Rise and Shine
❍ Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu: » Barnoota Amantii Cimsannaa » Dhugaa Wangeelaa » Ergaa Ganamaa » Leenjiilee Hafuuraa » Ergaa Dargaggootaa » Qo'annaa Macaafa Qulqulluu » Faaruu Ganamaa » Kitaabilee hafuuraa PDF fi kan kana fakkaatanidha ► Join
Show more2 511
Subscribers
-124 hours
-77 days
-10530 days
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Subscriber growth rate
Data loading in progress...
BANUU FI CUFUU
Balbala mootummaa Waaqayyoo FURTUUN isaa nu harka akka jiru beeknaa laata?! Waa’ee mootummaa Waaqayyootti galuuf dhabuu Namootni baayyeen akka hin beeknetti yeroo dubbatan yeroo baayyee ni dhageenya. Mootummaan Waaqayyoo kennaa probability qabu utuu hin taane karaa ilma isaa Yesuus Kiristoos warra isatti amanan hundumaaf kan kennameedha. Kennaa tola arganne kanatti tola jiraannee FIIXAAN baafna utuu hin taane; akka Warri kan Kiristoos ta'an jiraatanii jiraachuun FIIXAAN baafanna. Kiristoos Dhiifamaafis dhufe, Dhiifamaafis jiraate, Dhiifamaaf du’e, Dhiifamaafis du’aa ka’ee gara Waaqatti ol ba’e. Fannoo irra taa’ee Wanti inni labse Dhiifama ture.
Fannifamuuf Barabbaa Isa yakka isaaf mana hidhaa taa’ee du’a eeggatuuf qooda isaa firdii du’aa fudhate. Fannoo irratti Hattuu du’aan adabamuuf fannifamnee Dhiifama godhee abdii jireenya bara baraa kenneef. Warra isa reeban, isatti faradan, isa fannisan, isa irratti waan hamaa qindeessaniif warra isa ajjeesaa jiraniif waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisi jedhee Dhiifama labsaa Dhiifamaafis du’e.
Barsiisni Yesuus akkas jedha
“"Ani dhuguman isiniin jedha waanumti isin lafa irratti hiitan, waaqa irrattis hidhamaa in ta'a; waanumti isin lafa irratti hiiktan immoo, waaqa irrattis hiikamaa in ta'a.” Mat. 18:18
FURTUUN/Qulfiin waan 2qofaaf fayyada. Banuu fi CUFUU qofa. Dhiifamni qulfii mootummaa Waaqayyoo ittiin banannuudha.
FURTUUN BALBALA MOOTUMMAA WAAQAYYOO ITTIIN BANATAN DHIIFAMA GOCHUUDHA. FURTUUN MOOTUMMAA WAAQAYYOO ITTIIN OFITTI CUFAN DHIIFAMA GOCHUU DADHABUUDHA!
Mootummaa Waaqayyoo; Ayyaana tajaajilaa keenyaan hin banannu. Maqaa Amantaa keenyaan hin banannu. Aabboo mucummaa qabnuun hin banannu. Muudama tajaajilaa keenya(Faarfataa, Raajii, Pastor/luba, Wangeelaa fi kkf sanaan hin banannu. Mootummaan Waaqayyoo mootummaa dhiifamaati.
Dhiisuu mucaa Kiristoos ta’uu dha;Mootummaa Waaqayyoos banachuudha. Wanti Nuyi lafa irra teenyee Waaqa irratti hiinu Dhiifama gochuu dadhabuu keenya. Wanti Nuyi lafa irra teenyee Waaqa irratti hiiknu Dhiifama gochuu keenya.
Dhiifamni waan hundumaa hiika!
Dhiifama isa Kiristoos irraa tola arganne; Gatii malee toluma haa goonu!
Dhiisuu fi Dhiifama gochuu Wayya!
WAYYOO KAA!
Wayyoo jechi jedhu jecha namni gadda ulfaataan cabe kan jedhuudha. Jireenya marfamee abdii hin qabne keessatti namni WAYYOO KAA jedha. Haalli keessa jiran gaafa waan hundumaa caalee namatti mul’atu Wayyoo jedhu.
Macaafa Qulqulluu keessas Namoota baayyeetu utuu isaan Wayyoo jedhanii argina. Isaan keessaa Namoota 2 bara Elsayi Raajichaa keessa turanin waliinan Wal isin barsiisa.
Tokkoffaan raajii qottoo ergisaan godoo ijaarrachuuf muka murachuu laga bu’e. Qottoo isaa caakkaa keessa barbaadani argatan utuu hin taane bishaan keessa lixanii barbaaaduun hin dandaa’amne keessa duraa bu’e. Kanaaf akkas jedha “Isaan keessaa tokko muka muruutti utuu jiruu, qarri qottoo ittii buqqa'ee bishaan keessa duraa in bu'e; yommus iyyee, "Wayyoo kaa yaa gooftaa ko! Kanaa immoo qottoo ergisaa ti" jedhe.”2Mot. 6:5.
