Siinqii Aakhiraa.
Ir al canal en Telegram
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
Mostrar másEl país no está especificadoLa categoría no está especificada
769
Suscriptores
+824 horas
+567 días
+12730 días
Archivo de publicaciones
Akka yaada ulamaa'oota irra hedduun isaanii filatanitti, sa'aatiin Guyyaa Jumu'aa du'aa'iin itti qeebalamtu jedhamtu yeroo kami?
Deebii keessan comment jala kaayaa 👇
"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."
https://t.me/SiinqiiAakhiraa
🔊 𝘿𝙃𝘼𝘼𝙈𝙎𝘼 𝙊𝘽𝘽𝙊𝙇𝙐𝙈M𝘼𝘼 DUBARTOOTAAF 👇
⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓⎓
▪️عَنْ عَبْدِ اللَّهِ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيّ ﷺ قَالَ"الْمَرْأَةُ عَوْرَةٌ فَإِذَا خَرَجَتِ اسْتَشْرَفَهَا الشَّيْطَانُ"رواه الترمذي صححه الالباني
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: “Dubartiin hundi qaama isii uffataan uffifamuu barbaachisa. Yeroo mana isiirraa gadi baate sheyxaanni isii dogoggorsiisa.”
▪️عَنْ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ ﷺ قَالَ "إذا اسْتَعْطَرَتِ الْمَرْأَةُ فَمَرَّتْ عَلَى الْقَوْمِ لِيَجِدُوا فهي زَانِيَةً"رواه الترمذي صححه الالباني
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: “Dubartiin tokka shittoo dibattee akka urgaa isii arganiif namootarra yoo dabarte isiin zinaa dalagde”
▪️ عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ ﷺ قَالَ : " لَا تَمْنَعُوا إِمَاءَ اللَّهِ مَسَاجِدَ اللَّهِ، وَلَكِنْ لِيَخْرُجْنَ وَهُنَّ تَفِلَاتٌ" رواه أبو داود صححه الالباني
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: “Garbittiiwwan Rabbii Masjiidawwan Rabbii irraa hin dhorkiinaa, garuu mana isaaniitu irra isaanii caala, shittoo fi faayaan malee haa bahanii”
🔸 Barnoota Hadiisota armaan oliirraa argaman:👇
▫Dubartiin hijaaba qaama hunda ishee haguugu uffachuu akka qabdu.
▫️Dubartiin yeroo dhimmaaf manaa baatu shittoo dibachuu akka hin qabne
▫️Dubartiin salaataaf masjiida deemuu akka dandeesuufii masjiidarraa isii dhoowwuun akka hin taane ibsa.
▫️Dubartiin mana isheetti salaatuun ammo akka irra caala tahe ibsa.
▫️Akkasumas yeroo salaata jama’aatiif yookaa barnootaaf gara masjiidaa deemtu tottolfachuun hin barbaachisu, shittoo fii uffata nama hatu fayyadamuu hin qabdu.
⚠️ Dhiirris dubartiinis gorsa Rabbii fi gorsa Ergamaa Isaa ﷺ tole jechuun haa fudhannu faayidaan isaa kanuma keenya!!
قال الله تبارك وتعالى:-
”وَلَوْ أَنَّهُمْ فَعَلُوا۟ مَا يُوعَظُونَ بِهِۦ لَكَانَ خَيْرًا لَّهُمْ وَأَشَدَّ تَثْبِيتًا | وَإِذًا لَّءَاتَيْنَٰهُم مِّن لَّدُنَّآ أَجْرًا عَظِيمًا | وَلَهَدَيْنَٰهُمْ صِرَٰطًا مُّسْتَقِيمًا"
"Osoo isaan waan itti ajajaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaadha Akkaan (amantii isaanii) raggaasisas ture. Silaa yeroo san dhugumatti nu biraa mindaa guddaa isaaniif kennina ture. Silaa dhugumatti karaa sirrii ta’es isaan qajeelchina turre.
