Caayaa Beekumsaa🙈❤️
Gorsa beektoota Waalaloo jaalala Baacoo Mammaaksa Oddeeffanoo haaraya qabatama argaatu dandeessu ❤️ ❤️
Mostrar másEl país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
181
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días
- Suscriptores
- Cobertura postal
- ER - ratio de compromiso
Carga de datos en curso...
Tasa de crecimiento de suscriptores
Carga de datos en curso...
Miskiina humaan qabne
Yatiima rakkataa
Waan qabduun gargaari
Bitadhu jannata
Yaa nama muslima
Dhagahi wahiin sitti hima
Ilmaan abbaan qabne
Ijoollee yatiima
Isaan san yaadadhu
Sadarkaan khe ni cima
Boru ni rakkattaa
Ardha baankii kaayyadhu
Xiqqoo qabdurraa
Miskiina sadaqadhu
Aduunyaan tun ni dhumtii
Boruuf ol kaayadhu
Qabeenyi ardha qabdu
Beekhi siif qormaata
Miskiina gargaaruun
Arkkadhu furmaata
Dadhaba itti dhihaadhu
Waan qabduun gargaari
Rokkoo itti jiru kanarraa
Me xiqqollee baraari
Atiis boru siraaxi si eeggataa
Ajrii tanaan dabari
Yooniif gad baane laalle
Miskiina meeqa jira
Sinqii guyyaa boruutiif jannee
Ha dhaabbanu isaan bira
Rakkataa meeqa jiraa
Khan jiraachu walaale
Humna qaamaallee dhabee
Waan takka hin hammaalle
Me bira dhaabbadhu
Bareechiif hamilee
Namni waan qaburraa
Miskiina gargaare
Rabbumaaf jecha niyyatee
Toolche hojii hegeree
Inni sun milkaawe
Karaa sirri agare
Qormaata qophaaweef
Milkiidhan dabare
Nama meeqa jira
Kha garaa si boreeysu
Haadha yatiima fa
Tan kharaarra teeysu
Waa itti khanitu malee bira hin khutin
Rabbi si ha milkeeysu
Wanni ardha khannatu
Boru si dhaqqaba
Gaafa namuu rakkatu
Guyyaa akkan jabaa
San jalaa najaa bahuuf
Miskiina harka qaba
Hangam qabaatullee
Duniyaan hin guutamtuu
Gandi hirdhuun qabne
Akhiira akka toolfatu
Dhabaan heduudha
Yoo sirri gadlaallee
Kan haalan cinqatee
Jiraachu walaale
Kan ollaa kanyaatii jalqabee
Kan jiru fagoollee
Me gamtaan ha gargaaru
Hundi waliigallee
Waan qabnu hunda baasne
Yoo jiruma teenya toolfanne
Miskina rakkataa osoo garruu
Dantaa takka dhabnee
Duuba maal deebifna
Gaafa fuula rabbii dhaabbanne
Walalo tana Video isii asirra arkachu Ni dandeysan Subscribe Godhaa Galatooma 👇
https://youtu.be/-F4TVbOSDqI
t.me/Suhye_bi
WALALOO Yatiima Gargaara Jattu
WALALOO #YATIIMA_GARGAARA Jattu By Bishaaro Abdii Channel khana Subscribe Like Share Godhaa Galatooma #Bisharo Abdi official #KHADIIJA D.GROUP
Namni Rabbirratti irkate rakkina kamiyyuu ni injifata!
Namni Muslimaa haalli rakkisaan kamiyyuu yeroo isa muudate, sodaa fi dhiphinaan gadduu osoo hin taane, waadaa Rabbii isaa yaadachuun isumrratti irkoo jabeefachuu qaba.
