cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Wabii sanyii

https://youtu.be/kzKYDorr-34

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
137
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Harargee Bahaatti kaabineen Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo ukkaamsuun gara dirree lolaatti ergaa jiru. [SQ-Sadaasa 17/2021] Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar Araddaa Abbaayeetti Qeerroowwan Oromoo kaabineen Bilxiginnaa waraanaan ukkaamsistee badii takka mana Hidhatti erga geessanii booda achi baasanii gara mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru. Kanneen Maqaan Na guha keessaa muraasni: 1. Abdalayyii Yuusuf 2. Ammee Abdu Kariim 3.Yuusuf Abraahim: Yuusuf Abraahim Ilma Isaa Obsaa Yuusuf Dhabnaan Ilmi Kee Shaneedha Hanga fiddutti hin baatu Jedhanii hidhanii dararaa akka Jiran odeessi nu qaaqabe ni mul'isa.
Mostrar todo...
Godina Wallagga Baha Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Jaarsootti Meeshaa dhibboota hedduu hiikkachuu Hogganaan WBO koonyicha beeksise. Seenessaa Burqaa Sadaasa,Dilbata 7/2021 Irreef gaachanni Saba Cunqurfamaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Wallagga Baha Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Jaarsoo jedhamutti meeshaawwan qubattoonni Habashaa kuusun ittin Oromoo Haleeluuf turan dhibbootan lakka'aamuu nyaapharra dhuunfachuun galii moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu hogganaan WBO koonyicha beeksise jira. Kana malees Aanaa Sibuu Siree guutuummatti Waraana Bilisummaa Oromoo harka jiraachuus hogganni WBO koonya kana dabaluun addeesseera. @Dafqa,dhiigaafi lafee keenyan Oromiyaan bilisoomti!
Mostrar todo...
Gareen mirga dhala namaaf falmu Amnestii Intarnaashinaal dhimma haala itiyoophiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa baaseen akeekkachiisa kenne. Walitti bu’iinsii Tigraay keessaa hammaatee haallii jiru yaaddeessaa ta’aa yeroo dhufee kanatti,Itiyoophiyaan raafama rakkoo mirga namoomaa fi kan gargaarsa dhala namaa keessa jirti jechuun gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii Intarnaashinaal sadaasa 5/2021 ibsa baaseen akeekkachisee jira. Aminest Internaashinaal ibsa baaseen mootummaan Itiyoophiyaa aangoo labsii yeroo hatattamaa kan baase ilaalchisee mirga dhala namaa kan ugguruu fi walabummaa caasaa seera biyyatti irratti sodaa ta’e jira jechuun lammiilee biyyattiif yaaddoo tahuu akeekee jira Kana malees sabaa himaa hawaasaa irratti, kanneen maxxanfaman hokkara gosaa kan kakaasanii fi aangawoonni mootummaa siviilonni humnootii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay (TPLF) fi Waraana Bilisummaa Oromoo irratti meeshaa waraanaa akka kaasan gaafatuun Bilxiginnaa sirrii akka hin taanes hubachiiseera. Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Aminest International Rakkoo gargaarsa dhala namaa hamaa fi rakkoon gama mirga dhala namaa kabajsisuun jiru kan waggaa tokko Tigraay keessatti gaggeeffame biyyattii bakka biraattis babal’atee jira jechuu Haala to’annaan ala ta’a jiru kana dhaabsisuuf aangawoonni mootummaa tarkaanfii jabaa fudhachuu qabu kan jedhu Amnestii Intarnaashinaal, seerrii mirga dhala namaa fi kan gargaarsa dhala namaa ba’an kabajamuu mirkaneessuu qabu jedhee jira.
Mostrar todo...
Sawud Arabiyaan lammiileen ishee hatattamaan Itiyoophiyaa lakkisanii akka bahan waamicha goote. Akka Imbaasiin Saud Arabia Itiyoophiyaa jiru jimaata har'aa baase jedhutti lammileen isaa Itiyoophiyaa keessa jiran hatattamaan akka bahu akeekkachiiseera
Mostrar todo...
