cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Gentlemen Thought

✔ Kaayyon keenya ummata baldhaaf sagalee tahuu dha! ▸▸Yaada fi qeeqa yoo qabatanii @One_path_anwer fayyadama! Horaa Bulaa! Debana..!

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
675
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸🩸 Channaloota A/Oromoo amma join gochuun itti bashaannannuu qabdan!! Filannoo keessaniin #tuquun JOIN godha.👇👇👇
Mostrar todo...
❤️Jaalalaa❤️
🎧Muuziqaa🎧
⚫️Aadaa Oromoo🔴
📘Asoosamaa gabaabaa📘
🗂Walaloo fi artii🗂
💊Fayyaa💊
📕Kitaaboota Afaan Oromoo📗
⚽️Ispoortii🏀
⚰Sabboontuu fi Sabboonaa⚰
💰Business💰
💌Ergaa jaalalaa💌
🔐Furtuu🔐
📱Technology📱
📰Seenaa📰
🩸Hunduuma Bakka Tokkotti🩸
sticker.webp0.26 KB
Niiw Ziilaandi COVID-19 irra aanne jette https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52350888
Mostrar todo...
Niiw Ziilaandi COVID-19 irra aanne jette - BBC News Afaan Oromoo

Muummittiin Ministiraa Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Arderni ibsa guyyuu isaanii kan eegalan ‘‘warreen lubbuu dhaban hedduufi kanneen sabab Kanaan naasuu keessa seenan’’ yaadachuudhaani.

sticker.webp0.06 KB
sticker.webp0.08 KB
Mostrar todo...
🇪🇹Korona vayirasii Afaan Oromoon 🇪🇹

Odeeffannoo waa'ee koronaa vayirasii irraa isiin biraan geenya maddii Oddu keenya (world helth organization) WHO irraa!

#Corona_update Hanga sa'aa kanaatti namoonni miliyoona 1.91 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 118 ol lubbuu dhabanii jiru. Ariitin dhibee kanaa haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira. Kanaaf ummanni keenya of eeggannoo cimsuu qaba. Harka qalleeyyii ollaa isaa jiranis waan danda'aniin gargaaruu qabu. Yaa Rabbi balaa kanaa nurraa deebisi.
Mostrar todo...
Amboo fi Gudaritti biifaan farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame Magaalaa Amboo fi Gudaritti biifaan farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame.   Ogeessa fayyaa fi jiraataa Ameerikaa kan ta’an Dooktar Dassuu Tafarraan kaka’umsa mataa ofiitin maallaqa ramadanii biificha hojjechiisaniiru.   Dooktar Dassuun ummata weerara vaayrasii koroonaa jalaa baraaruuf, magaalota biroottis hojichi kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.   Meeshaalee qulqullinaaf barbaachisanis namoota harka qalleeyyii ta'aniif arjoomaniiru. @HawwiTiMES @HawwiTiMES
Mostrar todo...
Mostrar todo...
Namoonni koronaavaayirasiirraa bayyanatan maal jedhu?

Dhukkubni koronaavaayirasii addunyaarratti babalatee badiinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'aa jiraatulleen, akkasuma ammoo namoonni lakkoofsi isaanii laayyoo hintaane dhukkubicharraa bayyanachaa jiru. Koronaavaayirasiin irra caala maanguddoota umuriin jaaran kan miidhu ta'unsaa himamus, dargaggoonnis haaluma walfakkaatuun kan qabaman ta'uun dhagahamaa jira. Dargaggoota koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala erga galanii booda fayyan waa'ee dhukkichaafi haala keessa darban akksiin dubbatu.

