiyaa ittifayyadamu irraan gadee seeraan dhoorkame qotuun, lafa ejjenni isaa 60% ol ta‟e qotuun,daagaa hojjatame diiguun, daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhiisuun, karaa lolaa irraan gadee baasuun lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyeefi bishaanitiif ittifame beeyilada itti gadi dhiisuun; ✅️5) Hojjetaan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu, akka kennu, akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa karaa seeraan ala ta‟een kennuun yookiin qopheesuun yookiin jijjiiruun akkasumas mirgi ittifayyadamaa lafaa ragaa sobaatiin wabummaadhaan akka qabsiifamu taasisuun; ✅️6) Hojjetaan yookiin hogganaan kamiyyuu bu‟uura Labsii kanaatiin yookiin dambii Labsii kana raawwachiisuuf bahe yookiin Qajeelfama Dambii Labsii kana raawwachisuuf bahe bu‟ureffatee bahuun tarkaanfii seeraa yookiin bulchiinsaa fudhachuu dhabuun yookiin tarkaanfiin akka fudhatamuu taasisuu dhabuun; ✅️7) Hojjataan yookiin ogeessi kamiyyuu akkaataa Labsii fi dambii bu‟uura Labsii kanaatiin bahuun ala waliigalteewwan lafa baadiyyaa irratti taasifaman osoo ulaagaa seerri barbaadu hin guutin mirkaneessunis ta‟e galmeessuun; ✅️8) Miseensonni koree bulchiinsaafi ittifayyadamaa lafaa gandaa yookiin ogeessi qabiyyee lafaa safaru haala seeraan tumameen ala lafa safaruunifi galmeessuun; ✅️9) Bulchaan Gandaa yookiin bakka bu‟aan isaa dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yookiin gabaasa waliigaltee araraa fuudhee yeroo seeraan murta‟ee keessatti qaama barbaachisuuf kennuu diduun; ✅️10) Gocha faallaa Labsii kanaa ta‟e kan biroo raawwachuu. ↪️#Adabbii_Yakkaa ✅️1) Namni lafa baadiyaa ittifayyadamu irraan gadee yookiin lafa ejjenni isaa 60% ol ta‟e qote yookiin daagaa hojjatame diigee yookiin diigsise yookiin sababaa gahaa tokko malee osoo dandeetti qabuu daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhiisee yookiin karaa lolaa irra gadee baasee adabbii hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shaniifi qarshii kuma tokkoo hanga kuma shanii gahuun kan adabamu ta‟a. ✅️2) Bulchaan Gandaa yookiin bakka bu‟aan isaa dhimma falmii qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yookiin gabaasa waliigaltee araraa fuudhee yeroo seeraan murta‟ee keessatti qaama barbaaduuf kennuu dide hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa torbaa gahuufi qarshii 2000 hanga 7000 gahuun adabama. ✅️3) Hojjetaan yookiin ogeessi kamiyyuu akkaataa Labsii fi Dambii bu‟uura Labsii kanaatiin bahuun ala waliigalteewwan lafa baadiyyaa irratti taasifaman osoo ulaagaa seerri barbaadu hin guutin kan mirkaneesse adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hanga torbaa gahuunfi qarshii 5000 hanga 10,000 gahuun adabama. ✅️4) Namni Kamiyyuu lafa badiyyaa irratti qaama aangoo qabu irraa hayyama osoo hin argatiin ijaarsa manaa fi kan biroo kamiyyuu kan gaggeesse yookiin akka gaggeeffamu kan taasise yookiin qabiyyee isaa irratti ijaarsi seeraan ala gaggeeffama jiruu argee qaama aangoo qabutti beeksisuu dhiisee hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa toorbaa gahuufi qarshii 5,000 hanga 10,000gahuun kan adabamu ta‟a
Mostrar todo...
Tumaan keewwata kanaa akka ibsutti namni lafa qabiyyee nama biraa ta'e irratti osoo abbaan qabiyyichaa hin mormin kan ijaare yoo ta'e abbaa gamoo kanaa akka ta'uudha. Abbaa qabiyyichaa laficha yoo barbaade beenyaa kanfalee gamoo kana fudhachuu ykn diiguu akka danda'us seerichi ni tuma. Tumaan seeraa kun imaammata lafaa biyyattiin amma hordoftuu fi tumaaleehee heera mootummaa olitti ibsaman waliin hangam deemuu danda'a gaaffiin jedhu ni ka'a. Gama biraatiin dhaddachi ijibaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa galmee lakkoofsi isaa 189608 ta'e irratti (jildii 25ffaa) hiikoo seeraa dirqisiisaa kenneen tumaan keewwata kanaa raawwatiinsa kan qabaatu abba qabiyyee fi nama mana ijaare gidduu hariiroon beekamu yoo hin jiraanne qofa akka ta'e ibseera. Kanumaan walqabatees waliigaltee diigamu ilaalchisee mana ijaarameef raawwatiinsa kan qabu SHH keewwata 1818 akka ta'es hiikoo seera dirqisiisaa kenneera. Maal jechuudhaa? Akkaataa seericha keewwata 1815 tiin waliigaltootni haala osoo waliigalteen hin raawwatamin dura turetti deebi'uu qabu gaafa jedhamu inni tokko haal-malee akka hin miidhamnee fi inni biraan haal-malee akka hin fayyadamne taasifamuu qaba. Kanaafis, tumaaleen seerichaa waa'ee seeraan ala badhaadhuu raawwatiinsa qabu jechuu dha. ... Horaa Bulaa 𝙂𝙤𝙣𝙛𝙖𝙖 𝘼𝙩𝙤𝙤𝙢𝙖𝙖 0911445862
Mostrar todo...