cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

Mostrar más
FinlandiaEl idioma no está especificadoEstilo de vida saludable
Publicaciones publicitarias
2 666
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

DHUKKUBA NERVII Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha. Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa? ✍Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu ✍Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu. ✍Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu ✍Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu. ✍Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa? ✍Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa ✍Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12 ✍Sanyiidhaan ykn genetics ✍Alkoolii hedduu dhuguu ✍Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an. ✍Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu ✍Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa 🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan 🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna. 🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu -🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu 🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu 🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna.
Mostrar todo...
FAAYIDAA FAYYUMMAA SHANKOORA 0. Ufuura badaa fi ilkaan akka hin mancaane ni ittisa 1. Bullaa'insa nyaataaf gargaara 2. Kalee fayya qabeessa taasisa 3. Rakkoo onnee ni ittisa 4. Ulfaatina qaamaa hir'isuuf gargaara 5. Kaansarii ni ittisaa 6. Fayyaa gogaa ni jajjabeessa 6. Dhukkuba garaachaa ni fayyisa 7. Fayyaa afaanii ni eega 8. Finniisa ni fayyisa 9. Summii dhabamsiisa 10. Humna ni kenna 11. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni guddisa 12. Fayyaa lafee fooyyessa 13. Qubni akka jabaatu taasisa 14. Fayyaa maashaalee ni fooyyessa 15. Fayyumma Tiruu ni dabaala 16. Gogiinsa garaa ni ittisa 17. Amaloota farra dulloomuu 18. Ilkaan ni jabeessa 19. Ulfa nageenya qabu mirkaneessa 20. Namoota dhukkuba sukkaaraatiin rakkatan ni gargaara 21. Dhala fi humna dhiiraa dabaluu 22. Dhangala'aa dhiigaa haaromsuu fi summii balleessuu 23. Dhukkubbii qoonqoo fi infuleenzaa ni fayyisa 24. Dhiphina ni ittisa 25. Vitaaminii fi albuuda akka foosfarasii, pootaasiyeemii, kaalsiyeemii, sibiilaa, maagniziyeemiin kan badhaadhe yoo ta’u, kunis fayyaa kee kan eegudha . 26. Ho'a qaamaa ni hir'isa
Mostrar todo...
┃• ABDII QABDA •┃ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ๛ Har'a hiyyeessa yoo taate bor ni sooromta! ๛ Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo ta'e bor irraa hafaa qabaatta! ๛ Har'a miilla qullaa deemta yoo ta'e bor kophee jijjiirtee keewwattaam. ๛ Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta! ๛ Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta! ๛ Har'a nama si jaallatu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta! ๛ Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta! ๛ Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi! Moo'ichi nama abdii kutee taa'u bira utuu hin taane nama wal'aansoo qabu bira jira. Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama. Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa gonfachuun daawwaa milkoomina keetiiti. ABDII HIN KUTATIN! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι 📩 ᴊᴏɪɴ📩    sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​    https://t.me/fayyaanfaaya https://t.me/fayyaanfaaya             🔺ᴊᴏɪɴ🔺 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​https://t.me/fayyaanfaaya           🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Mostrar todo...
Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