Akka argamutti utuu hin taane, akka deebi’ee hin argamnetti bishaan keessaa barbaaddachuu hin dandeenye keessa duraa bu’e. Kanaaf Wayyoo jedha.
Namni inni lammaffaan immoo Na’oo Raajicha Elsayitu bari’e jedhee gad bahee diinaan marfamee of arge. Namni diinaan marfamee karaa bahaa hin qabne anaaf Wayyoo jedha. Kanaaf akkas jedha ol deebi’ee “Borumtaa isaa hojjetaan nama Waaqayyoo ganama obboroo ka'ee yommuu gad ba'e, kunoo, loltoonni fardeenii fi konkolaattotaan mandarichatti naanna'anii waan argeef, "Wayyoo kaa yaa gooftaa ko! Maal goonu?" jedhee in gaafate.” 2Mot. 6:15.
Namichi inni mana ijaarrachuuf qottoo ergifate hamma humna isaa jireenya isaa fooyyessuuf dhama'e garuu milkii dhabee Wayyoo jedha. Namichi inni bari'e jedhee bahee marfamuu isaa arges bari'eera jedhee bahee wanta gaarii arguu dhabe. Waaqayyo garuu jira.
Gad ba'anii yeroo nagaa dhaban, Dhimman ba'adha jedhanii deemanii yeroo waan barbaachisu of harkaa dhaban maal akkam Wayyoo hin jedhan ree!?
Waaqayyo garuu isa akka hin argamnetti Wana argachuu qabu dhabes, isa gad bahee diina malee fira dhabeefis Gooftaan Waaqaaf Lafaa Yesuus inni FURMAATA kennu jira.
Waaqayyo bara Wayyoo fi guyyoota Wayyoo nama jechisiisan nama Irra ni dabarsa
Waaqayyo akka sabaattis akka dhuunfaattis bara Boqonnaa dhabanii Ufffff... Jedhan dabarsee bara uffee jechuu ni fida.
■ Namni wangeelaaf hojjechaa ture tokko akkas jedha:
"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture." jedha.
■ Dubbiin namicha kanaa 100% dhugaa dha.
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!
• Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.
Fakkeenya tokkon siif fudhadha.
■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.
■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!
Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.
Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.
■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!
■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.
■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.
■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.
■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.
■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.
■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.
• Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!
@Getu_Official
@Getu_Official
❤ 1
7 Raajonni dhiheenyatti raawwatamanii fi yeroo dheeraa keessatti raawwatama walfaana argamuu danda’u
Goolaba (Conclusion)
Haalli hiikkaa macaafa qulqulluu Kiristaana tokkoof ykn tajaajilaa tokkoof baay’ee murteessaa kan ta’e kutaa barsiisa hafuuraa ti. Akka ta’utti yoo itti fayyadamne haala sirrii ta’een macaafa qulqulluu qo’achuu fi hiikkachuu dandeenya.Kan macaafa qulqulluu barresse qubee haaraa ykn afaan haaraa hin fayyadamne. Waaqayyos kun akka ta’u hin goone.Akka macaafni qulqulluun caafamuuf Waaqayyo afaan namootaan godhe.Waaqayyo yemmuu yaada isaa ibsuuf isaan barressan ammoo ajajamuun dhagahanii hojii barreessuu raawwataniiru.Kanaaf waliigalteen murteessaa ture. Waliigaltee barreeffamaa keessatti, seerluga, seeratuqaalee, haalaan dubbii, fakkeenya k.k.f fayyadamaniiru. Kanaafuu barreeffamni tokko haalaa fi seera barreeffamaa yeroo sanaa hordofeeakka barreeffame beekuun ergaa isaa argachuuf waan murteessaa dha.Tokkoo tokkoon barreessaa macaafaa karaa barreessichaa namoota barreeffameefif erga inni qaba ture beekuun yeroo fi beekumsa gaafata. Kanaafuu seera macaafa qulqulluu hiikuu gad fageenyaan beekuun furmaata guddaa nuuf kenna.
