cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Faazakir daa'awa

Mostrar más
El país no está especificadoEl idioma no está especificadoLa categoría no está especificada
Publicaciones publicitarias
501
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Badii hanga kana gahu narratti hojjetta jedhee yaadee hin beeku. Ani onnee,tiruu,garaacha,kaleefi kkf koo irraan si Jaaladha💋 Ati anaaf waan hundumaa koo turte. Ati garuu gara jabeenyaan.....👇👇👇👇
Mostrar todo...
Guutuu isaa
Join
Badii hanga kana gahu narratti hojjetta jedhee yaadee hin beeku. Ani onnee,tiruu,garaacha,kaleefi kkf koo irraan si Jaaladha💋 Ati anaaf waan hundumaa koo turte. Ati garuu gara jabeenyaan.....👇👇👇👇
Mostrar todo...
Guutuu isaa
Join
🕷FAAYIDAA LAMA BAREEDDUU SUURAA ankabuut irraa 🕷: ====================================== 🕸Faayidaan duraa 🕷: Maaliif dubbatame sharariitiin 🕷Qur'aana Keessatti maqaa dhalaatiin garuu inni dhiira??? Aayaan akkana jetti :- ("مَثَلُ الذين اتخذوا من دون الله أولياء كمثل العنكبوت اتخذت بيتا ) Fakkeenyi warra owsaana taasisan rabbii achitti owliyaa ka tumsa isii kajeelan akka fakkeenya sharariitii mana dalayde lubbuu isiitiif akka isii tiysuuf ka waa tokko isirraa hin deebifne hoggaa isiin gara isaatti hajamte ...41:العنكبوت Hubattanii qubee taa dhalaa tahee dubbatame jecha اتخذت jedhu Keessatti "? "Sharariitiin "🕷dhiira moo dhalaadha ? Ni jedhamtii " tuni sharariitiidha " ykn "kuni sharariitiidha"🕷 ? 🕷Sirriin inni "kuni sharariitiidha " , waan inni dhiira ta'eef maaliif qubee taa dhalaa tahee dhufe jecha ankabuut wajjiin 🕷 Akkana jedhe:"اتخذت "؟ Warri diin islaama waraanan ka shakkoo ta'an akkana jedhan kuni dogongora qur.aana Keessaati rabbitti maganfanna irraa, ni jedhan nahwii fi lugaa sahiihaan jedhamuudha aayaa Keessatti:" كمثل العنكبوت اتخذت بيتا" waan jechi ankabuut 🕷jedhu dhiira ta'eef Garuu ni fedhe khaaliqni subhaanahuu muujizaa nuuf kaahuu , ragaa akka nuu idaatuuf yaqiina kaafira ammo akka isaanii idaatuuf xiqqeenya . Ilmiin hadiisaa dhufee jira akka sabachiisuuf sharariitiin dhaltuun isii qofatu dandaha mana ijaaruu 🕸shiboo sharariitis 🕸 sharariitiin dhiiraa ammo dandeettii hin qabu ni baasa qofa hodhaa ka dalaysiifatu deemuu fi sosso'uu qofa dandeettii hin qabu mana ijaaruu irratti 🕸 Osoo rabbiin ka jedhu tahee :- كمثل العنكبوت اتخذ بيتا، Silaa aayaan dogongora taati gama ilmiitiinii fi piyoolojiyaatiin , garuu rabbiin subhaanallah ni dhufte taa'ii dhalaatiin akka jabaatuuf iimaanni qalbii teenna Keessatti akka beynuuf akka inni haqa ta'e 🕷 Faayidaan lammaffaa ammo 🕷:- Sharariitiin dhaltuun 🕷ni ajjeefti ka dhiiraa eega ilmoolee dhaltee isa darbiti/baafti manaan alatti 🕸.. Eega ilmooleen guddatanii isaanis haadha ajjeesan isii darban gara alaatti 🕸.. Mana ajaa'ibaa irra hamaa manaati 🕸 Qur'aanni isii wassafee jira aayaa takkaan.. (وإنّ أوهن البيوت لبيت العنكبوت لو كانوا يعلمون) Irra laafaan manneetii mana sharariitiiti osoo beekanii subhaanallah !!! Ummanni ka beekan tahan likkii laafiinsa mana sharariitii Keessatti 🕷garuu hin dhaqqabne Laafinsa hiikkaa eega yeroon dabre malee...!! Itti aansee aayaan ni dhufte: !! لو كانوا يعلمون Osoo beekanii Saniin wajjiinuu rabbiin ni moggaase suuraa maqaa sharariitii 🕷 hammeenya qabdu tanaan isii irraa dubbate aayaa Keessatti kanaan wajjiinuu suuraan ni haasofti awwala isii irraa haga dhumaatti fitnaa irraa ? 