cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Nuur At Toohid Dawa Group

❤️Walaloo Fi Gorsa Gara Garaa Argachuuf Channel Kenya Kana Join Godha Inshaa Allah

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
184
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Kutaa 4 ffaa .....Itti Fufe.....✍✍ ▲ Adda Dureetti Hojii Markaazni Kun Hojjate Kessa Inni Jalqabaa Dubartoota Magaalaa Baddeessa Gama Barnoota Hiifziitiin Carraa Dhabiinsa Ture kana Furuuf Yaadee Isaaniif Haala Mijjeessuun Dubartoota Hanga Nama 26 Tahan Bara Dabree Irra Eegalee Gama Barnoota Hiifziiti Isaan Galchee Kan Barsiisa Jiru dha! ▲ Markaazni kun Da'iimman Amma Lafaa ka'an fi Ijollee Wagga kudha shani gadii Tahan kan Quraanaa ijan Baratan kan Barnoota Madalawaa dalawaa tahe isaan Barsiisuun ciinatti Akka Gaafa Quraana Haffazan isaaniti hin ulfaannef Yaade qixa sirritti Kunuunse Kan guddiisu tahu isaati ▲ Barattoota Isaatiif Dubartoota Dabalatee Yeroo yerooti Tohannaa Barbaachiisa tahe cufa Kan Godhu fi Akkasuma Kan dandeettii fi Hubannoo isaani Madaaluu Tahu Isaati ▲ Xiyyeefannaan Barnoota isaani akka hordoofaniif Yaadamee Torbaaniti yoo xiqqaate Al tokko Leenjii fi Gorsa isaan fayyaduu ( Ustaaza) isaani irra kan isaaniif Laatamu Tahu. ▲ Kudha Shan Shaniitti Sagantaa Akka Muhaadaraa Gaafii fi Deebii fi Dorgommiile Adda Addaa kan Of Kessatti Hammate Qopheessuun Baratoota Duraanii Hundi kan irratti Hirmaatan tahu isaati! ▲ Baratoota Harka qalleeyyii tahan kan Gargarsaa hin qabnef Yaade Abbooti Qabeenya tokko tokko Mariiyachiisun Achuma kessatti Isaaniif Haala Mijjeesse Akka Sooraman ykn Nyaata Argatan Taasiise jira! ▲ Baratoota isa kan Achii kessa Eebbiifamanii Bahaniif Akka Carra Barnoota Akkadaamii fi Diiniiyaa Dabalataan Argataniif Yaade Isaanif Haala Mijjeessun Bakka Jiraniiti Yeroo yerooti kan isaan Hordoofu Tahu isaati ▲ Baratoota Isaatiif Ji'atti Al tokko Waan Barataan irraa Muraaja'a kan godhu tahu isaati! ▲ Dargaggoota Musliima Magaala Baddeessatiifi Akkasumma Amiiroota Jama'aa Jaraani kophatti isaan walitti qabuun torbaaniti al tokko Leenjii adda gama Ustaaz Mubaarak Kan isaaniif kennamuu tahu isaati! ▲ Baratoota Markaaza Daarul Arqam kessatti Eebbiifamani Bahuun iddoo adda adda kan jiraatan (Gumii #Baratoota_Markaaza_Daarul_Arqam )Hundeeysuun Akkawuntii Bananii Busii Waliiti kuufatuun Buusii sanin deebiyani markaaza kan tajaajilaan tahu isaati Akkasuma Baratoonni kun beekumsa Markaaza kana kessatti horanne baane kanaan baratoota amma jiran fayyaduu qabna jechu dhan tola oltummaa dhan kafaltii takka male baratoota Markaaza kessatti baracha jiran Ustaazoota jiraanif gargarsa tahani kan barsiisa jirani fi Muraajaa kan godhan tahu isaati ▲ Daldaltoota fi Namoota hojjii guyya hojjataniif Markaaznii Daarul Arqam Akkasuma isaaniif haala barnoota itti argatan isaaniif mijjeessun barnoota galgalaa kan barsiisu tahu isiin hubachiisu barbaada
Mostrar todo...
