cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

Mostrar más
Finlandia2 907El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad70 117
Publicaciones publicitarias
1 004
Suscriptores
Sin datos24 horas
+47 días
+1330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji'un...! Oduu Gaddaa. Xiyyaara tokkoon imalaa kan turan Pirezidaantii Iraan Ibraahim Ra'iisii dabalatee Ministeerri Haajaa alaa Iraan Amiir Abdullahi, Bulchaa Baha Azarbaajaan Maliik Rahamati, Imaama Baha Azarbaajaan Imaam Muhammad Alii Al-Haashimi fi namoonni Xiyyaara sana keessa turan hundi isaanii lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'ee jira. Iraan seenaa ishee keessatti gadda ulfaataa akka kanaa keessummeessitee kan hin beekne yoo ta'u taateen kun guddittii Iraan gadda ulfaataaf kaadhimee jira. https://t.me/ASHAMTECH24
Mostrar todo...
Bakka helikooptarri Pirezidaantii Iraan Ibraahim Raayisii fe'ee ture kufetti mallattoon lubbuu namaa hin mul'anne. 👉 Namoonni siyaasaa Ameerikaa X irratti gammachuu isaanii ibsaa jiru Televizhiniin mootummaa Iraan akka gabaasetti, bakka balaan helikooptarri Pirezidaantii Ibraahim Raayisii fi Ministira Dhimma Alaa Iraan Huseen Amiir Abdolayan fe’ee mudatetti mallattoon lubbuu namaa hin mul’anne. Raayisiin naannoo daangaa Iraan fi Azarbaajaan irraa erga deebi'ee booda gara magaalaa Tabriiz deemaa ture. Balaan walfakkaataan kun kaaba dhiha Iraan keessatti kan mudateera., Hojiin barbaacha guddaan haala qilleensaa hamaadhaan kan gufate yoo ta’u, dirooniin Turkii barbaacha helikooptara Raisin irratti hirmaate marsariitiiwwan balalii hordofan irratti argamee jira. Namoonni siyaasaa Ameerikaa balaa helikooptara kanaa irratti gammaduu isaanii ibsaa jiru. Dura taa'aan koree tajaajila hidhannoo mana maree paartii Rippabilikaan Maayikeel Waaltz, helikooptarri kun dhabamuu isaa ''kasaaraa gaarii'' jedhan. Rippabilikaan Filooriidaa Riik Iskootiin X irratti akkas jedhe, "Raisiin yoo du’e addunyaa kana caalaa bakka nageenya qabuu fi fooyya'aa ta'a." Namoonni giddugala magaalaa Tehran keessatti addabaabayii Vali-Asur keessatti jilbeenfatanii kadhannaa taasisaa jiru, pirezidaantichi akka lubbuun jiraatan hawwaa jiru. @Fazakkirtube
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
✍ Pireezidaantiin Iraan Ibrahim Raa'isii fi  qoondaalonni biyyaatti ol'aanoon saddeet balaa helikooptaraan lubbuun isaanii darbuu miidiyaan biyyattii gabaasee jira. التلفزيون الإيراني الرسمي يعلن وفاة الرئيس إبراهيم رئيسي ومرافقيه بتحطم مروحيتهم. odeeffannoo dabalataf @fazakkirtube
Mostrar todo...
📃🖊 *|[ Yaa akhii! Wa yaa Ukhtii! Qalbii kee iimaana,Waan Rabbiin siif qoode Jaalachuu fii Rabbitti yaada gaarii qabachuun guuti. Yeroo kee ilmii barbaaduu fii wanta si fayyadu kamuu dalaguun dabarsi ]|*. 🎙الإمام الألمعي الشيخ مقبل بن هادي الوادعي رحمه الله https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...
Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