🕸Ta jalqabaa ni taate aayaan (أحسب الناس أن يتركوا أن يقولوا آمنا وهم لا يفتنون) Sila ni sehaa ilmi namaa hoggaa jedhan amanne, ka rabbiin isaan dhiisu mokkortiin malee fatanaan malee و (ومن الناس من يقول آمنا بالله فإذا أوذي في الله جعل فتنة الناس كعذاب الله) Nama irraa ni jira namni jedhu amanne rabbitti hoggaa isa miidhan rabbiif jecha ni taasisa fitnaa namaa akka azaaba rabbi 🕷Maali rarra'amiinsi fitnaa sharariitiin? Deebiin : seensi fitnaa ni fakkaata mana sharariitii fitnaan walitti hidhamtuudha walkeessa seentuudha ilmi namaa hin dandahu addaan baafatuu jidduu isii isiin hedduudhaa walittis hidhamtuudha garuu isiin laaftuudha Yoo rabbiin gargaarsifanne .. " Yaa rabbi nuti sitti maganfanna jallattuu fitnaa irraa waan isii irraa muldhatee fi waan dhokates." Share godhi osoo nama tokkofillee taatee irra yaachisaan ati if biratti hambisuu dhabuudha ilmii isa barsiisuudha nama biraa ..dhugaa dubbisuu barbaachisa 👍 Rabbiin jazaa haa deebi'uuf nama erge ergaa tana nama isa bira jiru hundaaf..🌴 اللهم صل على سيدنا محمد وعلى آله وأصحابه وسلم `·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇 ✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈ @faazakirdaawaa
Mostrar todo...
Rabbii ﷺ akka deebifatuu fi booda yeroo isiin Haydii irraa qulqulloofte yoo barbaade akka hiiku ajajaniiru (Muttafaqun Alayhi). 5️⃣ Dubartiin Haydiin itti jiru Qur’aana xuquu hin dandeessu. Hadiisa Abuu-Bakar bin Muhammad bin Amri bin Hazm abbaa isaa irraa, akaakayyuu isaa irraa nuuf dabarseen Ergamaan Rabbii ﷺ xalayaa warra Yamaniif ergan keessatti “Qur’aana nama qulqulluu (xaahira) ta’e malee akka hin xuqne” jedhani. – (Maalik, Al-Nasaa’ii fi Al-Daaraquxniin gaabasaniiru). ✅ Qulqullaahuu jechuun:- dhiigni dhaabachuu yoo ta’u innis mallattoo lama qaba:- 1️⃣ Al-qussatul baydaa’i:- dhangala’aa adii yeroo dhuma Haydii irratti gadameessa keessaa bahuudha. 2️⃣ Goguu:- hanga jirbiin qaama saala ittiin cuftu bifa isaa jijjiiruu dhabutti dhiigni dhaabachuudha. Yeroo dhiigni isii dhaabate qulqulloofteetti, yeroon Haydii isiitis dhumeera jechuudha; kanaafuu dhiqachuun dirqama itti ta’a. Kanaan booda wantoota sababaa haydiitiin akka hin hojjenne irraa dhowwamtee turte hojjechuu jalqabdi. Eega qulqullooftee booda wanti boora’aan kan irraa bahu yoo ta’es homaatti lakkaahuu hin qabdu. Ummu Axiyyaan (R.A) “Eega qulqulloofnee booda waan boora’aa fi daalacha nutti dhufu homaatti hin lakkoofnu turre” jetteetti – (Abuu-Daawuudii fi kan biraatis akka gabaasanitti). Waan kana Ergamaan Rabbii ﷺ otuma beekanuu waan hin dhowwiniif jecha jechi isii kun akkuma waan isaan irraa fudhatameetti lakkaahama jechuunis hukmii raf'ii qabata yookiin marfuu’a jenna. Odoo hin qulqullaahiniin duratti akkuma dubartii Haydiin itti jiruutti ilaalamti (hukmii dubartiin Haydiin itti jiru qabdi). Akka aadaa isiitti yeroon haydiisii beekamaan eega