cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

Mostrar más
Finlandia129El idioma no está especificadoNoticias y medios4 387
Publicaciones publicitarias
32 612
Suscriptores
+2224 horas
+567 días
+2 46630 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Qophii Qorqortii Siyaasaa ONM-ABO Caamsaa 6-2024 itti dhiyaadhaa! Guddina Itoophiyaa bilxiginnaan faarsu, Maree Biyyaalessaa, Rakkoo Kaaba Impaayeerattii fi Dhimma Dippilomaasii Bilxiginnaa ilaalchisuun turtii Dr. Hambisaa Bal'inaa waliin taasisne! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, Afaan saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromooti, Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa!
Mostrar todo...
👍 4
#Naqamtee ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Sababa Abiy Ahimed magaala Naqamteetti imaluun Warshaa Daabboo Eebbisiisuuf magaalattiin waraana faashistii PP'n jeeqamaa jirti. Uummanni hojii isaa irraa galu karaatti konkolaataa PP danqamaa, akkasumas eegdota sirnichaan doorsifamaa fi reebamaa jira. Namootni daandii gubbaatti hojii kophee hojjetan ari'amuunii fi baajota irraa uguggii fuudhanii dhaabsisanii jiru. Faashistootni jaarraa 21ffaa uummata ukkamsanii fi dirqiin waltajjii yaasuun itti dubbatanii viidiyoo waraabuun olola irraa tolfatu.
Mostrar todo...
😁 11👍 9 1
ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Qophii Qorqortii Siyaasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa isiniif darbuuf dhimmoota adda addaa irratti turtii Dr. Hambisaa Bal'inaa waliin taasisne har'a sa'a 12:00 irratti qabannee isiniif dhiyaanna. Nu hordofaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sagalee Cunqurfamtootaa ❗️
Mostrar todo...
Hamaas Gaazaa irraa rookkeettii dhukaasuun bakka qaxxaamuraa Kerem Shaalom haleeluun beekame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Haleellaan Hamaas daangaa qaxxaamuraa irratti raawwate kun kan raawwatame yeroo mariin Israa’elii fi Hamaas gidduutti araara buusuuf gaggeeffamaa jiruuttidha. Israa’el bakka qaxxaamuraa Kerem Shalom Gaazaa waliin jiru erga Hamaas daandii kana keessaatti rookkeettii dhukaaseen booda akka cuftee waraanni biyyattii beeksiseera. Haleellaa Hamaas raawwateen yoo xiqqaate namoonni 10 kan miidhaman yoo ta’u, gariin ammoo miidhaa cimaa akka qaban miidiyaaleen Israa’el gabaasan. Qaxxaamurri kun karaa muraasa gargaarsa namoomaa gara Gaazaatti geessu keessaa isa tokkodha. Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Masriitti mariin dhukaasa dhaabuu akkasumas namoota Israa'el booji'aman gadhiisuuf mari'achaa jiranitti. Israa'el gaaffii Hamaas waraana Gaazaa dhaabuuf dhiheesse akka hin fudhanne dubbatteetti. Raayyaan Ittisaa Israa’el akka jedhetti, naannoo qaxxaamuraa Raafaa Kibba Gaazaa naannoo qaxxaamuraa Raafah jedhamutti kan argamu yoo ta’u, kunis Kerem Shalom irraa tilmaamaan kiiloo meetira 3.6 fagaatee argama. Sana booda xiyyaaronni waraanaa Israa’el bakka itti dhukaafamanii fi caasaa waraanaa kan biraa dhihoo jiru rukutanii akka turan ibsa baaseen beeksiseera. Hamaas marii waraana dhaabuu Kaayirootti gaggeeffamaa jiruuf jila kan erge lola dhaabuu akkasumas hidhamtoota Falasxiinota hedduu mana hidhaa Israa’el keessatti hidhaman gadhiisuu of keessaa qaba jedhame. Haa ta'u malee sochiin marii haaraan kunis otoo hin mallatteessiin gufate jechuun BBCn gabaasera.
Mostrar todo...
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti doqdoqqee hedduun waraana faashistii PP'n jiraattota jalaa saamamuun himame ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Bilxiginnaan qabeenyaa jiraattotaa saamuu jabeessuun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa nagaa irratti saamicha geggeessuu itti fufaniiru. Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessaa namoonni doqdoqqee oofuun jiraatan gandoota akka: Badhaasaa, Mul'ataa fi Jireenyaa jedhaman keessa yeroo ammaa sababa waraana mootummaa PP'n akka itti dalagatan dhabuu jiraattonni ONM'tti himan. Caamsaa 03,2024 gandeen kana sadan keessa socho'anii akka hin hojjenneef doqdoqqee 3 kan namoota maqaan isaanii : Sambataa Moosisaa, Amanuu Hundee fi kanneen biroo jalaa fuudhuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05, 07 fi Kumsaa Morodaa keessatti furtuu irraa fudhatanii kaa'aniiru. Hanga yoonaattis magaalicha keessaa doqdoqqeen 40 ol qabamanii jiru. Doqdoqqeen waajjira Poolisii aanaa jirus waraana PP'n akka malee abbootii qabeenyaa jalaa miidhamaa jira. Qabeenyaa hawaasaa irratti shaakalaa akkasumas bakka fedha isaanii kan ittiin dhaqan yommuu ta'u, kanneen gurguratanii korojoo isaanii kaawwatanis danuu akka ta'e himameera.