Kamiseen guutumaan guututti harka ilmaan Warqituu fi Jajjabee Oromoo galtee jirti!
Mostrar todo...
Ministerri Dhimma Alaa Itoophiyaa qondaalonni UN torba sa'a 72 keessatti daangaa biyyattii gadhiisanii akka bahan murtaa'uu hime. Itoophiyaan qondaalonni UN torba saatii 72 keessatti biyyaa akka bahan ajajje. Ministerri Dhamma Alaa Itoophiyaa akka jedhetti, qondaaltoonno olaanoon biyya gadhiisanii akka bahan murtaa'e kanneen dhimma keessoo biyyaa keessa seenaniifi ''lammii biyya alaa mirga himatamuu dhabuu qabanidha.'' naannoo Tigiraay akka hin galleef ''beekaa danqe'' jechuun himatte. Kanneen akka gadhiisanii bahan itti murtaa'e keessaa: Itoophiyaatti bakka buutuu UNICEF, Adel Kihodir UNtti Hoggantuu waajjira Qindeessa Deeggarsa Namoomaa, Maarsii Viigodaa UNtti gorsaa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kiseweesii Saannsikulootee Waajjira UNtti Itti Aanaa Hogganaa Saidaa Mohaammad Heersii UNtti hoggantaa garee hordoffii fi gabaasaa Obbo Saanii Oonyoogbulaa Waajjira UN Itoophiyaatti I/Aanaa Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Giraan fi Le'iteeyfi UNtti Qindeessaa deeggarsa yeroo eeggannoo Gaadii Eltaahir Mu'aadii kanneen murtoon irratti darbedha.
Mostrar todo...
Hidhattootni Naannno Affar lola ummata Walloo Aanaa Baatee irratti bananiin dargaggoota 2 rasaasaan ajjeesan. [SQ-Fulbaana 29/2021 kaaba Oromiyaa walloo Aanaa Baatee keessatti uummatni oromoo walloo adamfamee ajjeefamaa jira. Uummatni keenya oromoon walloo qaama isaaf dubbatu kan uummata isaaf yaadu dhabe malee fuguggaan hidhattoota naannoo Amaaraa fi hidhattoota naannoo Affariin irratti rawwaachaa jiru duguggaa sanyii(genocide) bara 1994 Ruwaandaa irratti raawwateen adda miti jedhu jiraattotni naannichaa dhaamsa SQf dhaamaniin. uummatni walloo ajjeefamee sagalee dhabaa jira. keessattuu kaabni walloo aanaan Baatee tooftaa ittiin uummaticha buqqisuuf karoorfameen ajjeefamuu erga jalqabee waggoota 10 hanga 15 ta'a jira kan jedhan jiraattotni naannichaa Yoo xiqqaate utuu qaamni safuuf duudhaa uummatichaa baratee aangoo of harkaa qabu jiraatee rakkoon walloon keessa jirtu addunyaa tana irratti dhiibbaa guddaa uumuu dandeessi turtes jechuun komii fi miira gaddaa yakka ummata Oromoo Walloo irratti raawwatame dubbatau. Kanaafuu hawaasni oromoo keessatti immoo midiyaaleen oromoo kamuu walloof xiyyeeffannoo kennaa walloo hordofus gadi bu'aa tahuu irraa kan ka'e ajjeechaan guyyaa irraa gara guyyaatti ummata Oromoo walloo irratti raawwatamaa jiraachuu maddeen naannichaa yaada SQf dhaamaniin himaniiru Akka odeessi guyyaa har'aa fulbaana 29/2021 nu qaqqabe ifoomsutti ilmaan Oromoo kichuuwwaan ol guddaachaa jiran kan maqaan isaanii armaan gadii humnoota waraanaa Affaariin ajjeefamanii jiru. 1.Abduu Huseen Ahimadii fi 2.Mohaammad Lubee kan jedhaman humna hidhattoota Affar kan shiira mootummaa naannoo Amaaraa galmaan gahuuf sosso'aniin daangaa oromoo walloo cabsanii seenuun ganda #Dhakaachoo jedhamutti ajjeechaa uummata Oromoo walloo irratti raawwataniiru. Akka maddeen naannichaa jedhanitti humni hidhattoota Affar kun mootummaa naannoo Amaaraa waliin walitti hidhamanii sosso'aa waan jiraniif uummatni keenya Walloo akka wal gurmeessee of eeggatu akkasumas Oromoon Addunya airra jirus akka sagalee tahuuf jiraattotni waamicha dhiyyeeffataniiru. Kaabinee fi kaadireen walloo yeroo hidhattootni nananoo Affaar Ummata Oromoo walloo aanaa Baatee irre deddeebiin ajjeesutti afaan qabatanii taa'uun ummataaf dubbachuu dhabuun immoo ajjeechaa sukkaneessaan irra deddeebiin akka mudatuuf karaa akka saaqes maddeen naannichaa SQtti himaniiru.
