cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Humna Sammuu (Power Of Mind)

Think and Grow Up

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
227
Suscriptores
Sin datos24 horas
+17 días
+130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Yaadni moofaan, qilleensarra bara addunyaan oofamaa jirtutti dhaloota lafarra oofa" G/Pirofeesaraa Miratuu Shaanqo.
Mostrar todo...
Nama sammuusaarra rafu hinta'iin. Sammuukee hojjechiisii habaqii yaadaa sanyii yaada gaarii siif hintaane ofkeessaa qulleessi.  Of barbaadnee akka of hin'arganne wanti nutaasisu keessaa inni guddaan, sobaan of jajjabeessuudha. Addunyaan kun namoota jajjabeessanirra, dhugaan kan jajjabeessaniin guutudha. https://t.me/redifuri
Mostrar todo...
Humna Sammuu (Power Of Mind)

Think and Grow Up

Gorsa gabaabaa 1, Hin Yaadin akka malee 2, Hin aarin Obsi malee. 3. Hin Abaarin Gorsi malee 4, Hin booyin kolfi malee 5, Hin Jarjarin Hubadhu malee 6, Hin Jaallatin qorattu malee 7, Hin Amanin Jaaladhu malee 8, Hin jibbin sababa malee 9, Hin Barreessin beektu malee 10, Hin odeessin argitu malee 11, Hin Sodaatin dubbadhu malee 12, Hin sobin dhugaa malee 13, Hin taa'in hojjedhuu malee https://t.me/redifuri
Mostrar todo...
Humna Sammuu (Power Of Mind)

