es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

Siinqii Aakhiraa.

Siinqii Aakhiraa.

Ir al canal en Telegram

"Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

Mostrar más
El país no está especificadoLa categoría no está especificada
750
Suscriptores
+1024 horas
+587 días
+11030 días
Archivo de publicaciones
❤️ ODUU GAMMACHIISAA BARATTOOTA KEENYA! 🎉 Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh. Alhamdulillaah! 🌿 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, akkuma isin beeksisaa turre, barnoonni Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa eegalamee jira. Gaaffileen Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa irratti hundaa’an isiniif qophaa’aniiru. Kanaafuu, barnoota hordofaa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa! 📚 Kaayyoon gaaffilee kanaa: • Barnoota keessan irra deebitanii akka yaadattan gargaaruu. • Waan barattan sirriitti hubachuu keessan akka mirkaneeffattan taasisuu. • Beekumsa keessan of-qoruudhaan cimsachuu. • Barnoota keessatti wal jajjabeessuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu. 🎯 Kaayyoon keenya barnoota keessan deeggaruu, beekumsa keessan cimsuu fi karaa barnootaa keessatti akka wal jajjabeessinuuf carraa uumuu dha. 📌 Qophaa’aa! Barnoota keessan irra deebi’aa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa, beekumsa keessan cimsadhaa; imala barnootaa keessan keessatti tarkaanfii gaarii fudhadhaa! 🤲 Rabbiin hojii kana nuuf haa milkeessu, barnoota keenya keessatti barakaa nuuf haa godhu, beekumsa keenyaas waan ittiin fayyadamnu nu haa taasisu. Aamiin yaa Rabbal-aalamiin! ✍️ Siinqii Aakhiraa 🔗 📲 Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

[@download_it_bot mp3] Barnoota Siiraa Kutaa 1ffaa.mp310.41 MB

📚 Kitaaba Siiraa 1ffaa

📮 Barnoota Siiraa 📚 Kutaa Tokkoffaa 🎙 Dr. Mahmuud Huseen 🔗 https://youtu.be/O6ayav-BqGw?si=nbUY5cdYjSrpkV2m

🌟 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo, 📖 Fedhii Rabbiitin boru Guyyaa Sanbataa, 17/10/2026 yk
🌟 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota keenya kabajamoo fi jaallatamoo, 📖 Fedhii Rabbiitin boru Guyyaa Sanbataa, 17/10/2026 ykn 07/02/2019 irraa eegalee barnoonni Siiraa kan jalqabu ta'a. 📚 Koorsiin kun Kutaa 16 of keessaa yoo qabaatu, Barnoonni Torban sadiif (3f) Yeroo hunda guyyaa Dilbataa irraa hanga Jimaataatti kan kennamu ta'a. 🔖 Koorsii kana keessatti qormaatni torbee (halkan guyyaa jimaataa banamee guyyaa Dilbataa cufamu) lama (2) ni kennama. Qormaatni xumuraa Torban 4ffaa keessatti kennama. 📌 Barattoonni hundi yeroo isaa eeggatanii barnoota akka hordoftanii fi qormaata kennamu yeroo kennamutti xiyyeeffannoo akka hordoftanii qoramtan isin yaadachiifna!! 💡Rabbiin barnoota keessan isiniif haa laaffisu, beekumsa keessan haa dabalu, milkaa’ina fi bu’aa gaarii isiniif haa kennu. Milkaa’ina isiniif hawwina! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

Sunnaalee fi Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa Hojjachuun Jaallatamu 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dib
Sunnaalee fi Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa Hojjachuun Jaallatamu 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahfi dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Kadhannaa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid Salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu. #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

