Diinaa'ol Kumaa
Ir al canal en Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
Mostrar másEl país no está especificadoLa categoría no está especificada
1 384
Suscriptores
+124 horas
+17 días
-1730 días
Archivo de publicaciones
1 384
Vote of No Confidence vs Impeachment
👉👉👉👉
👉Vote of no confidence = “si hin amannu” (siyaasaa)
👉 Impeachment = “yakka hojjettee jirta” (seeraa)
👉👉👉👉👉👉
1. 🏛️ Bu’uura seeraa (Legal foundation)
Vote of No Confidence
👉 Heera mootummaa keessatti akka meeshaa to’annoo siyaasaatti kaa’ama.
👉 Kaayyoon isaa: mootummaa mana maree jala jiru irratti to’annoo gochuu
Impeachment
👉 Heera mootummaa keessatti akka *adeemsa seeraa (quasi-judicial)*tti kaa’ama
👉 Kaayyoon isaa: abbaa aangoo seera cabse adabuu
2. ⚖️ Ulaagaa fi sababa
✔️Vote of No Confidence
👉 Sababa siyaasaa qofa gahaa dha
(fkn: hoggansa badaa, mootummaa dadhabaa, mootummaa irratti amantaa dhabuu)
✔️Impeachment
👉 Sababa seeraa barbaada
(fkn: heera cabsee, malaammaltummaa, yakka cimaa)
3. 🧭 Adeemsa (Procedure)
✔️Vote of No Confidence
👉 Sagalee qofa (majority vote)
👉 Murtiin saffisaa
👉 Mana maree qofa keessatti xumurama.
✔️Impeachment
👉 Adeemsa sadarkaa lama:
1👉Himannaa (charge)
2👉Murtii (trial)
3👉 Ragaa, falmii seeraa barbaada
4. 🏛️ Bu’aa seeraa (Legal effect)
✔️Vote of No Confidence
👉 Mootummaan battalatti kufa
👉 Garuu yakka hin mirkaneessu.
✔️Impeachment
👉 Yoo yakki mirkanaa’e qofa aangoo irraa buqqa’a
👉 Dabalataan adabbii seeraa danda’a.
5. 🌍 Sirna mootummaa waliin walqabata
✔️Vote of No Confidence
👉 Sirna parliamentary keessatti barbaachisaa
👉 Mootummaan mana maree irratti hirkata.
✔️Impeachment
👉 Sirna presidential keessatti ijoo
👉 Aangoo addaan baasu (separation of powers) eega.
🧠 Xumura (Legal Insight)
👉 Vote of no confidence = meeshaa siyaasaa (accountability political)
👉 Impeachment = meeshaa seeraa (accountability legal)
👉 Tokkoffaan: mootummaa kufsiisa
👉 Lammaffaan: yakka mirkaneessa.
1 384
⚖️𝐐𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐮 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐦𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐟 𝐠𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚'𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐫𝐨𝐠𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐮𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐞𝐞 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐚𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮 𝐝𝐡𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 𝐬𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 ,𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐇 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.𝐉𝐢𝐥𝐝 21𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋/𝐆: 126017 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚 2009 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.
⚖️𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐠𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢( 𝐟𝐢𝐫𝐝 𝐡𝐢𝐝𝐞𝐭?)𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐜𝐢𝐭𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐜𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢𝐟𝐚𝐦𝐮 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐬𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐨𝐨𝐥𝐥𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚.
✒️𝐃𝐡𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅,𝐋𝐆: 176890 𝐟𝐢 240930
T.me/maftulawyer
1 384
Gaafa ragaa dhagahuu beellamametti bitaa fi mirgi beellama irraa yoo hafan badii ykn hanqina walfalmitoota ta'uu dhabuun dursa mirkanna'ee badii walfalmitoota yoo tahe bira darbame murtii itti fakkaate kennama malee galmee cufuun sirri akka hin ta'in fi fallaa SDFHH kewt.199(1)(2) ta'uu dhaddaachii Ijibaata MMWO jildii 12ffaa Lakk.galmee 466244 irratti murteesseera.
1 384
Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:
"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati jedheera.
1 384
Dhimmoota Kaffaltii Tajaajila Abbaa Alangummaa irraa bilisa argachuu dandeessan beektuu ?
✍️✍️✍️✍️✍️
Qajeelfama Kaffaltii Tajaajila Hojii Mirkaneessaa fi Galmeessa Sanadootaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Lakk. 24/2016 kwt. 5(6) fi 10 Dambii Sirna Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Ummataafi Mootummaa
Naannoo Oromiyaa, Lakk. 243/2016 kwt. 2(11), 2(8), 9 fi 10 ° tiin
1✍️Manneen hojii mootummaa; yookiin
2✍️Kutaalee hawaasaa sababa hawaas dinagdeetiin deeggarsa addaa barbaadaniifi akkaataa seerota rogummaa qabaniitiin fayyadamtoota tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa ta’an.