Weerara dhibee koronaavaayrasii ittisuudhaaf jecha labsii yeroo muddamaa manni maree bakka bu'oota uummataa raggaasiseen wantoota dhorkamaa ta'an Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa beeksiseera. Dhorkaan kaa'ame kun irra caalaa kan irratti xiyyeeffate dhimmoota baayyinaan namoota walitti dhiyeessuu danda'u jedhamanirratti yoo ta'u, hojjettota hir'isuu ykn waliigaltee addaan kutuus dhorkameera. Namoota mana kireeffatan irratti kiraa dabaluus ta'e gadhiisisuun yeroo turtii labsii muddamaa kana keessa dhorkamaa akka ta'e ibsaniiru Haati Alangaa Waliigalaa Federaalaa Adaanech Abeebee. Tarreeffamni wantoota labsii yeroo muddamaa kana keessa dhorkaa ta'an ijoon akka itti aanu kanatti kaa'ameera. 1. Walga'iiwwan amantiis ta'e siyaasaa, afooshawwan namoonni afurii ol irratti argaman, daboofi uqqubii akkasumas, walga'iiwwan aadaan baraman akka jaarii gaggeessun dhorkameera. Haata'u malee, sirna awwaalchaafi yeroo wantonni barbaachisoo ta'an jiraatan ilaalamee hayyamamuu danda'u. 2. Harka walfuudhaan nagaa walgaafachuun dhorkameera. 3. Barattoonniifi barsiisonni qaamaan wal-arguun dhorkameera. 4. Sirreeffamtoonni mana hidhaa jiran of eeggannoo addaatiin abokaatota isaanii waliin kan wal-argan yoo ta'u sirreeffamtoota gaafachuun garuu dhorkameera. 5. Namoota hidhamanii to'annoo poolisii jala jiraniif galaa dhiyeessuun alatti wal-arguun dhorkameera. 6. Daangaa biyyattiitiin kaarogoo, konkolaataawwan meeshaaleen shaqaxaafi dhangala'oo fe'aniin ala warra kaaniif cufameera. 7. Namoota mana kireeffatan akka gadhiisanii bahan gochuufi gatii kiraa manaa dabaluun dhorkameera. 8. Hojjettoota hir'isuufi waliigaltee hojii addaan kutuun dhorkaadha. 9. Taphawwan ispoortiifi bakkawwan daa'imman itti xaphatan dhorkamoodha. 10. Kokolaataawwan ummataa qaxxaamura biyyaa, taaksiiwwan magaalaafi konkolaataawwan dhuunfaa teessuma qabaniin keessaa %50 kan ta'uun ol irratti akka hin feene dhorkaniiru. Tajaajilli daandii baaburaa salphaa magaalaa Finfinnee ammoo hanga kaanaan dura fe'u %25 ol fe'uun dhorkaadha. 11. Daandiin baaburaa Itiyoo-Jibutiis hanga fe'uu danda'u %50 ol fe'uun dhorkaadha. 12. Manneen shubbisaafi dhugaatii kamiyyuu keessatti tajaajila kennuun dhorkaadha. 13. Bakka kamittiyyuu tajaajila shiishaa haarsuuniifi caatii/jimaa qama'uu kennuun dhorkaadha. 14. Kaaffeewwan, manneen nyaataafi hoteelonni yeroo tajaajila kennanitti teessuma tokko irratti namoota sadii ol keessumeessuun dhorkaadha. Yeroo namoota keessumeessanis tarkaanfii nama guddaa lamaa ol haala walirraa fagaateen bakka tolchuun dirqama. 15. Namni kamiyyuu bakkeewwan tajaajila adda addaa itti argatu akka baankii, gabaa, suuqii, manneen qorichaafi tajaajilwaan hawaasaa birootti walirraa fageenya hawaasummaa isaa eeggachuun yoo xiqqaate tarkaanfii nama guddaa lamaa ol walirraa siqee dhaabbachhuu/deemuu/taa'uu qaba. 16. Dhaabbileen tajaajilwaan bu'uuraafi barbaachisoo ta'an akka ibsaa, telekoomunikeeshinii, biishaan, baankii, dhaabbileen wallaansaa fayyaa kennaan, ogeessota fayyaaa, ittisa balaa ibiddaa, ogeessota fayyaa, hojii eegumsaa waliin kan walqabatan hojii dhaabuus ta'e hojiitti gufuu ta'uun dhorkaadha. 17. Odeeffannoowwan Covid-19 waliin walqabataniin oduu sobaatiin hawaasa burjaajessuun akka tasgabbiin hin jiraanne taasisuufi qoor-qalbii namaarra miidhaa qaqqabsiisuun dhorkaadha. Dhorkaawwan Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ifa godhe kunneen ji'oota shan labsiin yeroo muddamaa labsame hojiirra oolu keessattidha.
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.