cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

🎙ALBURHAAN MEDIA🎙 Alburhaan madda beekkumsaaf tokkummaa ummata muslimaa channel kana jalatti tajaajila akka Gorsa Islaamaa,Oduu, sagantaa barsiisaa fi bashannansiisaa,walaloo fi KKF argattu channeel keessan guddifadhaa.

Mostrar más
Finlandia1 042El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad32 710
Publicaciones publicitarias
1 492
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
-4630 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

I Innaa lillaahi wa'innaa ilayhi raaji'uun Abdullaah Kamel: Duuti QAAR'EE  Masrii gadda bal’aa fida Kaleessa Giddu-galli Islaamaa Al-Tawhid kan Ameerikaa kutaa New Jersey keessatti argamu, qara’aan beekamaan lammii Masrii Sheek Abdullaah Kamel umrii waggaa 38tti du’uu isaa beeksiseera. Masjiidni Al-Tawhiid karaa barreeffama Feesbuukii irratti baaseen dubbisaa kanaaf gadda itti dhagahame, "du'a jaallatamaa keenya Sheek Abdullaah Kamel bara darbe salaata taraawii fi bara kana salaata iidaa nu geggeesse qalbii ulfaataadhaan beeksifna" jedheera. Itti dabaluunis, "Inni nama Qur'aana qara'u addunyaa irratti beekamaa ture, qara'uun isaas hunda keenyaaf madda jajjabinaa fi kaka'umsaa ture. Sagaleen isaa jaalala Rabbiin garaa keenya guutee, yaadannoo isaa yeroo hunda ni kunuunsina" jedheera qaar'ee bareedaa." Erga sheekni kun du’ee booda, maqaan isaa waltajjiiwwan qunnamtii fi motora barbaacha Google irratti addunyaa Arabaa keessatti maxxanfamee, namoonni amantii fi namoonni beekamoo Arabaa sheeka Masrii kanaaf gaddan. Kamel chaanaalii YouTube maamiloota miliyoona tokkoo ol qabu kan qabu yoo ta'u, sagalee mi'aawaa fi kilippiiwwan viidiyoo tokko tokko kanneen miira qoosaa qaban maxxansuun beekama. Sheekni Masrii  kun bara 1985 bulchiinsa Faayoum ganda mushrik gosaa keessatti dhalatee, ijoollummaa isaatti mala Sammuu fayyadamuun Qur’aana kabajamaa haffaze. Bara 2005 immoo irraa eebbifame Faakulttii Daar Al Uloom, Yuunivarsiitii Faayyoom. Dorgommii Azzahab bara 2015 irrattis sadarkaa tokkoffaa argateera. Social embed twitter irraa BBC irraa argadhe. Dr Naa'if Albeshashey
Mostrar todo...