✍️Dambiicha kwt. 2(11)
"Namoota deeggarsa addaa barbaadan" jechuun namoota haala kamiinuu dantaa hariroo hawaasaa isaanii kabachifachuu
hin dandeenye kanneen akka:
(a) ✍️Gocha yakkaatin miidhaan irra gahe;
(b) ✍️Sababa umurii isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuuf humna hin qabne;
(c)✍️ Sababa qaama miidhamummaa isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa
kabachifachuu hin dandeenye;
(d)✍️ Sababa dubartummaa ishiitin
qabeenya qabdutti fayyadamuun dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuu hin dandeenyee; fi
(e)✍️ Harka qalleessa jechuudha.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Dambiicha kwt. 10.
✍️Ulaagaa Namootni Deeggarsa Addaa Barbaadan Guutuu Qaban:-
1) ✍️Namni tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa akka kennanmuuf barbaadu harka qalleessa yoo ta'e:
(a)✍️ Ragaa harka qalleessa tauu isaa agarsiisu mana murtii hawaasummaa iddoo jiraatu irraa dhiyeeffachuu;
(b)✍️ Dhimma dhiyeesse irra dantaa kan qabu ta'uufîi akka barbaachisummaa isaatti dhimmoota qaamaan akka agarsiisu gaafatame agarsiisuu;
(c) ✍️Dhimmi isaa mana murtiitti akka dhiyaatu fedhii kan qabu yoo ta'e
unka ykn guca Biirichaan
qophaa'e irratti fedhii isaa mallattoodhaan ibsachuu;
(d)✍️ Tajaajilicha kennuuf waraabbii ragaa harka isaa jiru akka dhiyeessu Biirichi yoo gaafate dhiyeessuu qaba.
✍️Namni tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa akka kennamuuf
barbaadu harkaqalleessa kan hin taane yoo ta'e, ulaagaa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 (b-d)
guutuun akkuma jirutti taee, ragaa sababa qabeenya qabutti akka hin
fayyadamne isa taasise ibsu dhiyeeffachuu qaba.
3) ✍️Keewwata kana
Keewwata xiqqaa 2 jalatti kan tumame jiraatus, namni gocha yakkaatiin
miidhaan irra dhaqqabe tajaajila argachuuf ragaa haala keessa jiru agarsiisu dhiyeessuudhaaf hin
dirqamu.
4) ✍️Biirichi, akkaataa barbaachisummaa isaatti, sirrummaa ragaalee
buuura Keewwata kanaatin
dhiyaatani qulqulleefachuu ni dandaa.
✍️✍️✍️
Xumuraa
1✍️Dhimmoonni hariiroo hawaasaa,
2✍️Dhimmoonni Yakkaa
3✍️ Hojii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa fi kan biroo yoo ulaagaalee seerichi gaafatu guutan kaffaltii tajaajila abbaa alangummaa irraa bilisa argaachun ni danda'ama.
1 384
Dhimmota kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa irraa bilisa ta'an beektuu?
✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Dambii Kaffaltii Tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa Lakk. 8/2016 kwt. 23
✍️✍️✍️✍️
Dhimmoota Kaffaltiin tajaajila abbaa seerummaa irraa bilisa ta'an
1)✍️ Mirga namoomaa daa'immanii kabachisuuf dhimma dhiyaatu;
2)✍️ Himannoo hariiroo hawaasaa miidhaa yakkaa dubartoota irratti sababa dubartummaa isaaniitin
irra gahe irraa madduun dhiyaatu;
3)✍️ lyyannoo qallaba kaffalchiisuuf dhiyaatu;
4✍️Dhaala murtiin booda beekamu;
5)✍️ Iyyannoo hiyyummaa mirkaneeffachuuf dhiyaatu;
6)✍️ Himannoo mana hojii mootummaatiin dhiyaatu;
7) ✍️Himannoo Dhaabbata Misoomaa Mootummaatiin dhiyaatu;
8) ✍️Himannoo dhaabbilee tola ooltummaa seeraan beekamtii qabaniin dhiyaatu.
