cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Badeno wareda Education Office

Mostrar más
Finlandia1 486El idioma no está especificadoEducación32 268
Publicaciones publicitarias
3 786
Suscriptores
-324 horas
+1077 días
+68730 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Misha gaariidha
Mostrar todo...
Guyyaa 14/9/2016 Duub-deebii Qorumsaa Modeela kutaa6ffaa ilaalchisee:- 1.Manneen barnootaa Barattootaa,qorumsaa modeela irratti %100 'n Ykn haftee malee raawwachaa jiru ilaalchisee:- Ambaroor Arramurii doyyoo Baabbilee Bakkalchaa barrii Bakkalchaa Raammis BarakatRaammis Addaanoogultii Burqaa dannabaa BossooRaammis Bortolloo Caffee maddaa DurrootaRaammis UrjiiRaammis UrjiiBakkalchaa Xaahiroo T/GuddaaLakk.4 I/Gasaroo GooroTuqoo GuutuRaammis HaarooQaamude L/Raammis Maaxxadannabaa Maddajaalala Qaroo iyyaa Olbaatii Modeela Baddannoo fi Modeela Furdaatidha. 2.Qorumsaa Modeela kutaa6ffaa kennamaa jiru ilaalchisee,Manneen barnootaa Barattootaa formii guutan gar-malee harcaasuun rakkoo hammaata keessa jiran:- ---Tortora qallaa Tirtiroo Manguddoo Hincinnii Dirree biyyoo I/Daraartuu Baddannoo 1-8 Barakat Daada furdaa Furdaa I/G/Haaroo I/K/Hidhaa Qaancaa Odaa bishaaniitidha. Hubaachisaa:-Hoggansii keenyaa kan rakkoo hammataa keessa jirtaan,guyyaa boru /15-9-2016 haftee tokkoo malee,barattoonnii foormii guutan hundii qorumsaa modeela akka fudhataan gochuuf kutannoon hojiitti galuun isiin irraa eegamaa.Akka milkeessitan abdii guddaan qaba...isiin hoo maal jettu???. #Akkasumaas manneen barnoota maqaan hin tuqamiin,haftee barattootaa nama tokkoo hanga Sadii waan qabdaniif,isiinis kana ilaalcha keessa galchuun guyyaa boru %100'n milkeessuun keessan taha..halkaan eeddaanu irratti haa hojjenuu
Mostrar todo...
[𝐂𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚 11/2016, 𝐖𝐚𝐚𝐣𝐣𝐢𝐫𝐫𝐢 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐝𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐝𝐞𝐞𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐮𝐭𝐚𝐚 6𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐟𝐢 8𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚𝐟 𝐫𝐚𝐚𝐛𝐬𝐚𝐚 𝐨𝐨𝐥𝐞𝐞𝐭𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐚.] 👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏👏 👉Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Waajjirri Barnootaa Aanaa Baddannoo Akkaatuma kallattiin BBO irraa kaa'ameen Qormaata moodeelii kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa sadarkaa aanaatti bifa of eeggannoo fi Icciitii qormaataa eeggateen qopheessuun baay'isaa turuun isaa ni yaadatama. 🔜Haaluma kanaan guyyaa hardhaa immoo Iddoo BB I/G waajjira Barnootaa Aanaa Baddannoo kabajamoon obbo Abdallaa Qaasim, BB I/A I/G Waajjira Barnootaa Aanichaa Kabajamoon obbo Ayyalaa Lulee fi Dur/Garee Madaallii fi Iyyaafannoo Barnootaa Aanichaa Obbo Tsaggaayee Dinqaa argamanitti Dura Bu'oota manneen barnootaaf Waa'ee kenniinsa qormaatichaa irratti Orranteeshinii kennuun qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa raabsuun geejjibsiisaa ooleeti jira. 🔜Barattoonni qormaaticha fudhachuuf foormii guutanii qophiirra jiraniis kutaa 6𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢 1988 𝐃𝐮𝐛 1566 𝐖/𝐠 3554 𝐟𝐢 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 8𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢 1666 𝐃𝐮𝐛 1070 𝐖𝐠 2736 yoo tahu kan kutaa 12ffaa immoo baay'ifamaa kan jiruudha. 🔛Kanaaf barattoonni keenyaas bifa tasgabbii qabuun qophii taasisuun qormaatichaaf akka qophaawuu qabaniis kallattiin kaa'amee jira. {𝓖𝓪𝓻𝓮𝓮 𝓣𝓠𝓞 𝓦𝓪𝓪𝓳𝓳𝓲𝓻𝓪 𝓑𝓪𝓻𝓷𝓸𝓸𝓽𝓪𝓪 𝓐𝓪𝓷𝓪𝓪 𝓑𝓪𝓭𝓭𝓪𝓷𝓷𝓸𝓸𝓽𝓾 𝓰𝓪𝓫𝓪𝓪𝓼𝓮.}
Mostrar todo...