❤️ KABAJAMTOOTA BARATTOOTA KEENYA JAALATAMOO! ❤️ 🎉 ODUU GAMMACHIISAA ISINIIF QABNA! 🎉 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh Akkuma beekamu, Siinqiin Aakhiraa barattoota Akkaadaamii Afrikaa Afaan Oromoo deeggaruu, barnoota isaanii keessatti isaan jajjabeessuu fi barnoota guyyaa guyyaan baratan irratti hundaa’uun gaaffilee shaakalaa qopheessuuf carraaqqii gochaa ture. Alhamdulillaah! 🌿 Ammas, fedhii fi gargaarsa Rabbii keenyaatiin, barnoota Siiraa (Seenaa Nabiyyii Muhammad ﷺ) semisteera tokkoffaa irratti hundaa’uun gaaffilee shaakalaa isiniif qopheessuuf guyyaa boruu, Sanbata, 17/10/2026 A.L.A. (07/02/2019 A.L.I.) irraa eegaluuf qophii barbaachisaa hunda xumurree jirra. 📚 Kaayyoon gaaffilee kanaa: • Barnoota keessan irra deebitanii akka yaadattan gargaaruu. • Waan barattan sirriitti hubachuu keessan akka mirkaneeffattan taasisuu. • Beekumsa keessan of-qoruudhaan cimsachuu. • Barnoota keessatti wal jajjabeessuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu. ❤️ Barattoota duraan nu waliin turtan, akkasumas barattoota haaraa gara keenya dhuftanii imala barnootaa kana nu waliin jalqabuuf hawwitan, baga nagaan dhuftan! 🎯 Kaayyoon keenya barnoota keessan deeggaruu, beekumsa keessan cimsuu fi karaa barnootaa keessatti akka wal jajjabeessinuuf carraa uumuu dha. 📌 Egaa, qophaa’aa! Barnoota keessan irra deebi’aa, gaaffilee shaakalaa irratti hirmaadhaa, beekumsa keessan cimsadhaa; imala barnootaa keessan keessatti tarkaanfii gaarii fudhadhaa! 🤲 Rabbiin hojii kana nuuf haa milkeessu, barnoota keenya keessatti barakaa nuuf haa godhu, beekumsa keenyaas waan ittiin fayyadamnu nu haa taasisu. Aamiin yaa Rabbal-aalamiin! ✍️Siinqii Aakhiraa 🔗 📲 Chaanaala keenya hordofaa: https://t.me/SiinqiiAakhiraa 🌿 Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.

📣 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, 📚 Fedhii Rabbiitin barnoonni keeyna korsiin Siira
📣 ODUU GAMMACHIISAA!! 🎓 Barattoota Dippiloomaa Shari'aa Marsaa Jalqabaa, 📚 Fedhii Rabbiitin barnoonni keeyna korsiin Siiraa (Seenaa Nabiyyii) simisteera tokkoffaa Sanbata dhufu guyyaa 17/10/26 A.L.A ykn 07/02/2019 A.L.E irraa eegalee kan jalqabu ta'a. 📝 Ammaas Imala beekumsa keessanii nu waliin taasisuun jireenya Adduunyaa Aakhiraa keessan bareechifadhaa!! ☑️ Beekumsa Shari'aa barachuun of haa dagaagsinu!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa #Barnoota_Siiraa

🌿 DHAAMSA OF EEGGANNOO Oduun guyyaa guyyaa, taateewwan addunyaa, waan miidiyaa hawaasaa irratti dubbatamu, dubbii namootaa fi wacni addunyaa kun dhuma hin qabu. Yeroo dheeraaf isaan hordoftee yoo turte, oduu haaraa hedduu argachuu dandeessa. Garuu yeroon si jalaa darbe hin deebi’u; umriin kee dabarsitees hin deebi’u. ⏳ Yeroon kee qabeenya guddaa ati qabdu keessaa isa tokko. Waan si hin fayyadne hordofuun yeroo kee balleessuun, qabeenya gatii guddaa qabu bakka hin malletti gatuu dha.
Rasuulli ﷺ akkana jedhan: «لَا تَزُولُ قَدَمَا عَبْدٍ يَوْمَ الْقِيَامَةِ حَتَّى يُسْأَلَ عَنْ عُمُرِهِ فِيمَا أَفْنَاهُ» “Gabrichi tokko Guyyaa Qiyaamaa umrii isaa maal irratti akka dabarse hanga gaafatamutti bakka isaa hin socho’u.” 📚 Jāmi‘ At-Tirmizhii, 2417. Kanaafuu Barattoota keenya kabajamoo oduu namootaa fi wacni miidiyaa hawaasaa hojii gaarii irraa isin dagin!.
❖ Zikrii guyyaa guyyaa kee hin dagatin. ❖ Qur’aana dubbisuu kee hin dhiisin. ❖ Salaata Duhaa salaatuuf carraaqqadhu. ❖ Salaata Witrii kee hin dagatin. ❖ Salaata dirqamaa yeroo isaatti salaatuuf jabaadhu. ❖ Yeroo kee barumsa faayidaa qabuun, ibaadaa fi hojii gaariin guuti. 🌱 Waan addunyaa irratti ta’u hunda beekuun si hin barbaachisu. Garuu waan si fayyadu beekuu fi waan gaarii irratti hojjachuun barbaachisaadha. Yeroo kee hin gubin; umrii kee hin qisaasin. Oduu namootaa hordofuu caalaa, waan Aakhiraa kee siif tolchu irratti xiyyeeffadhu. Guyyaan har’aa yoo darbe, deebi’ee hin dhufu. 🤲 Rabbiin yeroo keenya nuuf haa barakeessu; umrii keenya hojii gaarii keessatti akka dabarsinu nu haa gargaaru.
✍️ Siinqii Aakhiraa "Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha."