#ليلة_٢٥ أكثروا منها في هذه الأيام المباركة : ⭕ اﻟلهَم اعتِق رِقابَنا ورِقاب آبائِنا مِن اﻟنّار ⭕ اﻟلهَم انِك عفُو تحِب اﻟعفْو فاعْفُ عَنّا ⭕ ربنا آتِنا في الدُنيا حسنةً وفي الآخرةِ حسنةً وقِنا عذاب النار ⭕ لا إله إلاّ انت سُبحانك إني كنتُ من الظالمين ⭕ يا حي يا قيوم برحمتك أستغيث أصلح لي شأني كله ولا تكلني إلى نفسي طرفة عين ⭕ اللهم اني أعوذ بك من زوال نعمتك وتحول عافيتك وفجأة نقمتك وجميع سخطك اللهم احسن عاقبتنا في الامور كلها واجرنا من خزي الدنيا والاخره ⭕ وأفوض أمري إلى ﷲ إن ﷲ بصير بالعباد .. اللهم أعز الاسلام والمسلمين ⭕ اللهم آمنا في أوطاننا واكفنا شر الفتن ما ظهر منها وما بطن .. ⭕ اللهم اشف مرضانا ومرضى المسلمين وارحم موتانا وموتى المسلمين ⭕ اللهم إنا نسألك حُسن الصيام وحُسن الختام ، ولا تجعلنا من الخاسرين في رمضان .. اللهم اجعلنا ممن تدركهم الرحمة ثم المغفرة ثم العتق من النار 🔴 ذكِروا بهَا غيرَكم .. ﻟتتضاعف حسَناتكم جزاكم الله خيراً
Mostrar todo...
Asalaamu alaykum warahmatullaahi wabaramaatuhu Ramadaana hedduutu dhufee nurra dabarfate. Hammam akka fayyadamne Rabbumatu beeka. Inni kunis ammoo dhufee nu qaqqabeera. Rabbiin nama irraa fayyadamu nuhaa taasisu.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Jedha Robert Mugabe.🙄 " Sirni barnoota Ardii Afrikaa kun nama dhiba.😵 Fakkeenyaaf.🤥 👉Baratootni qabxii olaanaa(1ffaa) galmeesisan Injiineraa fi Medisiinii baratu. 👉Baratootni qabxii itti aanu(2ffaa) galmeesisan Seeraa fi Manajimentii baratanii warra qabxii olaanaa(1ffaa) to'atu. 👉 Baratootni qabxii gad aanaa(3ffaa) galmeesisan siyaasa geggeessuun warraa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa waliti qabanii bulchu. 👉Baratootni kufan immoo poolisii fi Raayyaa ittisaa leenji'uun warraa 1ffaa - 3ffaa qabxii galmeesisan ol aantummaan to'atu. Yoo barbaadan :- ni tumu Yoo barbaadan:- ni hidhu Yoo barbaadan:- qaama hir'isu Yoo barbaadanimmoo:- ni ajje*esu Kan baay'ee nama dhibummoo warri kutaa tokkoyyuu hin seenne Qaalluu fi Xonqaayii ta'uun hordoftoota hedduu horachuun hojjechaa jiru."🦵 Robert Mugaabetu jedhe...🤙
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Abbaan ilmaan 670 Musa Hasahya dhalchuu dhaabe. Qonnaan bulaan lammii Ugaandaa ilmaan hedduu qabaachuun addunyaarratti beekkamu Musa Hasahya sababa qaala'insa jireenyaatiif dhalchuu akka dhaabe hime. "Dhawaata barri deemuun galiin argadhu akka malee xiqqaataa dhufte, maatiin kiyya ammoo guddachaa dhufan" ja'e. Musan ilmaan ifii dhalche 102, ilmaan Akaakoo tahuuf ammoo 568 qaba. Garuu amma jaartiileen isaa akka qoricha dhala dhoorku fudhataniif ajajee jira. Musan jaarsa amata 67ti. Jireenya isaa keessatti jaartii 12 fuudhe. Yeroo ammaa tana biyya Ugaandaa baadiyyaa Lusaka ja’amtu jiraata. Warraafi ilmaanis hamma tokko walitti qabee qa'ee takka keessa waliin jiraataa jiran. Dailymail waabeeffanne
Mostrar todo...
5, Ay jiruu lafarraa... Jiruu koontiraataa Jireenya lafarraa Dhumuunshee hin hafuu Of dagannus har'aa....                     Hedduun osoo fiiguu                     Naaf dabarti jedhee                     Duuti isa fuuti             Gaafa rabbiin fedhee Kan qabeenya hores... Taabba meeqa ba'ee Laga meeqa bu'ee Osoo hin nyaatin tasa Meeqa biraa du'ee...                        Naaf dabarti jedhee                        Meeqa biyyaa ba'ee                         Kan karatti hafee                         Soora allaattii ta'ee.. Kan biyaa baqates Cunqursaan jabaatee Meeqa karaarratti Kan galaanni nyaatee.....                         Dirqamni jireenyaa                         Kan biyyaa fageessee                         Aanaaf aaliisaatti                         Kan garaa jabeessee Lakkaa'amee hin dhumu Kumaafi kitilaa Jireenyi lafarraa Gabaabduudha silaa....                       Meeqatu rakkatee                       Karaarratti ba'ee                       Harka namaa ilaalun                       Carraa isaa ta'ee.... Inni kaan dhibamee Siree irratti hafee Fedhii isaa malee Halkan guyyaa rafee....                          Kuun agartuu dhabee                          Itti dukkanaa'ee                          Kan halkaniifi guyyaan                          Itti wal qixxaa'ee Kuun dhageettii dhabee Mallattoon dubbataa Kuun mataan dhukkubee Ofiin dudubbataa Kuun ilkaanin kolfaa Keessotti gubataa......                         Ilmaan baay'ee horee                         Kuun waliin rakkataa                         Ilmoo tokkos dhabee                         Kuun rabbiin kadhataa Ay jiruu lafarraa Qormaanni kee danuu Naaf dabarta jedhee Si eegaara anuu......                        Atoo gabaabduudhaa                         Dhiisi narrakinii                         Rakkinaaf gadadoon                         Osoo na hin arginii.. Anoo deemuuf jiraa Yeroodhaaf taphadhee Rabbiin na gargaarran Xiqqoo daldaladhee Siinqii guyyaa boruu Harkatti qabadhee.....                        Anoo deemuf jiraa                        Yaabbadhee bidiruu                         Yeroo xiqqoo tanaaf                          Narrakkin yaa jiruu.... Akka naaf laaffisuuf Rabbii koo kadhadhee Waan si biraan dhufu Harkatti qabadhee....                          Sillee hin daganne                          Yaa jiruu aakiraa                          Dabaree eeggadhee                          Anoo dhufaa jiraa Amrii naaf laaffisi Rabbii kootin jedhaa Fuula gammachuutin Siin wal arguu fedhaa.....                      Jireenyi addunyaa                      Hammam yoo jabaattee                      Filannoowwan danuu                      Dhala namaaf laattee.... Kanumaa dhadhabee Kunoo ilmi namaa Jireenyi aakiraa Filannoonshee lamaa...                      Milkoofnan jaannataa                      Kasaarran ibiddaa                      Fudhachuun dirqamaa                      Akkam gootee diddaa Jireenya lafaatif Namni dhabee sabrii Akkamiin danda'u Gaafas fitnaa qabrii...                          Siraax dabalatee                          Hisaabaaf miizaannii                           Gaaf harka bitaatin                           Kennameef kitaabnii Way sheenaa koo jechuun Gaabbee quba of nyaataa Mee osoo si ta'ee Gaafas akkam taataa?......                               Inni akka kootii                               Kan diliin faalame                              Abdii hin kutu rabbiin                              Yoo naaf araarame.... Mootii rahmanni kee Waan hunda wal gahuu Anoo humna hin qabuu Waa tokko hin dandahuu.....            Lakkaa'amee hin dhumu            Wanti an anni balleessee             Irkoo biraa hin qabuu             Rahmaan sitti dheessee Atoo garaa laafta Mootii zalaalamii Dilii tiyya hundaa Mee naaf araaramii Qaasim Kadiirin Join Join Join 👇👇👇👇 #youtube https://youtube.com/@Almiftah_tube #Telegrum https://t.me/Alburhaan_media Yaada nuuf kennuuf https://t.me/Almiftah_tube
Mostrar todo...
💡 ALBURHAAN MEDIA 💡

