cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Aagaa Barii

Chaanaalii kana jala yoo seentan 👇👇👇👇👇👇 @ Odeeffannoo waqtawaa qabatamaa ta'e @ walaloo garagaraa @ qoosaa @ gorsa garagaraa @ gorsa xiinsammuu @ seenaa garagaraa irratti argattu itti bashannantu irraa waa barattu Yaadaa nu laatuuf 👇 @temamabdi430

Mostrar más
FinlandiaEl idioma no está especificadoMotivación y presupuesto
Publicaciones publicitarias
366
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

GORSA JIREENYAAF!!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo Hojjechuu qabdutti yoo hin hojjanne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattafadhu! ➲ Nama si sobu maalif akka si sobu hin gaafatin. Sababni isaas gaafii kee deebisuuf soba biraa soba waan ta'eef. ➲ Oduu Kuntaala 1 odeessaa oolu irra hojii kilo 1 hojjattee yoo agarsiiste siif wayya. Kanaaf xiqqoo haasa'i baay'ee hojjadhuu agarsiisi! ➲ Gaarummaan ati har'a hojjattu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu! ➲ Gaafa ol baatu warra sii gadii hin dagatin! Sababani isaas gaafa gadi buutu isaanuma deebitee argatta waan ta'eef. ➲ Lubbuu kee waan hin taanen hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame sin dhabuuti. ➲ Namoonni tokko tokko akka axxiffannaati. Jireenya kee keessaa gaafa ba'an galata jedhi malee of hin goolin! ➲ Callisuu kee keessatti wantoonni ati hin dubbanne baay'een akkuma jiran kolfuu kee keessa dhukkubni ati dhokfattu baay'eetu jiru. ➲ Waan hunduma amanuu dhaaf hin ariifatin! Sababni isaas sobni dhugaa irraa ariifatee gurra si lixaati. ➲ Nama balbala onnee kee rurrukutu hundumaaf ariifattee hin banin! Sababni isaas namni tokko tokko akka ijoollee balbala rurrukutee fiiguu jaallata waan ta'eef! ➲ Namni kan sitti hin hinaafne gaafa ati rakkatte qofa dha. Gaafa milkaa'inni kee baay'atu hinaaftonni kees lakkoofsan danuu dha. kanaaf si hin dinqin! ➲ Nama tokko yeroo jaallattu amma argattutti utuu hin taane amma dhumaatti jaaladhu! Isa har'a akka salbaajii uffatanii boru baafatan dhiisi! ➲ Gaafa qabeenya argattu Uumaa kee yaadadhu! Qabeenyi hiyyummaa irraa malee du'a irraa si hin oolchu waan ta'eef. ➲ Dandeetti kee kan agarsiisuu qabdu warra si dinqisifatanitti utuu hin taane warra si tuffatanitti haa ta'u! ➲ Saree yoo si ciniinte deebitee hin ciniintu. Akkuma kana namoota jal'ina si irratti yaadanis tuffadhuutii bira darbi! Isaan irra wayyaa'uu kee itti agarsiisi! ➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjatu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira. ➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ➲ Maaliif sitti fakkaata Daawwitiin konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. ➲ Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali! ➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i karaa kee itti fufi! ➲ Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kun Rabbiin wajjin ni darbama jabaadhu! ➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala. ➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu! ➲ Obbolee koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf:- ➛ Kaleessa kee irraa baradhu! ➛ Har'a kee jiraadhu! ➛ Borii kee karoorsi! ➦ Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι Galatooma waan dubbiftanif🌹🌹 Yeroo gaarii qabaadha!
Mostrar todo...
