cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Wisdom From Above

Seek wisdom from above.

Show more
Finland1 348The language is not specifiedReligion & Spirituality22 774
Advertising posts
4 052Subscribers
-124 hours
-217 days
-10330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Affeerraa! Chaanaalii seenaa keessan jijjiiru seenuu ni barbaadduu? Yoo gara chaanaalii kanaa dhuftan: โˆš Dhimmoota amantii, โˆš Dhimmoota hawaasummaa, โˆš Dhimmoota xiinsammuu, โˆš Gorsa hariiroo jaalalaa, โˆš Barnootaa fi milkaa'ina, .... โˆš Gorsa fedhii ofiin ofirraa baasuu (masturbation) dhaabuu irratti, โˆš Keessattuu gaaffilee dhuunfaa bifa icciitiin keessan eeggameen deebii fi gorsa ajaa'ibaa ni argattu. Gorsa dhimmoota garaagaraa irratti ๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’๐’ ๐‘ฏ๐’๐’™๐’™๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š๐’ (๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚๐’‚, ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ป๐’Š๐’š๐’๐’๐’๐’๐’๐’‹๐’Š๐’Š, ๐‘ถ๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ ๐‘บ๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’๐’”๐’Š๐’Š ๐‘ฏ๐’‚๐’˜๐’‚๐’‚๐’”๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚, ๐‘ฏ๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’‚๐’๐’ˆ๐’†๐’†๐’๐’‚๐’‚) kennamaa jiru argachuuf liinkii armaan gadii kana tuqaa seenaa! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 Baga nagaan dhuftan! Welcome! Anaa dhufu!
Show all...
๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’†๐’Ž๐’‚๐’š๐’†๐’‰๐’– ๐‘ฏ๐’๐’•๐’†๐’”๐’”๐’‚๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa

Dhuguma gaafan yuuniversiitii deemu si'a tokko qofa na hoqqisiise. Sana booda abbaan koo Waaqayyo anarraa balleesse. Galanni bara baraan isaaf haa ta'u. Abbaa koo! Gama biraatiin immoo harki koo yeroo dheeraadhaaf baay'ee diilalla'a ture. Namootni gaafa nagaa wal gaafannu "maal firiijii keessa bulte moo?" naan jedhu turan. Haalli kun baay'ee ana aarsa ture. Rakkina kanas qabadheen gara Waaqayyoo deeme. Narraa gate kaa abbaan koo! Ulfina haa fudhatu inni. Macaafi Qulqulluun (Far 34:4): "Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase." Egaa Waaqayyo warra garaa guutuudhaan gara isaatti dhiyaatan ni gargaara. Baay'een keenya gaafa nu beela'u nyaatuma argachuuf gara Waaqayyoo dhufna. Gara Waaqayyoo kan dhufuu qabnu waan barbaanne argachuu qofaaf osoo hin taane gara isaatti dhufuu keenya waan inni barbaaduufiidha. Ani gaafa yuuniversiitii eebbifamee bahe akkuma nama kamiiyyuu hojii barbaadaan ture. Beeksisa bahu hordofaa Waaqayyoon kadhadha ture. Haa ta'uu malee guyyaa tokko wanti hanga har'aatti ana ajaa'ibu tokko keessa kootti dhufe. Innis "Waaqayyo akka hojii naaf kennu qofaafin isa kadhadha moo?" kan jedhu ture. Yaadni kun dhugaa dubbachuudhaaf hariiroo ani Waaqayyo waliin qabu guutumaaguutuutti jijjiire. Sana booda maal jedhee akkan kadhadhe beektuu? "Yaa Waaqayyo ati yoo barbaadde ammaan tana hojii naaf kennuu ni dandeessa. Haa ta'uu malee waan ati hojii naaf kennituuf miti kanin si duukaa bu'u. Kana booda yoo barbaadde hojii naaf kenni; yoo hojii argachuu baadhes ani si jalaa hin ka'u" jedheen kadhadhe. Gaafa ilaalcha koo akka kanatti jijjiire Waaqayyo yeroo torbaan hin guunne keessatti hojii naaf kenne. Isaayyuu iddoo ani kadhannaaf deemetti beeksisni ana ilaallatu bahee argadhe. Wow! Maal ajaa'ibni akkasii! Kanaafuu, ija keenya waan argachuu barbaannu sana irraa kaasnee Waaqayyo irratti haa godhannu. Ija kee dafqa sana irraa kaasii Waaqayyoon barbaacha isa jalatti jilbeeffadhu. Dhuguma haalli kun hundi isaa jijjiiramee argita. Carraa gaariin siif hawwa! Waan gara koo dhufteef guddaa galatomi. Egaa yaada siif kenne kanaan waan gaarii irra akka geessu abdiin qaba. Waaqayyo waan yaada keetii siif haa kennu. Eebbaaf ta'aa! Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan @DrAlemayehuHotessa jedhaa naaf barreessaa. Ergaalee dabalataa argachuuf immoo miidiyaalee armaan gadii kana fayyadamuu ni dandeessu. Feesbuukii:- https://www.facebook.com/alex.hotessa?mibextid=ZbWKwL You tube:- https://youtube.com/@AlemayehuHotessa?si=fi4xmBmHk8Z8Pu0_ Tiktok:- https://www.tiktok.com/@dralemayehuhotessa?_t=8kGcDmUs6Mf&_r=1 Telegram:- https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 Eebbifamaa! ๐Ÿ‘†๐Ÿ‘† ๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’๐’ ๐‘ฏ๐’๐’™๐’™๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ณ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’‚๐’๐’ˆ๐’†๐’†๐’๐’‚๐’‚, ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ป๐’Š๐’š๐’๐’๐’๐’๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐’‡๐’Š ๐‘ถ๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ ๐‘บ๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’๐’”๐’Š๐’Š ๐‘ฏ๐’‚๐’˜๐’‚๐’‚๐’”๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚
Show all...
๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’†๐’Ž๐’‚๐’š๐’†๐’‰๐’– ๐‘ฏ๐’๐’•๐’†๐’”๐’”๐’‚๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Contact me at @DrAlemayehuHotessa

