cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

N/J/B

ربي توفني مسلماً وألحقني بالصالحين Chanaalii Da'awaa, barnoota fi hubnoo garaa garaa https://www.facebook.com/nasirjibr https://www.facebook.com/profile.php?id=100076016244123 https://www.facebook.com/groups/701113697533095/?ref=share

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
189
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
M
Mostrar todo...
Majlisa Oromiyaa Fulbaana 14-15/2015 Yaa'iin idilee Majlisa Oromiyaa guyyaa lamaaf geggeeffamu jalqabamee jira. Yaa'ii kana irratti koree miseensa majliss Oromiyaa godinaa fi magaalaa, ulamaa'ii fi daa'iwwan biyyaattiin qabdu umamoota majlisa Federaalaa fi majlisa Naannolee irrattii hirmaatanii jiru. Yaa'ii guyyaan jalqabaa kun kan jalqabe Qur’aanaa fi Ebba Muftii majlisa Oromiyaa Shek Yuusuf Adamiin yemmuu ta'u, Ergaa baga nagaan dhuftan Pirezidaantiin Majlisa Oromiyaa Shek Jamaal Muusaa Jiloon taasisanii jiru. Itti Aansuun I/A/Pirezidaantii majlisa Oromiyaa Enjiinar/Ustaaz Gaalii Abbaaboor yaa'ii kana adds kan taasiu "Majlisni Federaalaa erga sirratee yaa'ii jalqaba ta'uu fi majlisni Oromiyaa karoora tarsiimawas waggaa shanii yeroo qopheesse ga'uu ibsanii, barbaachisummaa karoora tsrsiimawaa(Strategic Plan and Management) ibsanii jiru. Itti aansuun Pirezidaantiin majlisa Federaalaa Shek Hajjii Ibraahiim haasaa bal'aa taasisanii jiru. Keessummaa karoorri isaan jalqabsiisan raawwatee arguutti hedduu gammadanii jiru. Haasaa isaani keessatti majlisni dhimma islaamaa tokko qofa ta'uu ibsanii qaamni kamu maqaa Muslimaan socho’u majlisa jalatti ta'uu jala muranii ibsanii jiru. Bakka bu'aan biiroo Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Mohammed Ahmed Qophee haasaa bal'aa taasisuun majlisa Oromiyaa waliin akka hojjetaniifi deggarsa barbaachisaa akka taasisan waadaa galanii jiran Miseensii bakka bu'oota ummataa kabajamoo Ustaaz Kaamil Shamsuu fi Ibraahiim Mulushawaa ergaa jajjabaa adeemsa keenya boriif tolu haala nama hawwatuun dabarsanii jiru. Msjlisa Naannolee irraa - Shek Sulxaan Haj Amaan Pirezidaantii majlisa Finfinnee - Shek Mohammed Darasaa I/A/Pireezdaantii majlisa Affaar - Ustaaz Hasan boordii majlisa Soomaalee - She Mohammed Yuusuf Pirezidaantii majlisa Gaambeellaa - Majlisa Sidaamaa, majlisa Kibba Lixa Itoophiyaatti, keessumaa kabajaa ta'uun erga dabarsanii jiru. Sagantaan guyyaa boriis kan itti fufu yemmuu ta'u, gabaasaa 2014 fi karoora 2015 gamaggamuun ni mirkaneessu. Insha'Allah Fuula majlisa Oromiyaa Like, Share taasisuun uummata cinaan qaqqabsiisaa. Bedru Mohammed
Mostrar todo...
Filannaa haadha manaa gaaromsuu 〰〰〰〰 Rabbiin ol ta'e ni jedhe: وأنكحوا الأيامى منكم والصالحين من عبادكم وإمائكم إن يكونوا فقراء يغنهم الله من فضله والله واسع عليم. سورة النور الآية 32  “Isin irraas konfoleysa (dhiiraas ta’ee duburatii hin fuudhin) fuusisaa. Gabroota keessan kan dhiiraatii fi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa). Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsa. Rabbiin dureessa, beekaa dha.” (Annuur: 32). Abbaa manaa irratti niitii gaarii ulaagaa armaan gadiitiin filachuun dirqama ta’a. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “dubartiin waa afuriif fuudhamti  : qabeenya isheetiif, kabajaa gosa isheetiif, bareeduma isheetiifi amantii isheetiif. Ishee haadha diiniitiin milkaa’i; harki kee lafatti haa rirriitamtuu.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.  