cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

KUSH OFFICIAL

This channel is created for ur opinions Share as my opinion May be ur opinion is mine or her or him Get know each other Get some other like u Send urs opinion on https://t.me/joinchat/AAAAAEc39byyzA60jApoOQ . .⚫🔴⚪ @oro_qoute JOIN US     

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
426
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

JAWEEF HIDHAAN MALAAREE? Osoo dhugaan dubbatee Mataa isaas ol qabee Osoo sobni callisee Mataan isaa gad cabee Kabajni abbaa kabajaaf Dhugaanis abbaaf galee Jawaar tasan hidhamu Ulfina argata malee Jaweef hidhaan malaaree? Inni gonkaan hin hidhamu Sobduuf hololtuuf dhiisii Leencoontaanuu hin qabamu Osoo dhugaan hin dabnee Safuuf seerri hin jallannee Sobni halluu dibamee Teessoo dhugaa yaabbannee Abbaan biyyaa dhaalamee Gantuun dhaalan hirmaannee Qabeenyiifi dhugaan sabaa Diinaaf kennaan hin kennamnee Badhaasa fudhata malee Jaween gonkaa hin hidhamu Harka diinaan qabamee Bakkan mallee hin buufamu ~~~ Eenyudha abbaan dhugaa Kan saba isaaf qabsaa'e Eenyudha abdii sabaa Kan rasaasaan haxaa'e Eenyudha diinni diinaa Kan saba isaaf faccisu Eenyudha firri diinaa Sirna bade deebisu Eenyu abbaan dhalootaa Kan sabaaf boolla lixu Eenyummoo farri dhalootaa Kan lattuu keenya fixu Eenyuutu qara ta'ee Golgaa diinaa tarsaase Eenyutummoo baandaa ta'ee Halagaadhaaf basaase Diina keenya kaleessaa Eenyu kan baalaleffate Enyutummoo diina faana Akkan taane nu nyaate? Eenyummaansaa ifaadha Kunoo gaaffiin barbaadu Kanaaf... Akka baran gochuudhaaf Beekaa keenyatti aadu! ~~~ Jawee abbaa tarsimoo Abbaa qeerrootiif qarree Abbaa qabsoo Oromoo Yabbaa tarsimoon tarree Falmataa mirga namaa Kan ofiif hin jiraanne Sobee arrabaan bulee Imanaa sabaa hin nyaanne Goota lammiif dhaabbachuun Sabasaa tokkummeessu Shiraaf sakaallaa dinaa Tarsimoon burkuteessu Beeka gameessa sabaa Hayyuu addunyaan barbaadu Hunduu kan isaa godhachuuf Halkanii guyyaa aadu Lammii isaaf gaachana Diinaaf dhukkuba mataa Ormis kanaaf sodaatee Akkan taane hoollata Dubbatu dubbiin adda Akka leencaa barooda Hoogganuun kennaa isaati Jawee koo irraa bareeda ~~~ Jawee.... Siif hidhaan ni malaaree? Nama biyya ijaaru Jireenya kansaa dhiisee Lammiisaaf karaa haru Dhugaa sabaaf dhaabatee Mirga namaaf jiraatu Saba kansaa teessuus Lafaa ka'ee dhaabbatu Nama qannoon jiraachuu Filannoo isaa hin godhanne Boqochuu osoo danda'uu Guyyaa tokko hin boqonne Siif hidhaan tasa hin malu Mee maaliif si hidhani Waan hin goone si faaluun Waan hin jennes jedhani ~~~ Atoo biyyaa ijaaruuf Humnaaf yeroo hin qusanne Dhuunfaa keetiif daldaaltee Homaa tokko hin buufanne Tokkummaa dagaagsuudhaaf Waanta hedduu dalagde Shirri gandaaf amantaa Maqaa keen bakka dhabde Diinni wal nu nyaachisuuf Waan hin jirre kalaqee Gandummaaf shira amantiin Obbolaa walitti naqee Nu saamuuf yeroo jedhu Sittu bakka dhabsiise Qeerroof qarree barsiisuun Karaa dhuga qabsiise Oromoo tokko gochuuf Oromummaa dagaagsuuf Dhugaa garaa ciibsitee Soba hundee gabaabsuuf Atoo takkaan boqonne Dadhabdees hin hirkanne Kanaafillee gaabbitee Gaabbii kan kee hin himanne Goota sabaaf jiraatee Sabboonummaa lallabu Kaartaa deemsa fuulduraa Harka isaarraa