Sahaabtichi Hakiim Ibn Hizaam [Radiyallaahu anhu] Damiinoota Qureeyshii keessaa tokko ture. Hakiim Ibn Hizaam waggaa 50n Mu'aaz Caaluu Wajiin Mu'aaz Ibn Jabal biratti barnoota shari'aa barata, isa biraa ilmii barbaada ture. Yeroo tokko hakiimiin " Sa ati harka Mucaa kanaatirratti barnoota barattaa [Nama sirra xiqqaatirraa ilmii fudhattaa]" jedhaniin. Innis " Wantummaan Nu Halaakeewuu Boona" jedheen. الآداب الشرعية /لابن مفلح 2/216. https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...
Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

*|[ har'a Towhiida keessan tolchitanii Mirkaneeffachuuuf tattaafadhaa; Isa Malee Wanti Rabbittiin ﷻ Nama ga'u hin jiru. Haqoota Rabbiitiin ﷻ Dhaabbachuurratti bololaa; Isa Malee Wanti azaaba Rabbii ﷻ Jalaa Nama baasuu hin jiru. ]|*. Ibn Rajab-Rahimahullah كلمة الإخلاص 45. 📕🖌تغريدة نور على الفيس[   12 ] https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...
Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

Gaaffilee Ustaaz Ahmaddiin Jabal kaase kanneen xiyyeeffannaa gaafatan, ummanniifi mootummaan itti xiyyeeffatanii furuu qaban keessaa: 1. Dhimma salaata Jumu'aa ilaalchisee barattootaafi hojjattoota mootummaatiif furmaata ifaa barbaachisa. Namni mana barumsaa keessa ture rakkoo isaa sirriitti beeka. 2. Hijaabni barattoota Muslimaa Itoophiyaa keessatti gaaffii seeraan deebii argachuu qabuudha. Sababa hijaabaa qofaaf elemantarii jalqabee hanga Yuunivarsitii shamarran Muslimaa rakkoo isaan irra ga'u himamee hin dhumu. Ni yaadattu yeroo barsiisonni baalageen hijaaba ijoolleetiin gabatee gurraacha haxooftu. 3. Rakkoon salaataa kan manneen barnootaafi yuunivarsitii keessaa furmaata argachuun dirqama. Hanga qormaanni ga'uun ijoollee Muslimaa irratti hagam burjaajiin akka uumamu walumaan beekna. 4. Dhaabbilee mootummaa adda addaa kanneen akka daandii xiyyaaraa dabalatee dambiilee Muslima dhiibu baasanii akka Muslimni carraa dhaabbaticha keessa hojjachuu hin arganne gochuun sirreeffamuun dirqama. Gaaffileen kana fakkaatan baay'eedha. Isa amma Ahmaddiin kaase mootummaan sirriitti ilaalcha keessa galchuudhaan furmaata itti kennuu qaba. Miidiyaaleen keenyas kanarratti osoo xiyyeeffatee gaariidha. Rakkoo barattoota keenya irra ga'aa ture kana ni yadatama https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...
Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

Guyyaa Juma'aa kalaandariin cufaa ta'uu qaba > Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል ~~~ Waamicha Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል!! Itoophiyaatti guyyaan juma'aa guyyaa boqonnaa akka ta'u; akkasuma salaanni juma'aa bu'uuraa fi qaama amantichaa keessaa tokko waan ta'eef, guyyaa kanatti dhaabbileen mootummaa fi manneen barnootaa akka cufamuu fi lakkoofsi Hijraa sirna kalaandarii biyyattii keessatti akka hammatamuuf Ustaaz Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል waamicha dhiheessaniiru!!❤️🥰🙏 https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...
Fazakkir-tube

𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ●nashidaalee haarawa,fi waalaloo jechoota babbareedoo fi gorsaalee boharsoo fi barsiisoo ta'aan argaachuuf maati channeli kana ta'aa

Photo unavailableShow in Telegram
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. Yaa allaah nu waffaqi. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ https://t.me/fazakkirtube
Mostrar todo...