🥰 1
Bakka shanitti kan hiraman yemmuu ta’an hundinuu irra deddeebii toora (parallelism) jedhamanii waamamu
1. Irra deddeebii wal fakkaataa (synonymous) - toorri lamaffaa toora isa jalqabaa yaada isaa karaa biraan yoo irra deebi’u Fakkeenya: Far 103:3, 10, Far 92: 4 2. Irra deddeebii ifoo ta’an (Synthetic Parallelism) Toorri jalqabaa isa lammattaan yemmuu ibsamu ykn guddatu Fakkeenya Far 34:4, 23:6, 95:3 3. Irra deddeebii faallaa (Antithetical parallelism)
Toorri jalqabaa isa lammaffaan morma
Baay’inaan macaaf fakkeenyaa keessatti argama Fakkeenyaa: Far 37: 21, 90:6, 132:18
4. Irra deddeebii yeroo (climatic parallelism)
Toorri jalqabaa irra deebi’uun, guutummatti osoo hintaane walakkaan, yaadni guutuu hin taane xumura irratti raawwii yoo argatu . Fakk. Far 93:3, 29: 1 – 2
Barreessichi jalqaba irratti maal jechuu akka barbaade dhuma irratti ibsa
5. Haalaan dubbiin irra deddeebii (Emblematic parallelism)
Baay’inaan haalaan dubbiin (Figure of speech) kan jiran ta’ee fayyadamni isaas haalaan dubbiin
Toorri jalqabaa ibsuun. Fakkeenya: Far 52:2, 22:16, 42:1 Macaafa Fakkeenyaa
Barreeffamni baay’een maalif akka barreffame in beekama
Kaayyoon barreeffameef
1. Waaqayyo biraa namni ogummaa argate tokko akkamitti beekumsa isaa hojii irra oolchuu akka danda’u ibsuuf
2. Ogummaan jalqabaa Waaqayyoon sodaachuu akka ta’e agarsiisuuf.
3. Namni ogummaa mataa isaatti irkachuu irra Waaqayyo fi akka amanuu qabu barsiisu . Macaafa fakkeenyaa yemmuu hiiknu beekamuu kan qaban:
1. Jireenya namaa keessatti waan ta’an hunda duuchaan dubbata
2. Karaa jireenya ittiin geggeessaan nuuf kennu garuu akka sagalee abdiitti fudhachuu hin qabnu (Fak 16:18, 22: 6)
3. Namni ogeessi Waaqayyoon beeka yoo ta’e
Jirenya isaa sirriitti geggeessa
Namni dhiibaa’an Waaqayyoon hin beekne akkamitti akka socho’u ibsa (Fak 1:7, 20:13) Fakkeenya 10 jalqabee tokkoo tokkoon boqonnaa yaada tokko (unit of thought)) gochuun fudhannee qo’achuu dandeenya.
Maccaafa Lallabaa
Lubbuu kennaa yoo taate illee waaqaayyoon kan hin qabne garuu gatii hin qabdu yaada jedhu qabata
Macaafni kun – carraaqii
- dadhabbii
- beekumia waaqayyoo alatti jiran Waaqayyoo alatti jiran gatii akka hin qabne ibsa
Kaayyoo barreeffameef
1. Wanti Waaqayyo keessa hin jirre hundi gati dhabeessa ta’uu agarsiisuf
2. Namni daangeeffamaa ta’uu isaa hubatee
Waaqayyoon gammachiisuun
Waaqayyoof ajajamuun
Waaqayyoon sodaachuun jiraachuu akka qabu agarsiisuuf
3. Lubbuun kennaa Waaqayyoo waan taateef haa gammadu ergaa jedhu agarsiisa (9:8 – 9, 3:12 – 13)
Barreffamni isaanii kanjijjiiramu gosa isaanii adda baasuun hordofuun yaada tokko akka keeyyataatti hubachuu dandeenya.
Weedduu Weeddotaa
Jaalala namootaa giddutti walaloo barreeffaman kan qabate dha.
Gaa’ela keessatti walitti dhufeenya gaarii ta’an ibsa
Waliin dubbiin waan jiruuf waan tokko tokkoon isaanii dubbatan keeyyata gochuun fudhachuun in dandaa’ama Macaafota Raajii
Kan jalqaba beekuu qabnu macaafa raajii eenyu illee fedha mataa isaatiin akka hiikuuf hin eyyamammeef. Kan dhufus akka fedha namaatti miti, Raajiin (2 phex 1:20-21) Mul 1:3
Macaafa keessatti raajii barreeffames akka fedhetti hiikuun eenyuufiyyuu hin eyyamamne jechuu dha .
Eenyu ille sagalee Waaqayyoo akka hin jallisneef akeekka chiisa kenname dha. Barreeffama Raajotaa (Prophetical Books)
Macaafonni raajii ulfaataa fi faayida qabeessa erga ta’ee akkamitti dubbissuu fi hii kuun itti fayyadamuu akka qabnu beekuu qabna.
Raajonni barreeffaman tokko tokko kan raawwataman, kan raawwatamaa jiranii fi gara fuula duraatti in raawwatamu jedhamanii kan eegaman hundi barreffama raajii jedhamanii waamamu.
Raajonni ergaa dacha dacha qabachuu waan danda’aanit of eeggannoon ilaaluu qabna
Fakkenya:- 1. Yeroo gabaaboo keessatti raajii raawwataman jiru (Er 25:11)
- Israa’el Baabilooniin booji’amuu
- Yesuus waa’ee phexros osoo Indaaqoon si’a 3 hin iyyinni akka ganu dubbachuu (Mat 26: 23 – 25)
- Yihudaan dabarsee akka kennu dubbate
- Agaaboos Phaawulos akka hidhamu dubbate (Hoe 21:10-11)
2 Bara dheeraa keessatti raajota raawwataman Fakkeenya: Isa 7:14, Isa 9: 6
👍 1
Hiika haala galumsaa
1. Haala barreeffaman hiikaa galumsaa
A. Hiika:-
Kutaa dubbisichaa cinaa haalota ykn gochaa /yaadolee jiran jechuu dha .
