cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Dhaamsa Jaalalaa 💝

"Ganama hunda yeroon hirriba irraa dammaqu garaakoo jalaa yoon sidhabe silkii koo keessan 'text' kee barbaada". 👆 Haala kanaan ergaa jaalalaa waan garaa kan keetii nama akka lubbutti jaalattu afaan feeteen argachuu ni dandeessa!.

Mostrar más
Finlandia919El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad14 297
Publicaciones publicitarias
6 503
Suscriptores
+1524 horas
+1267 días
+58930 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Gaafa tokko beeytaa tokko jaartiin jalaa dhukkubsatte. Ka akka ustaaz mohammad bayaan gara laafoo wahiiti. Kana jaartiin bakka ciiftuu harka isaa qabattee booyinsaan dachii sochoofte. --Dhalaan booyu yoo feete osoo hin dhukkubneehu sa'aa 4 walitti dhaabdee booyuu ni dandeeysi. -- Duuba harka isaa qabattee "amma ati yoon ani du'e way hanga na awwaalanillee eeydaa? Way hanga baatii ani qabrii turullee eeydaa? Ni fuutaa mi?! Na hime dhugaa" jettee boochee usuu didde. Miskintichi gara laafoon kiyya "beymagan! abadan hin fuudhu" je'ee waywaatus qaalittin isa waywaachuu hin dhiifne. Booda garaan isa badee "wallaahi ani abadan si booda hin fuudhu" je'ee meeshaa waraanaa isaatis ifirraa muree "kunoo kana booda abadan ani hin fuudhu ati duutu kophaan jiraadha hangan du'uu" je'ee wa'ada seeneef. Qaalittiin hin duunee ni hafte. Miskintichi meeshaa waraanaa isaa muree darbe. Qaalittin hoggaa fayyitee ji'a muraasa teeyse "auzubillaah ani maalin asii barbaada? Ilmi namaa qonqoo qofaaf way heerumaa?!" Jettee biraa kutte. Qaalichaa meeshaa waraanaa muree jira isiif jecha, isiin kutte. Miskinummaan takka takka asiin nama geeysi. Dubbiin gennootaa ifirraa hubachuutti haajamti. Ani du'a malee sirratti hin fuudhu ja'anii booyaa ooluun dubartiin daran garaa naaf laafti jettee yoo yaadde, gaafa sitti booche hanga meeshaa waraanaa si mursiisuutti deemta.
Mostrar todo...
😁 16 4👍 1
Here's your invite link: https://t.me/memefi_coin_bot?start=r_8c95544191 Use it to invite friends and receive bonuses!
Mostrar todo...
MemeFi Coin

Fight ghost enemies and collect MemeFi Coin rewards in the fastest-growing Telegram app! News:

https://t.me/memeficlub

Share link
Here's your invite link: https://t.me/memefi_coin_bot?start=r_8c95544191 Use it to invite friends and receive bonuses!
Mostrar todo...
MemeFi Coin

Fight ghost enemies and collect MemeFi Coin rewards in the fastest-growing Telegram app! News:

https://t.me/memeficlub

Share link
Kalee osoon suuraa Yuusuf qara'u wanni takka na ajaa'ibaa turte. Duraan haala saniin laalee hin beekhu. Jaartiin mooticha misraa Yuusuf akkaataa itti jaalatte hoggaa qur'aanni himu haala ol aanaa taheen onnee isii akka jaalalli yuusuf guute hime. Galkaa onnee isii seene. Jaalala yoo taate gaa inuma jaalattee naaf laali. Garuu waan kalee hoggaan qara'u na ajaaibe guddaan tokko gara jabeenya dubartiin nama akkaan jaalattuuf qabdu. Nama jaalataniif ka garaa laafan yoo waan fedhan irraa argatan qofa tahuu isaati. San booda jaartiin mootichaa "yoo waanin ani fedhu hin daleeyne ni hidhama, ni xiqqeeyfama" jette. Ajab! Dhugaadhaan hiisiste, hidhamee waggoota hedduuf mana hidhaa ture. Akkamitti nama haalaan jaalattu hiisistee nagayaan waggoota diila san jiraatte? Style dhalaa hundaati moo style isii qofa? Dhalaan ilmaan isii fii haadhaaf abbaa isii qofaaf garaa ni laafti! Namni biraa Rabbi qaba. Maymaaysa qaalichaati!
Mostrar todo...
10👍 2
Congratulations! Registration is now open!🎉 Click here to register and start earning: https://t.me/hulepay_official_bot?start=r03473066595 To watch the registration process, you can view this video: https://www.youtube.com/watch?v=QMRCk6KSfRI
Mostrar todo...
👍 6 1
Wal hiikkaan guddattee sababaan maali? Sababaan diigaminsa bultii akka adunyaatti akka addaatti biyyoota muslimaa fii muslimoota qofa hoggaa laalles waan wal fakkaataadha. Sababaan gurguddaan: 1. Mirga dubartootaa waan ja'amu ka mirga dhiirootaatiin loluu qofaaf uumame. 2. Dubartoonni bakka hundatti qabeenyaan if dandahuu fii hojitti bobbahu. Dubartiin akka joolleetti hojiin qabaa, maallaqan qabaa jaarsi samii haa bahu jetti hoggaa dallante. Eegasii sheenoytii. 3. Dhiirti amala dhiirummaa lakkisuun akka dhala dhalaa goggodhatuu. Hisaabaa ol dhalaan if jaalachiisa ja'anii miila jalatti kufan dhalaan dhiira isiif sujuddu achumatti mataarra dhaabbattee lafatti maxxansitee biraa deemti. 4. Sababaa bakka hojiitti dhalaan dhiiraan dorgamaa jirtuuf dhiiroonni hedduun qabeenyaan, beekkumsaa fii aangoon jaartiilee isaaniiti gad tahanii hafu. Kunis dhalaa waajiraa fii daldaltoota isirra gurguddaa wajjiin oltee manatti galtu namticha isii gad jiru lafaan dongortee dongortee hoggaa agarte hunda isa jibbuun warra wajjiin oltu san kajeeluu fii yaaduu eegalti. Dhiira nafii qabdu yoo tahe ifiif deema, darree yoo tahe waan bajaajin koru kenniteefii ariiti. Akka yaada kiyyaatti akkasumas wantootan bakka adda addaatti dubbisee fii dhagayeerraa hiikkaan dabalaati deema ammas. Wanni lama asaasa: 1. Barnoota ammayyaan dubartoonni bakka haalaan dorgomuu eegalan hunda hiikkaan samitti ol deema 2. Qabeenyaan dubartoonni jaarsarraa if geenyaa hoggaa amanan hunda hiikkaan samitti ol deema. 3. Haalli jireenyaa dhiiratti hanguma jabaataa deemu hiikkaanis dabalaa deema. Xarrraqummaa dubartiitii fii jabeenya jiruu waliin oofuun itti ulfaata. Xarraqqee dhiisee jabeenya jiruu wajji qabsoo seena. @orolovechats
Mostrar todo...
👍 16 5
Fuudhaaf heeruma keessatti wal fakkeenyi bareedaadha. Fknf....... 👌Amantaan tokko tahuu 👌Yoo barreeysaa taate, ta dubbiftu, ta kitaaba kee san qulqullinaan dhiheessuu irra si gargaartu, ta maal waa barreessaa oolta hin janne, ta kana itti dabali tana irraa dhiisi jachuun si gargaartu...... 👌Yoo naggaadee taate ta maallaqa wali qabuu beeytu, ta tirfeeysuu irra si gargaartu....... 👌Yoo hoji teetiifii hojiin isii wal faallaa taate bultiin hedduu takka cima, waliif galuufii wal hubatuu irra wal cinquufii wal dhabuutu baayyata. 👍Akkaataan hojiifii "style" jaarsaaf jaartii wal hubachuufii wal gargaaruu irratti murteessaadha. @Jaalala_qulqulluu
Mostrar todo...
👍 23 1