♻️ Kan kana caalu immoo mindaa shar'ii Rabbiif masakamuun qabu ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
"وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُو۟لَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنْعَمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّينَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُو۟لَٰٓئِكَ رَفِيقًا"
"Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajames isaan sun nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii irraa warra Rabbiin qanansiise waliin ta’u Warra kanaan hiriyoomuun waa tole!"
✍Siinqii Aakhiraa Galaa Jireenya Dhumaa.
↪️ SHARE GODHAA AJRII ARGATTUU.
👉“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ]
Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa
🛁 Qaama Dhiqachuu
👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu.
🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu.
🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu.
📖 Suura Al-Kahf dubbisuu.
🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu.
📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu.
👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu.
🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename).
⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu.
📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu.
💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii
Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh
📢 Yaadachiisa Barattoota keenyaaf,
Barattoota keenya kabajamoo, barnoota Hadiisaa torbee 1ffaa barataa turtan hundaaf yaadachiisa.
Akka beeksisa Akkaadaamichaa irratti ibsametti, har'a galgala sa'aatii 1:00 irratti qormaanni ni jira.
Yeroo hafe kana irraa fayyadamuun waan barattan irra deebi'aa, qormaataaf of qopheessaa.
Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsa keessanis isiniif haa dabalu. 🤲📚
Barattoota keenya kabajamoo, Gaafilee shaakalaa Barnoota Hadiisaa Kutaa 6ffaa irratti hirmaattan hundaaf galata guddaa qabna. 🌹
Hirmaannaan keessan qormaata kana irratti taasiftan fedhii beekumsa Islaamaa barachuu, carraaqqii gochuu fi of fooyyeessuuf kutannoo qabdan kan mul'isu dha.
Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan; Rabbiin ﷻ beekumsa keessanii fi hojii keessan haa milkeessu. Warri deebii keessatti dogoggora muraasa qabdan immoo abdii hin kutatinaa; dogoggorri hundi karaa barnootaa, hubannoo argachuu fi gara milkaa'inaatti tarkaanfachuuf nu gargaaru keessaa isa tokko.
Barnoota keessan itti fufaa, waan barattan irra deebi'aa, beekumsa Islaamaa keessan cimsaa; sababni isaas beekumsi hojii gaariin deeggarame bu'aa guddaa fida.
Rabbiin ﷻ beekumsa nama fayyadu nuuf haa kennu, qalbii keenya Qur'aanaa fi Sunnah irratti haa jabeessu, hojii keenya hunda haa qeebalu.
Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu fiikum. 🌹
✅️Deebii gaaffilee shaakala barnoota hadiisaa kutaa 6ffaa 👇
1.B
2.B
3.D
4.B
5 B
6.A
7.A
8.A
9.A
10 .C
11.A
12.A
13 .D
14.A
15 .A
📢 Yaadachiisa Cimaa!!
🔖 Qormaanni torbee tokkoffaa koorsii Hadiisaa boru halkan sa'aatii 1:00 irraa eegale marsariitii (website) irratti qooramuu ni dandeessu.
🗓 Qormaanni Kun hanga guyyaa Dilbataa halkan sa'aatii 1:00 banaa ta'ee tura. Guyyoota kana keessatti sa'aatii isiniif miijaatu marsariitii (Website) irratti seenuun qoramaa.
➡️ Barattoonni ammaan duratti Marsariitii (Website) irratti hin galmaa'iin akkaataa viidiyoo gababaa chaanaala irratti maxxanfameen galmee keessan xumuraa!!
🌐 Marsariitii (Website) irratti galmaa'uuf liinki kana fayyadamaa!!
