cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegaciรณn. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Caffee Oromia

โ˜Ž๏ธ +113726218 ๐Ÿ“ง [email protected] FB : CAFFEEOROMIA Website:Www.caffeeoromiyaa.org

Mostrar mรกs
Finlandia721El idioma no estรก especificadoComida y Bebidas2 048
Publicaciones publicitarias
8 895
Suscriptores
+13624 horas
+2417 dรญas
+80030 dรญas

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Afyaaโ€™iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Saโ€™aadaa Abdurahmaan, xumuura Gamaaggama Fooramii Afyaaโ€™ota Godinaa, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa irratti kallattii hojii kennaniin, mulโ€™anni qabame kun kan dhugoomu, Manneen Maree hundinuu hojii hordoffiifi toโ€™annoo buโ€™uura ummataa qabuufi rakkoo ummata keenyaa furuu dandaโ€™u gaggeessuudhaan akka taโ€™e ibsan. Hordoffiifi toโ€™annoon gaggeessinu, dhakaa buโ€™uuraa sirna dimokiraasiiti. Ijaarsa sirna diimokiraasii saffisiisuuf, sirni walhordofuufi toโ€™achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriire qajeelloon hojiirra oolee galmoota misoomaa qabannee hojjechaa jirru milkeessuun galma ijoodha. Bakka misoomni hin jirretti guddinni hin jiraatu. Haqa qabeessummaa misooma keenyaa mirkaneessuuf sirni walhordofuufi toโ€™achuu diriire. jedhan. Horataaleefi qabeenya xiqqaa qabnu qixa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun hojiirra oolchinee, hudhaalee guddina keenyatti gufuu taโ€™an kan akka rakkoo bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa hundeerraa furuun galma yaanne geenya. Kana gochuuf ammoo jedhan Aadde Sa'aadaan, hojiileen seeraafi hojimaata eeganii raawwatamaa jiraachuu isaanii hordofuufi toโ€™achuu qofaan hawwiifi mulโ€™anni qabanne dhugooma. Milkaaโ€™ina kanaafis, qaamolee mootummaa sadeen walhubannoofi qindoominaan hojjechuun murteessaadha. Aangoo Heeraan qoodamee kennameef giddu gala godhachuun hunduu gahee isaa bahachuu qaba. Qaamoleen sadeen kun warra mana tokko ijaaru waan taโ€™aniif waltaโ€™anii hojii ummataa ummataaf hojjechuu akka qaban kallattii hojii kennan keessatti akeekanii jiru. Gamaaggamni Raawwii Hojii Baatii Sagalii Fooramii Afyaa'ota Godinaalee, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa guyyoota lamaaf Afyaa'otaafi Dura Taa'ota Koreewwan Dhaabbii waliin Adaamaatti gaggeeffamaa ture goolabamee jira.
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 39โค 11
๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Ÿ๐š๐ค๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐›๐š๐๐ก๐š๐š๐๐ก๐ข๐ง๐š๐š ๐ญ๐š๐š๐ญ๐ž ๐š๐ซ๐ ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฆ๐ฎ๐ฅโ€™๐š๐ญ๐š ๐ช๐š๐›๐š๐ง๐ง๐ž ๐ ๐š๐ฅ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ง๐ข ๐ ๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š!