kan qabu Osoo dhugaan jiraatee Ati goonkaan hidhamtu Hidhamuunuu haa hafuu Maqaa dhaanuu hin tuqamtuu Jaween... Osoo komii himatee Akkana jedhaa laata Ergaa sabaaf qaburree Akka kanaan dhaammataa? "Dhugaafan ukkaamfame Sabni maaliif callisa Anoo isaafan qabsaa'e Dubbii koo maaliif dhiisa Qeerroon maaliif callisee Qarreen maaliif gad teesse Dhaamsi harmee kanaaree Harmeen keenya nu deesse 'Guufattan waliin ka'aa Yoo boollaas waliin ba'aa Hidhaa keessaa wal baasaa Yoo duutan waliin du'aa Tokkummaan diina mo'aa Abbaa biyyummaa gonfadha Yeroo hundaa wal ta'aa Icciitiillee dhokfadhaa' Jettee eebbaan nu baaste Harmittiin deessuu keenyaa Dhaamsasheet dugda gatne Deebinee gola teenyaa? Diina booda rafa Yoo dammaqxan durasaa Kan jabaate jabeessaa Kan muge wal dammaqsaa!" Akkana jechuu hin hafu Gootni iyyaafannoo dhabe Kan dhugaansaa haalamee Bahees barbaacha dhabe ~~~ Jawee goota qabsaa'aa Goota dhugaaf jiraatu Abbaan dhugaa si baatee Soorasaa siif haa laatu! Si jaalanna! ~~~ @Orobook
Mostrar todo...
💔 Kadiir ka
Mostrar todo...
#Dogongorrii yommuu uumamu garmalee nama dhukkubsu danda'a. garu amma namaa wa yaaduu taa'ametti dogongorrii wan afuu miti wonti nu hubachuu qabnuu garu dogongorrii walitti kuufamni waggoota xiqqoo boodaa muxannoo jabaa ta’anii yeroo mulatantu jira. Dogongorri akka hin umamneef yaaluun gariidha kaan darbee dhufeetti garu hin gadiin hira baradhu beekkumsattii jijiiruf yaalii malee.!! #Dhaamsa @tube_or_official @tube_or_official
Mostrar todo...
#Amala_Gaarii✨ Kana jechuun haala fi uumama namaati. Namni keessi fi uumamni isaa gaarii yoo ta’e hojjin Inni qamaan hojjatus gaarii ta'aa wonti nutti qamaan hojjannuufii Afaaniin dubbannu keessoo kenyaa kan ibsaaniidha. Waan “Gaarii” yommuu jennu immoo wanta bareedaa, tolaa, gammachisaa fi faayidaa qabuudha. Issanis tolaa namaf oluu, kan namni sif ooluus yaadachuu, kaan darbee yaadachuu, fayyidaaf nama jaalachuu dhisu namaaf bakka garii qabachu hamaa namatii yaduu dhisuu ejjannoo gaarii qabachuu bu'urri namummaa kana qofa mitii gochaan heddudha @tube_or_official @tube_or_official #Join
Mostrar todo...
#Bakhar_Waaree“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama, Osoo si deessee haatee marraa lama” … Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa ture. Lolli kun Amajjii 6 bara 1887 humna Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo, Oromiyaa bahaa jiraatan kanneen gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu giddutti taasifame. Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii Bareentummaa Addeellee maadheftattee Fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug tan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii addaa durummaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan ture. Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii hoggansaa jalqabummaan horatee ture. Gootichi kun seenaa fi faaruu Oromoo keessatti bakakyyuutti faarfamaa jira. Fakkeenyaaf, warrii dubartootaa (haawwan) eenyummaa gooticha kanaa ibsuudhaaf helle keessatti akkas jedhanii faarsan:- “Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama, Osoo si deessee haatee marraa lama” … Warrii dhiirootaa immo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsan:- “Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu, Yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu, Gootummaan duranii roorroon ittiin galtuu, Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu” Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afran /afran Qallo/ jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijoolLeen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan. Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Fillannoo kana irrattiis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra, Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo waan taheef haala waliigala waraana sanii hogganuu hin dandeenye. Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:- => Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isaa ol’aanaafi hanga murtiin isaanii guutamuufittii humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cima jedhamee himama fkn waraanaa(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama. Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama. => Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murtii guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaa kennamu akka leenjii garee murtii guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree jedhamtuttii yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama. => Saddaffaan, Garee qeeyroo jedhamtu yommuu tahu
Mostrar todo...
.... #_GALGALATU_MURTEESSA_ # ..... Mixiin arba lolee wal'ansoon mo'ata ree, Arbis harka kennee mixiif garbooma ree......... Deemsa karaa fagoo marqaan galaa hin ta'u, Bara baqaaf namoonni maa sanyi akaa'u......... ... Fuggisoo bara kanaa duudaatu dhaga'aa, Inni fayyaan hokkole cabaa fayyaa ta'a....... Isa miidhe miti miidhamaatu himatama, Inni cabse jabaa dha kanaaf kabajama........ ... Kan cabee hokkolu haga humnasa tirata, Abbaan humnaa dhufee gaanfatti dirata........ Soba karaa cufe dadhabaan iddoo hin qabuu, Namoonni fakkenyaa maaliif safuu dhabu?....... ... Kanin laalee hawwe simboof kennasanii, Utun laaluu gatani daandirratti harcasani...... Of argu jedheen eege garuu of hin argine, Kiyyoo isaan qabu maaf bira hin darbinee...... ... Duulli natti as gorii waa'eesaa lallabatu, Du'aaf si qopheessa jireenya si hin laatu....... Itti gortee hin ilaaliin jireenya siif wayyaa, Kun si hubatamne dhumni isaa hallayyaa...... .... Kirolessee bilbila gaafa si waamu fedhe, Bineensichi innii alaan hoolaa of godhe....... Gowwoomte bitamtee hin ilaaliin duubaa, Har'asaa utuu hin taane galgala isaa guba..... .... Daandii lama keessa maaf tokko hin filattuu, Jalqaba kee miti dhumaa kee hin ilaaltu..... Har'a baay'ee fiigde maaf borii kee bada, Isa kanaaf jedheen garaan koo na aada..... ... Nu waliin miidhagna motummaasa keessa Ammuuma yoo gaabbine inni nu haaressa....... Qabata funaanee keessi kee maal tarressa, Isa har'aa kana miti galgalatu murteessa!! ... dubbiisaan dubbii qaba.... This channel is created for ur opinions Share as my opinion May be ur opinion is mine or her or him Get know each other Get some other like u Send urs opinion on https://t.me/joinchat/AAAAAEc39byyzA60jApoOQ . .⚫🔴⚪ @oro_qoute JOIN US     
Mostrar todo...
KUSH OFFICIAL

