cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Jechoota Gaggaarii️️

Chaanala Telegram keenya kana irraa odeessaalee Baha Giddu-galeessaa hordofuu ni dandeessu. Toora kana irraan taatewwan Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa dabalatee Seenaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa (Middle east ) salphumatti afaan keessaniin hordofaa

Mostrar más
Finlandia715El idioma no está especificadoNoticias y medios13 542
Publicaciones publicitarias
8 906
Suscriptores
+2624 horas
+1997 días
+84230 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

01:56
Video unavailableShow in Telegram
Haleellaa Misaa'ilaa guyyaa har'aa Magaalaa Tel-aviv irratti geggeeffame Birgeediin Al-Qassaam akka raawwate beeksisee jira. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Mostrar todo...
14
Haleellaa Misaa'ilaa ajaa'ibaa Magaalaan guddittii Yahuudotaa guyyaa har'aa keessummeessite fokkorsuu fi ana-malee Israa'iil cabsee jira! Tel-aviv Misaa'ilaa Hamaas furguggiseen haleelamtee kan jirtu yoo ta'u kanuma hordofuun gahumsa humna Waraanaa garee lameen irra jiran gaaffii guddaa keessa galchee jira. Jalqabbii irratti gahumsa humna Waraanaa isaa tuffachuun "Hamaasin torban lama keessattin barbadeessa) jettee biyyi dhaadachaa turte Israa'iil har'a qe'ee ishee irratti haleellaa Misaa'ilaa Hamaas keesummeessuuf dirqamtee jirti! Haleellaa Misaa'ilaa kanaan Magaalaan Tel-aviv miidhamaaf saaxilamtee jirti. Haleellaa Misaa'ilaa kanaan Israa'iil haalaan kan rifatte yoo ta'u kun ammoo Israa'iil humna Hamaasiin injifachuus ta'e balleessuu akka hin dandeenye addunyaa aaga dhageessisee jira. Humni guddichi fi sodaatamaan Hamaas salphumatti Magaalaa guddittii Tel-aviv dirree shaakala Misaa'ila isaa taasisuun isaa aggaammiin isaa Gazzaa qaxxaamuree fuulla'uu akka danda'u akeekee jira! Kun kanaan osoo jiruu Hamaas kaleessa ona Gazzaa keessatti axxee fi kiyyoo haalaan walxaxaa ta'an qopheessuun tarkaanfii loltoota weerartuu Israa'iil irratti fudhateen hedduu isaanii ajjeesuun kanneen lakkoofsi isaanii ammaaf hin ifoomne danuu isaanii booji'ee jira. Loltoonni weerartuu Israa'iil kanneen gahumsa loltummaa ol'aanaa qabanii fi leenjii addaa fudhatan jedhaman kunneen Gazzaa keessatti gahumsa loltummaa loltoota Hamaasiin injifatamuun booji'amuun isaanii addunyaa ajab jechisiisaa jira! Kun ammoo daranuu hamilee loltoota Israa'iil cabsuun MM Israa'iil Biniyamiin Netaniyaahoo jaatanii keessa galchee jira. Loltoota Waraanaa deeggarsa guutuu Ameerikaa irraa argatan kuma dhibbootaan hiriiranii isaan weeraruuf yeroo bobbaafaman kanneen gargaarsa qaama tokkoo malee qofaa isaanii humna weerartuu kana cabsuun muddama keessa galchuun isaanii kun Addunyaatti hibboo hiika dhabee ta'ee jira. Akkuma isaan jedhan Gazzaan iddoo awwaalchaa weerartootaa taatee jirti. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Mostrar todo...
18👍 3
Tel-aviv hadhaa Misaa'ila Hamaas dhandhamte... 👇👇👇
Mostrar todo...
👍 9
Hamaas guyyaa har'aa Magaalaa guddittii Israa'iil Tel-aviv Misaa'ilaan haleelaa oole, Kufaatiin humna Waraanaa Israa'iil irra-deebi'iin mirkanaa'e! Injifannoo seena qabeessa Hamaas goonfate. Bal'inaan walitti deebina.
Mostrar todo...
17🫡 5
Qondaala waraanaa Hamaas gameessicha eenyummaan isaa wallaalame, Muhammad Addayif beektuu laata? Dheengadda ICCn namoota sarbama mirga namoomaa raawwatanii jiru jechuun murtee hidha akka itti murteeffamu gaafatte keessaa Qondaalli Waraanaa Hamaas kun isa tokko dha. Bara 1995 irraa eegalee waggoota 20tti dhihaatuuf Israa'iil nama kana addatti adamsuuf sochii jabaa taasistus milkaa'uu hin dandeenye, Israa'iil namoota isheen birmadummaa biyya isheetiif sodaattee bibir'attu keessaa jalqaba irratti kan argamu Muhammad Addayif dha! Dugugguruu qabsoo Hamaas isaan alatti Birgeediin Al-Qassaam waan hin yaadamne dha. Seenaa Gooticha fakkii qabsaa'ota Addunyaa ta'e kan eenyummaan isaa wallaalamee kana gabaabinaan isin dubbisiisuun hawwe. Suuraa hin qabu, Yeroo muddamaa malee sagaleen ibsa hin kennu... Qondaala ol'aanaa Waraana Hamaas abdii fi humna Falasxiinotaa gorsaa ajajaa ta'ee roga maraan qabsoo Falasxiinotaa utubuun humna jabaa fi sodaatamaa ijaaruu kan danda'e. Inshaa Allah yeroo dhihootti bal'inaan isiniif kataba.