Nama dhuunfattee jireenya kee keessatti isaa waliin tahuu barbaaddu tokko wantooo isarraa barbaaddu tartiibeessii barreessii. Qabxiilee guutamuu qaba jattu takkallee hin dhiisin, achi booda qabxiilee barreeffatte san saala isaa jijjiiriitii maqaa keetiin barreessi, aniyoo qabxiilee tana ifii tiyyaaf guutee? ja'iitii if laali, qabxiilee san guuttee jirta yoo tahe abadan nama qabxii san irrisee si qunname hin qeebalin, ati mataan keetuu qabxii san hin guunne yoo tahe immoo namni ati jalqaba isaan wal dhabde mataa keeti waan taheef mataa keetii wajjiin walitti araaramiiti qabxiilee San dura ifii teetiif guuttadhu ! Waan if keessatti hin argine nama keessatti hin barbaadin. "Namni qulqulluun namuma qulqulluufi, namni badaan(kan badii hojjatuus) namuma akka isaatiifi" Qur'aan 🍃 @alfalahdawagrp 🥰
Mostrar todo...
👍 13 6
Waaniin arra dubbise irraa...🥰 Yeroo namootaa waliin haasawa gootu "Ana, ana" jachuu hin baayyisin ! Jachi kun Allaahaa qofa irraa bareeda. Yeroo takka takka dirqamtee "Ani amala kiyya irraa akkana...Akkana...maal maal..." jachuu dandeessa, garuu walitti dhaabdee "Ana, Ana" jacha jau kana yoo fayyadamte kuni waan akkaan dubbii tee Sirraa fokkisurraahi. Haasawa tokko keessatti walitti dhaabdee yeroo 10 Jacha "Ana, Ana" jau kana yoo fayyadamte daqiiqaa muraasa boodaa irra hedduu haasawa haasooytee sanitti ni gaabbita, maafiin akkasi dubbadhe jatta, Kanaaf mataa kee dhaadheessuuf hin Rakkamin waan si gaabbisiisu hedduutu si afaanii baha waan taheef, akka isa toletti namni sihaa hubatuuti ati miira kee toohachuuf yaali ! 🍃 @alfalahdawagrp
Mostrar todo...
👍 18 7
GAR-TOKKEEKOO DHUGUMA SIN YAADE!🥺 Galgala hunda si faana taphadhee" nagaan naaf buli Tokkicha koo. Sin jaaladha "jedhee nagaa sitti dhaammadhee rafuun yaade! Ganama hunda hirriiba kiyyarraa akkan dammaqeen, ergaakee " akkam naaf bulte tokkittii koo " jedhun yaade. Yeroon dadhabee dhufe dadhabbiikoo sitti himadhee sitti haar-galfachuun yaade. Yeroon yaadda'ee, dhiphadhe, dhiphina koo sitti himadhee, narraa qooddattee, sitti boqochuun yaade! Tasgabbiin sagalee kee Aannanee hin quufamne saniin onneef Sammuu koo boqochistee tasgabbeessuu keen yaade. Gorsa kee mi'aawaaf jajjabina kee saniin yaade. Sagalee keef qilleensa waa'ee kee bubbisullee eegan dhabee guyyoota baay'ee lakkoofsiiseera. Garuu Sagaleef qilleensa waa'ee kee bubbisee natti fidu dhabus, waa'eenkee onneef Sammuu koo keessa yeroo hunda jira. Eega ati narraa fagaattee kophaa koon tahe, Kophummaa na miidhe. Nama kolfaaf gammachuu koo, gaddaaf yaaddoo koo narraa qooddatun dhabe. Dhugaadha namoota baay'eetu naannoo kiyyatti marsee jira. Animmoo namoota baay'ee jidduu taa'een Kophummaan miidhamaa jira...! Namoota jidduu taa'een waa'ee kee onneef Sammuu kootti hasaasee gunguma. Jaalalaaf mararfannaa keenya yaadadheen yaadaan takka si faana kolfee taphadha. Takkammoo si mararfachaa Egeree keenya si faana mari'adha. Waa'ee kee onneef Sammuu koo waliin hasaasuu malee namoota cinaa koo jiru hin argu! Sababni isaas, waaniin sirraa argadhe namoota biroo irraa argachuu hin dandeenye. Akka ati itti na hubattutti namoonni na hubachuu hin danda'u, akka ati na kolfisiistee na taphachiistutti namoonni biroo na kolfisiisuu hin danda'u. Ati miira koo dhokataa an olbaasee hin dubbanne naaf hubatta, namni garuu miira koo an olbaasee dubbadheeyyuu naaf hubachuu hin danda'u. Gaarummaaf Qulqulluummaan sirraa argadhe namoota biroo irraa argachuu hin dandeenye. Jaalalaaf kunuunsa ati naaf laattu namoota biroo irraa argachuu hin dandeenye. Waan sirraa argadhe namoota biroo irraa argachuu waan dhabeef onneef Sammuun koo namoota of biratti dagattee si faana godaanti. Kophummaan koos kanaafi! Eeyyeen iddoon siif laadhe Eenyufuu laachuu hin danda'u. Waa'ee kees yaadee hin nuffu, si eegus hin nuffu. Ati narraa fagaattus onneef Sammuu koo keessaa fagaachuu hin dandeessu. Fageenyiif haalli yeroo inni narraa si fageesse onneekoo keessaa si fageessuuf jaalala kee hir'isuu hin danda'u. Ati nama an ijaan jaaladhee miti, onneef Sammuu koo amansiisee naman jaaladheedha. Ijaatu waan arge eega miliqe dagata malee onneen hin dagattu. Kanaaf si eeguuf si yaaduu hin nuffine anis...! Sin jaaladha. yeroo na bira jirtus narraa fagaattus ati onneef Sammuu koo keessa jirta. Sin yaada, Sin dheebodha.💔🥺 Leelloodha. @orolovechats
Mostrar todo...
👍 16 2💘 1