Think and Grow Up

Tawbaa jechuun mooraa sheyxaanaa badii, cinqii, jeequmsa fi kan kana fakkaataniin guuttame erga seenanii booda gara mooraa Rabbii kan nageenya, tasgabbii fi gammachuun guuttame keessa seenudha. Kanaafu mooraa nageenya fi tasgabbiin guuttame keessa seenu eenyutu dida ree? 10:25 “Rabbiin gara mana nageenyaatti waama. Nama fedhes gara karaa qajeelatti qajeelcha.” Suura Yuunus 10:25 Istighfaari- jechuun immoo “Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin cubbuu darbee akka namaa dhoksuu ykn haguugu fi haaqu kadhachuudha. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha.” Sababa cubbuutin adabbiin cimaan namni tokko addunyaa tana keessatti dhandhamu qalbiin isaa cufamu fi sammuun isaa hadoodudhu. Kanaafu, adabbii kana akka namarraa deebisuu Rabbiin araarama kadhachuun hin barbaachisu ree? Yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uu fi istighfaara kadhachuun dukkana cubbuu saaqun sammuu fi qalbii irratti ifa imaana ibsa. Sammuu fi qaamni jabeenya horatu, humna irratti humna dabalaaf. Qabeenyaanis akka jabaatan nama taasisa. Ragaan kanaa kunoo Aaya Qur’aanati: 11:52 “Yaa Ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaan deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa.” (Suuratu Huud 11:52)
Mostrar todo...
SAMMUU KEE QARUUF Torbaan darbee wantoota sammuu doomsanii fi hadoochan ilaalle turre. Yaadachisaaf wantoonni sammuu hadoochanii fi doomsan cubbuu keessatti lixu keessummaayyu shirkii, zinaa, maastarbeshiin, hamii fi kkf. Akkasumas araadonni akka fiilmi, alkooli, sigaara, caati fi kkf sammuu hadoochu fi qawwasiisu keessatti bakka ol’aanaa qabatu. Sammuun qabeenya qaalii takkaa hojiin ala taanan deebisuun garmalee ulfaatudha. Sammuu keenya badii irraa eeguf maal gochuu qabnaa? Sammuun keenya yoo doome akkamitti qaruu dandeenyaa? Mee har’a karaalee sammuu keenya itti qarruu muraasa isaanii haa ilaallu. 1.Istighfaara baay’isuu Akkuma torbaan darbee jenne cubbuun sammuu doomsu fi hadoochu keessatti tarree tokkoffaa qabata. Cubbuun summii sammuuti. Karaan tokkichi summii kana ittiin fayyisan tawbaa fi istighfaara. Tawbaa jechuun maal jechuudhaa? Akka lugaa Arabifaatti tawbaa jechuun badii irraa deebi’uu yoo ta’u akka shari’aatti immoo “Ajaja Rabbiitti buluu diduu fi daangaa Isaa darbuu irraa gara Isaa ajajamuutti, ajaja Isaatti buluu, qajeelcha Isaa qabachuu, araarama Isaa kajeelu, jaalala Isaa barbaadutti deebi’uudha.”
Mostrar todo...
''Otuun kitaaba farra islaamaa barreessaa jiruun muslima ta'e'' ~~~~ ''Biyya keenya keessaa islaamummaan baduu qaba, muslimni tokkollee jiraachuu hin qabu, masjiidni haa diigamu, manneen barnootaa islaamaa haa barbada'an'' Jaarraa keenya keessatti seenaa namoota jibba islaamummaa qabanii hedduu dubbiseera, dhaga'eeras. Garuu kan nama kanaa adda. Jibba inni islaamaafi Muslimaaf qabu kana jedhanii ibsuun nama rakkisa. Jooram Vaan Kilaavereen jedhama. Nama dhiibba uumtota ta'an keessaa isa tokko yoo ta'u nama siyaasaa baay'ee beekamaadhasi. Rabbiin mootii waan fedhe akka fedhe godhuudha. Kallattii barbaade si akeekuun humna isaati. Joram hanga fedhe islaamaa jibbullee booda garuu imalli inni islaamummaa balleessuuf jecha eegale muslima isa godhe. Erga islaamummaa fudhatee booda ''Otuun kitaaba farra islaamaa barreessaa jiruun muslima ta'e'' jedha. Mee share godha! 👇👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Mostrar todo...
''Osoon_kitaaba_farra_islaamaa_barreessaa_jiruun_muslima_ta'e''.mp410.46 MB
Positive affirmation. ▪️ I am the best ▪️I am love ▪️ I am a good person ▪️ I am rational ▪️I am beautiful ▪️ I am forgiving ▪️ am a visionary ▪️ I am grateful ▪️ I am a dreamer ▪️ I am a practical person ▪️I am a reader ▪️ I am humble ▪️ I am obedient ▪️ I am patient ▪️ I am a successful person ▪️I am strong ▪️ I am healthy ▪️ I am a listener ▪️I am happy ▪️ I am rich ▪️I am a respectful person ▪️I am a person who keeps my word ▪️ I am faithful ▪️ I am an opportunity giver ▪️ I am the leader of action ▪️ I use my money properly ▪️I am a giver ▪️I am a good thinking person ▪️I am fun ▪️ I am a valuable person ▪️ I am brave ▪️ I am a person who uses my day properly ▪️ I am a calm person ▪️I am friendly ▪️I have a good personality ▪️ I am relaxed https://t.me/redifuri https://t.me/redifuri
Mostrar todo...
Humna Sammuu (Power Of Mind)