1  Kana jechuun aadaan namaa dubartii waa afuriif fuudha jechuudha malee sharii’aan waa afran kana irratti hirkatanii fuuchuu eeyyama jechuu miti. Kan sharii’aan irratti hirkatanii fuuchuu ajaju amantii sirriidha. Inni sanaan ala jirus ilaalamuu sharii’aan hin dhorgu; garuu ulaagaan isaan qofa ta’uu akkaan balaaleffata. Kanaafuu kan namni Muslimaa sirriin xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu qabu amantiidha; sana irratti dabalata waan ofii fedhe ilaaluunis ni eeyyamama. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “addunyaan hundi isheetuu meeshaa ittiin qanani’anuudha; irra caalaan waan addunyaa irraa ittiin qanani’anuu immoo dubartii gaariidha.” Muslimtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “tokkoon keessan qalbii Rabbiin galatoomfataa, arraba isa faarsu, haadha manaa Mu’umina waan aakhiraa irratti isa gargaartu haa qabaatu.”Ahmadtu gabaase. Tirmiziifi Ibn Maajaahnis gabaasaniiru. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Gabaasa biraatiin immoo “haati manaa gaariin amrii addunyaafi diinii keetii irratti si gargaartu irra caaltuu waan ilmi namaa tiksee ol keeyyatuuti.” Bayhaqiitu Abuu Umaamaa irraa gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “dubartii ishee baay’ee nama jaalattuufi baay’ee deessu fuudhaa. Ani Guyyaa Qiyaamaa isiniinin nabiyyoota biraa irra ummata baay’ifadha.” Ahmadtu gabaase. Gabaasa biraatiin “durba ishee bikraa (kan duraan hin heerumin) fuudhaa; sababni isaas isheetu gadaameessi ishee irra daha; afaan ishees hundarra mi’aaha; waan xiqqoodhaan of geessi.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Gabaasa biraatiin immoo “nama ganuus isheetu irra xiqqaata.” Akkuma dubartoonni gaggaariin gosa milkii afran keessaa tokko taate dubartiin hamtuun immoo gosa goggoginaa afran keessaa tokko. Hadiisa sahiiha keessatti akka dhufetti Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “gosa milkii irraa inni guddaan dubartii gaarii kan yeroo ishee ilaalte si gammachiiftu, yeroo ishee irraa fagaatte immoo mataa isheetiifi qabeenya kee irratti amantu qabaachuudha. Gosa goggoginaa irraa tokko immoo dubartii ishee yeroo argite si gaddisiiftu, arraba ishee sirratti feetu, yeroo ishee irraa fagaattes mataa isheetiifi qabeenya kee irratti hin amanne qabaachuudha.” Ibn Hibbaaniifi kan biroollee gabaasaniiru. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Akkasuma dubartoonni Muslimaas nama isaan dubbatachuu dhufe ilaalanii xiinxaluufi ulaagaalee armaan gadiitii qeebaluutu dirqama ta’a. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “yeroo namni isin amantii isaatiifi haala isaa jaalattan isinitti dhufe itti heerumsiisaa; yoo kana gochuu baattan immoo fitnaa guddaafi badii guddaatu dachii keessatti uumama.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Wantoota dabran hunda keessattuu akka manni erga ijaaramee booda hin badne yookiin deebi’ee hin diigamneef jecha haala gaariin gaafachuun, gadi fageenyaan qorachuun, odeeffannoo jiru sassaabbachuun, burqaa oduchaafi dubbii sana mirkaneeffachuun dirqama ta’a. Dhiirri gaariin dubartii gaarii wajjin mana gaarii ijaaru; Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha. Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu.
Mostrar todo...
🎊Bootii Baankii #Hojii_gamtaa_oromiyaa fayyadamuun yeroo galmooftan badhaasa qarshii 1000 ni argattu! 🎁 Dabalataan nama tokko yemmuu affeertan kafaltii qarshii 50 argattu! Liinkin affeerraa kesssani ⬇️ https://t.me/Cooperative_bank_of_Oromia_bot?start=r0268120574 🎊 #የኦሮሚያ_ህብረት_ስራ_ባንክ ቦትን ተጠቅመው ሲመዘገቡ የ 1,000 ብር ስጦታ በተጨማሪም 1 ሰዉ ወደ ቦቱ ሲጋብዙ የ 50 ብር ክፍያ ያግኙ🎁 ይህ ማለት 30 ሰዎችን ወደ ቦቱ ሲጋብዙ 2500 ብር አካውንትዎ ላይ ገቢ ይደረጋል ማለት ነው! የመጋበዣ ሊንክዎ ⬇️ https://t.me/Cooperative_bank_of_Oromia_bot?start=r0268120574 Cooperative_bank_of_Oromia
Mostrar todo...
Cooperative Bank of Oromia

