cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Ad Fontes

Ad fontes - gara maddaatti/burqaatti. Garee marii - https://t.me/AFdiscussion Yaadaa fi gaaffilee qabdan karaa @ayyaanaanqofa naa erguu dandeessu.

Mostrar más
FinlandiaEl idioma no está especificadoReligión y espiritualidad
Publicaciones publicitarias
5 504
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

American Gospel.mp4813.42 MB
Those of you who are obsessed with the teachings of Myles Munroe, Joyce Meyer, Kenneth Hagen, Kenneth Copeland, Joel Osteen, T.D. Jakes, Creflo Dollar, Jesse Duplantis, Steven Furtick, Benny Hinn, Bill Johnson, Rick Warren, Paula White, Oprah Winfrey, and many other FALSE TEACHERS, let you look at this documentary and get out of your delusion.
Mostrar todo...
Barreeffamni isaa yoo isinitti dheeratee dubbisuuf isin rakkise, PDF isaa kana dubbisaa.
Mostrar todo...
Eebbisaa Baayyisaa.pdf1.23 KB
“Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi jal'ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul'ata, isaanoo jal'ina isaaniitiin dhugaa gad in ukkaamsu.” — Rom. 1:18 Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi jal'ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul'ata. Gaafas warri beela'aa turanis warri beelessaa turanis, warri saba hacuucaa turanis warri hacuucamanis, warri akka Eebbisaa saba karaa irraa kaachisanis warri isa dhaga'anii karaa irraa ka'anis bakka itti miliqan hin qaban. Waaqayyo jalaa eessatti miliqxu? Bakki Waaqayyo hin argine eessa? Kanaaf diinni keenya Inni guddaan Waaqayyoma mataa Isaati. Kana caalaa maaltu nama sodaachisa?! Dheekkamsa kana jalaa ba'uu barbaadduu(waan barbaaddaniifis miti malee)? Sobaa fi bujunjursaa Eebbisaa jalaa miliquu barbaadduu? Akkas taanaan Wangeela Yesus Kristoos amanaa. Wangeela kanaan dura iyyuu beeka jechuu dandeessa ta'a, ani garuu hin beektun siin jedha. Silaa, machii of-baruu, of-jaallachuu, eenyummaa ofii baruu, of-ta'uu, abjuu koo hin gurguruu, daandii mo'attootaatiin hin waxalamtu ture. Ammas yoo Hafuurri Qulqulluun siif ibse qofaa hubachuu dandeessa. “Dubbiin, "Kristos Yesus cubbammoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe" jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf; warra cubbamootatti lakkaa'aman sana keessaa immoo ani isa duraa ti.” — 1Xim. 1:15 Eebbisaan Waaqayyoon hin beeku. Kanaaf qalbii jijjiirratee hin deebi'u taanaan, deebi'ees amantii isaa Kristoos qofa irra hin ka'atu taanaan, innis akkuma warra kaanii ilma badiisaati. Carraan barreeffamni kun isa bira ga'uu dhiphaa akka ta'e nan yaada. Namoonni itti dhiyaattan ittiin naa ga'aafii. Ofii keessanii immoo kitaabota, barreeffamootaa fi barsiisota isaa irraa fagaadhaa. Biqilaa Habtamuu.
Mostrar todo...