Hiikaa jechaaf bu’uuri hima keessatti.
Hiikni himaa keeyyata keessatti.
Hiikni keeyyataa boqonnaa mataa isaa danda’e keessatti .
Hiikni boqonnaa tokkoo immoo macaaficha ta’a.
Hiikni kutaa macaafichaa ammo guutummaa macaafa qulqulluu ta’a Fakkeenya: Fil 2:12, Mul 3:20, Yoh 3:6, 2Qor 5: 5
- Fayyinni hojiin jechuu dhaa?
- Kiristoos namoota fayyinatti waame jechuu dhaa?
- Namni hafuura jechuu dhaa? - Foon namaa korojoo hafuuraa tii?
B. Haala barreeffamaa irratti hundaa’uun hiikun
1. Macaafa seenaa
Kakuu moofaa – uumaa - Aster
Kakuu Haaraa – Wangeelootaa fi Hojii egamootaa
Macaafonni kunnin macaafota seenaa fi
Aadaa, afaan, fi gochaawwan namootaa haala seeneessan waan himamuuf, macaafa seenaa jedhamu
Macaafonni seenaa kunnin
- Waa’ee namootaa
- Argama waaqayyoo gochaalee keessatti
- Walitti dhufeenya namootaa fi waaqayyoo waan ibsu
Kanneen macaafota seenaa jedhaman kun ergaa isaanii kan dabarsan
- Guddina yaadaa (development)
- Walitti bu’iinsa (conflict)
- Hirmaatota (characters)
- fi kkf fayyadamuunii dha
Tokkoo tokkoon macaafichaa yaada guutuu kan qabu yoo ta’u, yaada garaa garaas qabateera Macaafota seenaa yemmuu hiiknutti xiyyeeffannoo gochuu kan qabnu
1. Seenessaa: eenyu? - Ani (Nahiimiyaa)- Nuyi (Hojii ergamootaa) - Inni - Ishee jedhee ibsamuu danda’a
2. Hirmaattonni
Kan hirmaatan eenyu fa’i Haala kamiin mul’atan
Yeroo tokko tokko dubbachuu danda’uu (Milkool 1Sam 18:19)
Yeroo tokko tokko immoo homaa yeroo itti hin jenne jira
3. Guddina yaadaa
Maalif seenaa kana bifa kanaan dubbate
Barreessich waan barreessuu barbaade filachuun toora qabsiisuu qaba
Seenessa keessatti sababaa fi bu’aan jiraachuu qabu
4. Yeroo seenessaa
Odeeffannoon tokko tokko toora kennameen alatti maalif kennaman?
Seenaa tokkoof yeroo gabaabaan kennamee kaaniif immoo yeroo bal’aan maalif kenname Fakk. Waggaa fi marga nyaate
5. Tekinikoota adda addaa hubachuu
Irra deddeebii
Bakka itti raawwate
Waliin dubbii
2. Macaafota Ogummaa fi Falaasamaa
39n macaafa kakuu moofaa keessaa 5macaafota haalaan dubbii yoo ta’an Iyoobii,fakkeenya, Lallabaaf ,Weedduu Weddotaati
Macaafonni ogummaa ergaa waaqayyoo kan dabarsan akka kanneen biro Waaqayyoo gooftaan maccaa akkas jedha jechuun miti .
Deebii hafuuraa kennuun, namoota miira fi yaada isaanii bilisaan kan itti ibsanii dha.
Namni Waaqayyoo akkamittiin ogummaan jiraachuu akka qaban kan ibsani dha
Hiikkaa Macaafota Oguummaa
Iyyoob: Waliin dubbii hiriyoota Iyyoob 4nii yaada isaan dubbatan keeyyataan kaa’uun qo’achuun in danda’aama. Faarsaa: - Kan Waaqeffannaati
- Ogummaan kan ibsame - waa’ee masihichaa amala isaa sirriitti adda baasanii qo’achuu Faarsaa hiikuu
1. Yaada tokko lakkoofsa qabate hubachuu - keeyyata yaada tokkoo adda baasanii beekuuf gargaara
2. Irra deddibi’uun kan dhufan toora faarsaa walqabsiisuun
3. Garamitti faarsichi akka ramadamu adda baasuun ramaduu (kadhannaa, ogummaa, waaqeffannaa)
4. Dhufa seenaa isaa hubachuun (Far 3) faarsaa Daawit yeroo Abeseeloom irraa bafateetti
5.Haalaan dubbii adda baasi Fakk: Faarsaa 18: 4 – 18 waan tokko waan biraan bakka buusee haala itti ibse hubadha. Macaafota ogummaa yemmuu qo’annu miira qofa akka hin ibsine hubannee guddina isaanii hubachuu qabna.
