cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

DHANGAA OROMUMMAA

Hundinuu jira nooraa❤️💚❤️ Ispoortii, odeeffannoo haqaa, amanamoo, Kitaabbilee asoosamaa, xiinsammuu, walaloo, weedduu jaalalaa suurawwaan mimmiidhagoo hunduma nubiraa argattuu Yaadaaf 👉 @firaaol4 nuquunnamaa

Mostrar más
Finlandia1 938El idioma no está especificadoEducación43 561
Publicaciones publicitarias
2 373
Suscriptores
+124 horas
+277 días
+12530 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Namni hunduu namummaa fi halluu mataa isaa qaba.Halluu sana arguu yoo dadhabde rakkoon nama sanaa osoo hin taane, si bira jira. Harreen fuula kootti yoo rifatte ykn asheeta keessa yoo gulufte aaruu hin qabu."Harreen waan uumamaa ta'e hojjatte.Yeroo baay'ee namoota waliin wal lolla. Sababni isaas gara namummaa keenyatti harkisuu waan yaalluufiidha. Nama dhuunfaa isaatiin hin kabajnu. Maqaa Kanaafi kan wal jibbinu.Addunyaa kana irratti waan barbaadduu fi hin barbaanne haala waliin jiraatta. Wanti hundinuu akka ati barbaaddutti hin ta'u. Gammachuu jechuun waan barbaadde dinqisiifachuu fi waan hin barbaanne fudhachuu irraa argama." @haqummaaf
Mostrar todo...
👍 3
#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun  ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo.  Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo waraqaa irratti kan qorataman ta'uu @haqummaaf
Mostrar todo...
#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo. Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo waraqaa irratti kan qorataman ta'uu
Mostrar todo...
"Namoonni beekumsaan si gadi jiran gaafa si jajan akka sitti hin ho'ine,sababni isaa beekumsa qabaachuu kee kan ati mirkaneessitu,warri beekumsaan si caalan gaafa si jajaniidha" Ammas deebi'ee ishee kanas dubbateera "Namoonni of ta'uu hin dandeenye dhimma kee hojii manaa godhatu. fkn: Gaaf tokko namicha tokkotu dhufee, ati bar qulqulluu ergamaa Waaqaati naan jedhe.Anis sirriidhan jedheen.Utuu hin turiin inni tokkos dhufee ,si'i jachuun Seexana guyyaa saafaa qullaa deemuudha naan jennaan sirriidhan jedheen.Inni jalqabaa bitaa itti galee, anaanisoo sirrii, isaanis sirrii jette ati isa kamiidha? naan jedhe. Ana, anatu beeka.Isin garuu ofiyyuu hin beektan, anaan na baruuf ko'oommattan.Ati inni qulqulluu naan jettes tilmaamaa fi ilaalcha naaf qabduudha,inni sunis akkasuma jedheen gaggeesse" jedhee ture. Namni tilmaama mataasaatiin Beekaa, Wallaalaa, gaarii fi yaraa si gochuu danda'a.Sababni isaa of gatee, dhimma keen ko'ammateeraka! Namoonni of beekan, ofirratti hojjetu, namoonni of lagan dhimma namaa hojii manaa godhatu. @haqummaaf
Mostrar todo...
👍 7🙏 2
Jaalalli hedduun waan nuti jechuu hin barbaannee dubbannee fi waan jechuu barbaannee hin dubbanne keessatti qisaasama. #Kahlil_Gibran
Mostrar todo...
👍 5
Start godhaa badhaafamaa
Mostrar todo...
👍 4
Repost from DHANGAA OROMUMMAA
#Start Itti fayyadamaa qarshii 1000 fi isaa ol badhaafamaa kun isuma dhugaati yeroo namoota 50 qooddan nii badhaafamtu anis badhaafameera
Mostrar todo...
Akka waan lubbuun tokko wal keessa jirtuu! Akka waan afuura tokko baafatanii! Akka waan humna tokkoon dalaganiitti isaan anniisaa walii barbaadan. Yeroo wayii onneen humnaan kan dhiikkifattu isa jaalattu argachuuf dhabuutti. Yeroo wayii yaadni sammuu ofii kan faca'ee wal tumsuu dadhabu, isa yaadu argachuu waan dhabuufi. Agartuun ija ofii joortee boqonnaa dhabuun waan arguu barbaaddu kallattii hundaan eeguudhaani. Fedhiin ofii, miirri ofii, yaadni ofii qaama ofii keessatti tasgabbiin kan turu haga isa barbaadu argatutti qofa. Kanarra jooraadha. Qixxifataadha. Dhama'aadha. Takka of jabeessa, takka of taajjaba. Takkammoo taajjabbiis, dadhabbiis waan hundaa dagataadha. Waan hunda lagata. Dararichi gidiraa fakkaatus mi'aa qaba garuu nama hin dhukkubsu. Aarsaan isa yaadan argachuuf kafalan bu'aa isaa arguu yaadaa waan itti of kennaniif dhukkuba isaa caala mi'aa isaa miireffatu. Aaranis, gaddanis kennaaf eebba uumamni nama badhaasu fakkaata. Ijji wal arguu fedhu wal bira gahee yoo wal saalfatu. Dirri wal tuquu barbaadu wal bira gahee yoo wal oollatu. Yaadni kuufamee qindaa'e waliin dubbii bira gahee yoo bittinu. Harki wal qabuu hawwu, arrabni walitti dubbachuu fedhu walitti dhiyaatee yoo gaadi'amu. Sodaan, kabajni, saalfiin, humna jaalalli walitti guuree nama keessaa burqisiisun tasgabbiif, callisaan yeroo tokkotti yoo dhuumfatamu. Ajaa'iba. Yeroo tokko tokko yaada walii keessaa dhiikkifatan. Afuura walii keessatti, agartuu walii keessa, jechoota walii keessa, waan barreessan, waan dubbisan keessa, qilleensa qorraa tasgabbii qabu sana keessa, bakka itti barbaadanii wal argachuu fedhan lubbuu walii keessa jiraatu. Bakka fedhanitti wal jiraachisanii wal ajjeesu. Bakka fedhanitti burqaa afuura jaalalaan finiinsanii, daraaraa bifa barbaadanii oomishu. Bakka fedhanitti mana jaalalaa ijaaranii waliin keessa jiraatu. Afuura walii ukkaamsanii lubbuu waliitti asaasu. Humni jaalalaa haa waaru!💗💗 @Guduunfaakoo @haqummaaf
Mostrar todo...
👍 3 1
Guyyaa tokko Ollaan Mullaa Nasruddiin mana Nasruddiin deemuun..."Adaraa Harreekee naaf ergisi, Gabaan waa ittiin geeffadhaa...." jedhaan. Mullaa Nasruddiin "Namichi Bishaan gamaa si dura dhufee ergifatee deeme." Jedhaan. Gidduuma kanaan Harrichi mana boroo Iyya. Yeroo kana namichi inni ollichis "Osoo harreen kee halaaktuu dhaga'aan jiraam jedhe namichi." Mullaa Nasruddiin "Anaaf Harree koo keessaa kamiin amanta?" Jedheen. Maal jechuu yaadeeti laata? Warri isiniif gale comment godhaa @haqummaaf
Mostrar todo...
👍 4 1