es
Feedback
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo

Ir al canal en Telegram
452
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días
Archivo de publicaciones
photo content
+1

photo content
+8

Suuraa akkuma kaastetti ergi damiina

SADAASA 12 2016 WAAAB- BADDANNOO Hubannoo Seera Gaafa guyyaa 12/3/2016  mana barumsaa sadarkaa 1 ffaa kutaa 1-8  Iliilii  Darartuutti mataa duree heera mootummaa mirgaa dubartii fi daa'immanii, godaansa seeraan alaa fi  barmaatilee miidhaa geessisan irratti keennee jira. Haqaan Haqaaf Hojjanna!

Sadaasa 12, 2016 WAAAB Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo torban naamusaa sababsachuun abbootii alangaatiif le
+2
Sadaasa 12, 2016 WAAAB Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo torban naamusaa sababsachuun abbootii alangaatiif leenjii dhimma naamusa ogummaa abbaa alangummaa irratti akkaataa dambii bulchiinsaa fi naamusa abbootii alangaa naannoo oromiyaa lakk.218/13tiin kenneera. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB Baddannoo

#Hubannoo_Seeraa Sadaasa 11, 2016 WAAAB-Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Seeraa Sadaasa 10, 2016 WAAAB hubannoo seeraa mana
+6
#Hubannoo_Seeraa Sadaasa 11, 2016 WAAAB-Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Seeraa Sadaasa 10, 2016 WAAAB hubannoo seeraa
mana barnoota sadarkaa 1ffaa Ilillii
Daraartuutti mata duree seera yakkaa kewt 555-560 akkasumas heera mootummaa kewt 35'36' fi heera mootumma kewt 1'18'25'39 irratti kennamee jira. HAQAAN HAQAAF HOJJANNA! WAAAB-BADDANNOO

#Leenjii_Hubannoo_Seeraa Sadaasa 8, 2016 WAAAB-Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Seera ummata barsiisuun mirgaa fi dirqama ha
+5
#Leenjii_Hubannoo_Seeraa Sadaasa 8, 2016 WAAAB-Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Seera ummata barsiisuun mirgaa fi dirqama hawaasa hubachiisuudhaan yakka ittisuun gahee isaa keessaa tokko waan taheef leenjii gaabaabaa fi Hubannoo Seeraa Gaafa guyyaa 8-3-2016 matootii duree hanqinaalee fi ciminaalee raawwii hojii mana murtii aadaa irratti Mana Murtii Aanaa Baddannoo waliin caasaalee araddaalee fi jaarsolii mana murtii aadaatiif erga kenname booda marii taasifametti aansinee dhimmoota akka yakkoota diinagdee/bosona, godaansa Seeraan alaa, malaammaltummaa, yakkoota gibiraa fi taaksii fi kkf irratti hubannoo seeraa kennamee jira. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB-Baddannoo

+3
22_2013_Qaj_Liqii_Mindaa_Yeroo_Dheeraa_Hojjetoota_Mootummaa_Lakk.pdf1.80 MB

#Hubannoo-Seeraa Sadaasa 01, 2016 WAAAB – Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Gaafa 01-03-2016 Mana Barnoota Sa
+3
#Hubannoo-Seeraa Sadaasa 01, 2016 WAAAB – Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Gaafa 01-03-2016 Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Baddannootti Argamuun Bakka Buutota Waldaalee Hojii Gamtaa Miseensota Yuuniyeenii Dabbaal Gaara Mul’ataa Kanneen Yaa’ii Waliigalaa Yuuniyeenichaa 14ffaa Irratti Hirmaachuuf Aanaalee Gaara Mul’ataa 6 Irraa Walitti Bahaniif Leenjii Gabaabaa Mata Duree Kaayyoo Waldaalee Hojii Gamtaa, Mirgaa Fi Dirqama Miseensota Waldaalee Hojii Gamtaa Akkasumas Bulchiinsaa Fi Qisaasama Qabeenya Waldaalee Fi Yuuniyeenii Ilaalchisee Bu’uura Labsii Lakkoofsa 985/2009, 218/2011, 214/2011 Fi Qajeelfama 894/2015-tiin hubannoo uumeera. Mirgootaa fi dirqamoota seeraan tumamanii nuuf kennamaniifi nurra kaa’aman beeknee gahee keenya bahachaa dantaa ummata keenyaa haa kabachiifnuun dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB-Baddannoo