- Namni tokko nama biraa wajjin yemmuu dubbatu
- Namni waaqaa wajjin yemmuu dubbatu
- Namni ofii isaa wajjin akkamitti miira isaa akka ibsu Fakkeenya:- (Faar 27:4) – Waaqayyoon waan tokkon kadhadhe, (Faar 100:1-5) – Faarfatichi yaada isaa gammachuun yemmuu dubbatu, (Faar 50:1-22) – miirri isaa gaddaan yemmuu guutu argina.
Haala Barreeffama macaafota Ogummaa
C. Haalaan dubbii Gaaffii (Rhetorical question)
Gaaffiin akkasii yaada ijoofi xiyyeeffannoo kennuun deebii kan barbaadu haalaan dubbii dha Fakkeenya: Erm 32:27 “Wanti anaaf hin dandaa’amne jiraa ree?”
D. Yeroo ilaaluutti, haalaan dubbii hiikuurratti of eeggannoo
Yaada ijoo – dubbisicha hiikuuf adeemsa
1. Hiikaa sirrii barbaadu – kana yoo hin taane ,
2. Haalaan dubbii isa kam akka ta’e hubachuun waan hubachuun barbaanne kanaa booda hubachuu
3. Hiikaa sirrii akka qabaatuuf akka galumsaatti dubbisuu (Contextual study will be needed)
Haalaan dubbii yoo ta’e kallattiimaan yoo hiikne yaada macaafa qulqulluu waliin wal faallessa Fakkeenyaaf: “Hoolaa waaqayyoo …” kallattiin yoo hiikne hoolaan bineensa manaa ta’uu agarsiisa. Hiikaan haalaan dubbii isaa garuu aarsaa kan ta’u gooftaa keenya, yohaannis cuuphaan agarsiisa
E. Kaayyoo haalaan dubbii
1. Ifumaa agarsiisuuf Fakkeenya: Far 18:2, “Waaqayyo kattaa koo,”
Himni kun karaa ifa ta’een waaqayyotti amanuun hangam jabinaa fi cimna akka kennu agarsiisa.
2. Yaada ykn xiyyeeffannoo sassaabuuf:
Haalli ittiin dubbatamu adda waan ta’eef yaada ykn qalbii nama dhagahuu ykn dubbisuu harkisa. Fakkeenya: Yaaq 3:6 “Arrabni ibidda” 3. Yaadota ulfaato dha jedhaman ifa gochuuf: Fakk. Kedeb 33:27, “Irreen bara baraas isa jala jira” Bakki kun waa’ee eegumsa waaqayyoo ifa godha.
4. Yaada gabaabsee ibsuuf /dabarsuuf
Jechoota gabaaboon yaada bal’aa daarsuu danda’a. Fakk: “Waaqayyo tiksee kooti” Far 23:1
5. Hubachuu akka dandeenyuuf nu gargaara
Kan dhaggeeffatu akka tasgabbaa’ee yaadu godha Fakk. Far 52:8, “Ani garuu akka muka ejersaa, isa mana waaqayyoo keessatti lalisaa guddatuuti”
F. Jechoonni, Himoonni haalaan dubbii akka hin taane akkamiin beekama?
1. Jalqaba kutaa dubbisichaa kallattiin hiikuu yaaluun gaarii dha
2. Haalaan dubbiin kan hiikau
Hiikaa sirrii yoo hin qabaanne
Dubbichi hiika dhabeessa yoo ta’e qofa Fakkeenya: “Yaa lafaa dhaga’i” (Erm 1: 18) Mul 1:16, Mil 1:12, Isa 55:12, Far 57:1, Yoh 6:53 – 58
3. Dubbis waliigalaa isaa dhugaa macaafa qulqulluu waliin kan wal hin dhiibne ta’uu Gaaffii: Adeemsa irra keessa ilaaluun kutaawwan arman gadii hojjedhu Luq 7: 36 – 50, Yoh 9: 1 – 39, Efe 2:1 – 22
2. Seera Hiikuu (Interpretation)
Irra keessa ilaaluun yeroo hundaa gara hiikuutti geessa
Kun maal jechuu dha gaaffii jedhuuf
hiikaa kuta dubbisaa
ergaan barreessaa maal akka ta’e hubachuu
A. Hiikaa kutaa macaafa qulqulluu tokko argachuuf
1. kutaa macaafichaa gaaffilee garaagaraa gaafachuu
2. Kutichuma keessaa deebii argachuuf
yeroo ilaalletti odeeffannoo walitti qabne nugargaaru
3. Deebiiwwan akkaataa hiika qabeessa ta’een kaa’uu (barreessuu)
A. Qo’annoo macaafa qulqulluu bu’a qabeessa gochuuf
Dubbissu kan hubatan barreessuu
Gad fageenyaan yaaduu fi jireenyaan walsimsiisuu dha
B. Akkaataa galumsaan macaafa qulqulluun hiikuu
1. Hiika – Macaafa keessa kan jiran, naannoo kutaa dubbisaa hunda ilaaluu
Haala teessuma kutaa dubbisichaa, aadaa, haala amantii ilaaluu
2. barbaachiusummaa:
A. hiikaa sirrii kutichaa argachuuf namni dubbisu yeroo hundaa cimsee dubbisuu
Fakkeenya: Abba buddeenaa kee akka ofii keetti jaalladhu
Dursinee ofii keenya akkamitti akka jaallaanu yaaduu
Abbaa buddeenaa keenaa fi ofii keenya haala itti jaallanu wal bira Qabuu
B. Macaafni qulqulluun kan wal hin dhiibne ta’uuhubachuuf Fakkeenya: Yaaqob “hojii” Phaawuloos “amantii” yaadota walitti bu’an fakkaatu, kan hiikaman garuu akkaataa galumsaan.