Rabbiin subhanahuu wata'aalaa akkana jedha:
قُل لَّن يُصِيبَنَا إِلَّا مَا كَتَبَ اللَّهُ لَنَا هُوَ مَوْلَانَا ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ (51)
“Jedhi, “Wanta Rabbiin nuuf katabe malee homaa nu hin muudatu. Inni tiiksaa keenya. Warroonni amanan Rabbiin irratti haa irkatan.” Suuratu At-Tawbah 9:51
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
Wanti ati gootu marti wanta ati yaaddedha. Gochi kee martinuu bu'aa yaada keetiti. Yeroo tokko tokko akka carraa /unconsciously/ wanta hin yaadne gochuu dandeessa.
#Share
@Caayaa Beekumsaa
Faallaa
Bara durii keessa haayyuun cimaan tokko ka'e. Yaadota inni kaasuniifii barumsa inni kennuun hordoftoota hedduu horate. Namoota wal lolan ni araarsa, waldhabdee biyyattii keessa jiru ni fura, lammiileen biyya sanaa naamusaafi jaalala biyyaan akka ciman isaan taasisa ture. Haayyun kun sammuu ajaa'ibsiisaa qabaatus bifti isaa fokkisaadha ture. Yeroo tokko intala bareedduun tokko ennaa inni barsiisu argitee waan tokko yaadde. Gaafa inni barumsa isaa xumuree waltajjii irraa bu'u eegdee akkas jetteen "Ati haayyuu cimaadha. Animmoo bareedduu biyya kanaati. Osoo mucaa waliin godhannee bifti isaa anatti, sammuun isaa ammoo isinitti baha. Kanaan ammoo haayyuu waan hundaan guutuu ta'a" jetteen. Haayyuu kunis qalbisee erga ishee ilaalee booda akkas jedheen "Tarii bifti isaa anatti, Sammuun isaa ammoo sitti yoo bahe hoo?" jedheen.
Hir'ina kee guutuf yaaluu caala jabinni guddaan hin jiru. Hir'uu ofii namootatti hirkatanii guutuu fakkeessuu caala ammoo gowwummaa guddaan hin jiru. Akkuma hayyichi jedhan wanti ati yaadde ofittummaan waan ta'eef faallaa ta'ee badii hamaa geessisuu danda'a.
#Share
@Caayaa Beekumsaa!
Mostrar todo...
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
"Jireenya koo keessatti karaa hundaan
milkaa’aa ta’uuf yaaleera: Akka daldalaa
tokkootti, akka nama hojii beeksisaa hojjetu tokkootti, , akka barreessaatti, akka abbaa manaa fi abbaa ijoolleetti. Yeroon milkaa’inaaf carraaqaa ture, jireenyi waan baayyee na baarsiifteetti" jedha. Richard Branson
Milkaa'ina isaa keessatti bu'aa bayii hedduu darbuu isaaf haga amanuun namatti ulfaatutti taatee ajaa'ibaa keessa tare namni kun.
Tokkoon tokkoon taatee jiruu isaa keessatti jechoota inni adda dureen itti amanuuf hojiirra oolchu kanneen armaan gaditti caqafaman kana. Kitaabichi ka hiikametu naaf kenname. Anis dubbiseen itti gammade.
Ofiikeetti amani.
Hundinuu akka danda’amu amani.
Jireenyi kee karaa hundaan guutuu haa
ta’u.
Abdii hin kutatin.
Callisii Godhi (Just Do It)
Akka danda’amu amani.
Karoora qabaadhu.
Jireenya kee sirriitti jiraadhu.
Abdii hin kutatin.
Qophaa’ii eegi.
Ofitti amani.
Namoota gargaari.
Gammadaa Ta’i.
Gammadi, cimii hojjedhu; maallaqni
ofii isaa ni dhufa.
Yeroo hin gubin-Carraa of hin
dabarsin.
Ilaalcha poozatiivii qabaadhu.
Si gammachiisuu baannaan waan
biraa hojjedhu.
Hin sodaatin!
Rakkoo si mudatu dursii tilmaamii
mo’adhu.
Ofitti amani.
Abjuu fi kaayyoo kee duukaa bu’i.
Hin gaabbin.
Waadaa seente hin irraanfatin.
'Chaaleenjii' Of Godhi.
Guddaa yaadi.
Wanta haaraa yaali.
Yoomiyyuu yaali.
