cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

ETV Afaan Oromoo

Odeeffannoowwan biyya keessaafi alaa Televizhinii Itoophiyaa irraa Afaan Oromootiin.

Mostrar más
Finlandia2 027El idioma no está especificadoNoticias y medios27 299
Publicaciones publicitarias
2 237
Suscriptores
Sin datos24 horas
+77 días
+4030 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Guumii Balal Marsaa 36ffaan mata duree “Injifannoo Adwaa seenessa Waloof” jedhuun Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa'ame ** Guumii Balal Marsaa 36ffaan mata duree “Injifannoo Adwaa seenessa Waloof” jedhuun Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa'ameera. Gumii kanarratti haasaa baniinsaa kan taasisan hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Hayiluu Addunyaa, Itiyoophiyaan wareegama qaalii abboonni keenya kaffalaniin birmadummaan ishee eegamee as geesse jedhan. Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Oromiyaa Dr. Abdulaaziiz Daawud, Adwaan bakka seena qabeessa ummattoonni biyyattii garaa garummaa qaban cinaatti dhiisanii birmadummaa biyya isaaniif aarsaa itti kaffalaniidha jedhan. MirkanaaTaaddasaatu gabaase
Mostrar todo...
Fiigicha guddaa boru giddu gala Ikoo Turizimii haroo wanciitti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu biiroon dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa beeksise. Fiigicha Km 10 Haroo wanciitti gaggeeffamu kanarratti dhiiraa fi dubaraaan Atileetonni 300 ol kan hirmaatan tahuu himaniiru. kana malees kutaaleen hawaasaa hedduun kan hirmaatan tahuu hogganaan biiroo dargaggoo fi ispoortii oromiyaa Maatiyaas sabbooqaa himaniiru. fiigicha kanarratti daa'imman 300 tahan km tokkoon kan hirmaatan tahuus dubbataniiru. Fiigichi kun haroo wancittii gaggeeffamuun isaa iddoo hawata turizimii kana beeksisuu cinaatti, turizimii ispoortiifis ka'umsa kan tahuudha jedhaniiru. Qaamoleen fiigicha kanarratti akka hirmaatan waamicha dhihaateefis yeroo jedhametti argamuun akka hirmaatanis dhaamaniiru. Muzayyan Maammaa
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Du'aan Addunyaa Kanarraa Boqote *** Seenaa jireenyaa  Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Gabbisaa Gaazexeessaa Wandimmuun, Abbaa isaa Obbo Birhaanuu Gabbisaa fi Haadha isaa Aadde Abbabach Caffoo irraa, Naannoo Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sayyoo Ganda Alakuu Kusaayeetti Adoolessa 24 bara 1975 dhalate. Gaazexeessaa Wandimmuu Birhaanuu Gabbisaa, yeroo umuriin isaa barnootaaf gahu,Barnoota sadarkaa 1ffaa Kutaa1 hanga 8 Manneen Barnootaa Alakuu Kusaayee fi Alakuu Dorgomeetti barate. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa Mana Barumsaa sad.2ffaa Qeellamitti baratee, qormaata kutaa 12ffaatiin qabxii gaarii galmeessee,Yuunivarsiitii Haramaayaa seenee gosa barnootaa Jii'oogiraafiitiin digrii jalqabaatiin eebbifame. https://www.facebook.com/100064698339196/posts/pfbid0fr3ueXBRpwEgour6YCW9umUE1SernGNMJYTbZrqLQFEs8MTL8yQtupzW8Fdc8orl/?app=fbl
Mostrar todo...
Itiyoo Telekoom ji'oota jahan darban keessatti bu'aa birrii biliyoona 11 argate **** Itiyoo Telekoom ji'oota jahan darban keessatti bu'aa birrii biliyoona 11 argachuu isaa beeksise. Hojii gaggeessituu olaantuun Itiyoo Telekoom Fireehiwoot Taammiruu, gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa dhaabbatichaa dhiyeessan. Gabaasa isaanii keessatti bara kanatti galii birrii biliyoona 42.86 kan argate yoo ta’u, kunis karoora kana keessaa dhibbeentaa 98 akka ta’e eeraniiru. Hoji gaggeessituu olaantuun kun gabaasa isaanii keessatti akka eeranitti dhaabbatichi waggaa kana keessa doolaara miliyoona 84.7 argachuu danda'eera. Gama gosa tajaajilaatiin lakkoofsi maamiltoota sagalee mobaayilaa miliyoona 71.7, fayyadamtoonni daataa mobaayilaa fi interneetii miliyoona 36.4, biroodbaandii idilee kuma 688.3 fi maamiltoonni bilbila dhaabbataa kuma 834 ta’uuo ibsameera. Hoji gaggeessituun olaantuun kun dhaabbatichi maamiltoota neetwoorkii mobaayilaa miliyoona 81 to’achuuf dandeettii uumuus eeraniiru. Heeran Silashii
Mostrar todo...
Yaa'iin Waliigalaa Idilee Waggaa 19ffaa  Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Gaggeeffame ************** Yaa'iin Waliigalaa Idilee Abbootiii Aksiyoonaa Waggaa 19ffaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Yaa'ii Idilee 19ffaa kana irratti pirezidaantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo  Darribee Asfaaw, Boordii Daayrektaroota baankichaa, Abbootiin Aksiyoonaa fi Abbootiin Gadaa fi Hadholiin Siinqee argamaniiru. Yaa'icha irratti Wixineewwan Labsii gara garaa dhiyaachuun Irratti mari'atame. Asaantii Hasan
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Taphoota WAANCAA AFRIKAA Chaanaalii Etv Afaan Oromoorratti kallattiin daawwadhaa.
Mostrar todo...
Yaa'iin Waliigalaa Idilee Waggaa 19ffaa  Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Gaggeeffame ************** Yaa'iin Waliigalaa Idilee Abbootiii Aksiyoonaa Waggaa 19ffaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Yaa'ii Idilee 19ffaa kana irratti pirezidaantii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo  Darribee Asfaaw, Boordii Daayrektaroota baankichaa, Abbootiin Aksiyoonaa fi Abbootiin Gadaa fi Hadholiin Siinqee argamaniiru. Yaa'icha irratti Wixineewwan Labsii gara garaa dhiyaachuun Irratti mari'atame. Asaantii Hasan
Mostrar todo...
Hojiin Tajaajila Lammummaa Bonaa Magaalaa Mojootti jalqabe **** Hojiin Tajaajila Lamuummaa Bonaa akka Naannoo  Oromiyaatti Bulchiinsa  Magaalaa Mojootti bakka Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii   Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa  fi hoggansi Magaalaa Mojoo   argamaniiti hojii kenna tajaajila lamuummaa garaa garaa hojjachuun Eegalameera. Kenna tajaajila lammummaa bona kanaas  ijaarsa mana  harka qalleeyyii fi kunuunsa Ashaara Magaarisaatiini kan  eegalame. Kenna tajaajila bonaa kanaan dargaggoonni  miliyoona 4 akka Oromiyaatti hojii kanarratti akka hirmaatan himameera Saxxoo Tashoomaa
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Kitaaba Qananii Birhaanuu "Ilaamee" jedu PDF'n liinkii kanaa gadii irraa argachuu dandeessu:
Mostrar todo...
📸Suuraa:- Jala Bultii Irreechaa   Irreechaa Hora-Finfinnee Baga Geessaan! Suuraa:-OBN, Miidiyaa hawaasaa @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...