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 12โค 7
Manneen Maree Ummataa dagaagina dimokiraasii, bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi jijjiirama akka biyyaafi naannootti jalqabne itti fufsiisuu keessatti gahee olaanaa qaama qabanidha. Xiyyeeffannoon keenya ijoon, Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuudha. Manneen Maree, qaama ummata bakka bu'aniifi ummata isaan filatetti dhiyaatanii hojii ummataa hojjetanidha. Sirna cimaa qabaannee mootummaa cimaa ijaaruuf Manneen Maree cimaa ergama isaanii qajeelloon bahachuu dandaโ€™an qabaachuu barbaachisa. Mootummaan cimaan, qindoominaafi walhubannoo qaamolee mootummaan ijaarama. Galmi waloo qaamolee mootummaas, tajaajila qulqulluu ummataaf kennuudha. Gamaaggama raawwii hojiiwwan baatii sagalii guyyoota lamaan kana taasifneen, haala qabatamaa Manneen Maree keenya irra jiran hubachuu dandeenyee jirra. Sochiin Manneen Maree keenya hojii isaanii milkeessuuf taasisaa jiran jijjiiramni jiraachuu agarsiisa. Raawwiin Manneen Maree keenya walfakkaachuu dhabuun, sirna hordoffiifi toโ€™annoo buโ€™a qabeessaafi rakkoo ummataa furuu dandaโ€™u gaggeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ilaallee jirra. Koreewwan Dhaabbii Aanaafi Magaalaas hojimaata eeganii kurmaanaan manneen hojii qoratanii duubdeebii kennuun walqabatee bakkaa bakkatti garaa garummaan jiru akkuma jirutti taโ€™ee, hojiirra oolmaa duubdeebii kennamees itti fufiinsaan hordofuun walqabatee Manneen Maree hundi xiyyeeffannoo addaan irratti hojjechuu akka qaban ilaallee jirra. Kana malees, Manneen Maree Gandaa cimsuun, tajaajiltummaa ummataa mirkaneessuudha. Mootummaa ummatatti dhiheessuun tajaajila siโ€™ataafi dhaqqabamaa kennuuf dandeessissa. Tarsiimoo, imaammataafi karoora mootummaa irratti ummanni hubannoo walfakkaataa qabaatee hirmaannaa isaan deeggaree akka hojiirra oolchu taasisuudha. Kanaaf, Manni Maree Aanaafi Magaalaa hundinuu Gandoota isaan jala jiran cimsuun, gahoomsuufi ergama isaanii akka bahatan taasisuu qabu. Qindoominaan hojjennee waadaa ummata keenyaaf galle gochaan mirkaneessuu qabna. Caffeen keenyas, hojii hubannoo uumuu, leenjiiwwan adda addaan manneen maree gahoomsuufi hojimaata jiru fooyyessuun hudhaalee jiran qorannoon deeggaree sirreessaa deemuuf hojjechaa jira. Hooggansi Mana Marees, mulโ€™ata akka mana mareetti qabattanii hojjettan milkeessuuf itti gaafatamummaa qabdan qajeelloon bahachuu qabdu.
Mostrar todo...
โค 5๐Ÿ‘ 4
๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐š๐ซ๐ž๐ž ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š๐ง ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ซ๐š! ****
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 13
02:52
Video unavailableShow in Telegram
๐‘ฎ๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’‚๐’Ž๐’๐’Š ๐‘น๐’‚๐’‚๐’˜๐’˜๐’Š๐’Š ๐‘ฏ๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐‘ฉ๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š๐’˜๐’˜๐’‚๐’ ๐‘บ๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐‘ญ๐’๐’๐’“๐’‚๐’Ž๐’Š๐’Š ๐‘จ๐’‡๐’š๐’‚๐’‚'๐’๐’•๐’‚ ๐‘ฎ๐’๐’…๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’†, ๐‘ด๐’‚๐’๐’๐’†๐’†๐’ ๐‘ด๐’‚๐’“๐’†๐’† ๐‘จ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’†๐’‡๐’Š ๐‘ด๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’๐’๐’•๐’‚ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ด๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐‘จ๐’‚๐’…๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’ˆ๐’‚๐’ˆ๐’†๐’ˆ๐’†๐’‡๐’‡๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’‹๐’Š๐’“๐’– ๐’‰๐’‚๐’“'๐’‚๐’” ๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’‡๐’–๐’‡๐’†๐’† ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚.
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 65โค 16
Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Baatiiwwan Sagalii Fooramii Afyaaโ€™ota Godinaa, Manneen Maree Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa waliin gaggeeffamaa jira. Gamaaggama kanarratti, Fooramiin Godina Iluu Abbaa Booraa, Qeellam Wallaggaa, Mana Maree Magaala Shaggar, Mana Maree Magaala Shanoo, Aanaa Dirree, Gursum, Dambal Xaafoofi Mana Maree Aanaa Boosat walduraa duubaan gabaasa raawwii hojii baatii sagalii dhiyeessanii jiru. Cuunfaan Gabaasa Hojii Suparvizhinii Fooramii Afyaaโ€™ota Godinaalee, Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandootaa Waajjira Caffee Oromiyaan qindaaโ€™e Daariktera IJaarsa Dandeettii Manneen Maree Ummataa Obbo Maammush Leellisaan dhihaatee irratti mariโ€™ataamaa jira. Gamaaggama kana irratti Afyaaโ€™iifi Dura Taaโ€™ota Koreewwan Dhaabbii lama Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa irraa hirmaatanii jiru.