Think and Grow Up

OBSA QABAACHUU #1 • Obsi Maali? • Obsi Miila Nagaati! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➬ Obsi nagaa namaaf harkisa. Nagaa dhabuun har’aa, obsuun jiraannaan nagaa borii fida. ➬ Obsi dhibnaan immoo nagaa har’aas kan boriis dhabu. ➬ Obsi waan hundumtuu yeroo booda akka darbu, jijjiiramu, dhabamu beekanii, obsaan isa caalutti ce’uudha. ➬ Obsuun boqonnaa tokko irraa boqonnaa biraatti ce’uuf riqicha. Riqicha obsaan deemanii boqonnaa haaraa eegalu. Boqonnaa haaraa keessa nagaatu jira. Nagaa fi obsi wal utubu jechuudha. ➛ Obsi nagaa dhala. ➛ Nagaan jiruu gaarii dhala. ➛ Obsi balaa hambisa. ➛ Obsi du’a hambisa. ➛ Obsa keessa immoo baratanii darbu. ➛ Obsi mana barnootaas ta’a jechuudha. Daqiiqaa muraasa obsuu dadhabanii namootni hedduun yeroo isaan gaabbii umurii guutuu seenan argina. Obsi xiqoon balaa guddaa hambisa. Obsa dhabuun xiqqoon ishees balaa guddaa fida. Obsa booda waan gaariitu jira. Obsuutu furmaata! Inni obse obsee gatii obsa isaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo obsa dhabuudhaan gatii obsa dhabuu isaa nyaata. Gatiin obsa dhabuu miidhama. Aarii yeroo muraasaatiin miidhamuu fi nama miidhuudha. Inni obsee obseeti nagaa nyaata. Inni obsuu dadhabe immoo jarjaree balaa nyaata. Obsuun kaayyoo namaa dheeressa. Obsa dhabuun immoo kaayyoo namaa gabaabsa. Namni obse fagoo deemee, fagoo dhaala. Inni obsa dhabe immoo fagoo dhiisii asiyyuu ni dhaba. Aarii daqiiqaa muraasaaf, obsa dhabanii fiiguun gaabbii bara guutuu fida. Obsanii dhaaluu osoo qabanii, Obsa dhabanii dhabu. Nama obsetu waan haaraa arga. Waan haaraan immoo nagaa qaba. Nagaan immoo akkuma maqaa isaa nagaadha. Waan dhufe hundumaa tasgabbii fi obsaan ilaaluun bayeessa. Hamaa fakkaatee gaarii ta’uu mala. Gaarii fakkaatees hamaa ta’uu mala. Suuta obsanii keessa isaa ilaalanii gaarii taanaan fudhatu. Hamaa taanaan gadi gatu. Obsaan hundumaa madaalaa malee, obsa dhabdanii hundumaan hin madaalaminaa!! Nagaa hin dhabinaa! Manni nagaa, alli nagaa, biyyi nagaa! https://t.me/redifuri
Mostrar todo...
Repost from Leadership
Mul'ata - Vision #8 Kennaa Kee Barbaadi! ⦿ Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin kuulamee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baay'een namootaa carraa irratti utuu himata banuu, himata galmeen isaa hin cufamneen hawwii fi fedhii isaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abjuu hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'aatti qooda kee adda hin baafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i, kennaan kee suma keessa jira. Kennaa dhokatee awwaalame abbummaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuun kee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hojii kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaa kee argattee mul'ata kee waliin walqunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dha'i! Qormaata Si Mudachuu Malaniif Of Qopheessi! ⦿ Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabanii immoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti toluu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hin baasiin of duuba deebitu kanuma fakkaatta. Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee hin qaban, qabnaan hin gadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hin taane, yeroo waan maqaa qabuu fi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu hin dandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaan immoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluu fi namoonni addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii wantota adda addaa hojjetanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee tureedha. Hammuma kufan dogoggora ofii irraa barataa adeemu. Jireenyi immoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hin jirree jireenyi hin jiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiin immoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi! Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree? @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
Mostrar todo...
📚👉 "Namni tokko waan tokko hin dandeessuu yoo siin jedhe dandeettii isaa siif himutti jira malee dandeettii kee siif himutti hin jiru". 👉abalu waan takka godhuu dadhabee jechuun atis waan san hin goodhuu hin dandeessu jechuu miti. 👉innuu yaalee dadhabee atoo waan san  yaaltee yoo goote beektaa? 👉yaali atis ni dandeettaa!. 👉damdeettii kee dandeettii namaatiin wal hin madaalchisin!. 👉waan inni dadhabee Rabbiin siif laaffisuutu malaa waan inni dadhabe ani danda'aa laata jettee garaa hin muratin yaali ni dandeessaa! 👉wanti hin danda'amne hin jiru waan ati hin danda'amu jettee sammuu kee amansiiste malee! 👇👇👇join👇👇👇 https://t.me/redifuri https://t.me/redifuri
Mostrar todo...
Humna Sammuu (Power Of Mind)

Think and Grow Up

Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.