🎙ALBURHAAN MEDIA🎙 Alburhaan madda beekkumsaaf tokkummaa ummata muslimaa channel kana jalatti tajaajila akka Gorsa Islaamaa,Oduu, sagantaa barsiisaa fi bashannansiisaa,walaloo fi KKF argattu channeel keessan guddifadhaa.

Photo unavailableShow in Telegram
#ሲሪን ትባላለች ቁርአን በቃሏ ሃፍዛ በመጨረሷ የተደረገላትን ዘውድ ከራሷ ላይ አንስታ ለእናቷ አድርጋለች ♥♥♥ #አላህ በጀነት ቤተሰቦቻቸውን ታጅ የሚያለብሱ ሷሊህ የሆኑ ልጆች ይወፍቀን 🤲🤲🤲
Mostrar todo...
Perezidaantiin Senagaal 🇸🇳 dubree umurii 14 woldorgommii Qur'aanaa idila addunyaa injifatte masaaraa mootummaatti affeeruun badhaasan Perezidaant Maksaal dhiheenya wol dorgommii Qur'aanaa biyya dubaay irratti taasifame injifachuun gara biyya isii senagaalitti kan deebite SOOKIHAANAA NIDAATEE masaraa moorumtummaa biyyattitti affeeruun bakka ulamaa'onni keessummoonni hedduun argamanitti dubree kana badhaasan
Mostrar todo...
Yaa nama Rabbiin gowwoomtee nama filmii hojjatu Rabbi taasifattee gabbaruu irraa najaa si baase Rabbii kankee kan fakkaataa hin qabne faarfadhu! Alhamdulillaah
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.