Mostrar todo...
34👍 9
Hubannoof...!! Ameerikaan osoo deeggarsa Meeshaalee Waraanaa Israa'iil f taasistu torban tokkoof addaan kuttee silaa Israa'iil lola Waraanaa kana geggeessuu hin dandeessu! Kana waan hubatteef Ameerikaan guyyuu meeshaalee waraanaa ishee bifa gargaarsaan gara Israa'iil tti geejjabsiisti. Akka qorannoon Waraanaa saaxiluttis dhiheessii Meeshaalee Waraanaa Israa'iil dhibbeentaa 95% kan haguugee jiru Ameerikaa dha. Warri Gazzaa ammoo marfama diinaa keessa ta'anii warshaa meeshaa Waraanaa tokkollee osoo hin qabaatin biyyi ifatti meeshaa Waraanaan isaan tinnisu osoo hin jiraatiin yeroo dheeraa kanaaf osoo hin sarmiin lola Waraanaa ijibbaachisaa geggeessuun diinota isaanii raasanii dachii kana itti dhiphisuun seenaa addaa hojjechuu danda'anii jiru. Lolichi yeroo jalqabu warri Hamaas walitti fufiinsaan lolicha torban tokkoof ni lolu jedhee eenyuutu yaade? Kunoo isaan lola walitti-fufaa kan injfannoon dabaalame turtii waggaatti dhihaachaa jiru kana cichoominaan finiinsaa jiru. Humni isaanii osoo hin diigamiin duula waraanaa dachii isaanii humna weerartuu irraa bilisa baasuu fi biyya isaanii dhuunfachuu jabeessanii itti fufanii jiru! Meeshaalee Waraanaa hanga rookkeettii tti harka isaaniitiin oomishachaa sochii birmadummaa biyya isaanii mirkaneessuu isaan jalqaban Addunyaa guutuu keessatti deeggarsa ol'aanaa argachuun hawaasni idil-addunyaa hiriiree sagalee isaatiin humnaa fi hamilee ta'uuf dirqamee jira. Israa'iil garuu lola Waraanaa burjaajii guddaa ishee irratti uume kanaan humni Waraanaa ishee naannawaa baha giddu-galeessaa keessatti jabaa dha jedhamu fi humni tikaa (basaasaa) ishee kan sadarkaa idil-addunyaatti dhageettii guddaa qabu salphachuun loltoota Waraanaa ishee ajajoota waraanaa hanga miseensotaatti booji'amanii jiran baafachuu dadhabuun waaroo salphinaa uffattee jirti. Kana qofa miti fudhatamummaan ishee sadarkaa idil-addunyaatti bakka guddaa fi deeggarsa ol'aanaa qabu har'a cabee jira!! Hawaasni addunyaa keessattuu ardii Ameerikaa hanga Awurooppaatti jiran barattoonni Yuunivarsiitiilee gurguddoo Addunyaa kumaatamootaan hiriiranii balaaleffannaa guddaa ishee irratti geggeessaniin xiin-sammuun ishee jeeqamee yaaddoo guddaaf ishee kaadhimee jira. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Mostrar todo...
26👍 8👏 3
Koloneel Asaaf Hamam booji'amee harka Hamaas tti argama salphina guddaa Israa'iil mudate…!! Koloneel Asaaf hoogganaa waraana Israa'iil Birgeedii Kibbaa yoo ta'u lola keessatti booji'amuun harka Hamaas seenee ture. Koloneelichi yeroo inni Hamaasiin booji'amu Israa'iil akka waan inni du'etti kan amante yoo ta'u garuu Hamaas Viidiyoo guyyaa har'aa gadi-lakkiseen "Koloneelli keessan harka keenya keessa jira hin duune! Ariitiin marii kana yoo hin xumurre hoogganaa waraana keessanii lubbuun hin argattan!" jechuun Israa'iilootaaf akeekkachiisa dabarsee jira. Waan nama ajaa'ibu Israa'iil Koloneelli kun akka waan inni du'eetti saanduuqa reenfaa keessa reenfa kaa'uun akka waan reenfa koloneela kanaa ta'eetti sirna kadhannaa taasisuun geggeessaa gootaan awwaalanii turan! Sirna awwaalchaa kana irratti Ministeera Raayyaa Ittisaa Israa'iil Yuav Galanti dabalatee Lammiileen Israa'iil kumaatamaan lakkaa'aman hirmaatanii turan. Har'a Hamaas nama isaanii sadarkaa biyyaatti sirna awwaalchaa gootaa taasisanii ummata sobaa turan Viidiyoon qabatee yeroo ba'u Israa'iil haalaan rifatte!! Kun ammoo Israa'iil dhimma booji'amtoota ishee irratti odeessa qabatamaa akka ishee hin qabne saaxilee jira. Soba isheen ummata ishee sobde har'a Hamaas saaxilee salphisuun Addunyaa duratti qaanfachiisee jira, Israa'iil hanga ammaatti booji'amtoota ishee harka Hamaas jiran gadi-lakkisiisuu dadhabuun ishee dhiibbaa humni Waraanaa ishee qabaachaa ture daranuu gadi buusee jira. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Mostrar todo...
Jechoota Gaggaarii️️