dhumee booda dhangala’aan daalachaa fi boora’aan kan itti turu yoo ta’e garuu dhiqattee saalaatuu qabdi. Akkasumas daalachii fi booruun Haydiin dhufuudhaan duratti argamu homaa irraa hin lakkaa’amu. Hubachiisa:- Dubartiin Haydiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti jiru yeroon Salaataa odoo keessaa hin bahin yeroon raka'aa tokko salaachisuu danda’u qofti eega hafe yoo qulqulloofte salaanni yeroo sanii dirqama itti ta’a. Fakkeenyaaf odoo aduun hin lixin yeroo hamma raka'aan tokkoo dura buutee Haydii irraa yoo qulqulloofte asrii guyyaa kanaa salaatuun dirqama itti ta’a. Halkan walakkaadhaan duratti yoo qulqulloofte ishaa’ii halkan sanii qofa salaatti. Eega waytiin Salaataa seenee booda odoo hin salaatin Haydiin yookiin dhiigni dahiinsaa yoo itti dhufe ilaalcha irra fudhatama qabuun salaata isa waytii duraa irratti hamma raka'aa tokkootiin dhaqqabdee kaatee odoo hin salaatin Haydiin yookiin dhiigni dahiinsaa itti dhufe san qadaa baasuun dirqama itti ta’a. 2️⃣ Istihaadaa fi Ahkaamota isaa Istihaadaa jechuun yeroo isaa malee sababaa dhibee hidda dhiigaatiin dhiigni dhangala’uu jechuu yoo ta’u, akka hiika shari’aatiin immoo haydiis kan hin ta’in dhiiga dahiinsaas kan hin ta’in dhiiga dubartii irraa bahu jechuudha. Dubartiin yeroo hunda dhiigni irraa hin dhaabanne, yookiin immoo kan yeroo xiqqoo qofa irraa dhaabatus kanuma keessa galti. Dubartiin mustahaadaa taate haala sadii qabaatti:- ➡️ Haalli Tokkoffaan:- Istihaadaadhaan qabamuu isiitiin duratti yeroo Haydii beekamaa kan ta’e yoo qabaatte fakkeenyaaf istihaadaadhaan qabamuu isiitiin duratti akka aadaa isiitti haydiin jalqaba ji’aa irratti yookiin jidduutti guyyoota shaniif yookiin saddeetiif kan irra turu yoo ta’e, yeroo isii kanas kan beektu yoo ta’e, dubartiin akkanaa kun yeroo hanga beektu san turti (eegdi) – salaatas soomanas ni dhiifti, akka Haydii isiitti lakkoofti, yeroon isiin aadaa isiitiin beektu sun yoo raawwate dhiqattee salaatti. Dhiiga kanaa ala ta’e akka dhiiga istihaadaatti fudhatti. Ergamaan Rabbii ﷺ Ummu Habiibaadhaan “Hamma haydiin kee si tursiisaa ture turi, saniin booda dhiqadhuu salaati” jedhaniiruun – (Muslim). Itti fufaa...... Muslim dawah and education . ⬇️ 👉 Share and join ⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️ @faazakirdaawaa
Mostrar todo...
Ahkaamota Haydii fi Dhiiga Dahiinsaa 1️⃣ Haydii fi Ahkaamota isaa Haydiin (dhiigni aadaa) dhiiga uumamaan yeroo murtaa'aaf dubartii keessaa bahuudha. Gaaffii:- Haydiin waggaadhaan yookiin guyyootaan kan daangeffameedha moo miti? Waggaa yookiin guyyaa murtaahee ala dhiigni dubartii irraa bahu akka shri'aatti Haydii hin jedhamuu? Akka ilaalcha filatamaatti Haydiin waggootaanis ta’e guyyootaan kan daangeffame miti. Rabbiin ol tahe akkana jedha:- Dhiiga xurii irraas si gaafatu. Inni faalamaadha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa jedhi. Hanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan of qulqulleeffatan gara Rabbiin isin ajajeen isaan bira dhaqaa. Dhugumatti, Rabbiin warra gara Isaa tawbatanii fi of- qulqulleessan ni jaalata. (Suuraa Al-Baqaraa:222). Akkuma