Aarif_Sheeka
Youtube 👇👇Channel Subscribe https://youtube.com/c/Atinaaftube Tel 👉 gorsa jireenya 👉jechoota Hayyoota 👉walaloo jaalala fi Qoosa 👉seenaa Oromo Durif Ama 👉wantoota Seena Yaada Qabdan. 👩💻👇 👉 @Aarifeimalyad 👉 @Aarife❣️
Mostrar más215
Suscriptores
Sin datos24 horas
+17 días
+630 días
- Suscriptores
- Cobertura postal
- ER - ratio de compromiso
Carga de datos en curso...
Tasa de crecimiento de suscriptores
Carga de datos en curso...
Photo unavailableShow in Telegram
Leeqaan quufee hin nyaatu
shokokii dhageeffata
beekaan suufee hin kaatu
waan boruuf qalbeeffata
qeellam daarii maccaati
gidaami teessoo mooti
shaambus hortee gootaati
nafxanyaan maal nu gooti
gimbiin hayyuu biqilcha
saasiggi leenca soora
beegiin qawween ilililcha
maccumti kanaaf koora
jaawwiin gamtaadhaan lola
dambiin burqaa beekaatii
naqamteen diina qola
horroon farra deegaati
najjoon warqeen taphata
indaanqoon buna hira
qananiin eessa hin jirre
wallagga keessa jira.
waadaa koo bakka jirtutti nagaa ta'i rabbiin hamaa sirraa haa qabu. hafuura kee dhabeen gubbachaa jira. t.me/aarifsheeka
😭 1
Photo unavailableShow in Telegram
sinn barbaadu.
abadan abdan sin baraabdu
ati nama jedhee waayee kankee hin yaadu
haala an keessa jiru ulaagaa godhatte
utuun sitti boohu erga nabaqatte
utuun si amanuu badii tokko malee anarraa dheessite
eenyummaa kee narraa erga fageessite
na dhageessa...
sin barbaadu- eeyyen sin barbaadu
sichi nan argitu du'een bada malee
dura si baruun koo
gammachuu osoo hin taane
dhukkuma naaf dhale
firiin hammeenya kee
amma reef naaf gale
sin barbaadu eeyyen sin barbaadu
lammata deebi'ee
waaye kee hin araadu
❤ 1
Snapchat-243187306.mp4135.52 MB
Snapchat-1170167240.mp417.14 MB
video_2024-04-10_08-58-47.mp46.96 MB
video_2024-04-10_08-59-19.mp44.43 MB
❤ 1
00:34
Video unavailableShow in Telegram
dhalattootta oromoo biyya sudan
qophi ijoolle.mp47.46 MB
❤ 1
Atin duutan seene-silaa anis du'ee
Faanakee hordofee-odoon qilee bu'ee
Boo'ichi cidhakeen-qaroon na lola'ee
Ribuun qaama kiyyaa-odoo na laamsha'ee
Anis naafa ta'ee
Amma namaaf taatu,...
Urgaakoo sitti uleen-Ofiin si sileessee
Mandhee qaama kiyyaa-odoon siif gumeessee
Yookiin,
Summii si nyaachiseen-suma nyaadhee du'a
Nadhiikee dhamdhamaan-maqamaqii bu'a
Du'a si oolcheetan-suma waliin du'a
Calleensaan guutameen-jannatakee taa'a
Si waliin basha'aa!
Siddisatoo❤️
Bakkakee akkakee
Nafnikoo nafakee
Urgaakee suufnesan
Nadhakee quufnesan
Uggum guntutakee
Jannata nafnikee
Elaa akkas goona
Mee waliin naafanna
Atis kaateen deemtu-miilla malee deemna
Kiraanchiin gad baanee-guyyuu waliin teenya
Waliif laanna beenyaa
Suga jiruu teenyaa!
t.me/aarifsheeka
Aarif_Sheeka
Youtube 👇👇Channel Subscribe
https://youtube.com/c/AtinaaftubeTel 👉 gorsa jireenya 👉jechoota Hayyoota 👉walaloo jaalala fi Qoosa 👉seenaa Oromo Durif Ama 👉wantoota Seena Yaada Qabdan. 👩💻👇 👉 @Aarifeimalyad 👉 @Aarife❣️
Ahmadee Liiban (Abbaa waaxoo) Eenyuu?
Haaceen sírba isaa kuullee jedhu keesssatti Ahmadee Liiban akka armaan gadiii kanatti maqaa dhahe:
Fakkii Ahmadee Liiban
Tokkicha Abbaa waaxoo
Walirraa nu dhiiban
Foon tokko anaaf atoo
Jedhee yeedaleessa. Seenaa kana meeqaa keenyatu beekaa!
Ahmadee Liiban ( Abbaan waaxoo) Bara 1700 A.L.A Keessa, Goobanaa seeruu warra Himanoo
Keesssatti bulchinsa hundeesse.
Ilmi Isaa Alii Goobanaa 1756- 1771tti bakka abbaa bu'e. Mahaammad Alii 1771- 1785 Gondar bulcaa ture.
Battoo Mahaammad Alii 1785 - 1790tti warra Himanoo keesssatti
bulchaa kan ture hoggaa ta'u, ilmi Isaa Ahmadee Battoo ( kollaassaa) Garfaa irraa kaasee Qaalluu irraan, lága Wanciitiifi lága Jamaa jidduutti mootummaa warra Himanoo haaraya gad dhaabe.
Ilmi Isaa Liiban Amadee,Liiban guddicha ( Liiban I) ilmaan lama dhalche. Isaaniis Ahmadee Liiban Ahmadee( Abbaa Muujjaa) fi Alii Liiban Ahmadee ( Abbaa Bullaa) hoggaa tahan Alii Liiban bakka abbaa isaa qabatus, gaafa inni boqatu ilmi Ahmadee Liiban, Ahmadee Liiban xiqqaan ( Liiban 2)bakka Isaa bu'e. Gaafa Liiban xiqqaan boqotu ilmi isaa
Ahmadee Liiban Ahmadee ( Abbaa waaxoo) guutumaan guutuutti mootummaa isaa warra Himanoo keesssatti labse. Haa tahu malee, ilmi adeera isaa Ahmadee Alii Liiban warra Himanoo keessatti bifa wal fakkaatuun mootummaa labsachuu eegale. Ijoollee kana lamaan duubaan haadholii lama jajjabduutu ture. Ahmadee Liiban,
Abbaa waaxoo duubaan harmee Isaa Mastawat, Alii Liiban boodaan immoo, harmee isaa Warqituutu ture.
❤ 1
Photo unavailableShow in Telegram
funyoon sooraa qabate
sillee qabatuuf jedha
akkuma amaanu'eel san
sillee quucaruu fedha
onneen keenya hin fayyine
kan sooraadhaafuu cabe
mucaa lafaa dhufaa san
carraasaa harkakatti qabe
kichuu tokkoo lamaa miti
kan shiraan alagaatiin du'aan adabame.
sillee nyaachuuf wixxifti
diinattiin garaa sharri
guyyaan itti haa cufattu
tan warra dharaa karri
obsi obsa horadhu koode
inuma darbaa barri.
waadaa geetachoo sagalee keenya barbaada. pls hundi keessan free #waadaa-Geetachoo jechuu hin dagatina. gaafa jiran callifatanii gaafa namni du'e qofaa iyyaan lafa guuttanii mataa hin qabatina.
#free waada geetachoo
t.me/aarifsheeka
😭 2👍 1
Elige un Plan Diferente
Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.