Waa'ee qulqullina qabiyyee kitaabota inni gara Afaan Oromootti hiikee yommuu gaafatamu akkas jedhe "Qulqullina kitaaba kanaaf Eebbisaa miti kan itti gaafatamu. Yoon saayinsii hiika isaa irratti wanti ani balleessu jiraate, yaada barreessaa sanaa akka jirutti yoon hiikuu dadhabe, yoon ergaasaa dogoggorse itti gaafatama kooti. Originally yaada namichi barreesse garuu kan koo miti. Kansaati waan ta'eef, kansaan gara Afaan Oromootti fide.". Ammas yaadatti qabadhaa Eebbisaan kan inni barii saatii 12:00 irratti ka'uuf "og-barruu Afaan Oromoo" guddisuufi dha. Haa guddisu. Sun dhimma koo miti. Og-barruu Afaan Oromoon guddisa jedhee yeroo inni kitaaba Munroe tiin dhaloota mancaasu garuu dhiiga koo na dhaaba. Kitaaba dubbisee, jaallatee, yaadni kitaaba kanaa sirrii dha, sabni kun kitaabota kana dubbisuu qaba jedhee barreesseef itti gaafatamummaa hin fudhadhu jedha. Eenyu abbaa keetu siif fudhata ree? Akkas jettee itti gaafatamummaa jalaa ba'uufii? Qabiyyee isaa waan itti walii galteef mitii kan ati hiikte? Logic isa maal jedhanidha kun? Gowwaa! Uummanni Oromoo 'The bondage of the Will', 'Knowing God', 'The Institute of Christian Religion', kitaabota Puritans'n barreessan dubbisuu dhabuu isaanii utuu hin taanee 'The Count of Monte Cristo' dubbisuu dhiisuu isaanii akka salphinaatti, akka duubatti hafanitti ilaala. Ammoo kitaabota ofii isaa barreesse keessa waan akka wanti nagaan jiruu, kitaabota sana keessa rakkinni yoo jiraate rakkina kooti jedha. Eebboo atumti iyyuu rakkinaam saba kanaaf. Rakkina guddaa. Waa'ee "personal development" yommuu haasa'u itti boonaa haasa'a. Wangeela beeka jechaa yommuu waa'ee kanaa haasa'u afaan isaatti hin ulfaatuu?! Hammam gaafa hamaa taatudha kan ati akkasitti yaaddu? Hammam yoo sammuun kee dukkaneeffame dha?! Nama wangeelli hin galleef mata-dureen kana caalu silas eessa jira? Wanti baayyee na aarsu immoo akka tajaajilaa wangeelaatti isa isin yaaddani dha. Namni wangeela hin beekne akkamitti lallaba?! Wangelli utuu homaa isiniif hin galin umurii keessan guutuu dubbisuu akka dandeessan beektuu? Dubbisuurras dabartanii akka barsiisuu dandeessan beektuu? Akkuma Eebbisaan godhu kana jechuu dha. Theology barachuu fi Waaqayyoon beekuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Umurii kee guutuu utuu wangeelli siif hin galin Theology barsiisaa jiraachuu dandeessa. Akkuma tajaajiltoota biyya keenyaa kana jechuu dha. Hamma Hafuurri Qulqulluun garaa dhagaa sana si keessaa fuudhee garaa foonii si keessa kaa'utti, wangeela olis gadis garagalchitee yoo dubbiste siif hin galu. Baayyina qo'annaa keenyaan mitikaa dubbichi. Kan namaaf ibsu Waaqayyo dha. Ammas taanaan wanti isa dhiphisu namni maaliif dhiibama, maaliif rakkata, maaliif yaada isaa kana hin jijjiirratuu malee, namni diina Waaqayyoo akka inni ta'e, badiisni bara baraa akka isa eeggatu takkaa afaan isaa irraa hin dhageessan. Eessaa fidaree innuu firdii Waaqayyoo jala jira'oo. Rakkoon dhala namaa inni guddaa maal/eenyu akka ta'e beektuu? WAAQAYYO dha. Hamma kana hin hubannetti eenyu illee wangeela hubachuu hin danda'u.
Mostrar todo...
