cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

Mostrar más
Finlandia179El idioma no está especificadoNoticias y medios5 389
Publicaciones publicitarias
29 107
Suscriptores
+2724 horas
+1367 días
+51830 días
Distribuciones de tiempo de publicación

Carga de datos en curso...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Análisis de publicación
MensajesVistas
Acciones
Ver dinámicas
01
Waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fi "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan. Dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuun adeemsarra jiraachus ibsaniiru.
10Loading...
02
#Tigraay Humnoonni Tigraay naannawaa Allaamaaxaa irraa gadhiisanii bahuu ibsame Humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fi "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan. Humnoonni Tigraay naannawaa kanneen irraa gadhiisanii akka bahan kan godhame waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf ta'uu Obbo Geetaachoon eeraniiru. Dabalataan dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuuf haala mijeessuuf ta'uu ibsaniiru. Hojiin buqqaatota kanneen gara qe'ee isaanitti deebisuu adeemsarra jiraachuus eeraniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
2 0301Loading...
03
Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii raawwatame. Balaa Heliikooptaraan muudateen kan du'an Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii kaleessa raawwatameera. Sirni awwaalchaa Ibiraahim Raa'isii bakka qulqulluu jedhamu magaalaa Mashaad keessatti raawwateera. Balichaan waliigalaan lubbuu namoota torbaa darbuun kan yaadatamuudha. Ministirri Dhimma Alaa biyyattii balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban kaleessa sirni awwaalcha isaanii raawwatame. Sirni awwaalchaa Ibraahiim Raayis har'a bakka hoggantoonnii fi aanga'oonni biyyoota 68 olii argamanitti raawwatamuu Reuter fi BBCn gabaasaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 3673Loading...
04
Yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame. Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera. Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture. Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera. Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 0712Loading...
05
Finfinneetti manni jireenyaa diigamuun lubbuun nama tokkoo darbe. Finfinneetti balaa manni jireenyaa diigameen lubbuun nama tokkoo darbuu Komishiniin Hoggansa Hojii Balaafi Sodaa magaalichaa beeksise. Ogeessi qunnamtii ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo odeeffannoo DhPItiif kennaniin, har’a Caamsaa 15 bara 2016 Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 7 bakka addaa Yarar jedhamee waamamutti, hojjettoota gamoo nama dhuunfaa hojjetaa turan keessaa tokkorratti manni jireenya nama dhuunfaa jiguun lubbuunsaa darbeera. Balaan kun kan mudate hojjettoonni hojiirra otoo jiranii manni nama dhuunfaa qarqararra ture diigamuusaatiini jedhan. Hojjettoonni yeroo balaa komishinicha reeffaa nama du’ee biyyeefi dhagaan irra tuulamee ture qotanii baasuun poolisiif dabarsanii kan kennan yoota’u, reeffasaa baasuuf sa’atii 1:30 akka itti fixe himaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 4120Loading...
06
Lammiin Keeniyaa gaara yaabbachuun beekamu fiixee gaara Everestitti dhiyaatee erga dhabamee booda reeffi isaa argame. Namni ganna 40 Jooshuwaa Cheeriyoot jedhamu nama imala gargaaraa ture lammii Neeppaal waliin Roobii darbe achi buuteen isaanii dhabame. Lammiin Keeniyaan kun gargaarsa oksijiinii dabalataa malee nama Afrikaa jalqabaa gaara Everesti irra bahe tahuuf ture. #BBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 5721Loading...