Kutaa 3 ffaa ......Itti Fufe✍✍ #Seenaa_Markaaza_Daarul_Arqam Markaazni kun Bifa Akkamin Baratoota Hiifzii Barachu Barbaadan Siimata fi Goosota Ilmii Achii Kessatii kennamani fi Kaneen Birotiis tartiibaan Kan ilaallu taha . 👇👇 ➤ Barataa Dandeeytii Quraanaa Ijaan Qara'aani isa Gaarii tahe fi Barnoota Diin Hanga Tahe irra baratee yoo tahe filatama dha ➤Barataa Amala Qabeessa fi Kan Matii isaati fi Hawaasa wajjin Jiraatu Waliin Hariiroo Gaarii Qabu dha ➤ Akkasuma Nama Amanta Jabeessu fi kan Beekumsa Diinii Gabbiifatu Fedhu fi kan Hamiile Gaarii Qabu Yoo Tahe Filatama dha, ➤ Barataa Markaaza Bira irra Ari'amee tahu hin qabu Akkasumma Barataan kun Waraqaa Eenyumma Qabatuu Qaba ◆ Goosotnii Barnoota Markaaza kessatti Keenamuu ➧Barnoota Hiifziidhaan Wal Qabatan Kanneen Akka Tajwiidaa, Talqiinaa, Tawhiidaa, Siiraa, Tarbiiyaa Fi Barnoota Salaata Kanneen Akka Siifa Salaatatiifi Akhlaaqa (Aadaaba ) Diin Islaama Sadarkaa Sadarkaa dhan Kan Achii Keessati Barsiisuu (Kennamuu) dha ◆ Dhimmi Ijoon Markaazni kun Akka Rakkiinati Qabu Kannen Armaan Gadiitii Ilaalu Taha Isaanis........... ? ▲ Meeshalee Biroof Barbaachiisan Kanneen Akka Kompitaraa, Printaraa Fi Kanneen Biro Kan Hin Qabne Tahu ▲ Iddoo Bulmaata Baratoota ( Dormii ) Hin Qabu Kutaa Baratootni Guyya kessatii Barataa Oolan Achuma Kessa Buluu ▲ Baratoota Dubartoota Galmeesse Bara Dabre irra kan Barsiisa Jiru Yommu Tahu Kutaa Dabalataa Isaan Kana Sadarka Sadarkaadhan Adda Baase Hawwaanis Dabalatee Kan itti Barsiisuu Hin Qabu ▲ Barsiisoonni Achii Kessa Barsiisan kanneen Mindaa Kafalamuuf Mindaa Gahaa Hin Qaban Akkasuma Wajjin Matii Waliin Jiraatu Maddaa Gaalii Bira Hin Qaban Rabbumaaf Jecha If Qabani Rakkacha Barsiisuu Kunis Gargarsa Kessaniti Kan Haajamu Tahu Akka Beeytan ▲ Iddoo Qulqulliina Fi Mana Fincaani Gahaa Kan Hin Qabne Tahu Fi Sababa kanaan Baratootni Achii Kessatti Kan Rakkacha Jiran Tahu ▲ Iddoo Baratoota Isa irra Nyaachiisu Dhabbataa Hin Qabu, Gargarsumma Hawaasni Nannicha (Qaariyaa) Godhaniif irra Fayyadamaa kanaaf Achuma Kessatii Baratootaaf Haala Mijjeessu Barbaada Akka Barnoota isaani irratti Dhibbaa Hin Gesiisnef Yaade ▲ Barsiisoota Dabalaata Qaxaree Mindeessu Barbaada Kanaaf Markaazichi Bajaata Mataa Isa Gahaa Hin Qabu Kunis Gargarsumma Kessaniti Haajama ▲ Manneen Ijaarsa Dabalaata Kanneen Akka Kuuta ciisicha, (Dormii ) Iddoo Qu'aana (Mana Kitaaba ) Fi Iddoo Kopha Dubartootaa fi Haawwan Itti Barsiisu Jaarachuu Barbaada ▲ Dorgommii Adda addaaf Sagantaa Gorsa Baratootaaf Waan itti Qopheessu (Basii kanaaf Barbaachiisu Guutuufi K,k f dha, Kanaafuu Namni Rabbii Isiiniif Laaffiise Markaaza Kana Bira Waan Dandeessanin Akka Bira Dhaabatan Isiin Gaafata!! Kutaa 4ffaan Itti fufa......✍✍
Mostrar todo...