Eebbisaa hundi keessan iyyuu waan beektaniif, waan ajaa'ibsiifattaniifis akka haaraatti eenyu akka inni ta'e wal isin hin barsiisu. Nama kitaabota summaa'oo dhaloota Si'oolitti deemsa isaanii ariifachiisu baayyee barreesse dha. Maaliif akkan page facebook isaa jala dhaqe yaadachuu baadhus, achi jalatti link video YouTube kan inni irratti "lallabe" ("lallabichi" "waldaa" "ifa fayyinaa" — holqa raajota sobduu fi holqa hattootaatti) fi af-gaaffii inni [Haamileessaa Show] TV MO'AA (miidiyaa biyya lafaa, namoota wangeelli hin galleefii sassaabee wacisiisu) irratti godhe argeen mee namichi kun maal irra ga'eera jedheen ilaaluuf link'wwan kana cuqaase. Haamileessaa Show irratti haasaa inni godhe, Eebbisaan nama hin fayyine, nama wangeelli hin galleef akka inni ta'e isin ofii keessanii namoota fayyitan yoo taatan hubachuun isin hin rakkisu. Rakkoon dhala namaa inni guddaan "yaada —ilaalcha" akka ta'etti dubbata. Kanaaf kitaaba "Miiltoo" barreesse. Waa'ee kaayyoo jireenya isaa yommuu haasa'us, "Eebbisaan Baayyisaa bara jireenya isaa keessatti qaawwa ta'e guutee darbuu dha" Ofiisaatii qaawwa hamma cabaa samii ga'u uumaa akka jiru hin beeku😄. Qaawwa xiqqoo ta'en duucha jechaa, ulaa nama kuma dabarsu banaa akka jiru hin beeku. Milkaa'inni isaas qaawwa duuchuu dha. Sammuunsaa duudeera waan ta'eef. Kitaabota xiin-sammuu baayyee afaan English-dhaan akka dubbise dubbata. "Kitaabni akkasii Afaan Oromoon hin jiru, barbaachisaadhammoo...keessumaa dargagoota keenyatti akkamitti jireenya dhuunfaa isaaniitti guddachuu akka isaan danda'aan isaanitti agarsiisa waan ta'eef baayyee barbaachisaa dha."😀"wanti baayyee barbaachisaa ta'e kun hin hojjetamne" "eenyu haa hojjetu?" Eebbisaa.😄 Kaayyoo Eebbisaa amma naa hubattaniittu natti fakkaata. Qaawwa guutuu dha. Qaawwa saba isaa ilaalee isa guutuu dha. Amma nama akkasii herreega kamiin "kiristiyaana" jechuunii dandeenya? Nama qaawwa biyya lafaa guutuuf jedhee hamma halkan sa'aatii 9:00tti taa'u? Isaaf qaawwi nuti seenaa Luther wallaaluu utuu hin taanee seenaa Mandela wallaaluu dha; Seenaa Calvin wallaaluu utuu hin taanee seenaa Gandhi wallaaluu dha. Isaaf qaawwi kitaabni Afaan Oromootti hiikamuu qabu The Pilgrim's Progress utuu hin taane kitaabota Seexanaa Munroe barreesse dha. Nama gowwaa! Kitaaba Myles Munroe, Kennett Hagen dubbisuun isaaf kitaaba namoota gurguddaa dubbisuu dha. Itti boona. Akka isaan ergamoota Seexanaa ta'an hin beeku. Isaaf hin galu! Nama hin fayyineef akkamitti gala silaa?! Waaqayyo isaaf haa ibsu.
Mostrar todo...
Yeroo baayyee badiisa karaa Eebbisaa Baayyisaa dhufaa jiru yeroon ilaalu, barreeffama irratti barreessee saaxiluuf nan yaada. Garuu, Eebbisaan nama hin fayyine, nama hin amanne, nama wangeelli hin galleef ta'uusaa yeroon ilaalu nama kana irratti barreessuun gowwummaa natti fakkaata. Yoo fedha Gooftaa ta'e, isaa fi fakkaattota isaa saaxiluu nan jalqaba.
Mostrar todo...
Mostrar todo...