9) ✍️Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 8 jalatti kan tumame jiraatus dhaabbileen tola ooltum-
maa bu' aaf akka hojjetan seeraan hayyamameef, dhimma bu'aaf hojjetan ilaalchisee himannoo
dhiyaatu irratti akkaataa Dambii kana keessatti tumameen kaffaltii tajaajila abbaa seerummaa
kan kaffalan ta'a;
10)✍️ Himannoo dhimmoota eegumsa
naannootin walqabatan kan namootni gareenis ta'ee dhuunfaan bilisaan falman;
11) ✍️lyyannoo bilisummaa qaamaa
kabachiisuuf dhiyaatu;
12)✍️ Himannoo dhimma yakkaa.
1 384
“Until the lion tells the story, the hunter will always be the hero.”
Hiika Afaan Oromootti:
“Hanga leenci seenaa isaa dubbatuutti, adamsaan yeroo hunda goota ta’a.”
1 384
“We are very good lawyers for our mistakes, but very good judges for other people's mistakes. That is why we lose humanity.”
Hiika Afaan Oromootti:
“Dogoggora keenyaaf abukaatoo gaarii taana; garuu dogoggora namoota biroof abbaa murtii cimaa taana. Kanaafis namummaan keenya ni hir’ata.”
Ibsa gabaabaa:
Jechi kun akka agarsiisutti namni yeroo baay’ee dogoggora ofii isaaf sababaa barbaada, of eeguuf yaala (akka abukaatootti); garuu yeroo namni biraa dogoggoru murtii cimaa kenna (akka abbaa murtiitti). Amalli akkasii kun gara laafinaa, obsa fi hubannaa namaaf qabnu akka hir’atu taasisa; kanaafis namummaan ni bada ykn ni hir’ata jedhama.
1 384
#Waliigaltee_Bittaa_Fi_Gurgurtaa_Qabeenya_Hin_Sochoone_Mana_Irratti_Taasifamu Vs Seeraa fi Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa:
Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa seera fuulduratti raawwatiinsa qabaachuuf barreeffamaan taasifamee garee waliigaltootaan irratti mallattaa'ee ragooleen lama mallattoon mirkaneessanii qaama waliigaltee raawwachiisu yookiin Mana Murtii fuul-duratti raawwatamuu qaba.Waliigalteen barreeffamaan taasifame qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba,seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,2877 fi 2878.
✔#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa lakkoofsa galmee 78398 fi Jildii 12ffaa lakkoofsa galmee 57356 ta'aniin "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu"seera hariiroo hawaasaa keewwata 2005(1),1678(C),1723 fi 2877 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennanii turan.
👇Waliigalteen qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa guddaa qaba:
✔1ffaa waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa;
✔2ffaa Sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesserraa akka argamu taasisa;
✔3ffaa nama barumsa hin qabnee fi ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.
✍#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 15ffaa lakkoofsa galmee 83674 ta'een "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee waliigaltootaatiin ragoolee lamaan mallattaa'uu akka qabuu fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera siivilii keewwattoota 1727,1728(3),fi 2005 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
🤙#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 13ffaa lakkoofsa galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormiin qaama aangoo qabu fuulduratti hin taasifamne jedhamee ka'u fudhatama hin qabu"jechuun murtii dirqisiisaa laatee ture.Seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1731(1),2878.Kunis sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu biratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuufiidha.
👉Waliigalteen ulaagaa armaan olitti ibsameen hin hundeeffamin bu'uura shh keewwata 1720(1) tiin akka wixineetti lakkaa'ama(dirqisiisummaa hin qabu).
✔#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 43825 ta'e irratti "garee wal falmitootaa yoo kaasan malee Manni Murtii kaka'umsa isaatiin kaasuun waliigalteen foormii(ulaagaa) hin guunne diigamaadha jedhee murtii kennuu akka hin dandeenye"seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1723,fi 1808(2) waliin wal qabsiisuun murtii laatee ture.
✍#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 8ffaa lakkoofsa galmee 34803 ta'e irratti "waliigalteen ulaagaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723 hin guutne jedhamee yeroo diigamu gareen wal falmitootaa bakka duraan turanitti akka deebi'an murtiin kennamuu akka qabu"seera siivilii keewwattoota 1723 fi 1815 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
1 384
#HIMANNAA_SIRNA_GABAABAAN_DHIHAATU
Guyyaa--------
Mana Murtii ----------------------------tiif
--------------------------
Himataan: Obboo ---------------------------- Teessoo-------------------------
Himatamtoonni:
1.Obboo---------------------------------- Teessoo---------------------------------
2.Obboo----------------------------------
Teessoo---------------------------------
Dhimmi himata kiyyaa qarshii ------ kanfalchiisuuf sirna gabaabaatiin bu’uura SDFHH keewwata 284 tiin kan dhihaateedha.