Mostrar todo...
Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee keessatti meeshaalee gurgguddaa qe'ee hawaasaatti dhukaasaa jiraniin namni tokko madaa'uun, qabeenyaan jiraattotaas manca'e. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan tumsamanii akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho'aa jiran, meeshaalee gurgguddaa fageenya dheeraa deemuu danda'u qe'ee uummataatti dhukaasaa jiraniin lubbuu namootaa fi beelladootaa galafaachaa jiru. Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee ganda Ashawaa Luxeetti Caamsaa 3,2024 ganama sa'a 2:00 irraa eegaluun lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun meeshaalee gurguddaa kanneen akka dishqaa, moortera, PKM fi Isnaayipera fayyadamuun qe'ee hawaasa Oromootti dhukaasaa turaniin namni tokko kan maqaan isaa Ahimed Abbabaa jedhamu madaa'uun, qabeenyaan jiraattotaa loonii fi oomishaaleen garaagaraa barbadaa'aa jiraachuu ibsaniiru. Akka jiraattotani jedhanitti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun meeshaalee gurguddaa fi humna namaa duubaan waammachaa akka jiranii fi murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha'achuun warraaqsa dhiiga Qeerroo fi Qarreetiin geggeeffamaa ture butuun gara aangoo impaayerattiitti dhufe, humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kana ofii waan tumsuuf, yeroo isaan uummata nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatii manneenii raawwatan callisee ilaaluun isaa hawaasicha kan gaddisiisee fi Koloneel Abiy Ahimed Oromoo bakka bu'uu akka hin dandeenyes dabaluun addeessaniiru.
Mostrar todo...
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti manneen qonnaan bultootaa yoo gubatu, qabeenyis saamame. ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Egeree saba Oromootti yaaddoo guddaa uumee kan jiru murni bilxiginnaa erga aangootti dhufee hanga har'aatti ajjeechaa jumlaa raawwatan dabalatee iddoowwan adda addaatti qabeenya hawaasichaa saamuun gariin ammoo gubanii mancaasuun namoota hedduu maatii waliin rakkoof saaxilaa bakkeettis facaasaa jiru. Uummanni nagaan qabeenya waggoota hedduuf itti dafqee horate guyyaa tokkotti dhabaa kan jiran yoo ta'u, Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti gaafa Caamsaa 3,2024 hidhattootni sirnichaa qabeenya hawaasaa saamuun manneen qonnaan bultootaas guban. Obbo Shallamaa Boonsaa kan jedhamu ganda Ilaalaa Waaqoo keessatti sangoota sadii kan ayyaana Faasikaa irratti gurgurachuuf qallabaa ture jalaa fudhachuun hidhattootni sirnichaa yoo deeman, ganda Callabbaa Madabii jedhamu keessatti ammoo obbo Faqaddaa fi dubartii ijoollee hin qabne tokkos mana jalaa gubuun bakkeetti gatanii deemuu jiraattotni himan. Hidhattootni kunneen akkuma gandichatti bobbaafamaniin kaayyoon isaaniis saamichaa fi ajjeechaa waan ta'eef namoota reebuu, hidhuu, saamuu fi manneen gubuu badii tokko malee raawwachuus himan.
Mostrar todo...
Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa Magaalaa Dongoroo keessatti barataan tokko waraana faashistii PP'n ajjeefame ONM-ABO Caamsaa 6,2024 Ol adeemoo lafarraa duguugee kan fixaa jiru bulchiinsi impaayera Itoophiyaa humnoota baratanii fi hawaasni abdii isaa irra godhatu hundumaa yakka tokko malee ajjeesuu irratti bobba'ee loltoota isaan raawwachaa jira. Haaluma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongoroo keessaa waraanni maafi'aa PP barataa Qajeelaa jedhamu badii tokko malee Caamsaa 04, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesan. Qajeelaan barumsaaf magaalaa Naqamtee kan ture yoo ta'u, Ayyaana sooma hiikaa kiristaanaa kana maatii isaa waliin kabajuuf gara manaatti akka galee fi hiriyoota isaa biraa waraana maafi'aa PP'n qabamee ajjeefamuun himama. Hirmaannaa siyaasaa tokko malee ol adeemaa, nama gaarii, safuu hawaasaa eeguu fi dargaggoo jaallatamaa kana gara jabina waraana sirnichaan akka ajjeefames dabaluun himaniiru. Yeroo ammaa uummanni Oromoo abbaa fi ilmaan wal arguuf illee hedduu dhiphachaa akka jiranii fi manaa ba'uun hedduu rakkoo ta'uun hidhaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti akka raawwachaa jiru jiraattotni ONM'tti himaniiru.
Mostrar todo...