07
#Palestine🇵🇸 Guyyaa har'aa Ayarlaand, Noorweey fi Ispeen beekamtii biyyummaa Filisxeemiif akka kennan ifatti beeksisaniiru. "Guyyaan har'aa Filisxeem biratti guyyaa baayyee seena qabeessadha" jedhan. Muummichi ministeeraa Ayarlaandi Siimoon Haaris, "Har'a Ayerlaand, Noorweeyii fi Ispeen walabummaa Filisxeemiif beekamtii kenninee jirra. Murtee kana hojiirra oolchuuf tokkoon tokkoon keenya tarkaanfii biyyaalessaa kamiyyuu ni fudhanna" jedhan. Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan, " #torban_itti_aanan keessatti biyyoonni hedduun tarkaanfii barbaachisaa kana fudhachuuf nu waliin akka ta'an ni amanna" jedhaniiru. Mootummaan Aayirlaandi beekamtiin biyyummaa kun furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru ta’uu fi nagaa waaraa naannichaaf barbaachisaa ta’uu ibseera. Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez fi Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Ispeen Baart Iid biyyoonni isaanii Caamsaa 28 irraa eegalee Mootummaa Filisxeem beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru. Muummichi ministeeraa Ispeen Peedroo Saancheez, ''lolli garee shororkeessummaa #Hamas irratti godhamu seera qabeessa ta'us, MM Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirojektii nagaa Filisxeem hin qaban'' jedhan. Muummichi ministeeraa Noorweey Jonaas Gaahirr Istoor, "beekamtiin Filsxeem yoo hin jirree, Giddu Galeessaa bahaa keessatti nagaan jiraachuu hin danda'u" jedhan. ''Filisxeem biyya walabaa ta'uuf mirga bu'uuraa qabdi,'' jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 5437Loading...
08
.
4 7652Loading...
09
#Keeniyaa #USA Affeerraan kabajaa Pireezidant Baayidan gita isaanii Keeniyaaf taasisan waggaa 16 booda US bulchaa biyya Afrikaaf affeerraa kabajaa goote isa jalqabaati. Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru. Pireezidant Rutoon yaa'ii waloo Kongireesii Ameerikaarrattis haasaa akka godhan ni eegama. Mootummaan Keeniyaa imala Ruutoo ilaalchisee ibsa baase keessatti ''tarkaanfii seena qabeessa'' jechuun hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 60f ture gara sadarkaa olaanaatti kan siqsu ta'uu ibse. Erga bara 2018 biyyootni lameen hariiroo isaanii gara sadarkaa ''walta'iinsi tarsiimawaatti'' ol guddisisuus beeksise. Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessaniifi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisaa jedha ibsi imala Ruutoorratti kenname. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 0761Loading...
10
Daa'imman gara miliyoona 9tti dhiyaatan barnoota ala ta’aniiru - #UN Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona 8.85 ta’an barnoota ala ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa'immanii (#UNICEF) beeksise. Haalli barnootaa biyyattii haala rakkisaa keessa akka jiru kan ibse UNICEF, sababni guddaan kanaa walitti bu'iinsa kutaalee biyyattii hedduu keessatti hammaataa dhufe ta'uu akeekeera. Ji’oota sadan jalqabaa bara kanatti (Amajjii, Guraandhala fi Bitootessa) biyyattii keessatti lakkoofsi manneen barnootaa cufaman dhibbeentaa 18n dabaluu isaa kan ibse UNICEF, lakkoofsi manneen barnootaa miidhaan irra gahe dhibbeentaa 4.5 dabaluu ibseera. Akka odeeffannoo UNICEF irraa argametti, biyyattii keessatti manneen barnootaa 6,770 miidhaan kan irra gahe yoo ta’u, manneen barnootaa 6,410 cufamaniiru. Kana malees, Itoophiyaatti hongee fi lolaa adeemsa barnootaa gufachiisuun lakkoofsi daa’imman gara mana barumsaa deeman hir’isuu isaa UNICEF ibseera. AS @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 0365Loading...
11
#Wallaggaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise. Dhimma kana ilaalchisee daandiin qilleensichi xalayaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ergeen, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture deebi’ee eegaluun gara xumurarra jiraachuu ibseera. Daandiin Qilleensichi xalayaa isaa kanaan, ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Naqamtee xumuramee Caamsaa 24 balalii yaalii, Waxabajjii 10 ammoo balalii idilee akka eegalu yuunivarsitichi gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeesseera. Bara 2010 ALI kan eegalameefi birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
5 8056Loading...