Of Danda’aa Ta’i
Mataa kee danda’i
Abjuu qabaadhu garuu kan
dhugaarratti hundaa’e haaa ta’u
Namoota wajjiin hojjedhu.
Yeroo Ammaaf Jiraadhu
(Live the Moment)
Jireenya kee jaalladhuu, gammadaa jiraadhu.
Yeroo qabdutti gammadi.
Jireenya kee taa’ii madaali.
Sekondii hundatti fayyadami.
Hin gaabbin.
Maatii fi Hiriyoota Keef Iddoo Guddaa Laadhu.
Maatii kee fi hiriyoota keef dursa kenni.
Amanamaa ta’i.
Rakkina hin sodaatin.
Qarshiin ittiin hojjechuuf uumame.
Namoota sirrii filadhu; gaarii kan
hojjetan badhaasi.
Namootaaf Ulfina Kenni.
Namoota kabaji.
Waan sirrii hojjedhu.
Maqaa gaarii qabaadhu.
Haqaan hojjedhu.
Gaarummaa hojjedhu.
Xiqqoollee haa taatu addunyaa kanaaf
jijjiirama fidi.
Namoota gargaari.
Miidhaa hin geessisin.
Namoota gargaaruu akkamitti akka
dandeeessu yaadi.
Dhuma irratti, "wan hundaaf barnoota gaarii kan siif kennu, hojjechuu qofa" jedha.
Seenichi nama kanaa waan jabaadha.❤🙏
@Caayaa Beekumsaa
#Jibbamnus
Homaa miti nu jibbanis
Turree lafaa kaana
Rabbi nun jibbin malee
Bor bullee barii yaana
......................................
Namni yoo si jibbes
Mi'aa kee hadheessee
Soba sirra tuulus
Dhugaa fafakkeessee
...................................
Cubbuun si faalanus
Dhugaa fakkeessanii
Hin badu ni galaa
Haqni kan keessani
.................................
Homaa sin godhanuu
Murtii Rabbiin ala
Dhugaan bultee galtii
Yoo turtes galgala
.....................................
Rabbi biraan tahin malee
Namni sin godhu homaa
Hamileen sin cabin
Laaltee warra doomaa
........................................
Namni gagarmaameef
Kayyoon keen maseenu
Waan fedhe haa jedhu
Jechi uree sin seenu
.......................................
Diriiraadha jedhanis
Hin diriiru tulluun
Cubbuu haxaawanis
Hin badu qulqulluun
...............................
Haqni gadii jedhee
Waan bade fakkaatus
Bariinis dheeratee
Dukkanni hammaatus
..................................
Abshir homaa mitii
Dukkanni nun goolu
Dukkanni dheerateef
Bari'uun hin oolu
....................................
Didimmisee baay'atus
Bulee ganama bari'a
Ifti guyyaa dhufee
Dukkana ari'a
#By 👉 @Aliyyee360
Gaafa namni ganamaan hirriba irraa si dammaqsu hin jirreef galgala rafuuf eenyullee sin eegne; gaafa waanta barbaadde kam hojjechuu dandeessu. Maal jettee waamta, QOFUMMAA moo BILISUMMAA?
@kallattii1 @kallattii1
👉Jireenyaa namni biran jiraate jiraatte nan jiraadhee hin jedhiin!
Of taatee osoo hin taane ofii kee akkaata namichi itti jiraatu keessatti fakkeenyumma fakkeesite miiccirte cabsun hambifte waan jirttuf. Ammayyun ati inni sii keessa jiru awwaalamee jira. Ati inni dhugaan sii keessa jiru kan inni muul'atu gaafa ati Jireenyaa mataa keetif akkata mataa keetti jiraachu dandeessedha. Akka abaaluun sirbaan mormaa nama Jal'isaa malee shubbisaa nama hin baarsiisu waan ta'eef.