Chaanala Telegram keenya kana irraa odeessaalee Baha Giddu-galeessaa hordofuu ni dandeessu. Toora kana irraan taatewwan Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa dabalatee Seenaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa (Middle east ) salphumatti afaan keessaniin hordofaa

31👏 6👍 1
Salphina Israa'iil mudate kana...!! 👇👇👇
Mostrar todo...
8😁 4👎 3
Adeemsi jijjiiramaa Sawud Arabiyaa keessatti geggeeffame ajaa'iba ture, Mootoliin Sawud Arabiyaa jijjiirama biyyattii keessatti jalqaban galmaan gahuuf wantoota isaa sakaaluu malan daandii irraa maqsuu hojii idilee isaanii taasifatanii itti fufan. Ulamaa'ii haayyota Islaamaa kanneen beekumsa biyyattii bira darbee sadarkaa guutuu Addunyaa Islaamaa haaromsuu danda'u qaban hedduu isaanii manneen hidhaa suukanneessoo keessatti hidhuun dararaa garaagaraa irraan gahuu erga jalqabanii waggoonni hedduu lakkaa'amanii jiru, hundaa ol ammoo wanti nama gaddisiisu Haayyota gurguddoo kanneen dhaddacha mana Murtii dhaabuun himata irratti bananii osoo murtee seeraa irratti hin dabarsiin bilaashuma hidhaa dukkanaa keessa tursiisaa jiraachuu isaanii dha. Faallaa kanaa yeroo ammaa biyyi Sawud Arabiyaan (مملكة السعودية) dirree Muuziqaa, fiilmii, Koonsertii fi Kubbaa Miillaa taatee jirti! Inumaayyuu dhiheenya 'fashion show' dubartootaa isheen qopheessite waan ni mudata jedhamee yaadamaa hin turre ta'e!! Mootoliin gonfoo Sawud Arabiyaa biyyattii Aadaa ammayyummaa biyyoota dhihaa fudhachiisuuf imala jalqaban haalaan jabeessanii itti fufanii jiru. Mootichi Muhammad Bin Salmaan adeemsa kufaatii kana akka hin milkeessineef qormaata natti ta'uu danda'u jedhee Haayyota sodaatu hidhee sagalee isaanii ukkaamsuun beektota isa deeggaran alatti hambisuun biyyattii gara jijjiirama saffisaa kanatti imalchiisaa jira. Urjiilee Da'awaa Addunyaa Islaamaa haroomsuuf dandeettii ol'aanaa itti qaban, warra Da'awaan isaanii hanga guyyaa har'aatti dhaggeeffatamee hin quufamne kan akka Kaalid Al-raashidii, Dr. Salmaan Al-Awdaa dabalatee Hayyicha beekaa Hadiisaa isa Muhaddisa jabanaa kanaa jedhamee dinqisiifatamu isa beekumsi isaa Addunyaa kana raasu isa bilchina isaa Haayyonni hedduun ragaa ba'aniif Sheek Dr Abdulaziiz Al-xariifii sakaalanii mana hidhaa keessatti dararaa jiru. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Mostrar todo...
😭 30👍 7 4
Gufuu imala ammayyummaa biyya Sawud Arabiyaa..!! 👇👇
Mostrar todo...
💔 10