COOP Bot 🔽 @Cooperative_bank_of_Oromia_bot

Allaattiin kun kopha kopha jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Garuu akkaataan jireenya isaanii akkuma ilma namaati. Allaattiin kormaan tokkoofi dhaltuun takka yeroo tokko yoo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatan, haga isaan keessaa tokko du’utti jarri lachuu allaattii biroo wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwatan. Innis isii malee gara biraa hin deemu. Isiinis isa malee allaattii biraa wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwattu. link tuqaa barruu guutuu dubbisaa. https://nuuralhudaa.com/31101/
Mostrar todo...
Allaattii akka jaarsaafi jaartiitti waliin jiraatu - NuuralHudaa

Uumamni kun Oospireey jedhama. Oospireey Sanyii Allaattii yoo tahu, maqaa biraa kan ‘culullee Qurxummii’ jedhamuunis ni waamama. Maqaan kunis, heddumminaan qurxummiilee waan sooratuuf itti moggaafame. Sanyiin uumama kanaa afurtu jira. Ardii Antaarkatikaa malee ardiilee biroo hunda keessatti ni argama. Sooratni isaa bishaan keessaa waan argamuuf, yeroo hunda laggeen qurxummii qabanitti dhihaatee qubata. Uumamni kun bara […]

🎊Bootii Baankii #Hojii_gamtaa_oromiyaa fayyadamuun yeroo galmooftan badhaasa qarshii 1000 ni argattu! 🎁 Dabalataan nama tokko yemmuu affeertan kafaltii qarshii 50 argattu! Liinkin affeerraa kesssani ⬇️ https://t.me/Cooperative_bank_of_Oromia_bot?start=r0268120574 🎊 #የኦሮሚያ_ህብረት_ስራ_ባንክ ቦትን ተጠቅመው ሲመዘገቡ የ 1,000 ብር ስጦታ በተጨማሪም 1 ሰዉ ወደ ቦቱ ሲጋብዙ የ 50 ብር ክፍያ ያግኙ🎁 ይህ ማለት 30 ሰዎችን ወደ ቦቱ ሲጋብዙ 2500 ብር አካውንትዎ ላይ ገቢ ይደረጋል ማለት ነው! የመጋበዣ ሊንክዎ ⬇️ https://t.me/Cooperative_bank_of_Oromia_bot?start=r0268120574 Cooperative_bank_of_Oromia
Mostrar todo...
Cooperative Bank of Oromia

COOP Bot 🔽 @Cooperative_bank_of_Oromia_bot

Mallattoo gootummaa kan tahe leenci; bineensa dalagaa hin jaalanne kan guyyaa guutuu ciisaa oolu tahuu quba qabduu? Allaattiin Paafiin jedhamtu ammoo allaattii akkaan bareedduudha. keessumattuu qoffeen isii haalaan bareeda. wayta qaamni hooysisu qoffee isiitiin hin hooqqattu. muka xiqqaa lafaa fuutee ittiin hooqqaatti. maaliif kana gooti isinitti fakkaata? link tuqaa ajaa'iba bineensotaa kana dubbisaa. https://nuuralhudaa.com/31087/
Mostrar todo...
Leenci bineensa dalagaa hin jaalanne kan guyyaa guutuu ciisaa oolu tahuu quba qabduu? - NuuralHudaa

Qorattoonni Rabbiin beekumsa addunyaatiin isaan badhaase, halkaniifi guyyaa uumamaalee adda addaa qorachutti jiru. Qorannoon isaanii kun akka ibsutti; addunyaan tun sanyiiwwan bineensotaa miiliyona 8.7 tahu qabdi. Amalaa fi bifti akkasumas haalli uumama bineensota hundaatuu garaagarummaa qaba. Bineensonni amala addaa kan bineensi biraa hin qabne qabanis ni jiru. Dandeettii qorannoo ilma namaattu reef guddataa jira malee, […]

Mootiin jaldeessa kanaa; dhaltuuwwan haarawa reef hormaataaf qophaayan malee hin fedhu Barruu guutuu link tuqaa dubbisaa. https://nuuralhudaa.com/31078/
Mostrar todo...
Mootiin jaldeessa kanaa; dhaltuuwwan haarawa reef hormaataaf qophaayan malee hin fedhu - NuuralHudaa

Maandiriil Sanyiiwwan Jaldeessa keessaa isa guddaadha. Namoonni hedduun Sanyii Maandiriil kana sanyii Jaldeessa kan Baboon jedhamuun tokkuma seehu. Haa ta’u malee lameen isaaniituu garaagarummaa qabu. Sanyiin Maandiriil sanyiiwwan Jaldeessa keessaa isa akkaan qaanfatu jedhamuudhaan beekkama. Uumamni kun naannawa bosona jiidhaa Afriikaa keessatti argama. Keessumattuu biyyoota akka Koongoo, Gaaboon, Kaameruunii fi Ikuwaatoriyaal Giinii keessatti baay’inaan argama. […]

Jaarsi kiyya bahee achumaan hafe. Bakka inni jiru hin beeku. Kanaafuu nikaan kiyya akkam taha? link tuqaa dubbisaa. https://nuuralhudaa.com/fnh/373
Mostrar todo...
373: Jaarsa kiyya achi buutee dhabe; Nikaahn kiyya akkam taha? - NuuralHudaa

Gaafii: Jaarsi kiyya bahee achumaan hafe. Bakka inni jiru hin beeku. Eega dhabamee ji’a tokko caalee jira. Kanaafuu nikaan kiyya akkam taha? Deebisaa: Jiini tokko yeroo gabaabaadha. Ammas obsumaan eeguu qabdi. Yoo yeroo dheeraaf (Waggaa 1-2) dhabame ammoo, mana murti shari’aatti iyyachuu qabdi. Dabalataan karaa miidiyaalee fi gaazexaatiin barbaaduun gaariidha. Yoo haala saniin barbaadamee dhabame […]