Jireenyii Jireenyaa kan jedhamu gaafa akkata mataa ofitti ofitti-amanamumma ofittiin jiraataniidha. Adeemsaa mataa ofii keessas of geggeessuu yoo danda'aniidha. Kana malees, Jireenyaa milkaa'ina fi dhugooma abjuuf mul'ata ofii keessa argaameef Jireenyaa abjuuf mul'ata keessa ofii jiru milkessuf daandi gubbaa jiruus yoo jiraataniidha. Jireenyii adeemsi isa abjuuf mul'ata isa hordoofe hin sochoonne, yoo adeeme iyyuun galmaa hin gahu. Galmaa qabatamaa tokko gahuf adeema jiru waan hin qabneef.
👉Addunya kun namoota hundumaaf akka ta'utti Jireenyaa mataa isaani isan barbaadan filaanno gootefi dhiyeesite jirti. Kan ofiif ta'u filaate jiraachun gahee abbaati.
Sabaabinsa, Jireenyaa jiraannu mirgaa nu filaachiisu malee kan akka nutti dirqaaman keessa jiraannuf nu dirqiisisu waan hin jirreef.
Addunya kanarra Jireenyaa ati jiraattu kan siif murteessu; nama miti, haalaa miti, firaaf oorma miti, maatiif hiriyyaa miti. Filannoo keeti! Kunis, jireenyaa jiraachun qaba jette ati of jiraachiisuf, akkasumaas Jireenyaa jiraachuf yaaddes dhugummaan jiraatte argamuuf garaa kee guutuu, saammuu keetin itti amante Jireenyaa ATI dhaamatuf dhaarratudha.
Garuu, Gosawwaan jireenyoota baayee kana keessa kan kee kan ta'ee wanta keessa kee jiru ykn namummaa keessoo kee wajjiin kan wal fudhatu tokko filaanno mataa kee godhaachun, gosaa Jireenyaa filaatte Kanas itti dadhabde tattaaffii mataa keetin kan ofii kee itti milkessuf adeemtu tokko yoo hin qabaatin; jireenyaa haalaan, namootan, firaan, maatiin, hiriyyaanif waantootan akka jiraattuf affeerramte jiraatte argamta. Sabaabinsa, sabaaba gahaf waanta qabatamaa itti jarreen kana amaansifte kufa gochuun bira darbu dandeessu waan hin qabnef. Akkasumaas, atumti kan kee fi kan kan hin taanes adda baafatte waan hin hubaatinif.
Warrii milkaa'an akka isan jiraatanif gosti Jireenyaa filataamani dhiyaachufi dhiisani miti. Qaamoolee Jireenyaa ofii barbaadan akka isaan jiraatanif isaan affeerran kanatti, isaa adeema jiraanif mul'ataf abjuu, akkasumaas kaayyoo milkessuf tattaaffii gubba jiran itti agarsiisaniti bira darban. Akkasumas, jireenyaa jiraachu barbaadanif isaanif ta'us dursani waan filaatanif Jireenyaa jiraachuf filaatan sanatti amanani jiru malee warroota cina isaanif heeyyamammo miti.
Kanaafuu, waan adeema jiraanif qabachuuf waan adeema jiraanifis sirritti adda baasani beekun diinnota karaa keenya gubbatti nuu qunnaamanif deebii gaha akka kenninuf, akkasumaas, ofitti amanamumman deebii keenya itti himnuuf humnaa nuuf ta'u. Kana malees, gaaffii akkamittan jiraadhaf Jireenyaa maaliin jiraadha jedhani kan of gaafatanifis deebii sirrii ta'ees argaama.
Kanaafuu, Jireenyaa mataa kee jiraatte argamuuf; mul'ata, abjuu fi kaayyoo ofii kee milkessu dandessuu qabadhu! Akkaata ofii keettis jiraatte argamuuf, waantoota ofii kee keessoo kee jiraan namumma kee isaa gaarii hubadhu!
Hamman danda'u irran isiniif qoode! Ulfaadha!
✍WameraanToleeraa Bantii tin]
Yaadaf; @Gorsajireenya_bot irratti na quunnama!
Join share join share
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Gorsa_jireenya
@Milkaainajireenyaa
Elige un Plan Diferente
Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.