Don't waste time ( Paul Washer )

Repost from N/a
የምሳሌ መጻሃፍን ዋናውን 1፥7 እግዚአብሔርን መፍራት የጥበብ ሁሉ መጀመርያ ነው የሚለውን እየረሱ የምሳሌ መጻሃፍን ራስን ማሻሸያ የጥበብ መጻሃፍ የሚያረጉ ሰዎች ወንጌልን እንደማያውቁ ማሳያ ነው! የምሳሌ መጻሃፍ ሞኝነታችሁን የሚገልጥ እንደ ሕግ ከዚህም የተነሳ ሞኞች ከመሆናችሁ የተነሳ የዘላለም ሞት እንደሚገባችሁ የሚናገር መጻሃፍ እንጂ እራሳችሁን እንደ ጠቢብ እንድታስቡ የሚያደርግ መጻሃፍ አይደለም። የምሳሌ መጻሃፍን አንብቦ እራሱን ሰለሞን ጠቢቡ በሚለው ሰው ተክቶ እንደሚያነብ ሰው ሞኝ የለም። የሞኝነት አንዱ ምልክት እሱ ነው። ስለሞንም የሚለው እሱ ነው። “ራሱን እንደ ጠቢብ የሚቈጥረውን ሰው አይተሃልን? ከእርሱ ይልቅ ለተላላ ተስፋ አለው።” — ምሳሌ 26፥12 (አዲሱ መ.ት) “እግዚአብሔርን መፍራት የዕውቀት መጀመሪያ ነው፤ ተላሎች ግን ጥበብንና ተግሣጽን ይንቃሉ።” — ምሳሌ 1፥7 (አዲሱ መ.ት) ይህንን እንዳነበበ እራሱን እንደ ተላላ ሳይሆን "እግዚአብሔርን የምፍራ ነኝ" ብሎ የሚያነብ ሰው ያለመዳኑ ምልክት ነው። ይህንን አንድ ሰው እንዳነበበ ማሰብ ያለበት "እኔ ተላላ ነኝ። ምንድር ነው መጨረሻዬ?" ነው። የብዙ ሰው ችግር "ሞኙ እኔ ነኝ!" ብሎ አያስብም። መጻሃፍ ቅዱስ ተላላ የሚለው እውነተኛ theology ወይም doctrine የማያውቅ ሰውን ነው! አንድ ሰው የዘላለም ህይወት ሳይኖረው በCivil ህይወቱ smart ቢሆን ምን ዋጋ አለው? ስለሞን ለዛ እውነተኛውን ያዋሄን መፍራትን የጥበብ(ዕውቀት) ሁሉ መጀመርያ ነው የሚለው! ኢየሱስን በእውነተኛ መንገድ አውቀህ "Degreeም M.Aም" አይኑርህ ወይም ምንም ስለዚህ ዓለም ባታውቅ ችግር የለም! "እባክህ Doctrineንህን check አርግ!" የሞኞች መልስ "አንተ ማነህ ያን ልትነግረኝ? አንተ ማን ስለሆንክ ነው የምትፈርደኝ? Doctrine መሳሳት የዘላለም ህይወት ያሳጣል ያለው ማነው?"(ኢየሱስን በእውነተኛ መንገድ አለማወቅ ሲኦል ያስገባል ያለው ማነው?" "እባካችሁ doctrinally እግዚአብሔርን ፍሩት በአዕምሮችሁ የመጣላችሁን የኢየሱስ መስቀል አተረጓገም ሁሉ አትከተሉ! ከተሳሳታችሁ ሞት ነው!" የሞኞች መልስ "እኔ የዳንኩት በኢየሱስ ነው። በDoctrine አይደለም!" (ጥያቅዬ ኢየሱስ ማነው? ያደረገልህስ ነገር ምንድር ነው? ስለዚህ አንድ የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ "ቤተ ክርስቲያን?" ሰው ይድናል? ያው ሚዳነው በኢየሱስ ነው እንጂ በDoctrine አይደለም ከተባለ?" የምሳሌ መጻሃፍ ጥበብ ሰለሞንንም አልጠቀመውም። እራሱ የጥበብ መንገድ ነው ያለውን አልተከተለውም። "የጥበብ ሁሉ መጀመርያ እግዚአብሔርን መፍራት ነው!" ብሎ ጣኦት በማምለክ ነው ያበቃው። እናንተም እውነተኛውን