Gufuu kadhannaa Luq 18 qo’achuu dha.
11. Gaaffilee fi deebiiwaan ilaaluu (Questions and Answers)
Gaaffii fi deebii keessatti jechoota hammataman qo’achuu
Akkamitti gaafataman
Akkamitti deebii argatan Fakkeenya :
Geediyoon, Abo 6, Rome 2: 21 – 23, Yaaf 3: 11 – 14
Phaawulos gaaffilee mariif ta’an yemmuu gaafatu argama
12. Haalaan dubbii (parables) illustrations
Haalaan dubbiin waa’ee maalii akka qo’annu ilaaluuf sirriitti gargaara
waa’ee maalii dubbatan?
Akkamitti dubbatan?
Fakkeenya: Mat 13, namichi sanyii facaasuu ba’e
13. Haalan dubbii haalaa (conditions … if)
Yoo waan tokko goone wanti biraan nuufraawwata jechuun haala tokko lafa kaa’uu Fakkeenya : Yoo tolejettan eebba biyya lafaa nyaattu.
14. Baay’innaa fi hanga kan ibsu (proportion)
Kuticha keessatti waa’ee maalitu bal’inaan caqafamee ibsame?
Kutichi yaada bal’aa kan kenneef adeemsa ittiin ilaaluu Fakkeenya:
Uum 1: 11 seenaan bara baay’ee yemmuu xumuramu
Uum 12:50 – seenaa abboota afurii bal’inaan ibsa 15. Miira kan ibsan (Emotions)
Kuticha keessatti kan caqafaman jechoonni miira kam ibsu?
Gammachuu? Gada?
Miirota kan ibsan haalaan dubbii fi walaloo qo’achuu qabna
aarii? innaafaa?
16. Jechoota Yeroo ibsan (Time indicators)
Gochich yoom akka raawwatame jechoota ibsan
Dura – maal dura? Jennee gaaffanna
Yeroo sanatti – yeroo kamitti? Jennee gaaffanna
Booda – maal booda? Jennee gaaffanna Fakkeenya:
2Tes 1: 6 – 9, Luq 15: 14, 24: 30 – 32, Mar 1: 10, Qol 2: 15
17. Xiyyeeffannoo Addaa kan agarsiisan (Emphasis explicit word statement)
Xiyyeeffannoo waan tokkoo harkisuuf kan caafaman Fakkeenya: dhuguma, dhugumayaadichi cimaata’uu fi xiyyeeffannoo kan barbaachisu dha
D. Yeroo ilaaluutti haalaan dubbii qo’achuu (figures of speech)
Yeroo hiikuutti jechoonni fi gaalewwan haalaan dubbii ta’uu danda’u
Haalan dubbii kallattiin hiikuun waan hin dandaa’amneef, of eeggannoo barbaachisa.
1. Haalaan dubbii wal dorgommii (figures of comparison)
A. Haalan dubbi (simile)
Waantoota wal hin fakkaan “akka” jechuun wal bira qabuun ibsa.
Fakkeenya: Akka gugee haxxee akka gugee garraamii
isheen akka markaba daldalaati fakk 31:14
Nuti hundi keenya akka hootota badanii taaneera Isa 53:6
B. Haalan dubbii (Metaphor)
Akka’ osoo hinjedheni wantooa lama wal bira kan qabu Fakkeenya: Amantootaan “ashaboo” (Mat 5: 13)
“ifa biyya laffaa” (Mat 5: 14) “hoolaa waaqayyoo” (yoh 1: 29)
2. Haalaan dubbii (Figures of relation)
A. Haalaan dubbii (Synecdoche)
Tokko hundumaaf yemmuu oolu
Namni tokko namoota baay’eef
Baaqqeen baay’eef Fakkeenya: Iya.6
– cubbuu Akkaan
“Isra’el cubbuu hojjete”
– akka hojii nama tokkoo ti
B. Haalaan dubbii (Metonymy) * Wantoota walitti dhufeenya qabaniif akka ibsaatti kan galu (Luq 16 :29, Fil 3:2, Far 1:3)
Fakkeenya Luq 16 : 29Macaafa kakuu moofaa agarsiisuuf “Musee fi Raajota” jedha Musee – macaafota seeraa Raajota
– macaafota raajoota bakka bu’aniiru Luq 9:62 – gara booda – gooftaa irraa duuba deebi’uu Far 22 : 16 – saroon – cubbamootaaf kan kenname dha.