👉 orm.africaacademy.com
📲 Viidiyoo akkaataa itti salphaatti Marsariiticha (Website) irratti herreega (akkaawuntii) keessan itti uumtan ilaaluuf as tuqaa 👇🏽
https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa/96
♥️
🌸 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐡𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚,
𝐘𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐧𝐧𝐚𝐭𝐚𝐚,
𝐈𝐦𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐀𝐦𝐛𝐢𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚,
𝐂𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐑𝐮𝐬𝐮𝐥𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚. 🌸
🌷 𝐘𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐅𝐚𝐚𝐱𝐢𝐦𝐚𝐚,
𝐒𝐢𝐦𝐛𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚,
𝐂𝐨𝐥𝐥𝐞𝐞 𝐜𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐚𝐚,
𝐑𝐚𝐬𝐮𝐮𝐥𝐚 𝐀𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚. 🌷
🌿 𝐌𝐚𝐥𝐥𝐚𝐭𝐭𝐨𝐨 𝐧𝐚𝐠𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚,
𝐆𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚,
𝐁𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚,
𝐇𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐞 𝐡𝐚𝐦𝐦𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚. 🌿
🌺 𝐘𝐚𝐚 𝐢𝐥𝐦𝐚 𝐀𝐛𝐝𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡,
𝐗𝐚𝐡𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐬𝐮𝐮𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡,
𝐍𝐮𝐮𝐟 𝐬𝐢 𝐞𝐫𝐠𝐞 𝐀𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡,
isi𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐰𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡. 🌺
🕊️ 𝐒𝐚𝐥𝐥𝐚𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐮 𝐚𝐥𝐚𝐲𝐡𝐢 𝐰𝐚𝐬𝐚𝐥𝐥𝐚𝐦. 🕊️
♥️Uumaa Rabbii keessaa
Qaalii hunda olii
Kan khaadimni isaa
Malaa'ikaa Jibriilii
Abbaa Faaximaati
Michuu Sahaabotaa
Dhalootaan quxusuu
Duree Ambiyootaa
Caalaa cuunfaa nadhii
Yaa damma walalaa
Yaa barsiisaa gaarii
Ergamaa jaalalaa♥️
Qur'anaan dubbatee
Rabbitu si faarse
Maqaa isaa cinatti
Maqaa kan kee aansee
Kanaaf si jaalanna
Faaya nuura qalbii
Garaa laafaa uumaa
Yaa Ergamaa Rabbii
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ۞
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ۞
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ
D. Walakkaa ganaa harkaa Sahaabaan kenne
14. Karaa Rabbii keessatti diinummaa kaafirootaa qabaachuun maal dabalata?
A. Kufrii fi kaafiroota jibbuun, garaa keessatti diinummaa isaanii qabaachuu
B. Kufrii isaanii jibbuu osoo hin taane, amala isaanii qofa jibbuun
C. Namoota kaafiraa wajjin walitti dhufeenya hunda kutuun, garaa keessaa jibba qabaachuu
D. Kaafiroota irraa fagaachuun qofa, osoo garaa keessatti ilaalcha addaa hin qabaatin
15.Ayyaana kaafiraa keessatti hirmaachuun maal irraa fagaachuu akka qabu ibsame?
A. Ayyaana isaanii irratti argamuu fi gammachuu isaanii waliin qooduu irraa fagaachuu
B. Guyyaa ayyaanaa isaanii keessa hojii isaanii ilaaluun irraa fagaachuu
C. Isaan waliin yeroo hunda wal arguuf fedhii dhabuu
D. Isaan waliin haasawa guyyaa guyyaa gochuu dhiisuu
👇Deebii Comment jala kaayaa
📚 Kabajamtoota Barattoota Keenya,
🌸 Assalaamu'alaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.
🤲 Alhamdulillaah, Barnoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo – Barnoota Hadiisaa Kutaa 6ffaa irra geenyeerra.
📝 Barnoota har'a barattan irratti hundaa'uun gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessineerra. Hubannoo keessan cimsuuf, waan barattan yaadachuuf, akkasumas qormaataaf of qopheessuuf shaakala kana irratti hirmaadhaa. Deebii keessanis of eeggannoodhaan sirritti yaalaa.
📢 Akkasumas, chaanaala kana hiriyoota, maatii fi namoota birootif qoodaa. Isaanis akka isin waliin baratanii, beekumsa isaanii dabalatanii fi shaakala kana irratti hirmaatan affeerraa.