12
Hujjaajota marsaa jalqabaaf gaggeessaan raawwatame. Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hujjaajota bara 1445ffaa marsaa jalqabaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeessaa taasiseera. Hujjaajonni Itiyoophiyaa hardha irraa eegaluun sirna hajjii raawwachuuf Su'ud Arabiyaa seenuu eegalaniiru. Sirnichi bakka qondaaltonni olaanoo Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa fi hoggansaafi hojjettoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa argamanitti gaggeeffameera. Barreessaan olaanaa Mana Maree Ol’aanaa Sheek Hamid Muusaa "sirni Hajjii imala irraa kaasee hanga deebi’anitti tajaajilli isaa teeknooloojiin kan deeggaramee dha" jedhan. Bara darbe hujjaajonni kuma 11 kan imalan yoo ta’u, bara kanas hujjaajonni kuma 12 ol gara iddoo sanaa akka deeman yaadachiisaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
6 5683Loading...
13
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad muudama har'a kennaniin iddoo ministeerota lamaa waljijjiraniiru. Kanaan dura Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Kan tura Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa ta'uun muudamaniiru. Yeroo jijjiirama Ministeera  Raayya ittisaa dursaa kan turan Doktar Abrahaam Balaay Ministira Ministeera Jaallisiifi Naannawa Gammoojjii ta'uun muudamaniiru. Akkasumas, Doktar Mahaammad Indiriis Sadarkaa Ministir de’eetaatti, Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii ta'uun Caamsaa 13 bara 2016 muudamaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
7 0095Loading...
14
Pireezidaantiin Iraan Ibraahiim Raayis balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsame Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis fi Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hoseen Amiin Abidoolaahiin balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsameera. Balaa guyyaa kaleessaa Heliikoptara waraanaa aanga'oota kanneen feetee imala turterra mudateen lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'eera jedhame. Aanga'oonni Heliikoptara keessa turan 4 du'uu isaanii Reuters gabaaseera. Heliikoptarri Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayisiin dabalatee Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolahii Al Raashiimii fi Bulchaa Baha Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu feetee imalaa turte kuftee caccabuun ni yaadatama. Akkasumas namoonni biraa isaan waliin turan balaa helikooptaraa Kaaba Dhiha Iraan keessatti mudateen du’uun isaanii mirkanaa’uu TVn mootummaa biyyattii beeksiseera. Sababni balaa helikooptara Iraan ammallee sirriitti hin baramne jedhame. @tikvahethafaanoromoo
6 1063Loading...
15
Helikoptarri pirezidaantii Iraanifi qondaalota olaanoo biyyattii baatee deemaa ture jedhame kufee caccabuu miidiyaan biyyattii gabaase. Hojjattoonni lubbuu baraarsaa helikoptara Pirezidantii Iraan Ibraahim Raa'isii fi qondaaltoota gara biraa qabattee kuftee cacabuun himamee barbaacha bobba'an sadii bakki qaqaban dhabamu dubbii himaan dhaabbata Addeecha Diimaa hime. Hojjattoonni lubbuu barbaarsaa bakka buteen isaanii dhabame kunneenis tarii bakka helikoptarittiin itti kuftee cacabdeetti dhiyaachuun akka hin ollee dabaluun dubbatan. Sababii haalli qilleensaa rooba cimaa waliin ''garmalee akka qabbannaa'aa'' eegamuuf, oppareeshinii barbaachaa akka harkiifachiisuu himan. Helikoptarri pirezidaantii Iraaniifi qondaalota olaanoo biyyattii gara biraa baatee deemaa ture kufee caccabuu miidiyaan biyyattiitu gabaase. Helikoptarri pirezidantin Iraan Ibraahim Raaisiiin ittiin imalaa turan kun har'a waaree booda daangaa Azarbaajanitti kufee caccabe. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
6 2910Loading...