3. Haalaan dubbii nameessaa (figures of humanization)
Yaadaa fi lubbuu yoo kenninu
Waantootaaf lubbuu yoo kenninu Fakkeenya: Seenaan haa dubbatu Lageen harka walitti rukutu (Far 98:8)
A. Haalaan dubbii (Anthropomorphism)
Bifaa fi amala namaa: Waaqayyoof kennuu
Kanneen biro (bineensota, uumama)
– amala gocha Waaqayyoof kennuu Fakkeenya: Far 139: 16
B. Haalaan dubbii (Personification)
Amala namaa: bineensotaan ykn kanneen lubbuu hin qabneen ibsuu (Far 24:7) Amala tokko amala namaan fakkeessuu (yaaf 1: 15)
C. Haalaan dubbii (Apostrophe)
Namootaaf ykn wantootaaf bakka jiratti ykn yeroo hin jiretti haasaa godhamuuf (His 37:4, 2Sam 18:33, Isa 54:1)
4. Haalaan dubbii (Figures of intensification)
A. Haalaan dubbii (Hyperbole)
Kallattiin hin kamuu kan hindandaa’amne haalan ibsuuf fayyada Fakkeenya: Yoh 21:25
B. Haalaan dubbii (Irony)
Hiika baramaa fi ifaa ta’een Fakkenyaaf: (1Qor 4:8) “Ammas isin guuttattaniittu! Sooromtaniitu! Nuyi malee,” Haalaan dubbii kanatti fayyadamuun warri Qorontoos waan irra gahuu qaban irra akka hin geenye beeksisa phaawulos
3. Yoom (When) : Gaaffiin kun
Gochichi yoom akka raawwatame akka barru nu godha galgala, ganama, sa’a booda, halkan fi k.k.f
Ergichi yoom akka raawwatame
Macaafa qulqulluu keessatti gochaawwan biroo wajjin yemmuu wal bira qabu, inni kun yoom kan jedhamuuf deebii kenna.
4. Eessa (where?) gaaffiin kun:
Gochichi bakka kamitti akka raawwatame, bakka kan nuhubachiisu dha
Hirmaattonni seenicha keessatti eessatti akka argaman
Eessaa akka dhufanii fi eessas akka deeman
Barressaanii fi kan jalqaba barreeffameef eessa akka turan hubachuuf nu gargaara
5. Maalif (Why?) Gaaffiin kun
Haala gochich itti raawwatame sababa isaa hubachuuf gargaara .
Dubbisicha keessatti inni tokko waan baay’ee yemmuu dubbatu kan maalif callisan?
Maalif dubbate, dheekkame, gammade, galateeffate? Kan jedhaniif deebii kenna.
6. Akkamitti (How?)
Gochichi akkamitti raawwate jedhee gaafatee
Bu’aa
yaada
miirri isaa akkam akka ture, xumuura irratti furmaata kan argannu dha
C. Yeroo irra keessa ilaalutti wal qabsiisota barbaachisoo (important connectives)
Walqabsiistota ilaaluun baay’ee barbaachisaa wanti ta’eef, yaada kuticha keessatti argaman walitti dhufeenya isaan qaban hubachuuf .