1.Manni Murtii kun himannaa sirna gabaabaan dhihaate kana murteessuuf aangoo ni qaba.
2.Himataan falmii isaa bakka bu’aa isaatiin gaggeeffata,kan himatamaa hin beeku.
3.Himataa fi himatamaan dandeettii seeraa ni qabu.
4.Himanni kun ulaagaa SDFHH keewwattoota 222 fi 223 tiin guutamee kan dhihaateedha.
5.Waraqaan waamichaa himataan himatamaaf qaamaan ni qaqqabsiisa yookiin xalayaa waamichaa
himatamaaf karaa Bulchiinsa Ganda----tiin naaf haa qaqqabu.
#Tarree_himannaa
Himata kanaaf sababa kan ta’e himatamaan 1ffaa himatamaa 2ffaa wabii taasifatee ana himataa irraa Liqii
qarshii fudhataniif waliin itti gaafatamummaa fudhachuun waliigaluun,liqii haadhoo qarshii -----dhala ---- wajjiin deebisuuf waliigaluun waliigaltee guyyaa ------ A.L.H barraa’een fudhatanii turan.Liqaan haadhoo fudhatan kun gaafa----irraa eegalee waggaa waggaan --- hanga gaafa -----A.L.H tti deebi’uu qaba ture,garuu hin deebine.Himatamtoonni akkaataa waadaa galaniin osoo hin raawwatin hafaniiru.
Kanaafuu,seerummaa gaafadhu himatamtoonni kun akkaataa waliigalteetiin waan hin raawwanneef,qarshii liqaa haadhoo qarshii ----fi dhala qarshii ----;waliigala qarshii ------fudhatan osoo hin deebisin hafan akka kanfalan akka naaf murtaa’u,akkasumas sababa dhimma kanaatiin baasii fi kisaaraa
narra gahe waliin akka naaf kaffalan akka naafmurtaa’u kabajaan gaafachaa himanni kun sirrii fi dhugaa ta’uu bu’uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 92 tiin nan mirkaneessa.
Maqaa---------,Mallattoo-----------.
Guyyaa--------------
Mana Murtii---------------------------- tiif
----------------------- Himataan:Obboo---------------------------
Teessoo------------------------- Himatamtoonni:1.Obboo-------------------------------------------
Teessoo----------------------------------------- 2.Obboo-----------------------------------------
-- Teessoo-----------------------------------------
Ibsa ragaa bu’uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 223 tiin dhihaate.
1.Ragaa barreeffamaa:
1.1.Waliigaltee liqii qarshii guyyaa----- ana himataa fi himatamtoota jidduutti raawwatame fuula---- garagalcha isaa waliin.Haadhoon ana harka jira.
2.Ragaa namaa:
2.1.Obboo------------
2.2.Obboo----------
2.3.Aadde-----------
Teessoon isaanii----------
Ibsi ragaa kun hanga ani beekutti dhugaan kan dhihaate ta’uu isaa bu’uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 92 tiin nan mirkaneessa.
Maqaa----------- Mallattoo----------
Galatoomaa.
1 384
👉M/dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 131863, 08/03/2009 murtaa'e
👉 M/Dh/Ij/MMWF, jildii 20, lakk. Galmee 134228, 08/06/2009 murtaa’e
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa kw. 68
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa kw. 76(1) fi kw. 125
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 76(2)
👉Seera Deemmsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 79
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 70(3)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 73(2)
👉 Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 72-73
👉Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 71(3)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 77
👉 Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 78
👉M/Dh/Ij/MMWF, lakk. Galmee 110969, gaafa 28/11/2007 murtaa’e
👉MMWF Dh/Ij, Jildii 22, lakk. Galmee 146727, gaafa 20/02/2010 murtaa’e
1 384
Tilmaamni seeraa amalaa fi gocha shakkamaa mirgi wabii ittiin mormamu kamiyyuu ragaadhaan deeggaramuu qaba. Sababa qabeessummaan isaatis abbaa seeraa amansiisuu qaba.
✍️Dhaddachi yakkaa gaaffii mirga wabii dhiyaate simatee kan keessummeesse yoo ta’e haallan ittiin hayyame murteessuu qaba. Manni murtii hamma maallaqa dirqamni wabummaa ittiin seenamuu akka itti fakkaatetti murteessuu ni danda’a. Ta’us garuu, ulfaatina yakkichaa, deebi’ee dhufuu irratti amanamummaa shakkamaa, gadi lakkifamuun shakkamaa balaafamummaa nageenya hawaasaa irratti qabuu fi humna diinagdee shakkamaa ykn nama inni wabii waammatuu tilmaama keessa kan galchu ta’a.