Akeektuu Ogummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Kophaa yommuu jirtu, √ Yaada kee hubadhu! ➋. Hiriyaa waliin yommuu jirtu, √ Arraba kee eeggadhu! ➌. Yommuu aartu, √ Miira kee to'adhu! ➍. Gareedhaan yommuu jirtu, √ Amala kee ilaalladhu! ➎. Yommuu danqamtu, √ Ilaalcha kee madaali! ➏. Uumaan yommuu si eebbisu, √ Durii kee yaadadhu! #Share taasisaa!!! 📩 ᴊᴏɪɴ📩    sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​                🔺ᴊᴏɪɴ🔺 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​              🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Mostrar todo...
Gammachuun kee si wajjin jirti. Nama gammaduu barbaadeef gammachuun yoomiyyuu isa waliin jirti.gammachuu ofirraa achi butanii ilaaluun sirrii miti.gammachuun keessoo kee si waliin jirti. Yeroo kamuu haala kamuu keessa teessee gammaduu ni dandeessa.gammachuun haalonni hundi erga nuuf mijatee booda kan argannu osoo hin taane,haalonni akka nuuf mijatuuf qabsoo goonu keessatti argama. Namni tokko gammaduu kan qabu sababa waan yaade argateef qofa osoo hin taane waan yaade argachuuf dadhabuu isaattillee gammaduu qaba. Kanaafuu jaaloo koo jiruu keetti gammadi.rakkoo kamuu keessa jiraattulle gammadaa ta'i.seekoondiin tokko gammachuu malee ala akka sijalaa darbu hin eeyyamiiniif.yeroo kamuu,eesssayyuu teessee gammaduu ni dandeessaa hubadhu.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Faayidaa Vaaseline ni beektu? 1- Jiidhina qaama guutuuf: Gogaa lallaafaa bareedaa argachuuf erga dhiqattee booda qaama kee guutuu irratti faayadami⚱ 🌷 2- Naannoo ijaa: 👀 Kutaa gogaa naannoo ija keessanii kan miira namaa kakaasu suuta fi saffisaan qulqulleessuuf Vaseline fayyadamuu. 🌷3- nyaara Ija dheeraadhaaf.🤷 ♀️ Halkan Vaasiliiniin xiqqoo rifeensa ija keessan irratti argamu lallaafaa fi fiixeen akka hin gargar baane taasisa. 🌷4- Umrii urgooftuu dheeressuu: 🌷 Urgooftuu jaallattu dibachuu kee dura Vaseline haphii dibadhu, umrii urgooftuu keetii dheeressuuf akkasumas gogaan kee akka hin gogne eeguuf. 🌷 5- hidhii bareechuf/ibsu: 👄 Vaasiliiniin ifa addaa itti kenna. 🌷 6- Miilaaf: 👡👠👞👣 Vaazeliin miila keessaa jilbaa fi bakka goggogaa dibachuuf gargaara. < Miilli kee sirritti deema👣 🌷 7- Meeshaa miidhaginaa/ make up balleessuuf itti fayyadamuu.👸 🌷 8-Vaseline fayyadamuun harka lallaafachuuf 🌷9- Danfiin fuula namaa dhiqachuu: 💆‍♀️💆 In .. Fuula keessan Vaseline dhaan xuuxaa sana booda fuula keessan madaa irra kaa'aa
Mostrar todo...
FAAYIDAA HARGIISA 1). Amaloota isaa keessaa seelii gogaa jiidhina, oksijiinii fi cimsuun barbaachisaa dha. 2). Elastiiksii gogaa fooyyessuu fi akka hin mul'anne gogaa ittisuu danda'a. 3). Dhukkuboota sirna ittisa qaamaa ni cimsa, ni ittisa. 4). Fayyaaf amaloota antioxidant fi antibacterial humna guddaa qaban of keessaa qaba. 5). Dhiibbaa dhiigaa to’achuu fi tiraayigiliisaayidii tasgabbeessuufis ni gargaara. 6). Hamma sukkaara dhiigaa hir'isa. 7). Rakkoolee bullaa’insa nyaataa hedduu kanneen akka Gogiinsa gaara, Mar'imaani, gubaa garaachaa... 8). Dhukkuboota gogaa, kan akka gubaa, madaa fi madaa’aniif akka wal’aansa bal’inaan fayyadamuun addunyaa guutuutti beekama. 9). Marsaa dhiigaa ni fooyyessa 10). Dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa ittisuuf gargaara. 11). Infeekshinii keessaa fi alaa hir’isuu ykn guutummaatti dhabamsiisuu danda’a. 12). Fayyuu madaan ni saffisiisa. ... 13). Ilkaan irratti citaa ni hir'isa. ... 14).Madaa kaansarii yaaluuf gargaara. ... 15). Hamma sukkaara dhiigaa gadi buusa. 16). Cirraacha kalee ni ittisa 17). Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa ITTI FAYYADAMAA Fayyadama qaama keessaaf: Amaloota isaa argachuuf karaan hundarra gaariin baala haaraa fayyadamuudha. Budaa aloe vera, tonics ykn juices baala isaa keessaa itti naquu danda'a. Fayyadama qaama alaaf: Fayyadama alaa ajaa’ibaa qaba; yeroo baayyee kiriimii fi jeelota dhangala'aa isaa irraa hojjetaman keessatti gogaa gubaa, madaa, ciccituu irraa boqochiisuu fi eeguuf... OF EEGGANNOO · Fayyadamni aloe vera gogaa gosa tokko tokko irratti aarii, gubaa ykn ququnca’uu danda’a. · Madaa gadi fagoo ykn gubaa cimaa irratti gorsa fayyaa duraan hin kennine irratti hin dibatinaa. · Yeroo ulfaa ykn harma hoosisuu keessatti fayyadamni · Namni dhukkuba sukkaaraa qabu tokko yeroo afaaniin fudhatamu of eeggannoo gochuu qaba.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
* boohuu * gurra isaanii qaqqabuu fi harkisuu * hoo'i qaamaa dabaluu * Tasgabbii dhabuu ( irritability) * Malaan ykn dhiigni gurraan bahuu . Daa'imman yeroo kana osoo irra hin turin mana yaalaa geessun,qoricha ogeessi fayyaa ajaje seeraan yoo fudhatan akka salphaan ni fayyaa. Yoo irra ture,garuu Xaxxawwan garagarattif waan isaan saaxiluuf tursisuu hin qabdan. 🩺YOOM MANA YAALAA DEEMNEE OGEESSAA FAYYAA DUBBISUU QABNA? *Dhukkubbii gurraa hamaa *Malaan ykn dhiigni gurra keessaa yoo bahee *Dhukkubbii gurra hamaa fi mirri gaarin guutu qaamatti kan isinitti hin dhagahamne fi hoo'i qaamaa yoo dabale *Dhukkubbii gurra sababa rukuttaa mataa ykn rukuttaa mormaan waliin qabatu *Dandeettiin dhagahuu yoo hir'ate ykn dhagahuun kan isin rakkisu yoo ta'e. *Wantoonni alaa gara gurra keenyaa yoo gale ykn yoo akkas shakkina ta'e. Yoo mallattoo miidhamuu gurra keenyaa kanneen ofirratti argine yeroon mana yaalaa deemun yaalamuu qabna. Dhibee gurraa kan akka kulkuluu keessoo gurraa (otitis media) yeroon yaalamuun xaxaawwan kanaan dhufu danda'an hambisuun ni danda'ama. Galatoomaa!!!!
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.