Guyyaa 10/09/2016 Hooggantoota manneen barnootaa Aanaa Baddannoo hundaaf. 👉Hojiin barnootaa akka aanaa keenyaatti karaa guutuu taheen gaggeeffamaa jira. Haa tahuu malee koreen madaallii sadarkaa Federaalaa, naannoo fi godinaa guyyaa wiixataa irraa eegalanii manneen barnootaa keessattuu CCA marsaa 1ffaa fi 3ffaa qaban fi Addatti Maanneen barnootaa Bu'uura boruu barataa daree keessa jiruun waliin ilaaluu waan barbaadaniif xiyyeeffannaa olaanaan akka hojii keessan hojjachuu qabdan isin beeksifna. 👉Waantoonni addatti xiyyeeffannaan itti kenbamuu qabu 1. Barattoonni idilee fi BSTD kanneen galmaawanii qoraman guutuun guututti daretti argamuu qabu. 2. Madaalliin CCA fi O'Class kan bara 2016 marsaa sadii kan gaggeeffame chaappaa faayilaan jiraachuu qaba. 3. Barsiisoonni hunduu karooraalee hojii garaagaraa fi raawwiin hojii isaanii faayilaan jiraachuu qaba. waantoota hafaniis itti dabaltu. Hub: barsiisaan kamuu iddoo hojiitii deemuu akka hin qabne isin hubachiisa. Keessattuu iddoo tokko tokkotti barsiisoota BSTD hayyama jettanii qaamoleen gadi lakkisaa jirtan kan itti isin gaafachiisu tahuu hubattanii yeroo waltajjiif dhuftan kilaraansii fi beeksisa warra hin jirree akka fiddanii dhuftan irra deebiin isin hubachiifna. G/G: Hoogganaa waajjira barnootaa Aanaa Baddannootiif.
Mostrar todo...
Sagantaa Qorumsa Moodeela Naannoo 2016
Mostrar todo...
ALERT
Mostrar todo...
Guyyaa 07 09 2016 👉Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Aanaa Baddannoo Hundaaf. Carraan leenjii barnootaa kan duraan manneen barnootaa sadarkaa 2ffaaf kenninee foormii guutaa turre yeroo ammaan tanaa kootaan gosa barnootaa Ingiliffaa qofaan nuuf dabalamee waan jiruuf jecha manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa barsiisaa ingiliffaaan eebbifamee Ingiliffaa barsiisaa jiru foormiin as irratti maxxansee jiru kanaan guutuun hooggantoonni manneen barnootaa guyyaa 07 09 2016 hanga sa'aa kudhanii 10:00) qofatti akka teeleegiraama garee GTB Aanaa Baddannoo Ykn kan dhunfaa kootii qofa irratti akka naaf maxxansitaniin isin beeksisa. HUB; Carraa dabalataati waan taheef hatattamaan hooggantoonni keenya kan dhagahe wal dhageessisuun akka araddaatti walitti qabamuun yeroo jedhametti akka nuuf ergitan isin beeksifna. qaamni yeroo jedhametti nuuf hin ergine carraa barsiisaa Mb isaa kan duraa haqe tahuu isaa asumaan isin beeksifna. Akka waajjiraatti nuus ergaan yeruma mmaa kanatti kan nu gaheedha. karaa taaksifoorsiin immoo sa'aa jahatti dabarsuu jalqabuu keenya gamanumaan isin beeksifna. G/G; Hoogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa Baddannootiif Baddannoo
Mostrar todo...