16
Atileetoonni Itiyoophiyaa fiigicha Shaampiyoonaa Atileetiksii Paaraa Idil Addunyaa Jaappaanitti gaggeeffamaa jiru injifatan. Fiigicha meetira kuma 1 fi 500 garee 13 gidduutti fiigame Atileet Tigisti Gahaanyi injifachuun meedaaliyaa Warqee argatteetti. Atileet Tigisti fageenyicha daqiiqaa 4:18.90 xumuruun riikardii addunyaa haaraa galmeessuun injifatte. Akkasumas dorgommii meetira kuma 1 fi 500 garee 11 gidduutti fiigame Atilee Yaayesh Geexeen daqiiqaa 4:31.77 xumuruun riikardii fooyyessuun meedaaliyaa warqee argatteerti. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
6 7191Loading...
17
Manneen barumsaa qormaata xumura kutaa 12ffaa  kan bara 2016 toora interneetiin qoran ifoomeera. Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 bifa waraqaa fi toora interneetiin akka kennamu ni beekama. Bu’uura kanaan barattoonni qormaata kana karaa interneetii fudhatan magaalota filatamoo kanneeniin qofatti kan fudhatan ta'a. Haaluma kanaan, qoramtoonni qormaaticha fudhachuun dura  shaakala gahaa gochuun barbaachisaa waan ta'eef, guyyaa har'a Sanbata Caamsaa 10/2016 irraa eegalee naannoolee argamanitti waan ramadaniif shaakaluu ni danda'u jechuun ibsameera. Qoramtoonni Maqaa Fayyadamaa(username) fi 'Password' manneen barnootaa isaanii irra fudhachuu ni danda'u. Haaluma kanaan akkuma gara toora shaakala seenaniin jecha icciitii (Passwordii) dhuunfaa isaanii kan hin dagatamnee kan jijjiiran ta'uu ibsameera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
8 86273Loading...
18
Lammiileen kumni 1 fi 147 Saa'uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi'an Lammiileen Saa'uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 147 har'a balalliiwwan sadiin gara biyyaa deebi'aniiru. Ebla 4, 2016 eegalee hanga ammaatti lammiileen kumni 25 fi 800 gara biyyaa deebi'uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul'isa. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
6 1020Loading...
Waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fi "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan. Dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuun adeemsarra jiraachus ibsaniiru.
Mostrar todo...
#Tigraay Humnoonni Tigraay naannawaa Allaamaaxaa irraa gadhiisanii bahuu ibsame Humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fi "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan. Humnoonni Tigraay naannawaa kanneen irraa gadhiisanii akka bahan kan godhame waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf ta'uu Obbo Geetaachoon eeraniiru. Dabalataan dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuuf haala mijeessuuf ta'uu ibsaniiru. Hojiin buqqaatota kanneen gara qe'ee isaanitti deebisuu adeemsarra jiraachuus eeraniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 8 2
Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii raawwatame. Balaa Heliikooptaraan muudateen kan du'an Sirni awwaalchaa Pireezidaantii duraanii Iraan Ibraahiim Raayisii kaleessa raawwatameera. Sirni awwaalchaa Ibiraahim Raa'isii bakka qulqulluu jedhamu magaalaa Mashaad keessatti raawwateera. Balichaan waliigalaan lubbuu namoota torbaa darbuun kan yaadatamuudha. Ministirri Dhimma Alaa biyyattii balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban kaleessa sirni awwaalcha isaanii raawwatame. Sirni awwaalchaa Ibraahiim Raayis har'a bakka hoggantoonnii fi aanga'oonni biyyoota 68 olii argamanitti raawwatamuu Reuter fi BBCn gabaasaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 30 4🥰 1👏 1
Yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame. Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera. Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture. Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera. Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 24 10😢 7
Photo unavailableShow in Telegram