#Murtii Barsiistuu Himatamtuun Maqaan isii Faaxumaa, Ahmad, Aadam jedhamtu Godina Haragee Bahaa Aanaa Baddannoo Araddaa Dirroota Raammis Ganda Hawween jedhamu keessati Gaafa Guyyaa 5/2/2016 galgala iraa toora sa'aa 12:00tti daa'ima isii kan maqaan isaa Alaamuddiin, Mahammad, Seeyfii jedhamu kan umriin isaa waggaa kudhan(10) tahe Haamtuu ibidda kaayachuun erga diimeffatteen booda maaf mixaaxis namaa qotta jechuun harka lamaaniifi miila mirgaa sarbaa irra guggubuun miidhaa qaamaa cimaa Daa'ima of irraa ittisuu hin dandeenye irratti waan raawwateef jecha Abbaan Alangaa Aanaa Baddannootii fi kutaan qorannoo yakkaa waajjira poolisii aanaa baddannoo waliin tahuudhaan galmee erga qorataniin booda abbaan alangaa aanaa baddannoos gaafa guyyaa 30/02/2016 himannaa irratti hundeessuun mana murtii aanaa baddannootti erga dhiyeesseen booda himatamtuuf garagalchi himannaa abbaa alangaa erga kannameef booda abokaattoon ittisaa mana murtii aanaa baddannoo himatamtuu bakka bu'ee falmii taasisuun himanni afaan isiif galuun erga dubbifameefiin booda naaf galee jira jattee himata dhiyaate irraa mormii sadarkaa duraa gaafatamtee hin qabu jattee jecha amantaafi waakkii gaafatamteen gocha ittiin himatamte hambifannaa tokko malee raawwadheen jira jechuun waan amanteef jacha manni murtiis dhaddacha gaafa 1.3.2016. Ooleen bu'uura sdfy kwt.134/1 tiin murtiin balleessummaa Akka itti nuuf laattan jechuun abbaan alangaas yaada isaa erga dubbateen booda murtii balleessummaa itti laatee abbaa alangaa fi abokaattoon himatamtuun yaadaa adabbii cimsuu fi salphisu eega kaasaniif boodaa manni Murtii Aanaa Baddannoo adabbii himatamtuu barsiisuu dandeessuu fi fakkaattota isii akeekkachiisuu dandeessi jadhee itti amane adabbii hidhaa cimaa waggaa jahaa akka adabmtu jechuun adabbii laateera. HAQAAN HAQAAF HOJJANNA.

Marii Onkololeessa 30, 2016 WAAAB –Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo gaafa 30-02-2016 hojjattoota bulchiinsaa
+5
Marii Onkololeessa 30, 2016 WAAAB –Baddannoo Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo gaafa 30-02-2016 hojjattoota bulchiinsaa fi Abbootii Alangaatiif dhimma naamusaa fi kenna tajaajila Abbaa Alangummaa irratti leenjii erga kennameen booda rakkoo kenniinsa tajaajilaa adda bahanirratti mari’achuun koree manaajimantii, madaallii fi naamusaa haaromsee filachuun kallattii furmaataa kaa’uun waltajichi xumurameera. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB-Baddannoo

[ Album ] sanada waliigaltee hojii waajjiraalee Abbaa Alangaa, Galii fi Poolisii jiddutti taasifame har'a xumuramullee hojii
+1
[ Album ] sanada waliigaltee hojii waajjiraalee Abbaa Alangaa, Galii fi Poolisii jiddutti taasifame har'a xumuramullee hojii kana erga eegallee bubbulleerra. Haqaan Haqaaf Hojjanna!

Haala Kanaan koree JBAH waliin rakkoo kenna tajaajilaa fi akkaataa galmeeleen beellamarratti baay'atan itti hojjataman irratt
+3
Haala Kanaan koree JBAH waliin rakkoo kenna tajaajilaa fi akkaataa galmeeleen beellamarratti baay'atan itti hojjataman irratti marii taasifne.

#Hubannoo_Seeraa Onkololeessa 28, 2016 WAAAB Hubannoo Seera Gaafa guyyaa 28/2/2016 Dubartoota Aradda Magaala Baddannootiif mo
#Hubannoo_Seeraa Onkololeessa 28, 2016 WAAAB Hubannoo Seera Gaafa guyyaa 28/2/2016 Dubartoota Aradda Magaala Baddannootiif mooraa mana BARNOOTAA sadarkaa 1 ffaa keessatti mataa duree heera mootummaa mirga dubartii fi daa'immanii irratti, raawwatamanii fi barmaatilee miidhaa geessisan irratti keennamee jira. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Baddannoo

#Hubannoo_Seeraa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Dhimma gibiraa fi taaksiirratti hojjattootaa fi abbootii araddaa gama
+1
#Hubannoo_Seeraa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo Dhimma gibiraa fi taaksiirratti hojjattootaa fi abbootii araddaa gamaaggama raawwii hojii paartii fi mootummaa ilaalaa turaniif dirqamaa fi gahee qaamolee mootummaa qaban irrati hubannoo laatera. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB Baddannoo

#Hubannoo_Seeraa ***************** Onkololeessa 22, 2016 WAAAB Baddannoo Seera ummata barsiisuun mirgaa fi dirqama hawaasa hu
#Hubannoo_Seeraa ***************** Onkololeessa 22, 2016 WAAAB Baddannoo Seera ummata barsiisuun mirgaa fi dirqama hawaasa hubachiisuudhaan yakka ittisuun kaayyoo Waajjira Abbaa Alangaa waan taheef Hubannoo Seeraa Gaafa guyyaa 22/2/2016 mana barumsaa sadarkaa 1 ffaa kutaa 1-8 Odaa Bishaaniitti mataa duree heera mootummaa, mirga dubartii fi daa'immanii/barmaatilee miidhaa geessisan, godaansa Seeraan alaa fi safuu hawaasaa irratti kennamee jira. Haqaan Haqaaf Hojjanna! WAAAB-Baddannoo

Repost from Oromia LegalPlus
+9
Qaj. Lakk. 17-2011 TGG.pdf2.50 MB