Gaaffii herregaa armaan gadii deebisaa Filannoo keessan tuqaa 6+6-6+3-6+1+6-4=_____________Anonymous voting
  • A. 0
  • B. 6
  • C . 12
  • D . 8
0 votes
Photo unavailableShow in Telegram
Bara tolli jibbamee Badiin teessoo guutu Bara haqnuu hidhamee Lubbuu qaaliin duutu Jabana fiiguu malee Hin qaxxaamurre karaa Yeroo wal jaalataan Ta'u dugdaaf garaa Bara fakkeessi moo'ee Daaraan jedhan daakuu Waqtii ilbiisni huursee Akka harree halaaku Bara maqaa jijjiiranii Sululaan jedhan tulluu Bara haqatti duulanii Sobaan jedhan qulqulluu Waqtii jiruun fuggisoo Teenyee boonye hirqinee Bara mararteen hafee Duutuu naman dinqine Sobnee Bara komanna Dubbii ofirraa gataatii Barri homaa nun goone Bineensi ilma namaati Wanti fedhes dhalatu Bara jedhama sababni Dursaa uumama maraa Akkamiin ta'ee namni? join godhaa barii channel And also share your friends
Mostrar todo...
HAY ANAA!!! Harki kiyya mirgaa Bitaa kiyya dhokse Reefu na dhukkube Bara baay'een obse! Anumatu gabaatti Qabee wal nagada Orma wajjin sirbee Mardookoo ragada Anatu anaan jibba Qilillee wal buusee Diina kiyyaaf kufaa Na liqimsuuf yuuse Anumatu ana jala Fidee kaa'aa gufuu Ani yoon gufadhee Anumaam kan kufu! Anumatu gubata Abiddarra taa'ee Anumatu hubata Qafqa narra yaa'e Anumatu anaatti Dhoksee mari'ata Anumatu manaatii Mooksee ari'ataa! Anumaan fakkaata Boolla anaaf qotna Caba kiyyas kolfaa Gaddakoo boqotna Gurrikoo lachanuu Wal dhaga'uu dide Harkikoo kan bitaa Mirgaaf diina fidee! Harki kiyya mirgaa Bitaa kiyya dhokse Reefu na dhukkube Bara baay'een obse! Onneen bitaa mirga Adda qoodamaaree? Gaafa wal mufatan Waliin oodamaaree? Lukti koo kan mirgaa Bitaa dhiiba duubatti Maaliif wal tuffanna Akkuma huubaatti? Yoomuman boqodha Akka ormaa naata'ee Ergan of'n jaalannee Ani gowwaadha_ nan raata'ee! Agartuunkoo lachuu Morkataniiruum ilaaluu Natu miidhe gar-lachuu Natu balleesse; ofin haalu!
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
“Atis dhuftee adeeroo? Guddaa angafa koo Qooree jiraa laata Imimmaan saba koo? Qeerroofi qarreen biyyaa Maal sitti dhaamanii? Gumaa koo baasanii? Siidaa koo dhaabanii? Gaaffiin Oromoo koo Inni waggaa dheeraa Erga ani deemee Deebii argateeraa?
Mostrar todo...
#ABO (#WBO)FI. #SEESEE (#GANTUU) #WBO 💪🐅🐅❤💚❤ Dhugaadha ati WBOkoo Aangoof hin jarjartuu Namummaakee gantee Fedhiikeef hin bitamtuu. Jiruunkee uummataafi Hanguma Bara qabduu Gidiraa keessa teessee Goota dhugaa lallabduu. Agabdee nun gabtuu ati Lubbuu nuuf laatta malee Jaalalli Oromummaa keeti Sumarraati naaf galee.. Walabummaa Oromookoo Kan barbaadu sumaa. Leelliftootakoo qomoo Jiraadhu waggaa kumaa. Oromoof haadha isinii Lubbuu kanneen laattanii Jaalala haadha Caalaa Jaalattanii agarsiistanii. Dhagaatti hirkaattee Beela garaa Obsitee Wareega gitaan qabne Lubbuu keetu nuu Citee. Jireenyaaf jiruu dhabdee Sabakeetiif qabsooftaa Qabsa'oota Bosonaa Isiin Yoomiyyuu Goota. Oromummaakeef dhigde Lubbuu qaali dhabdaa Soba mancaasudhaaf Dhugaa nuuf lallabdaa Sin dandeeysu seeseen #Seeseen dantaa garaa WBOkoo haqaaf