aayaan kun agarsiiftu dubartoota biratti beekamaa kan ta’e dhiigni fokkataan kun yeroo kamiyyuu yoo argame dubartiin dhiigni kun itti argame hukmii dubartii Haydiin itti dhufee qabatti. Waggoota yookiin guyyoota murtaahaa ta’aniin hin daangeffamu. Dubartii Haydiin itti jiru yookiin yeroo irraa dhaabatu ilaalchisee murteewwan Qur’aanaa fi sunnaadhaan murtaawan jiru:- 1️⃣ Haydiin odoo itti jiruu salaatuus ta’e Soomanuu hin dandeessu. Ergamaan Rabbii ﷺ Faaximaa bint Abii Hubayshiin (R.A) yeroo haydiin sitti dhufe salaata dhiisi” jedhaniiruun (Bukharii). Dubartiin utuu haydiin itti jiru soomantu yookiin salaattu soomanni isiis ta’e salaanni isii sirrii miti. Ergamaan Rabbii ﷺ waan dhowwaniif jecha. Wanti tokko dhowwame jechuun wanti sun yoo raawwatame sirrii ta’uu dhabuu isaa agarsiisa. Ajaja Rabbiitii fi Ergamaa isaa akka diddetti ilaalama. Haydiin irraa yoo qulqulloofte Soomanaa qadaa baafti, salaata garuu qadaa hin baaftu. Kana ulamoonni itti waliigalaniiru. Aa’ishaan (R.A) zabana Ergamaa Rabbii ﷺ yeroo Haydiin nutti dhufe Soomanaa qadaa akka baafnu ajajamna ture, salaata garuu akka qadaa baafnu hin ajajamnu turre” jette. (Muttafaqun Alayhi). Haydii irraa kan isiin qulqulloofte eega fajriin bahee yeroo xiqqoodhaan booda otuma ta’eeyyuu yookiin immoo kan Haydiin itti dhufe odoo aduun hin lixin yeroo xiqqoodhaan dura otuma ta’eeyyuu Soomanni isii kan guyyaa sanii sirrii ta’uu hin danda’u. 2️⃣ Mana Rabbii (kaaba) xawaafuun hin eeyyamamuuf. Masjiida keessas taa’uu hin dandeessu. Aa’ishaan odoo hajjii irra jirtuu haydiin itti dhufnaan Ergamaan Rabbii ﷺ “waan namni hajjii irraa jiru hojjetu hojjedhu – mana Rabbii xawaafa gochuun odoo hafuu” jedhaniiruun – (Muttafaqun Alayhi). 3️⃣ Haydiin irraa dhaabatee hanga dhiqattutti abbaan manaa isii qunnamtii saalaa wajjin gochuu hin danda’u. Rabbiin ol tahe akkana jedha:- Haydii irraayis sigaafatu, ‘inni waan fokkataadha; yeroo Haydii dubartii irraa fagaadhaa, hanga qulqullaahanuttis itti hin dhihaatinaa; yeroo qulqullaahan iddoo Rabbii isin ajajeen itti dhaqaa (qunnamtii godhaa) Rabbii warra cubbuu irraa deebi’an ni jaallata, warra qulqullaahanis ni jaallata’ jedhiini” – (Suuraa Al-Baqaraa:222). Irraa fagaadhaa’ jechuun ‘qunnamtii saalaa dhiisaa’ jechuudha. Hadiisa Anas (R.A) gabaaseen Ergamaan Rabbii ﷺ Nikaaha (qunnamtii saalaa) malee waan jiru hundaayyuu godhaa” jedhan (Muslim). Gabaasa biraatiin immoo “waan Qunnamtii saalaatiin ala jiru” jedhan. Abbaan manaa isii qunnamtii saalaatii ala waan jiruun gochuu ni danda’a. Fakkeenyaaf dhungachuu, haxaahuu, kkf . 4️⃣ Odoo haydiin itti jiruu abbaan manaa isii isii hiikuu hin danda’u. Rabbiin ol tahe akkana jedha:- “Ati yaa Nabiyyichaa! Dubartoota hiikuu yeroo yaaddan, iddaa jaraatiin hiikaa.” – (Suuraa Al-Xalaaq:). Kana jechuun ji’a qulqullina jaraa jalqaba irratti akkuma Haydii irraa qulqullaahaniin odoo itti hin bu’in hiikaa jedhuudha. Ibnu Umar Haati-manaa isaa odoo Haydii irra jirtuu hiiknaan Ergamaan Itti fufaa. Muslim dawah and education . ⬇️ 👉 Share and join ⤵️⤵️⤵️⤵️⤵️ ========@faazakirdaawa ====================
Mostrar todo...