ያዋሄን በእውነተኛው ኢየሱስ እያመለካችሁ መሆናችሁን ምን ያህል እርግጥኞች ናችሁ? የምሳሌ መጻሃፍ የሕግ expositationም ነው። ጉድለታችሁ ሞኝነታችሁ ምን ያህል እንደሆነ በማሳየት ፍርድ የተገባችሁ እንደሆነ የሚናገር መጻሃፍ ነው። እንደ ሞኝ ጥበብ ውስጥ ተሸፍናችሁ በሞኛነታችሁ ምክንያት ሲኦል እንዳትገቡ ጥበብን እንድትፈልጉ የሚናገር መጻሃፍ ነው(ምሳሌ 2 እና 3)። ለእኛ ጥበባችን ኢየሱስ ክርስቶስ ነው። በመስረቱ ይህን ብታደርግ ጥበብ(ትክክል) ነው ማለት አደል ሕግ እራሱ? "እናትህና አባትህን አክብር!" ይህ ጥበብ ነው ይላል ሕጉ! ካላረጋችሁስ? "ሞት ይጠብቃቸዋል!" የምሳሌ መጻሃፍ የእግዚአብሔር ቃል ነው። ካልጠብቃችሁት ሞት ይገባችኋል! የአንድ የመንገደኛን አባባል ሰምቶ መሄድ እንዳይመስለን! ለነገሩ እራሱ ስለሞንም ይላል! ጠቅለል ሳርገው በራሴ ቋንቋ የምሳሌ መጻሃፍን "ልጄ ሆይ ባትሰማኝ ሞት ነው መጨረሻህ!"(በአግባቡ ከተረዳችሁት!) የምሳሌን መጻሃፍ እንደዛ አንብቡ እስቲ! ያስቅ እንደሆኑ እዩ! የምሳሌ መጻሃፍን እየወሰደ በየመንግዱ ለpep talk እና ህይወትን በብልጠት ለመኖር እንደሚጠቅም መጻሃፍ treat እንደሚያረጉ ሰዎች ሞኝ(ያልዳነ) የለም።(Reformed ነን ብለው ስነ ምግባር ቸርች የሚያስተምሩ ሰዎች ወንጌል ባይገባቸው ነው እላለሁ!)። አንድ አንድ ሰው ሁሉን የመጻሃፍ ቅዱስ መጻሃፍት እየወሰደ "ክርስቲያናዊ ስነ ምግባር እያለ!" ለህይወት የተሰጠ መጻሃፍን ወንጌልን የሕግ መጻሃፍ አርጎ ያርፋል! "ዳንኤል እንዲህ አርጓል! አንተም እንዲህ አድርግ! ኢየሱስ እግር አጥቧል እግር እጠብ!" በጥበብ እንመላለስ!" Jordan Petersonኦች! ሞኞች! የእግዚአብሔር ቃልን የ"12 Rules"አቸው መጫወቻ መጻሃፍ የሚያደርጉ ሰዎች! ለብዙ ሰው ሙሉ ከዘፍጥረት እስከ ራዕይ ቅዱሱ መጻሃፍ የምሳሌ መጻሃፍ ነው! የአስገራሚ ታሪክ ክምችት እና የአባባሎች ቋት ነው! ከዛ ሰዎች ማስደመምያ! የሚያስፈልጋችሁ የምሳሌ መጻሃፍ ሳይሆን ወንጌል ነው!(ጆሮ ያለው ይስማ!) ያዕቆብ መልክዕት እና ምሳሌ መጻሃፍ ጋር የሚሮጥ ሰው ወንጌል ያልገባው ሰው ነው! ለነገሩ ወንጌሉንም ወስዳችሁ "የእውነተኛ ሰባዊነት ምሳሌ" ታደርጉትም የለ! እግዚአብሔር ያድናችሁ! ችግራችሁ በጣም ጥልቅ ነው! የምሳሌ መጻሃፍ አንብባችሁ ስትጨርሱ የሐጢአታችሁ ብዛት ነው ሚታያችሁ ወይስ ጠቢብ እንደሆናችሁ ነው የሚሰማችሁ? ለንስሓ ነው የሚመራችሁ ወይስ "ከዚህ በኋላ እነዚህን የጥበብ አባባሎች ህይወቴ ላይ apply አደርጋለሁ!" ነው? ሰውን ቅዱሱ መንፈስ ከጨለማ ውስጥ ካልሳበው በስተቀር መጻሃፍ ቅዱስን ማንበብም ክንቱ ነው! መጻሃፍትን እያነበበ ሲኦል ይገባል ብዙ ሰው!
Mostrar todo...
Photo unavailable
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.