kutaa 2 ffaa bakka Itti Dhaabneerraa..✍✍ Markaznii Daarul Arqam Eega Hundeeffama isa irra kaase Waggoota 12 dabraniif Hojjii Keeyrii Hangana Hin Jedhamne Kan Seenaa Qabeeysa Taate kana Hunda Kan Hojjatuu Dandahee Rakkollee Isa Muudataa turan hundaa Osoo harka kennatiin Wareegama Barbaachiisa Tahe Kafaaluu dhani. Keessatu iddoo barnootaaf Mijaataa Hin Tahiin iddoo Qeeyraa Qushaashni Magaala Tana itti Gaatamu fi Ajaa Isaatiif Namni Biraan Dabru Hundii Dhiibdeef Saaxilamuu Dandahu Kana kessatti ture Baratoota Hedduu Quraanaa Hiifzii Barsiisee Eebbiisuun Haffiizootaa Yeroo Batii Soomanna Kessa Duran Hawaasni Musliimaa Magaala Baddeessa Salaata Tarahwiiyaatiif itti Ciinqame Baddaa fi Gammoojjii Kessa Barbaadu Turan kana Markaazni Kun Rakko Hawaasa Magaalati Furuun Haffiizoota Hedduu kan Fuldura Isaani Dhaabbate Batii Guutuu Sagalee Bareeduu Taaten Salaachiisa Bahan Kana Hunda Omiishee Masjiidoota Hundaaf Gumaachuu Dandahee Jira!👏 💚Akkasumma Masjiidoota Nannawaa Magaalaa fi Baddiiyaa Jiraanis Haafiiza Bakka hin qabne eerun Haafiizoota isaaniif erge Fayyaduu irratti Argama.Dhugumaatii Markaaznii Kun Hojjii Isaatii fi Haallii Rakkoo Inni Kessa jiru Yoo wal biratti kan qabne ilaallu tahe Wal Hin Gitu. Tahulle Garu Sadarkaa amma irra jiru Kana Irra Gahuuf Gumaachii Ustaazoonnii Markaaza kana kessatti Jiran tooftale adda adda fayyadamuun Gahumsa fi Dandeeytii Qabaniin Hundaan Barnoota Achii Kessatti Isaan Kennan kun Markaaza Kanaaf Bu'aa hammana hin jedhamne Argamsiise Jira!👏👏 💚 Waluma Galatti Markaaznii Daarul Arqam Maal Fakkataa Kan Jedhu Wantoota Amma Dubbannee Kana irra Waan Hedduu Hubaatu Ni Dandahama, Amma Immo Kan Ilaalluu Markaaznii Daarul Arqam Bifa Akkamiin Baratoota isa Siimataa (Galmeessa ) Akkasuma Gosoota Barnoota Achii Kessatti Keennamuu fi Wantoota Meeshalee Bu'uura Biroof BarbaachiisaTahani Fi Ijaarsa Manneenii Kutaa Dabalataaf Gargaarsa Kessaniin Guutachuu Barbaaduu fi Wantootaa Kanneen Biroo Insha Allah Ballimaan Itti Fufa......kutaa 3ffaa✍
Mostrar todo...
⭐🌙 Seenaa Markaaza Daarul Arqam Magaala Baddeessaa kutaa 1 ffaa........✍Bismillah jenne 💚Markaazni Daarul Arqam kan Hifzii Qur'aanaa God/Hargh/Lixa Bulchiinsa Magaala Baddeessaa Araddaa 02 Ganda Qeeyra kessatti Argamu kun Kan Hundeeffamee AH 1430, Baatii Shawwaalaa Kessa AlH 2001 Jechu dha. 💚Namni Markaaza Kana Yeroo Jalqabaatiif Bu'uura isaa gad dhaabe Asuma Aana Odaa Bultum Aradaa 14 Kessatti Dhalatee kan Guddaate Dhalata Biyyaa Kan tahe #Sheek_Abdul_Jaaliil Usmaani. Sheek Abdul Jaaliil Yeroo Saniitii Hawaasa Musliima Magaalaa Baddeessatii fi dhalootaaf yaadee Yeroo Saniitii Namoota Koree Masjiida Tofiiq turan Mariiyaachiisun, Achuma Masjiida gudda ciina Bakka dhaabni isaa lahwaan/ Xaawulaadhaan Ijaaramee Jiru Mana turaa (dullacha) kan ta'ee kessattii Ijoollee ykn baratoota Magaalaatii fi iddoo biraati dhufan Waliittii Qabuun, Qaraatii Quraanaa Achii Kessatti Jalqabsiisan. 