Finfinneetti manni jireenyaa diigamuun lubbuun nama tokkoo darbe. Finfinneetti balaa manni jireenyaa diigameen lubbuun nama tokkoo darbuu Komishiniin Hoggansa Hojii Balaafi Sodaa magaalichaa beeksise. Ogeessi qunnamtii ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo odeeffannoo DhPItiif kennaniin, har’a Caamsaa 15 bara 2016 Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 7 bakka addaa Yarar jedhamee waamamutti, hojjettoota gamoo nama dhuunfaa hojjetaa turan keessaa tokkorratti manni jireenya nama dhuunfaa jiguun lubbuunsaa darbeera. Balaan kun kan mudate hojjettoonni hojiirra otoo jiranii manni nama dhuunfaa qarqararra ture diigamuusaatiini jedhan. Hojjettoonni yeroo balaa komishinicha reeffaa nama du’ee biyyeefi dhagaan irra tuulamee ture qotanii baasuun poolisiif dabarsanii kan kennan yoota’u, reeffasaa baasuuf sa’atii 1:30 akka itti fixe himaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 6😢 2 1
Photo unavailableShow in Telegram
Lammiin Keeniyaa gaara yaabbachuun beekamu fiixee gaara Everestitti dhiyaatee erga dhabamee booda reeffi isaa argame. Namni ganna 40 Jooshuwaa Cheeriyoot jedhamu nama imala gargaaraa ture lammii Neeppaal waliin Roobii darbe achi buuteen isaanii dhabame. Lammiin Keeniyaan kun gargaarsa oksijiinii dabalataa malee nama Afrikaa jalqabaa gaara Everesti irra bahe tahuuf ture. #BBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 9😢 8👏 4 2
#Palestine🇵🇸 Guyyaa har'aa Ayarlaand, Noorweey fi Ispeen beekamtii biyyummaa Filisxeemiif akka kennan ifatti beeksisaniiru. "Guyyaan har'aa Filisxeem biratti guyyaa baayyee seena qabeessadha" jedhan. Muummichi ministeeraa Ayarlaandi Siimoon Haaris, "Har'a Ayerlaand, Noorweeyii fi Ispeen walabummaa Filisxeemiif beekamtii kenninee jirra. Murtee kana hojiirra oolchuuf tokkoon tokkoon keenya tarkaanfii biyyaalessaa kamiyyuu ni fudhanna" jedhan. Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan, " #torban_itti_aanan keessatti biyyoonni hedduun tarkaanfii barbaachisaa kana fudhachuuf nu waliin akka ta'an ni amanna" jedhaniiru. Mootummaan Aayirlaandi beekamtiin biyyummaa kun furmaata mootummoota lamaa kan deeggaru ta’uu fi nagaa waaraa naannichaaf barbaachisaa ta’uu ibseera. Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez fi Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Ispeen Baart Iid biyyoonni isaanii Caamsaa 28 irraa eegalee Mootummaa Filisxeem beekamtii akka kennan ifatti beeksisaniiru. Muummichi ministeeraa Ispeen Peedroo Saancheez, ''lolli garee shororkeessummaa #Hamas irratti godhamu seera qabeessa ta'us, MM Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirojektii nagaa Filisxeem hin qaban'' jedhan. Muummichi ministeeraa Noorweey Jonaas Gaahirr Istoor, "beekamtiin Filsxeem yoo hin jirree, Giddu Galeessaa bahaa keessatti nagaan jiraachuu hin danda'u" jedhan. ''Filisxeem biyya walabaa ta'uuf mirga bu'uuraa qabdi,'' jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 45 9👏 3😢 1
01:44
Video unavailableShow in Telegram
.
Mostrar todo...
👍 3
#Keeniyaa #USA Affeerraan kabajaa Pireezidant Baayidan gita isaanii Keeniyaaf taasisan waggaa 16 booda US bulchaa biyya Afrikaaf affeerraa kabajaa goote isa jalqabaati. Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru. Pireezidant Rutoon yaa'ii waloo Kongireesii Ameerikaarrattis haasaa akka godhan ni eegama. Mootummaan Keeniyaa imala Ruutoo ilaalchisee ibsa baase keessatti ''tarkaanfii seena qabeessa'' jechuun hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 60f ture gara sadarkaa olaanaatti kan siqsu ta'uu ibse. Erga bara 2018 biyyootni lameen hariiroo isaanii gara sadarkaa ''walta'iinsi tarsiimawaatti'' ol guddisisuus beeksise. Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessaniifi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisaa jedha ibsi imala Ruutoorratti kenname. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Mostrar todo...
👍 15

👍 10😢 1