🤲 Rabbiin (Subhaanahu wa Ta'aalaa) barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsaan isin haa badhaasu, hojii gaarii keessatti isin haa milkeessu.
🌺 Rabbiin hunda keenya irraa haa qeebalu. Aamiin Yaa Rabbal Aalamiin.
Gaaffilee shaakala Hadiisaa kutaa 6ffaa.👇
1.Maqaan gurbaa baadiyaa kan Nabiyyii waa'ee qiyaamaa gaafatee eenyu jedhama?
A. Anas
B. Zul Kuweeysiraa
C. Abuu Hureeyraa
D. Jundub
2. Wanti xiqqoon Sahaabaan kennatan maaliif waan guddaa caala?
A. Qabeenya isaanii baay'ee waan ta'eef
B. Haala dhiphinaa keessatti kennanii fi fedhii qabaachuu isaanii wajjin ta'eef
C. Namoonni isaan sodaachaa turaniif
D. Addunyaa keessa beekamoo waan turaniif
3. Bakka bu'oonni Nabiyyii (SAW) afran eenyu fa'i?
A. Usmaan, ibnu Abbaas, Aliyii fi Umar (RA)
B. Abuu Bakr, Umar, Usmaan fi Anas (RA)
C. Ibnu Abbaas, Ibnu Umar, Jaabir fi Abuu Hureeyraa
D. Abuu Bakr, Umar, Usmaan fi Aliyyi (RA)
4.Kakuu Jala (Beey'at ar-Ridwaan) irratti hirmaatan eenyu?
A. Sahaabota hunda
B. Warra kakuu sana irratti argaman
C. Warra Makkaa qofa
D. Warra boodarra dhufan
5.Bakka aqabaa lamaanitti Nabiyyiin (SAW) eenyu waliin wal gahanii turan?
A. Muhaajiroota
B. Ansaarota
C. Roomaanota
D. Yahuudota
6. Nabiyyiin (SAW) warqii hanga gaara Uhudii ga'u kennuu maal waliin wal bira qabanii ibsan?
A. Kennaa ykn gatii Sahaabaa tokkoo wajjin
B. Sadarkaa Sahaabaa tokkoo wajjin
C. Hojii Sahaabaa tokkoo hunda wajjin
D. Qabsoo Sahaabaa tokkoo qofa wajjin
7. Gurbaan Nabiyyii (SAW) yeroo Qiyaamaan yoom akka taatu gaafate, Nabiyyiin (SAW) deebii kennuu dura maal isa gaafatan?
A. Qiyaamaaf maal qopheessite?
B. Qiyaamaa irratti maal hojjatte?
C. Qiyaamaa dura hojii akkamii hojjatte?
D. Qiyaamaa argachuuf maal qopheessite?
8.Jechi "mi'aa Iimaanaa argata" jedhu hiika kamiitti dhihoo dha?
A. Qalbiin Iimaanaan gammaduu fi ajaja Rabbii fedhiin fudhachuu
B. Qalbiin hojii gaariidhaan tasgabbaa'uu
C. Qalbiin ibaadaadhaan cimaa ta'uu
D. Qalbiin amantiidhaan boqochuu
9. Mi'aa Iimaanaa argachuuf wantoonni meeqa eeramaniiru?
A. Sadii B. Lama C. Afur D. Shan
10.Hadiisa keessatti kennaan guddaan maal fakkeeffamee ibsame?
A. Qabeenya hanga gaara Uhudii ga'u
B. Meetii hanga gaara Uhudii ga'u
C. Warqii hanga gaara Uhudii ga'u
D. Midhaan hanga gaara Uhudii ga'u
11.Wanti jalqabaa namni mi'aa Iimaanaa ittiin argatu hadiisa keessatti eerame maali?
A. Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) waan biraa hunda caalaa jaallachuu
B. Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) yeroo ibaadaa qofa yaadachuu
C. Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) namoota biraa wajjin wal qixxee jaallachuu
D. Rabbii fi Ergamaa Isaa (SAW) hojii gaarii irraa adda baasanii jaallachuu
12. Sababni guddaan hojii Sahaabaa xiqqaan hojii namoota boodaa guddaa caalu keessaa tokko maali?
A. Isaan yeroo dhiphinaa fi rakkinaa keessatti waan kennanii fi tumsanii
B. Isaan yeroo nagaa keessatti qabeenya baay'ee waan kennanii
C. Isaan namoota hundarra beekamoo waan turaniif
D. Isaan hojii isaanii hunda keessatti dogoggora waan hin qabneef
13. Osoo namni tokko warqii hanga gaara Uhudii ga'u kennellee, maal hin geettu jedhame?
A. Muddii harkaa tokko Sahaabaan kenne
B. Ganaa harkaa tokko Sahaabaan kenne
C. Kennaa xiqqoo Sahaabaan kenne
🎙Prof. Mohammad Kamal Tilmop
Kutaa Jahaffaa -Hadith Sim 1ffaa.pdf1.82 MB
📚 Kutaa Jahaffaa
📮 Barnoota Hadiisaa
🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo
🔗 https://youtu.be/ViOke2uQGF0?si=OeSSQ3RqdT1ijrkD
🌹 📚 Bu'aa Shaakala Hadiisaa – Kutaa 5ffaa 📚 🌹
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Barattoota keenya kabajamoo,
Barattoonni Shaakala Hadiisaa Kutaa 5ffaa irratti hirmaattan hundi galatoomaa. Hirmaannaan keessan fedhii barachuu, beekumsa Islaamaa cimsachuu fi hojii gaarii irratti wal jajjabeessuu keessan kan mul'isuudha.
🎉 Warri deebii sirrii deebistan baga gammaddan! Rabbiin ﷻ beekumsa keessan haa dabalu; hojii keessanis haa milkeessu.
🤲 Warri dogoggora qabdan immoo abdii hin kutatinaa. Dogoggorri karaa barnootaa keessaa isa guddaadha. Deebii sirrii irraa baradhaa; shaakala fi qormaata itti aananiifis cimaatii qophaa'aa.
📖 Nabiin ﷺ akkana jedhan:
"Namni karaa beekumsa barbaaduu keessa deeme, Rabbiin karaa Jannataa isaaf salphisa." (Sahiih Muslim)
Rabbiin ﷻ nu hundaaf beekumsa bu'a qabeessa haa kennu; qalbii keenya Qur'aanaa fi Sunnah Nabiyyii ﷺ irratti haa jabeessu.
🌺 Jazaakumullaahu Khayran. Baarakallaahu Fiikum. 🌺
━━━━━━━━━━━━━━━
📝 Deebiiwwan Sirrii – Shaakala Hadiisaa Kutaa 5ffaa
1.B
2.A
3.A
4.B
5.B
6.B
7.B
8 B
9.B
10.C
11.C
12 B
13.B
14.C
15.C
16.B
17.B
18.B
19. C
A. Namoonni Hajjii dhiisuu danda'u turan
B. Namoonni kaayyoo gocha sanaa dogoggoraan hubachuu danda'u turan
C. Ka'abaan kabaja dhabuu turte
D. Hajar Al-Aswad irraa buqqa'uu danda'a ture.
14.Nabiyyiin (SAW) “Rabbiin jaalallee addaa na taasifate” jechuun eenyu waliin wal fakkeessan?
A. Muusaa (AS)
B. Nuuh (AS)
C. Ibraahim (AS)
D. Iisaa (AS)
15. 1. Hadiisa Jundub (RA) irraa, Nabiyyiin (SAW) qabriiwwan masjida taasifachuu maaliif dhoorgan?