Mostrar todo...
14.31 MB
Maammuu Abbaa Qalaadii #Waraanni bilisummaa Oromoo furtuu siyaasa gaanfa Afriikaa ta'uuf deema yoggaa jennu ragaadhaani. ====== Sadarkaan dimookiraasii WBO/ABOn yeroo ammaa irra gahee jiru qaama biyya bulchaa jiruuf yaaddoo ammoo uummata keenyaaf gammachuu daangaa hinqabnee uumee jira. Har'a akeekni qabsoo mooraa bilisummaa Oromoo kan jaarmiyaa uummanni Oromoo akka lubbuu isaatti jaallatu, WBO/ABO-tiin taliigamu falma hadhawaarra kan inni jiruuf fedhaafi hawwii namoota muraasaa guutuuf adeemaa jira utuu hintaanee, garbummaa qolee saba isaatti rarra'ee jiru irraa lafaan dhahuufii. WBOn, dallaa Oromummaa nagaa dhiigasaa qulqulluu lolaasee tokkummaa Oromummaa dhugaa lafeesaan hordee dhaabuun har'a akka nuyii Oromoodha jennee qoma dhiibnee adeemnuuf gahee leencaa ba'ateera, ammas gadi hinteenye. Kana malees, danuuma dhiibbaan mootummaa abbaa irree irraa isarra gahu keessa uummatasaa qaalii akka lubbuutti jaallatu leenjisee falmaaf qopheessaa jira. Qeerroo abdii biyyaa mooraa leenjii galchuun sansakaafi gootummaasaa cuuphachiisee kumaatama leenjisee lolee lolchiisaa jira. Guyyaan har'aa seenaa hidhannoo waraanni bilisummaa Oromoo keessatti guyyaa addaadha. Guyyaa itti WBOn, bobaa diinaa jala taa'ee qeerroo dhibbootan lakka'aman leenjisee eebbisiisuun garbummaatti lafa kutedha. Akkasumas, bifa haaraan waraanni bilisummaa Oromoo zoonii Giddu galeessaa Oromiyaa loltuu komaandoo seenaa keessatti yeroo jalqabaaf leenjisuun eebbisiisee Oromiyaa bal'oorra dhangalaasuuf qophii xumureerra. Waraanni bilisummaa Oromoo furtuu siyaasa gaanfa Afriikaa ta'uuf deema yoggaa jennu ragaadhaani. Uummanni keenyas kana hubachuun kan duraa caalmaatti of ijaaruun mootummaa abbaa irree kana dura dhaabachuuti qaba. Sabni humna hidhateefii tokkoome qabu ijifataafi sodaachisaadha; sodaatamee jiraata. Maarree ilmi abbuma fakkaata akkuma jedhamu sana uummanni keenyas obsaafi cichoomina WBOn massakamuun adeemsa isa gara walabummaafi bilisummaa Oromoofi Oromiyaatti fuullessuun dirqama.
Mostrar todo...
Gumaacha WBOf Konyaa Radaa Gurmuu Urjii irraa gumaacha $4200 WBOf godhame
Mostrar todo...