cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Barattootaaf

Afaan Keenyaan Barattoota keenya gargaaruuf Chaanaalii Hundaa'eedha. Marreekaa isinis Chaanaalii kana #share gochuudhaan nu cinaa dhaabadhaa. chaanaalii @fireshman

Mostrar más
Finlandia1 841El idioma no está especificadoEducación62 925
Publicaciones publicitarias
433
Suscriptores
Sin datos24 horas
-47 días
-1530 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Qormaanni ba'uu qaama kaarikulamii ta'ee itti fufa" - Ministeera Barnootaa Ministeera Barnootaa; Sirni eebba barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo qormaata ba’uu yuunivarsiitii fi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa waliin osoo wal hin faallessin kan gaggeeffamu ta’uu beeksisaniiru. Qormaanni yunivarsiitii bahuu sagantaalee barnootaa 208f qophaa’uus ibsaniiru. Ministeera Barnootaatti Daarektarri Olaanaa Dhimmoota Akaadaamii Doktar Eebaa Mijena ibsa Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaaf kennaniin; "Eebbi barattoota yunivarsiitii haala qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ba'uu fi kutaa 12ffaa waliin wal hin faallessineen akka raawwatamuuf karoorri qophaa'eera," jedhan. qormaanni yunivarsiitii bahuu July 3 hanga July 8, 2015tti akka kennamu; Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa July 17, 2015 akka gaggeeffamu Dr. Eba yaadachiisaniiru. Yuunivarsiitiiwwan qormaata ba’iinsaa booda akkasumas qormaata kutaa 12ffaa erga xumuranii booda filannoo yunivarsiitiiwwaniin barattoota isaaniif sagantaa eebbaa gaggeessuu akka danda’an ibsaniiru. Dr. Eebaa; Bara kana barattoonni gara kuma 180 ta’an qormaata ba’uu barnoota olaanoo fudhachuun sagantaa eebbaaf qormaata gosa 208 qophaa’uu beeksisaniiru. "Qormaanni ba'uu qaama kaarikulamii ta'ee itti fufa," jedhan Dr. Eebaan. Barattoonni qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessan akkaataa qajeelfama kanaan qormaata kana akka darban ibsaniiru. Qormaanni ba’uu guutummaatti toora interneetii waan ta’eef tarreen barattootaa gara wiirtuu daataa ergamuu ibsaniiru. Doktar Eebaan barattoonni qormaata kanaaf lakkoofsi eenyummaa adda ta'e ni kennama jedhaniiru. Lakkoofsa isaaniif kenname irratti hundaa’uun qormaata onlaayinii akka fudhatan gargaaruuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira jedhan. Sirna qormaataa sadarkaa giddu galeessaatti qophaa’e qorachuuf qormaanni moodeela biyyoolessaa akka kennamu beeksisaniiru. Kana waliin hanqina kamuu sirreessuuf qophiin taasifamuu fi of eeggannoo barbaachisaa taasifamuu eeraniiru. Milkaa’ina yaalii kanaafis task force Ityoo Telekoom, Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gurmaa’ee hojii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Qormaata ba’uuf kompiitaraa, tajaajila intarneetii fi jenereetarootaaf qophiin akka taasifamu beeksisaniiru. Maddi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa @fireshman
Mostrar todo...

#DV Ameerikaan Sanbata Xiqqaa  dhufu irraa eegalee lootarii DV bara 2024 kan namoonno injifatan ifa kan godhamu ta’uu beeksifte.   Ameerikaan lammiileen iyyata DV 2024 guutan Sabata Xiqqaa dhufu Ebla 28, 2015 irraa eegalee filatamuu fi dhiisuu isaanii baruu akka danda’an beeksifte. Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu fuula tiwiitara isaa irratti ergaa maxxanseen  Lootarii Divii bara 2024 kan Onkoloolessa fi Adoolessa darbe karaa interneetii guutame irratti mo'attoonni Sanbata xiqqaa dhufu kan ifooman ta'uu beeksiseera. Haaluma kanaan;  Iyyattoonni lakkoofsa addaa ykn koodii iyyatan marsariitii Lootorii DIV irratti galchuun injifachuu fi dhiisuu isaanii ilaaluu akka danda’an himama. Imbaasichi itti dabaluudhaan;  Lootorii DV injifattaniittu jechuun iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru, sababiin isaas gowwoomsitoonni Imbaasii Ameerikaa irraa bilbilaa jirra jedhan waan jiraniif;  Iyyattoonni marsariitii DV Lottery ow.ly/9E7A50O7plm seenuudhaan carraa kana irraa fayyadamoo ta’uuf filatamuu fi dhiisuu isaanii;  Karaan itti mirkaneessan harka ofii irratti lakkoofsa dhoksaa qabaachuu qofa ta'uu akeekeera. Dabalataan Lootorii DVi bara 2023;  Imbaasichi hanga Adoolessa dhufu bara 2016 qofa akka keessummeessan beeksiseera. Ameerikaan waggaa waggaan namoota 50,000 addunyaa kanarraa karaa "diversity visa" ykn lootarii DV fiddi;  Isaan keessaa lammiileen Afrikaa, Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa ni argamu. @fireshman Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
Mariin nageenyaa Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf Taanzaaniyaatti taa'amaa ture har'a xumurameera. Mariin nageenyaa Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf Taanzaaniyaatti taa'amaa ture har'a xumurameera. Maricha heddumminaan haala eyyentaatiin kan taa'ame  tahus, marsaa kanaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun hin danda'amne. Karaa nagaafi itti fufiinsa qabuun walitti buhiinsa dhaabuun akka danda'amutti, mariin qaamolee lamaan gidduutti taa'amu  itti fufiinsa akka qabaatu walii galameera. Mootummaan heeraafi qajeeltoowwan hanga ammaatti ittiin hogganamaa jiruun walitti buhiinsa jiru karaa nagaa hiikuuf ejjennoo hin raafamne qaba. Mootummaan ammas carraafi calqabbii gaarii rakkoolee karaa nagaa hiikkachuu eegalametti fayyadamuun furmaata waaraa fiduuf ejjennoo cimaa qabaachuu dabalee mirkaneessa. Mootummaan  Federaalawaa   Dimokiraatawaa  Rippaabilika Itiyoophiyaa  qaamolee marii nageenyaa kanaaf haala mijeessaniifi keessummeessaniif galata dhiyeessa. @fireshman Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
MathTGG11.pdf8.47 MB
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
GeoTGG11.pdf13.43 MB
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
Economics Grade-12.pdf19.83 MB
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
ChemTGG11.pdf2.60 MB
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
chemistry week 1 & 2 - lecture notes.pdf1.19 MB
Share share🙏🙏 ╔═══════════╗ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ♨️ ♦️ @fireshman ♨️ ╚═══════════╝
Mostrar todo...
chemistry Grade 10 summarized note.pdf5.10 KB
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.