lallabda Siitu Oromiyaaf jira. #Yaa_Seesee...... Gamoo gaari filattanii Uffata keessan bareecha Angoo barbaadumaaf Hojjattan ajaachaa.. Dantaa angootif jacha Lammiikee qorqitu Angoo bubbule baduuf Saba jiruu dhoorkituu? Kalee calliisuu keenyaaf Sirna seesee jala Rafnee Silaa Har'aa hin boonyu Namaan boodatti hafnee. Namuu Osoo hubatee Hundunu Seesee jibbee Silaa Waggoota dheeraa Diinaaf hin taanu dibbee. Bilisummaan sin dhuftu Teenyee akka laayyootti Yaaseese jabaatan malee Akeekiichaaf kaayyootti. Nuti WBOdha jachuun Ililchuun gatii hin qabuu Dhugaaf hojjattaan male Hamileen keessan hacabu. Osoo aarsaa hin Baasin Yookaan Deemanii lola Bilisummaan bakkeetti Namaaf hin dhuftu tola. #SiinEebbisa_Seesee 👇👇... Siin Eebbisamee takka Harka lamaan Olqabee Eebbikoo abaarsa keeti Aaamiin ja'iime jalqabee. Bakka yaaddees hanqadhu Hawwitus Hawwaa hafi Ija nama dhokadhuu Halkaaniif guyyaa rafi. Salphadhu hirriba dhabi Erguma nyaattee Irbuu Abjuudhaan sitti hasaasee Seexanni Sitti haa Sirbuu. Tasa aara hin galfatiin Qilleensa ta'ii Fiigii... Waadaa har'a ijaartus Utuu hin milkaa'in diigi. Gammachuun hawwitu Sitti haa taatu gadda Kaayyoonkee haacabu Yeroo dhihooti badda. Wanta gootu wallaalii Mogoleen si haa bu'uu Ijji kee karaa ilaalee Mul'ati keetiis haa gu'uu. Xinnaaf guddaan si balfee Biyyiis sirraa haa goru Gubadhuu boo'aa hafii Mana keeti bofti haa horu. Fuuldurri kee haa dhiyuu Seesee gara deemtu dhabi Rabbiin sumatti haa fardu Aaamiin jadhaadhu Dafi❗ ❤💚❤WBO'N haa waaru JOIN AND SHARE AAGAA BARII CHANNEL
Mostrar todo...
Gaddaafi hiraar keenyaa Baay'atee daangaa taree Dhiigni keenya lola'ee Hanqatee dhiiga saree Qaamni nirraa ciramee Qofaatti hafe cooraani Lafeen Keenya cabee Balalee akka qoraanii Afaan tokko dubbataa Gargaritti wal hirree Gosa tokko himachaa Akka ormaatti wal cirree Wal goollee wal hiraarsaa Wal dhorgannee jirra nagaa Abbaa tokkorraa dhalannee Walitti taane alagaa #JOIN_AND_SHARE
Mostrar todo...
Inni kaan cabee dhiigee Galma gahuuf aggaama Kaan nyaapha jala fiigee Dhiigasaa ciree haama Kaanimmoo seenaa diigee Gandummaadhaan labsa Kaanimmoo Naga'a jacha Lolaan Dirooniin cabsa. Inni kaan karaa baasuuf Qajeele falma taankii Kaanimmoo garaa kaasuuf Kajeele galma baankii Inni kaan xurree saaqee Daandii waliif mijeessa Kaan garuu summii laaqee Badisatti wal geessa Tokko lammiisaaf yaada Mataa isaarra taree Kaan sabumasaa gaada Albee morodee qaree #Barri kun..... Godoon Abbaa Dabalee Qorqorroodha karrishee Bara jedhamte malee Bara miti barrishee Galmi haqa caccabsaa Ilmi abbaan abaaree Bara isaaf jijjiramaa Kanaan maal kun firaree. Bara Sobuun kuufamee Dhugaan bishaan bu'ee Dhaloonni abdii boruu Bara dirooniin Du'ee.. Bara dhakaan guddatee Muktu Afaanin dubbate Kanaan Bara jannaree Bara lammiin Gubate.. Barri baraan buranburre Kan keenya obbolaa gane Lammiin lammii dhiisee Alagaaf karra hulaa bane. Kanaaf Bara komachuun Dhiiroo maal bu'aa qaba Olkaane yoo falmanne Numaatu waldhaqqaba. ORO KOO! Join us Aagaa barii channel.
Mostrar todo...