A. Qabriiwwan irratti ijaarsi akka hin baay’anneef.
B. Namoonni qabrii akka hin daawwanneef.
C. Toowhiida eeguu fi shirkiitti nama geessu cufuuf.
D. Namoonni namoota gaggaarii akka hin jaallanneef.
16. Waan Rabbiin malee jiruun kakachuun maaliif dhoorgame?
A. Uumama guddisuu waan of keessaa qabuuf.
B. Guddina Rabbii qofaaf malu uumamaaf kennuu waan danda'uuf.
C. Jechi isaa bareedaa waan hin taaneef.
D. Namoonni isa hin jaallanneef.
17. Hadiisa Jundub (RA) keessatti qabrii masjida taasifachuun maaliif dhoorgame?
A. Shirkii irraa of eeguuf.
B. Toowhiida eeguu fi karaa shirkiitti nama geessu cufuuf.
C. Qabrii guddisuun akka hin babal'anneef.
D. Namoonni qabrii akka hin daawwanneef.
18.Hadiisa Umar (RA) irraa, kaayyoon inni Hajar Al-Aswad dhungate maal ture?
A. Sunnaa Nabiyyii (SAW) hordofuuf.
B. Ajaja Rabbii guutuu fi Sunnaa Nabiyyii (SAW) hordofuuf.
C. Hajar Al-Aswad kabajuuf.
D. Mallattoolee Hajjii kabajuuf.
19.Nabiyyiin (SAW) qabrii ilaalchisee maal dhoorgan?
A. Qabrii daawwachuu
B. Qabrii ijaaruu
C. Qabrii masjida taasifachuu
D. Qabrii keessatti du'aa'ii gochuu
👇Deebii Comment jala kaayaa
📚 Kabajamtoota Barattoota. Keenya,
🌸 Assalaamu'alaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.
🤲 Alhamdulillaah, Barnoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo – Barnoota Hadiisaa Kutaa 5ffaa irra geenyeerra.
📝 Barnoota har'a barattan irratti hundaa'uun gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessineerra. Hubannoo keessan cimsuuf, waan barattan yaadachuuf, akkasumas qormaataaf of qopheessuuf shaakala kana irratti hirmaadhaa. Deebii keessanis of eeggannoodhaan sirritti yaalaa.
📢 Akkasumas, chaanaala kana hiriyoota, maatii fi namoota birootif qoodaa. Isaanis akka isin waliin baratanii, beekumsa isaanii dabalatanii fi shaakala kana irratti hirmaatan affeerraa.
🤲 Rabbiin (Subhaanahu wa Ta'aalaa) barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsaan isin haa badhaasu, hojii gaarii keessatti isin haa milkeessu.
🌺 Rabbiin hunda keenya irraa haa qeebalu. Aamiin Yaa Rabbal Aalamiin.