Yaada kan ijaaran cimsanii qabachuun yaada barreessaa adda baasanii galmeessuun barbaachisaa dha. Walqbisiisto kanneen jedhaman kanneen akka >1. Waldorgomsiisaa (Camparison) Waldorgomsiisuu jechuun yaadolee walfakkaatan ykn jechoota wal fakkatan wal bira qabuun wal fakkii isaanii ilaalun kan ibsu dha. Fakkeenyaaf: fi, akkasumns, fi k.k.f fayyadamuun jechoota wal dorgomsiisuu yemmuu
Efe 5: 22 – 25, Uum 12:10 – 16, Mat 13: 24 2. Faallaa isaanii wal bira qabuu (Contrast) Lama ykn lamaa ol yaada wal faallessan kan agarsiisu yoo ta’u
Yaadolee ifa ta’an dubbisicha keessaa argachuuf kannen morman ta’uu kan agarsiisu dha Fakkeenyaaf: Haa ta’u malee, garuu, fi k.k.f (Efe 2: 413, Rome 3:2021, Luq.18: 914, Yoh.3:15, 4:110
3. Irra deddeebii (Repetition)
Jechoota, gaaleewwan, yaadota:
Yaada tokko ifa gochuuf barreessichi irra deddeebi’ee yemmuu ibsu. Fakkeenyaaf: Macaafa lallabaa
– Aduu gaditti hundu waa’ee hin baasu waa’ee hin baasu 1Qor 13 Jaalala
4. Gurra guddisuu (progression)
Yaada isaa laafisaa dhufee gara yaada ijootti yemmun dhufu immoo osoo addaan hin citin kan cimee ibsamu yoo ta’u Fakkeenyaaf: Luq 8: 1 – 56:
humna gooftaa mul’isa Macaafni Bau – Adabbii cimsee mul’isa, Ibrootaa: Amantii cimsee mul’isa
5. Kallatti kan agarsiisuu (Turning point)
Kallattiiwaantootaa yaadni agarsiisu rakkoo kallattii agarsiisuun furmaata Yaadni tokko dhumuu
Gara yaada biraatti darbuu agarsiisa Fakkeenyaaf : 2Saam 11 fi 12 jireenya Daawwit agarsiisa
1 Saam 16:
1 Xumura mootumaa Saawwol agarsiisa
6. Sababa (reason)
Haala raawwii isa
Bu’aa isaa ilaaluun hubachuu Fakkeenyaaf: kanaafuu, waan ta’eef, sababni isaas fi k.k.f kaayyoo, As … hanga
Yeroo tokkotti gochi raawwatame tokko yeroo biroof sababa ta’a. Fakkeenyaaf: Sababaa fi bu’aa
Hoe 5:11 Sababa: Du’a anaani yaasii fi saphiiraa Bu’aa: Sodaan Waaqaa waldaa kiristaanaa keessatti buufachuu
Rome 1:23 26 Sababa: Waaqa tofamaa waaqessuu.
Bu’aa: Kajeellaa garaa fi xuraa’umaatti kennamuu.
7. Dhimma (purpose)
Namni barresse yaada ykn kaayyoo ibsuu barbaade gaaleewwan itti fayyadame sirritti qo’achuu (Yoh 1:7, Qol :10, Rome 3:19, Yoh 20: 30 – 31)
8. Ajahaa fi Akeekachiisa (commands and warnings)
Yaadni ijoo dubbisichaa maal? o Ajajin samiirraa maal?
Xiyyeeffannoo kennuu fii wanti qabnu maal? Jennee hubachuuf yaalu dha. Fakkeenyaaf: Efe 4:25 – 32
Ajaja : utuma aariitti jirtanii aduun isin duraa hin lixin.
Akeekachiisa: Seexanaaf karaa hin kenninaa. Fili. 3: 2, Gal 6:1, 1Phex 1: 13 – 16
9. Sagalee Abdii Ilaaluu (promising words)
Cimsuuf
Jajjabeessuuf
Gorsuuf Fakkeenyaaf: Rome 8:32, Iya 1: 2 – 9, 1Phex 1: 4 – 5, Mat 7: 7 12 o
Kadhadhaa – isiniif kennamaa
Barbaadaa – in argattuu
Balabala rukutaa – isiniif banamaa
10. Kadhannaa (Pray)
Jechoonni waa’ee kadhannaaf dhiyyatan sirritti qo’atamuu qabu.
Kadhaa, qabiyyeen isaa maal akka ta’e. Fakkeenyaaf: efe 1:16, 3:14, Far 7: 7 – 11
Sababa kedhannaa
Bu’aa kadhannaa
B. Yeroo irra keessa ilaallutti hubannoo fi kan itti fayyadamnuu fi adeemsota hordofuu qabnu
1. eenyu (who) – gaaffiin kun o Waa’ee namootaa waan jiru hunda walitti qabata
Waa’ee namootaaf waan jedhame hunda hubachuuf gargaara Iya 2:1, Mat 17:18 o Barreeffamicha keessatti kan caqafaman hirmaatoota seenichaa baasuuf gaaffii itti fayyadamnu dha.
Kan dubbatu eenyu?
kan dhagahani eenyu faadha?
Namoonni caqafaman amalli isaanii abbumaa adda baasuuf gargaara Fakkeenyaaf: Waaqayyo, Inni, isheen, fariisota, Maatewos, Phaawuloos, abshaala, gowwaa
2. Maal (what?) gaaffiin kun
Kutaa dubbisaa keessatti maaltu ta’aa jira?
Wanta raawwatamanis duraa duubaa kamiin?
Hirmaattoni dubbisicha keessatti caqafaman maaltu isaan quunnameera?
Dubbisicha keessatti yaanni mormii yoo jiraate, maal inni?
Barreesich ergaa inni dabarsuu barbaade maal?
Barreeffamicha keessatti gochawwan jiran maal fa’i?
Namoota caqafaman irratti maal geessisu?
Kutichi rakkinichaaf hiika /furmaata/ maal kenna?
Rakkoon uumame maal? Barreessich hoo furmaata saa maal jedha?