🔔 YAADACHIISA CIMAA!! 🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamee jira. Amma irraa eegalee
🔔 YAADACHIISA CIMAA!! 🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamee jira. Amma irraa eegalee gara qormaataa seenun bakka "Review" jedhu tuqun deebii sirrii ilaalu ni dandeessu!! 🤲 Rabbiin tattaaffi keessan isinirrraa haa qeebalu, beekumsaas itti isinii haa dabalu!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamuuf sa'aatii 5 qofatu hafe. 📝 Kanaafu, Qormaanni c
🎓 Barattoota Keenya Kabajamoo, 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa cufamuuf sa'aatii 5 qofatu hafe. 📝 Kanaafu, Qormaanni cufamuudhaan duratti liinki qormaataa fayyadamuun ammuma qoramaa!! 👌 Carraan kun akka isin hin dabarre!! 👉 Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=91 ============================== 🌟 Niyyaa keessan bareechaa, kaka'umsa keessan haaromsaa!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

Hanga ammaatti barattoonni 8,000 ol Qormaata Xumuraa Koorsii Aqiidaa fudhatanii jiru. Isinhoo qormaata fudhattanii jirtuu? ⏳
Hanga ammaatti barattoonni 8,000 ol Qormaata Xumuraa Koorsii Aqiidaa fudhatanii jiru. Isinhoo qormaata fudhattanii jirtuu? ⏳ Osoo qormaanni hin cufamin carraa keessanitti fayyadamaa, ammuma qoramaa! 🌟 Carraan jalqabaa yeroo hunda caalaa dha! 🔗 Qormaata fudhachuuf liinkii armaan gadii fayyadamaa: ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=147 ============================== ━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🗣 Odeeffannoo fi yaadachiisa gara garaa argachuuf! 👇👇 📎 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa 📎https://t.me/SiinqiiAakhiraa #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh

🎓 Barattoota keenya kabajamoo 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa Cufamuuf Sa'aatii 24 qofaatu hafe. 👉 Liinki qormaataa 🔗
🎓 Barattoota keenya kabajamoo 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa Cufamuuf Sa'aatii 24 qofaatu hafe. 👉 Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=147 ============================== 📝 Barattoonni Hanga ammaatti qormaata hin fudhatin ammuma qoramaa!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

🎓 Barattoota keenya kabajamoo 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa Cufamuuf Sa'aatii 24 qofaatu hafe. 👉 Liinki qormaataa 🔗
🎓 Barattoota keenya kabajamoo 🔖 Qormaanni Xumuraa Koorsii Aqiidaa Cufamuuf Sa'aatii 24 qofaatu hafe. 👉 Liinki qormaataa 🔗🔗🔗🔗 ============================== https://orm.africaacademy.com/mod/quiz/view.php?id=147 ============================== 📝 Barattoonni Hanga ammaatti qormaata hin fudhatin ammuma qoramaa!! #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh

Assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuh

🌿 SIINQII AAKHIRAA 📚 Barnoota Islaamaa بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ Alhamdulillaah! Galanni hundi Allaah qofaaf haa ta'u. 📖 Barachuun amantii Islaamaa dirqama guddaa qaba. Beekumsa sirrii barachuu, hojiirra oolchuu fi namoota biroof dabarsuun hojii gaarii keessaa isa tokko. 🤲 Allaah beekumsa nu fayyadu nuuf haa dabalu, waan baranne hojiirra oolchu nu haa taasisu. Siinqiin Aakhiraa hojii gaarii fi iimaana keenya isa nu waliin hafuudha.