💚Yeero Saniitii Gostii Barnoota Achii Kessatti Kennamu ture Lafzii fi Hifzii yommuu tahu Barsiisaan Yeroo jalqabatiif achii kessatti barsiisu ture #Sheek_Abdallaa_Jamaal ture. Achii Booda Markaazni Kun waggaa lamaa kessatti Baratootaa Hedduu Hiifzii Quraanaatii fi Barnoota Tajwiidaaa Dabalatee Baratootaa hedduu Qaraatii Quraanaa Biifa Ol'aanaa tahen Barsiisee Xummursiisuun Haafiizoota Hedduu Oomiishuu fi Ebbiisiisu Eegalee. 💚Markaazni Daarul Arqam Achiira Eegaleeti Qormaata fi Rakkinoota adda adda isa mudachuu kan jaalqabe, kessatu dhiphina daree wajjin wal qabaate iddoon barnoota yeroo sanitii mijjawa hin turre, sababaa kanaan koree yeroo sanii rakkoo fi bu'a fi bahii heddu tarkaanfachuun yaalii tasiiseen osoo hin Milkahiin wan hafeef barnootni addaan ciitun Markaazni Kun gara Magaala Ciiroti godaanuuf dirqame.💚Eegasii Hawaasnii fi Koreen yeroo san turan iddoo barnoota ballaa mijjataa tahe qopheessuuf tattaafii fi sochii tasiisaniin milkaahun iddoo yeroo amma itti barsiisa jiru kan ganda qeeyraa gadiiti argamu kessatti iddoo balloo taate irratti mana jaarun akka Markaaznii Magaala Ciiro irra asiiti deebi'uuf sababa tahani jiru Namoota saniis tattaafii fi qabsoo isaan taasisan galatonfacha Markaazni #Daarul_Arqam Achii Booda ture Haallii Baratootaa Heddu Siimatee Barsiisuu fi Eebbiisiisu kan Ciime itti fuufuu dandahe Jechu 💚Markaaznii Daarul Arqam kan Rakko adda adda kessa dabree as gahu dandahe kun Baratoota Hiifzii Quraanaa Sadarkaa Ol'aanaa tahen Bifa Qulqullina Qabun Hanga ammatii AH bara 1443, ykn ALH bara 2014 tii Jechu 💚Waluma galatii Baratootaa Barnoota Hiifzii Quraanaatiin Wal qabaatan 200 ol tahan barsiisuu dhaan Marsaa Jahaa kessatti Eebbiisee Hawaasa Musliimaatiif Gumaachuu dandahe jira!!Kutaa 2ffaa Itti fufa......✍✍
Mostrar todo...
Yaa Rabbii Kiyya !! Guyyaa Fuullii Jaalleewwan keeti Ifan san Fuula kiyya Ifa keetin Naaf Ibsii 😍 ! Yaa Allah Guyya Fuulii Diinoota Keeti Gurrachoomu San Fuula koo Ana Hin Gurraachoomsiin 😓 ! @Nuur_At_Toohid
Mostrar todo...
Wantii Raahmatni Rabbii Nurraa Fagaateef, ajajjaafii adeemsa nurraa barbaachiisu hordoofu waan dhiisneefi, salaata gad hin dhaabne, Zaakaa hin baasne, hamtuu irra wal hin dhoorgiine toltutti wali hin yaamne, Ziinaa dalaguu fi Farshoo dhugu dirreeti baatee, dharaa fi cubbuutu lafa guutee, tanaaf Roobnii nurraa dhaabatee 😓 Yaa Rabbii akka keenya hin laaliin Raahmata Keetin Rooba kee Nuuf Roobsii Qalbii Teenya tan goggooyde tanas nuuf jiisii 🙏
Mostrar todo...
Miillii Koo Ana Ba'aadhachuu Ni Dadhaban 😔 Jarsii Guddaan Tokko Wa'ee Hawwii/Feedhii Isaa Hogga Dubbatuu Akkana Nuun Ja'a ‥ Barumsa koo Xumuree Eebbiifamu dhan Hawwee Akkuman Hawweeti Nin Eebbiifamee Jireenyii Kophuummaa Dha Na Jibbiisiisnan Bultii Jaarun Hawwee‥ Akkuuman Hawweeti Jaalallee Jireenya koo Na Waliin Qoodattu Nin Argadhe Ammas Jireenyii Ilmaanin Male Duwwaadhati Ilmaan Argatuun Hawwee Akkuman Hawweetii Ilmaan Nin Argadhe Mana Kiraa keessa Jiraachuun Na Hiifachiiseti Mana Dhunfaa Koo Tahe Ooyru Kan Qabu Akkan Qabaadhu Nin Hawwee ‥ Akkuman Hawweeti Nin Argadhe Wanti Hundii Akkuma Jiruuti Hin Turutii Ilmaan Koo Naaf Guddatan‥ Akka Bultii Naaf Jaaran Nin Hawwee Akkuman Hawweeti Isaan Fuusiifadhe Kaniis Kannadhe Aniis Hojjii