✍️Sadarkaa qajeeltootti shakkamaan ykn himatamaan yakkaa dirqama wabummaa seename ni kabaja jedhamee tilmaamama.Haa ta’u malee, shakkamaan ykn himatamaan erga wabiidhaan bahee booda dirqama seenee dhiisuudhaan beellama irraa kan hafu yoo tahe poolisiidhaan qabamee akka dhiyaatu ajajama.Dirqama wabii kan mallatteesseef nama 3ffaa yoo ta’e wabiin maallaqa ittiin dirqama seene mootummaaf sababa galii hin gooneef yoo qabaate dhiyaatee akka ibsu gaafatama.108 Wabichi dhiyaachuu yoo dide maallaqichi mootummaaf galii taasifama.
✍️Kanumaan dirqamni wabummaa nama himatamaaf wabii ta’eef sana irraa buufama. Haalota armaan ol ibsamaniin alattis, mirgi wabii hayyamamee ture sababoota adda addaatiin haqamuu ni danda’a. Namni shakkamaaf/himatamaaf dirqama wabii ta’e yoo du’e ta’e dirqamni wabii sun hafaa ta’eeti shakkamaan/himatamaan wabii biraa akka dhiyeessu taassifama.
✍️Himatamaan/shakkamaan dirqama wabii seene bahuu kan hin dandeenye yoo ta’e mirgi wabii haqamuudhaan deebi’ee to’annaa jala tura. Dabalataanis, yemmuu wabummaan hayyamamu gochoonni akka gowwoomsuu ykndogoggorsuu raawwataman yoo ta’e ykn yakka raawwatameen wal qabatee firiin dubbii haaraa argame shakkamaan wabii gahaa akka dhiyeessuuf ykn to’annaa jala akka turuuf manni murtii ajajuu ni danda’a.Dabalataan, abbaan alangaa himata dhiyeessee ture yoo kaase dirqamni wabummaatis walumaan ka’a.
✍️Namni himataaf/shakkamaaf dirqama wabii seene shakkamaan/himatamaan ni miliqa jedhee yeroo shakkeetti mana murtii beeksisuun, manni murtiis shakkamaa/himatamaa to’annaa jala erga oolcheen booda dirqama wabii iyyataa ni haqa. Akkasumas, namni dirqama wabii shakkamaa/himatamaaf galee nama mirgi wabii eegameef qaamaan mana murtiitti dhiyeessuun dirqama wabii haqsiisuu irra darbee,yeroo barbaadeetti dirqama kana irraa bilisa ta’uuf mana murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni murtiis shakkamaa/himatamaa deebisee to’annaa jala erga oolcheen boodatti dirqama wabii iyyataa kan haqu ta’a.Yeroo kanatti himatamaan/shakkamaan wabii biraa akka dhiyeessuuf carraan kan kennamuuf tahee, dhiyeessuuf garuu fedhii ykn dandeettii kan hin qabne yoo ta’e to’annaa jala akka turu taassifama.
✍️Gaaffiin mirga wabii shakkamaa yemmuu kufaa taasifamu shakkamaan guyyoota 20 keessatti oliyyata gaafachuu akka danda’u SDFY kw.75(1) kaa’eera. Keewwatni kun eegamuu mirga wabii irratti abbaan alangaa komii yoo qabaate ta’e iyyachuu danda’uu fi dhiisuu ifaan kaa’uu yoo baatees murtiin MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk.110969 kenneen abbaan alangaa illee komii yeroo qabuutti oliyyachuu akka danda’u hiikeera.Dabalataanis, falmiin mirga wabii mana murtii oliyyata dhagahuun ilaallamee yoo murtaa’e, murtichi kan xumuraa ta’a jechuu SDFY kw. 75(2) jalatti kan tume yoo ta’ees murtii MMWF Dh/Ij lakk.galmee 146727 irratti kenneen mirga wabii dhiyaate manni murtii heeyyamee, murtii kana komachuun AA oliyyannoo fudhatee murtii mana murtii jalaa haqsiisuun mirga wabii kan mulqisiise yoo ta’e murtii kanarratti iyyatan oliyyachuu kan danda’u ta’uu ibseera.
#Seerotaa_fi_MDHIMMWF_mirga_wabiin_wal_qabatan
👉HMFDRI bara 1995 bahe keewwata 19(6)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 64(2)
👉Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 66