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 71โค 4๐Ÿ˜ 4๐Ÿ‘Ž 1
๐€๐Ÿ๐ฒ๐š๐š'๐ข๐ข๐ง ๐‚๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ž๐ž ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Š๐š๐›. ๐€๐š๐๐๐ž ๐’๐š'๐š๐š๐๐š๐š ๐€๐›๐๐ฎ๐ซ๐š๐ก๐ฆ๐š๐š๐ง, ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐š๐ซ๐ž๐ž ๐”๐ฆ๐ฆ๐š๐ญ๐š๐š ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ซ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐œ๐ข๐ฆ๐š๐ง๐ข๐ข ๐ ๐š๐ก๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ง๐ข๐ข ๐›๐š๐ก๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ช๐š๐›๐ฎ ๐ฃ๐ž๐๐ก๐š๐ง. **** Caffeen Oromiyaa, Manneen Maree Ummataa aangoofi gahee hojii Heeera Mootummaa Naannichaatiin kennameef giddu galeessa godhachuun karoora, imaammataafi tarsiimoo mootummaa qixa barbaadamuun faayidaafi fedhii ummatichaa buโ€™uura godhatanii raawwachuu hordofuu, deggaruufi cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan Afyaaโ€™iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Saโ€™aadaa Abdurahmaan. Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran rakkoowwan hedduu keessa taa'uun dimokiraasii dagaagsuun, tajaajila dhaqqabamaa, haqa qabeessaafi itti quufiinsa ummataa mirkaneessuu kennuu keessatti gaheen qabdan olaanaadha jedhan. Manneen Maree Ummataa gubbaa hanga gadiitti karaa walfakkaatuun cimanii ergama isaanii akka bahatan taasisuuf ammoo hordoffiifi deeggarsa barbaachisu, akkasumas, gahuumsa isaanii cimsuu irratti Caffeen hojjechaa kan jiru taโ€™uu ibsan.
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 26โค 3
Photo unavailableShow in Telegram
#๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐Ž๐Ž๐ ๐€๐š๐๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐ƒ๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐š๐š ๐ช๐š๐›๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ง๐š๐ ๐š๐š ๐›๐ฎ๐ฎ๐ฌ๐š; ๐Œ๐š๐ซ๐ข๐ข๐Ÿ๐ข ๐Œ๐š๐ซ๐š๐›๐›๐š๐š๐ง ๐ซ๐š๐ค๐ค๐จ๐จ ๐Ÿ๐ฎ๐ซ๐š!
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 26โค 1
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waajjira Caffee Oromiyaa waliin taโ€™uun Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaaf Ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo kennaa jira. Dhibeewwan daddarbaa hin taane saffisa guddaan dubartoota keenya miidhaa jiran keessaa ijoon Kaansarii Fiixee Gadameessaati. Kaayyoon leenjii kanaas, hubannoo argataniin dhaabbilee fayyaa waliin qindaaโ€™uun dubartootaaf hubannoo kennuun talaalliifi calallii akka taasisaniif sosochii uumuuf karoorfamee kennamaa jira. Dura Teessuun Koree Dhabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa, Dubartoonni Miseensota Caffee hojii bakka buโ€™ummaa hojjetaniin dhibeewwan hammaataa daddarbaa hin taaneen akka hin miidhamneef sosochii marsaa duraa taasifneen lubbuu dubartoota keenyaa hedduu hanbifachuu dandeenyee jirra jedhan. Leenjiin hubannoo uumuu harโ€™a kenninu kunis, sosochii taasisaa turreen hanqinaalee marsaa duraa keessatti nu mudatan irraa barannee, miidhaa dhibeen kun dubartoota keenya irraan gahaa jiruufi saffisni inni ittiin dubartoota keenya miidhaa jiru caalmaan hubattanii ergama itti aanuuf akka qophooftaniif yaadameetu jedhan. Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila waldhaansa yaala fayyaafi ittisa dhibee irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. Dhibee kana ittisuuf, talaallii adda addaa shamarran umriin 14 irraa eegalee jiraniif kennuun dursanii ittisuufi dubartoota gaheessota taโ€™aniif ammoo calallii taasisuun facaatii dhibee kanaa ittisuu dandeenya jedhan. Kanaaf ammoo, Hospitaalota Oromiyaa keessatti tajaajilli calallii akka kennamu, Hospitaalota gurguddoo shan ammoo Oromiyaa keessatti ijaaraa jirra jedhan. Facaatii Kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuuf Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaa waliin qindoomuun dubartoota hunda bira qaqqabuun ni danda'ama. Gara hawaasaatti wayita deebiโ€™an dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii jiran waliin qindaaโ€™uun duula calallii fiixee gadameessaa itti fufiinsaan gaggeessuun lubbuu dubartoota keenyaa duโ€™a irraa hanbisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan ibsamee jira. Karoorri hojiin kun ittiin hojjetamus qophaaโ€™ee kan jiru taโ€™uun ibsamee jira. Itti fufuun, Gorsaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan taโ€™an Dr. Tsaggaayee Baayโ€™isaa facaatiifi ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo isaanii cimsu kennaa jiru.