Ruhama Ruhama: Xiinxali dubbisi eega dubbistees share godhi jzk Calculation Herreegaa Akkaan Hamaafi Balaafamaa Tahe Wallaahii Hedduu Na Sodaachisee Hanga Booyutti Dhihaadhetti Sirriidha Umriin Jiruu Ilma Namaa Harka Rabbiiti Jirtii *Mee Osoo Tilmaamnee Waggaa 60 jiraattee Haa jennuu *Yoo Guyyatti saa'aa 8 Rafte Waggaa 60 Keessaa Ati Waggaa 20 Hirriibaan Dabarsite. *Yoo Guyyatti Hojii saa'aa 8 Kan Hojjattu tahees waggoota 20 Hojiini Dabarsite *Waggaa 15 joollummaa Keetiin kuchiiste *Yoo Guyyatti al-lama nyyaataaf walakkaa saa'aa( 0:30 daqiiqaa)Kan teettu Taate Waggaa 3Guutuu Nyaataaf taa'uudhaan Dabarsite Ida'amaan waggoottan Hojii, +Hirriibaa, +Yeroo nyaataafi +joollummaa keetin Darbanii Waggaa 58Umrii keetirraa Waggaa 2Qofatu Siif Hafe Yaa Nama Waa Argitu ibaadaadhaan Hoo Saa'aa meeqa Dabarsite Umrii Kee Guutuu Irraa Mee Maalumaa Jetta Rabbiin Gaafa inni Si Herregee Umrii Kee Maal Keessatti Fixxee Siin jedhe Dubbii Dhugaa 100%100 Qur'aanni Khabajamaan Fuula 600 ykn (604) Hin Caalu ..Akkasii mitii Yoo Na Hin Dhugoomsin Dafii laalii Koottuu Argitee ree Fuula meeqa Akka tahe Hayyee Koottu Haasawa Keenya Itti Guutannaa kaa Qur'aanni Fuula 600 Yoo Guyyaa 30 Hirree meeqa ta'a? Baay'ee herreguun Uf Hin rakkisin Dubbiin Salphaadha Fuula 600÷30=20 Calculationii Baayyee Salphaadha Tole Guyyatti fuula20 Tahuu saati Nuti Guyyatti al-5 Salaataa jirra Fuula 20÷5=4 Amma Qaceellotti Hubattee.. Ati Guyyatti Fuula Qur'aana 4 Yoo Qabaate Salaata Waajibaa boodaan Hoggas Ati Guyyatti Fuula 20 Qaraate Kana Jechuun Ati baatii Keessatti Qur'aana Guutuu Qaraate Rakkoo Tokko Malee mee Na Wajjiin Turi Dhaamsi Hin xumaramneetii Garuu Waan jarjartu Fakkaattaa Hanga xumuraatti Faana bu'i Waa Hedduu mitii Kan Nuuf Hafe Osoo Ati Risaalaa Tana Obboleeyyan keetiifi addunyaa maraaf Akkasuma Hiriyyoota Kee cufaaf ergitee Hundumtuu Sababaa Keetiin Qur'aana Qara'anii Khattamanii /xumuranii Mindaan Ati Rabbiin biraa Argattu meeqaa Ni Beeytaa?? Yaa Allaaaaaaaah lakkuma /adaduma Tokkoon Isaanii Qur'aana Qara'ee khattamuun Siifillee Ajriin Katabamaa Bara kana Maaliif projektii Bu'a Qabeessa Hin hojjanne...? Maaliifi Akka Namni Hunduu Qur'aana Sirritti Qara'ee Akka Khattamuu Hin taasisnee Si Ammallee Shakkii Hin dhiifnee ...!!! Namni Kheyritti Nama Qajeelche Akkuma Nama Dalageeti Namni Garee Qabu Itti Haa Ergatuu Akka Mindaan Dacha Dachaa ta'uuf inshaa'allaah Gosti nyaataa8 Akkaan Cimtuudha Humna Ittisa Qaama Namaa jabeessuufi Dhukkuboota Gargaaraa Barbadeessuuf Rummaana Roob Qullubbii Adii Shunkurtii Shaayii Magariisa Dhuunfaa/feexoo ?? ?? : WaaSadii Qaama Dhukkubsachiifti 1Haasawa Baayyee 2Hirriiba Baayyee 3nyaata baayyee Waa afur Qaama Namaa Diigdi: 1. Yaaddoo 2. Naasuu 3. Beela 4.Gurzaa/Qaaxiraa Waa afur Bareedina fuulaa fi tolinna Isaa dabalti 1. Rabbi Sodaachuu. 2. Waadaa Guutuu 3. Arjummaa 4. Naamusa Ufii eeggachuu WaaAfur Sababaa Rizqiiti 1. HalkanSalaatuu 2. wayta Hiraabaa/obboroo Araara Rabbii Khadhachiisaa heddummeeysuu 3. Sadaqaa Toohachuu Itti yaaduu 4. Rabbi Faarsuu Ganamaafi Galgala Waa afur Sababaa Rizqiiti Dhoorgiti: 1. Subhii Booda Rafuu. 2. Salaata Xiqqeessuu. 3. Ceem'aa . 4Gantummaa./Ganuu Yoo Dilii Hojjechuu Yaadde Aayata sadihii Yaadadhu 1. si Namni Dilii Dalagu Rabbiin Isa Argaa Hin Beekhuu" 2. Nama Fuuldura Rabbii Isaa Dhaabbachuu Sodaatee Dilii Dalagu Dhiisef Jannata lamatu jiraaf 3. NamaRabbii Isaa Sodaatee Dilii Irraa Fagaateef Rabbiin Rakkoo Keessaa Isa baasa Haala mijeessaaf Dubbiin tun Yoo Si Gammachiistee Osoo Torarraa Hin bahin tamsaasin Namni Waan Takkattii Nama Qaceelche Akkuma Nama Dalageetii Ani Waan Si khabajuuf Siif Ergee Atillee Nama jaalattutti Hin don'oominii ergiifi. @faazakirdaawa
Mostrar todo...
Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira. Isaanis™️ ➀. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi ➁. Kanneen galata galchuu beekanidha. ➶ Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu. ➶ Karoora isaanii ni beeku. ➶ Ogummaadhaan socho'u. ➬ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura. ➬ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu. ➬ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu. sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @faazakirdaawa
Mostrar todo...
Seenaa keessatti: Gaafa hayyuun guddaan Ardii kanaa Imaamni Ahlu-Sunnaa Imaamu Ahmad Bin Muhammad Bin Hanbal sababa qur'aanaatiif Azaaba Addunyaa dhandhamu san: Abbootiin Alangaa torbaatamni (70) islaama tahan Imaamu Ahmadirratti murtii du'aa dabarsanii irratti mallatteessan! Har'a garuu jarri sun hundi biyyee seenaa keessa fagaatanii har'a Imaamu Ahmad qofa seenaan lalisee dubbata! Ikhwaani! Wanti akkaan namatti tolu maali beektuu?! Guyyaan namni miidhame nama isa miidhe Rabbiin dura dhaabbatee himatu fuuldura keenya jiraatuu dha! 🌺Join🤜🌹@faazakirdaawa🌹
Mostrar todo...
IMG_20211009_234144_076.jpg0.74 KB
The Nõ=1 4me: 🎯 𝐁𝐄𝐄𝐊𝐒𝐈𝐒𝐀𝐀 𝐇𝐎𝐉𝐈𝐈 📩 ᯾︎ Abjuu kessan dhugomfachuuf ➪︎ Billisumaa qarshii fi Bilisumaa yeroof ➪︎ Galiin kessan kan ji’aa Birri 50,000 fi sanii ol argachuu dandeessu. ➪︎ Akkasumas dawwanna gargaraa kan qabu fi badhaasa konkolaata, Mana fi k.k.f ➪︎ Namoonni fedha hoji cimaa qabdan Hojii kessan kan isin hin dangeysine fi yeroo boqonnaa kessanii hojjachuun ji'atii Galii guddaa argachuu fi yeroo gabaabaa kessatti Abbaa Qabeenya tahuu dandeessu, kottaa walin hojjachuun haa jijiramanuu. ➪︎ sadarkaa barnotaa hundaa nii hammataa Kessumaa Namonni Afan dhaloota kessaniin barreysuu fi dubbisuu dandessan sababani carraa hojii babaalisuu wanta ta’efi ➪︎ Iddoo isin hin daangessu kan biyyaa kessaa fi biyyaa ala𝐚 jirtaniis karaa Online offline (qaamaan) hojjetama wanta ta'ef Dhabata idil-addunyaa Network Marketing business walin haa hojjannuu yammun issinin jadhuu Gammachu guddadhanii. 𑁍︎ Oddefano dabalataaf ✔︎ ➪︎ 📞0966452981 ➪︎ 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 ☏︎ 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦𝐢𝐧 https://t.me/joinchat/_eRNpEfu7sxjZGE0 whatsapp dhan 𝐧𝐮𝐮 𝐪𝐮𝐧𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮.https://t.me/joinchat/_eRNpEfu7sxjZGE0 Kessumattu ijollen kenya kan oromo 𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞.........ꨄ︎..........𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞
Mostrar todo...