This channel is created for ur opinions Share as my opinion May be ur opinion is mine or her or him Get know each other Get some other like u Send urs opinion on

https://t.me/joinchat/AAAAAEc39byyzA60jApoOQ

. .⚫🔴⚪ @oro_qoute JOIN US     

Ila akkana... Hiriyyaa lama kan RABBIIF wal qabatantu ture,akkaan waal jaalatu,gaafa tokko isa kaan jalaa harmeen dhukkubsatte... Hiriyyaan gaafa rakkatan nama fura jedhee :" Harmee na jalaa dhukkube,mallaqa mana yaalaa fiduun dhabe,na dhaqqabi " jedheen! Inni kaanis hayyee jedheen... Daqiiqaa muraasa booda ;" maal tahe laata " jedhee haadha wajji muddamaa itti bilbila,inni kuun bilbila kaasuu dide,itti deddeebisee bilbile homaa! Yeroo booda yoo inni deebisu bilbilli cufamee jira! Haganumatti aaree dallane" Way hiriyyaa amma! Haganumaa?! " jedhee gubate! Garuu daqiiqaa muraasa booda saahibni isaa harganaa dhufe,arginaan fuula bobaheen itti ol utaalee " Maal taate ? Maa na gante,bilbila narratti cuftaa " jedhee itti iyye... Saahibni isaa tasgabbaa'ee;" Yaa akhii ! Akkasii miti,yeroo ati natti bilbiltu mallaqa takka kiisha kiyyaa hin qabu,bakka seenu dhabee raata'ee harka duwwaa taanaan,bilbila kiyya magaalaa geeysee gurgure,yeroo muraasa booda SIM card keessaa baase,sababa san cufame,kunoo mallaqa fidee dhufe,hoo fuudhi harmee teetiin dhaqqabi " jedheen! Inni kuun bakkuma dhaabatutti imimmaan gadi roobse !!! Dubbii Jabduu dha...! Ergamaan RABBII ﷺ akki jedhan;" Seyiinsa (Zannii) irraa isin seera,seyiinsi (Akkas tahuu hin ooltu) jechuun irra soba dubbiiti " !! Nama meeqa dubbii hin jirreef akka malee wal goone... Shakkiifi Zannii hidda hin qabneen nama hedduu dhabne... Meeqatu wal hiike,meeqatu maqaa wal nyaate,meeqatu wal ajjeesse wal galaafate! Osoo hin hubanne akka hin gubanne! Gingilchaan yoo dhayan malee hin buusu!
Mostrar todo...
Ofii fi jiruu tee tan nama birootin wal hin dorgomsiisin. aduu fi addeessa(ji'a) wanti isaan wal dorgomsiisu hin jiru, isaan lamaanuu yeroo mataa isaanii tan ifanii itti ibsan qabu. gaafa jireenya nama birootin wajji dorgommii keessa seentetti, of tuffachuu fi of arrabsuutu itti aana. gad aantummaanis yeroo kana kan sitti dhagayamu. ati boqonnaa/chapter 1 irra teessee nama si dura boqonnaa 20 irra gahee jiru laaltee achirra dhaabbattee gubbaa gad of madaalun fayyaa miti!! dhiira tiyya. dogoggorri ati dalayde maali ni beeytaa? geeba(waancaa) isaan guyyaa injifatan ol qaban san laalte malee qabsoo qaamaatifi tan miiraa yeroo dheertuf isaan keessa dabran quba hin qabdu, Guyyaa kana gahuuf bu'aa ba'ii obsa fixachiisaa fi wareegama isaan kafalan hin agarre. waan fuula duratti si tarkaanfachiisu siif himuu? ta ormaa ormumaaf dhiisii, ofitti as deebi'i teetuma tiqqoo harkaa qabdu tana guddifadhu. maaratoonii fiiguf bar KM 20 fi 30 irraa hin eegaltuu. jalqabarratti tarkaanfii 1 miila achi fuuteti 2,3,4 jattee KM42 fiiyda. @ilmanesruu
Mostrar todo...
Gorsa 1- Haadha warraa cimtuu filadhu, dhibbeentaa 90% isiin madda gammachuuti ykn madda yaaddoo waan taateef! 2-Gonkumaa jiruu tee keessatti wanta araadaa ykn suusii tahe irraa fagaadhu,gaafa isaan injifatamte sammuun tee waan si harkaa baatuuf! 3- Yeroo mana ijaarrattu ykn bitattu waa sadi 3 laalladhu; ollaa gaarii,ollaa gaarii ollaa gaarii haa tahu ! 4- Yeroon rafuu aadeffadhu,akka guyyaan kee bareedu yoo feete! 5- Waan tokko yeroo lama yoo kan namarraa ergifattu taate; bitadhu malee eergisatti hin deebi'in! 6- Hiriyyaa kee mallaqa liqeessuufi irra kennuufi yaali,yoo liqeessiteef lameenuu waan dhabduuf! 7- Sammuun kee hangam cimaa tahus hin amanin,waan dhageesseef argite kamuu barreessuu aadaa godhadhu,namni barreessu lama dubbisa waan ta'eef! 8- Eenyumayyuu taanaan hanga inni hojii kee siif xummurutti mindaa hin kenniniif! Yoo xummure ammoo osoo fuuraan/dafqi isaa irraa hin gogne haa tahu! 9- Nama tahee namni kabaja jibbu hin jiru,nama kamuu kabaji,akka kabajamtu yoo feete! 10- Of dhiiftee nama biraa taha hin jedhin,kan akka keetii amma duraafi amma boodas hin dhalanne,atumtuu haaraya! Erga burtukaana taatee dhalatte,muuzii tahuuf hin rakkatin! 11- Hiriyyaa keetis tahee nama biraas,yoo konkolaataa irraa ergifatte boba'aa guuttuuf malee hin galchin! Homa hundaa akkas godhi garaa koo! 12- Eessallee jiraattu waan gaarii gadi dhaabi! Mataa keenya caala maqatu umrii dheerata waan ta'eef! Qabriin lafeefii foon nyaatti malee: hojii gaggaarii hin nyaattu! 13- Salaata jabeessi salaata jabeessi! Furtuu milkaa'inaati waan ta'eef ! Horaa bulaa deebanaa! By Qilleensi Nasrii Bubbise
Mostrar todo...
Yoo jaalalli nama qabe maal nyaatanii fayyan!
Mostrar todo...
♥️ asiin gama Kenna kootta🖤
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.