Mostrar todo...
๐Ÿ‘ 12๐Ÿ˜ 2
๐Š๐š๐š๐ง๐ฌ๐š๐ซ๐ข๐ข ๐…๐ข๐ข๐ฑ๐ž๐ž ๐†๐š๐๐š๐ฆ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐‹๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐ƒ๐ฎ๐›๐š๐ซ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š๐š ๐‡๐š๐š ๐๐š๐ซ๐š๐š๐ซ๐ซ๐ฎ! **** Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waajjira Caffee Oromiyaa waliin taโ€™uun Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaaf Ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo kennaa jira. Dhibeewwan daddarbaa hin taane saffisa guddaan dubartoota keenya miidhaa jiran keessaa ijoon Kaansarii Fiixee Gadameessaati. Kaayyoon leenjii kanaas, hubannoo argataniin dhaabbilee fayyaa waliin qindaaโ€™uun dubartootaaf hubannoo kennuun talaalliifi calallii akka taasisaniif sosochii uumuuf karoorfamee kennamaa jira. Dura Teessuun Koree Dhabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa, Dubartoonni Miseensota Caffee hojii bakka buโ€™ummaa hojjetaniin dhibeewwan hammaataa daddarbaa hin taaneen akka hin miidhamneef sosochii marsaa duraa taasifneen lubbuu dubartoota keenyaa hedduu hanbifachuu dandeenyee jirra jedhan. Leenjiin hubannoo uumuu harโ€™a kenninu kunis, sosochii taasisaa turreen hanqinaalee marsaa duraa keessatti nu mudatan irraa barannee, miidhaa dhibeen kun dubartoota keenya irraan gahaa jiruufi saffisni inni ittiin dubartoota keenya miidhaa jiru caalmaan hubattanii ergama itti aanuuf akka qophooftaniif yaadameetu jedhan. Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa tajaajila waldhaansa yaala fayyaafi ittisa dhibee irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. Dhibee kana ittisuuf, talaallii adda addaa shamarran umriin 14 irraa eegalee jiraniif kennuun dursanii ittisuufi dubartoota gaheessota taโ€™aniif ammoo calallii taasisuun facaatii dhibee kanaa ittisuu dandeenya jedhan. Kanaaf ammoo, Hospitaalota Oromiyaa keessatti tajaajilli calallii akka kennamu, Hospitaalota gurguddoo shan ammoo Oromiyaa keessatti ijaaraa jirra jedhan. Facaatii Kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuuf Kokasii Dubartoota Miseensota Caffee Oromiyaa waliin qindoomuun dubartoota hunda bira qaqqabuun ni danda'ama. Gara hawaasaatti wayita deebiโ€™an dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii jiran waliin qindaaโ€™uun duula calallii fiixee gadameessaa itti fufiinsaan gaggeessuun lubbuu dubartoota keenyaa duโ€™a irraa hanbisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan ibsamee jira. Karoorri hojiin kun ittiin hojjetamus qophaaโ€™ee kan jiru taโ€™uun ibsamee jira. Itti fufuun, Gorsaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa kan taโ€™an Dr. Tsaggaayee Baayโ€™isaa facaatiifi ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa irratti leenjii hubannoo isaanii cimsu kennaa jiru.
Mostrar todo...