Gaaffilee shaakala Hadiisaa kutaa 5ffaa.👇
1. Hadiisa Jundub (RA) irraa, Nabiyyiin (SAW) qabrii masjida taasifachuu dhoorguun kaayyoo guddaan isaa maal dha?
A. Qabrii balleessuuf
B. Shirkii fi karaa gara shirkiitti geessu cufuuf
C. Namoonni qabrii akka hin daawwanneef
D. Qabrii akka hin beekamne gochuuf
2. Shari’aan hojii tokko gaarii ykn fokkisaa ta’uu murteessiti jechuun maal jechuu dha?
A. Yaadni namaa qofti murteessaa miti
B. Namni waan fedhe hojjachuu danda’a
C. Aadaan namootaa hundumaa murteessa
D. Sammuun namaa Shari’aa caala
3. Nabiyyiin (SAW) ummata isaanii irratti hanga dhuma jireenya isaanii shirkii irraa akeekkachiisuun maal agarsiisa?
A. Toowhiida eeguun dhimma guddaa ta’uu
B. Namoonni hundi dogoggoraa ta’uu
C. Ibaadaan nama hin barbaachifne ta’uu
D. Qabrii daawwachuun haraama ta’uu
4. Shirkii xiqqaa fi shirkii guddaa kakuu keessatti adda kan godhu maal dha?
A. Yeroo fi bakka kakuu
B. Yaada fi amantii qalbii namicha kakatichaa
C. Namni isa dhaga’e baay’ina
D. Sagalee inni ittiin kakatate
5. Umar (RA) Hajar Al-Aswad irratti dubbii isaa dubbachuun kaayyoo guddaan isaa maal ture?
A. Dhagicha kabaja dhabsiisuuf
B. Namoonni dhagicha gabbaruu akka hin jalqabneef yaada sirrii ibsuuf
C. Hajjii keessatti dhagaa tuquun akka hin barbaachifne himuuf
D. Dhagaa Ka’abaa keessaa baasuu barbaaduuf
6. Nabiyyiin (SAW) osoo Ummata isaanii keessaa jaalallee addaa filatan Abuu Bakr (RA) filatu turan jechuun maal nu barsiisa?
A. Abuu Bakr (RA) qabeenya keessatti sahaabota hunda caaluu
B. Sadarkaa fi kabaja Abuu Bakr (RA) Nabiyyii (SAW) biratti ol’aanaa ta’uu
C. Abuu Bakr (RA) Nabiyyii (SAW) wajjin wal fakkaachuu
D. Sahaabonni biroo sadarkaa hin qabne ta’uu
7. Hadiisa Jundub (RA) irraa, dhoorgaan qabriiwwan masjida taasifachuu maal irratti xiyyeeffata?
A. Qabriiwwan akka hin beekamne gochuu irratti
B. Ibaadaa keessatti waan Rabbiin qofaaf malu uumamaaf dabarsuu irraa of eeggachuu irratti
C. Namoonni qabrii akka hin daawwanne gochuu irratti
D. Namoota gaggaarii yaadachuun akka hin hayyamamne irratti
8. Hadiisa Umar (RA) irraa, gochi Hajar Al-Aswad dhungachuu maal agarsiisa?
A. Wanti kabajamu hundi humna addaa qabaachuu isaa
B. Ibaadaan dalagamu ajaja Rabbii fi hordofinsa Ergamaa (SAW) irratti hundaa’uu isaa
C. Dhagaan tokko uumama biroo caalaa dandeettii qabaachuu isaa
D. Namni wanta kabajamu hundumaa kadhachuu akka danda’u
9. Umar (RA) Hajar Al-Aswad dhungachuun isaa dhagichi faayidaa fi miidhaa akka qabu amanuu irraa ture.
A) Dhugaa
B) Soba
10.Osoo Nabiyyiin (SAW) Ummata isaanii keessaa jaalallee addaa filatan eenyu filatu turan?
A. Umar (RA)
B. Aliyyii (RA)
C. Abuu Bakr (RA)
D. Usmaan (RA)
11.Hadiisa Jundub (RA) keessatti, Nabiyyiin (SAW) Abuu Bakr (RA) maqaa kaasuun kaayyoon isaanii maal akka ta'e caalaatti agarsiisa?
A. Hariiroo dhuunfaa isaanii qofa ibsuuf
B. Sadarkaa isaa Ummata keessatti beeksisuuf
C. Sadarkaa amantii fi amanamummaa isaa ibsuuf
D. Umrii isaa dheeraa ta'uu ibsuuf
12. Kakuu keessatti murtiin yeroo hunda jecha afaaniin dubbatame qofa irratti hundaa'a; yaadni qalbii hin ilaalamu.
A. Dhugaa
B. Soba
13. Umar (RA) yeroo Hajar Al-Aswad dhungate, dubbii isaa osoo hin dubbatin hafee utuu ta'ee maaltu uumamuu danda'a ture?
🎙Prof. Muhammad Kamaal Tilmoo
Kutaa Shanaffaa- Hadith Sim 1ffaa.pdf1.44 MB
📚 Kutaa Shanaffaa
📮 Barnoota Hadiisaa
🎙 Prof. Muhammad Kamal Tilmoo
🔗 https://youtu.be/V8iNZapcbQg?si=ko7sZhpWQONSvmzt
