cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

IMALA JIREENYAA

Show more
Finland2 104The language is not specifiedMotivation & Quotes47 792
Advertising posts
190
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Irra hedduun namootaa waan barbaadan hin argatan sababni isaatiis isaan waan barbaadan hin beekan ๐Ÿคทโ€โ™‚๏ธ IMALA JIREENYAA โค๏ธโค๏ธโค๏ธ ๐Ÿ‘๐Ÿ‘
Show all...
#Maal_argaa_jirta? โž–โž–โž–โž–โž–โž–โž–โž– โ˜‘๏ธ Namni waanuma ilaale arga. Waan guddaa ilaalan waanuma guddaa arga. Waan xiqqoo ilaallan waanuma xiqqoo arga. โ˜‘๏ธ "Hanguma achi fagaattee waa ilaalte,achuma irraa kaatee isa caalu argitaa" jedhu beektonni. โœ”๏ธ Kaayyoo ati biran ga'a jettee karoorsite sammuu kee keessa bifa bocameen hin jiru yoo ta'e,dhuma irratti akka nama qilleensa qabuuf yaaluu ta'a. โœ… Mucaa shamarree barattuu tokkotu turte. Guyyaa tokko barsiisaan ishee saayinsii hawwaasaa utuu barsiisuu akka tasaa ta'ee gaaffii tokko akkas jechuun gaafata. Baay'inni urjiilee meeqaa? Isheenis lafaa ol kaatee afuur(4) jechuun deebifte. Deebii isheetti barattoonni kutaa guutuun itti kolfuun;deebicha deebisuuf harka isaanii ol baasan. Barsiisichis deebii ajaa'ibsiifataa; baratoota warra kaaniif carraa kenne. Barataan tokkos ol ka'ee "baay'inni urjiilee kumaatama malee afur miti" jedhe. Barsiisichis gara shamarreetti deebi'uun akkamitti baay'inni urjiilee afur jechuu dandeessa jedhee mucatti gaafate. Isheen suuta jechuun akkas jette. "Haati keenya baay'ee hamtuudha. Aduun dhiinaan manaa gadi na hin baaftu. Takkaa halkan gad ba'ee urjiilee argee hin beeku. Ishee afur iyyuu karaa qaawwa manaa keessanan arge" jettee jedhama. ๐Ÿ”ฐ Seenaa kana irraa maal akka barattan nan amana. ๐Ÿ‘Œ Namaaf waanuma inni argetu sirriidha. IMALA JIREENYAA โค๏ธโค๏ธโค๏ธ IMALA JIREENYAA ๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘ IMALA JIREENYAA โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
Show all...
ILAALCHA GAARII QABAADHU.. โœ Norman Vircent Peale namoota addunyaa kanaa baay'ee kitaaba isaatiin jijjiireera. Jecha kana gadii kitaaba isaa 'why some positive thinkers get powerful results' jedhu keessaan fudhe. โœ… "Wayita jireenya kee keessatti rakkoon si muudatu yeroo mara jecha kana fayyadami 'Burruusi daawwitii ni cabsa;sibiila garuu ni batteessa!. Kanaaf, atis keessa kee yaadaa fi ilaalcha gaariidhaan yoo guutte rakkoolee jireenya kee keessatti si muudataan kamiyyuu si cabsuu hin danda'an. โœ”๏ธ Yaadonni badaan ammoo akka daawwitii waan si laaffisaniif rakkoo salphaan iyyuu si cabsuu danda'a. โœ”๏ธ Ilaalchi kee guyyaa gaarii guyyaa badaa akkuma sitti fakkeessu danda'u;guyyaa badaas guyyaa gaarii sitti fakkeessu danda'a. โ˜‘๏ธ Ilaalchi si tuffachiisa, ilaalchi si kabachiisa. Namni kan si tuffatu sababa namummaa keef osoon taane sababa ilaalcha keefidha. โ˜‘๏ธ Namni hunduu kan kabajamu akkaataa ilaalcha isaatiin malee qarshii ykn guddina qaama isaatiin miti. โ˜‘๏ธ 'Xinnaas ta'i guddaas hiyyeessas ta'i dureessa' atumti ilaalcha gaarii qabaadhu malee kan si tuffatun jiru!. IMALA JIREENYAA โค๏ธโค๏ธโค๏ธ IMALA JIREENYAA ๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘ IMALA JIREENYAA โค๏ธโค๏ธโค๏ธ
Show all...
Guyyaan kaleessaa Arrarra wayyaadha jettee kan ati yaaduu eegaltu, gaafa waan haarawa yaaluu dhiifte qofa. Kaleessi daawwitii keessatti if laaltu yeroo tahu, Guyyaan arraa dirree taphaa amma keessa jirtuudha. boru immoo dirree injifannoo kee irratti kabajattu taha. Arra kee jabeeffadhu ! boruu kee sirreeffadhu !โœŠ Halkan milkii qabaadhaa ๐Ÿ˜
Show all...
Nama beekkamaa tahuu jechuun; gaafa namoonni si jaalatanii si qeebalani. Nama gammachuu qabu tahuun immoo; gaafa ati of jaalattee, mataa kee qeebalteedha. Beekkamaa tahuuf osoo hin taane, Gammachuu argachuuf hojjadhu ! Guyyaa bareedaa qabaadhaa ๐Ÿ™Œ
Show all...
Bakki ati itti dhalatte mijataa tahuu dhabuu mala. Akka itti jiraattu mijeessuuf garuu murteessaan bakka itti dhalatte osoo hin taane, Rabbii gaditti suma mataa keeti. Yoomi fi Eessatti akka duutu wallaaltus, maal gumaachitee akka dabartu murteessuu ni dandeessa. Waan dandeessu gumaachi ! Oolmaa bultiin keessan haa bareedu ๐Ÿ™Œ
Show all...
01:03
Video unavailable
  • Photo unavailable
  • Photo unavailable
JABAA OFII ABBAATU JABEEYFATA Duula Ashaaraa Magariisaa Ashaaraan keenya dhaloota kรจenyaaf Hoji gaggeeysaa Ol'aanaa Koollajjii Awaash Vaalii kaampaasa OBORRAA WARDII MAAMAD Yaroo hirmaatee barttoota isaa Hirmaachisu Jabaadhu naaf jadhaani
Show all...
Photo unavailable
Yaada keessan nuuf gumaachaa subscribe nuuf godhaa nucinaa dhaabbadhaa
Show all...