Hojjatun Na Hiifachiise Na Dadhabsiisee ‥ Taheetin Boqonnaa Godhu Nin Hawwee Akkuman Hawweeti Taheetiin Boqochuu Jalqabe Eegasii Akkuma Gaafa Eebbiifamu Booda Kopha koo Akkan Tureti Ammallee Kophadhan Tahee ‥ Garu Immo Gaafas Fuula koo Gama Jireenyaatiin Deebisee Turee Amma Immo Jireenyaaf Dugda koo Kennachuuti Jira Ammas Tahuus Hawwii Kannen Biroo Naaf Hafaa‥ Quraana Haffazuun Hawwee Garu Immo Sammuun koo Ni Dadhabee Soomanuun Hawwee Garu Immo Fayyaan Koo Naaf Hin Hayyamnee Rabbii koof Halkan Dhaabatun Hawwee Garu Immo Miillii Koo Ana Ba'aadhachuu Ni Dadhaban Rasuul ( S.A.W) Akkana Jedhan " Wantoota 5n Wantoota 5n Dura Itti Fayyadamaa ። ① Dargaggummaa kee Jarsuumman Duratii ② Fayyaa kee Dhukkubsachuun Duratii ③ Qabeenyaa kee Hiyyuummaan Duratii ④ Yeroo Boqonnaa kee Yeroo Dhiphatteen Duratii ⑤ Jireenya kee Du'aan Duratti ።" ๏ Olmaa kee Kan Guyya Kessati - Salaata Duhaa Salaatu - Quraanaa Hanga Tokko Qara'uu - Jecha Gaarii - Gama Rabbii Keeti Deebi'uuni fi Diilii irra Towbatuu - Halkan irratti Wiitrii Salaatuu - Hojjii Gaarii Rabbiin Qoftiin Beekuun Tahan Dalagii Jireenyii Kee Dhamdhama Akka Qabatuuf !
Mostrar todo...
Akkuma hadhaan obsaa jabaatun akkasuma bu’aan ati argattu mi’aayadha. Yommuu jireenya kee ulfaata fi fitnaa, Rabbii ajajamuu irratti obsituun, akkasuma firi obsaa mi’aawa san dhandhamta. Obsi kee Rabbiin irraa akka ta’e sammutti qabadhu. (Ilaali Suura An-Nahl(16):127) Yoo gargaarsi Rabbii hin jiraatin adda kee obsu hin dandeessu. Kanaafu Rabbiin sabrii akka sitti dhangalaasu kadhu. Du’aayi bareeddu tana fayyadami. “Rabbanaa afrig aleynaa sabran wa tawfanaa muslimiin" Gooftaa keenya sabrii nurratti dhangalaasi,Musliimotas godhii nu ajjeesi) Suura Al-A’raaf(7):126) @Nuur_At_Toohid
Mostrar todo...
#Ni_Salaanna #Ni_Baranna Ni salaannaa Ni baranna Mirga keenyas Ni eegganna Yoo jabaates Ni falmanna Mirga keenya hin kenninu Dabarsinee eenyuttiyyuu Ni baranna ni sallaanas Nu hin dhoowwu eenyumtiyyuu Diiniin keenya dhiiga keenya Isaan deemnee isaan teenya Ajajasaa ni raawwanna Bakka feenetti ni salaanna Nu hin dhoowwu ilmi namaa Hin gabroomu diin islaamaa Kabajamee dura deema Nu dhiibuu kan yaadu Nu dhoorkee salaata Hin fudhannuu abadan Ofumaa maraata Barnootaaf Amantaas Adda hin baasnu nuti Barataa salaanna Akka barbaannetti Muslimaaf salaanni Utubaa jireenyaati Milkii biyya lamaa Furtuu jannataati Salaata dhiisaa jechuun Abjuu hiika hin qabne Maaloo hin dhama'inaa Warri kana hin beekne Abbootiin keessanuu Dhoowwuu hin dandeenne Abdii kutadhaatii Afaan qabaa taa'aa Ni salaannas ni barannas Sirriitti dhaga'aa @Nuur_At_Toohid
Mostrar todo...
Ramadaan : 1 Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ "Rabbi biratti, shurufkaan(fooleen) afaan nama Soommanee Miskii irra urgaawa" jedhan. Bukhaariitu gabaase   - Rabbiif jecha beelawuun sadarkaa isiin qabdu Hadiisa kanarraa hubanna. Beelti guyyaa tokkoo ni dabarti. Ammoo sadarkaan Rabbi biraa qabnu sabattuudha. Fuula isaa barbaada warra gaarii dalage abadan Rabbiin hin hongeysu.
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.