Amma ati rakkinni akkasii kun si qunnamee jira. Rakkina si qunname kana keessaa bahuuf wal'aansa kana seeraan sitti fayyadamuu qabda. Amma ati dubartoota waliin haasa'uu nan sodaadha ilaalcha jedhu of keessaa baasuuf yaali. Yoo oolmaan keeti mana barumsaa keessa ta'e ijoolleen dubaraa baay'een ni jiru waan ta'eef isaan duukaa haasa'uu jalqabi. Hunda caalaa garuu "intentionally formed team" osoo qabaattee gaarii ta'a. "Intentionally formed team" jechuun garee dhimma ta'e wayiitiif beekaa uumne jechuudha. Gareen kun garee qo'annaa Macaafa Qulqulluu (Bible Study Group) ta'uu danda'a. Garee qo'annaa barnootaa ta'uu danda'a. Garee dhimma biraas ta'uu ni danda'a. Garee akkasii kana keessa seenii hariiroo uumi. Yeroo kanatti bilisaan haasa'uuf yaali. Ati amma nama fayyuu barbaaduudha. Kanaaf ija jabaachuu qabda. Tapha ijoollee shamarranii of keessaa qabu uumuudhaan taphachuun ni danda'ama. Nuuti yeroo tokko tokko ijoollee waldaa keenyaa waliin taanee laaqana waliin nyaannee sana booda walitti qabamnee ni taphanna. Haalli kun akka ati isaan waliin haasa'uuf carraa bal'aa argattu taasisa. b) Wal'aansa of saaxiluu (Exposure therapy): Namootni rakkinni akkasii isaan qunname yeroo baay'ee of qabuudhaan beekkamu. Haalaa fi haasaa kamiiyyuu irraa of qusatu. Haa ta'uu malee rakkina kana keessaa bahuu yoo barbaadde ofii kee saaxiluu qabda. Of saaxiluun ati gochuu qabdu haaluma kamiiniyyuu balaaf si saaxiluu hin qabu. Isa kana irratti sirriitti of eeggachuu qabda. Fakkeenyaaf ijoollee waldaa keetii waliin bilisaan taphachuu ni dandeessa. Gaaffii gaafachuu ni dandeessa. Yaada isaan dhiyeessan irratti atis bilisaan yaada keeti dhiyeeffachuu ni dandeessa. Gareewwaan dhiirotaa fi dubartoota walitti fidan yoo jiraatan isaan kanatti of saaxiluu qabda. Of qusachuu hin qabdu. Gama biraatiin immoo ijoollee dubaraa naannoo keeti jiran waliin taphadhu. Haasaa gara cubbuutti isin hin geessine haasa'uudhaan rakkina kana keessaa of baasi. c) Wal'aansa amalaa (Behavioural therapy): Yeroo tokko tokko amalli keenya gufuu nutti ta'uu ni danda'a. "Intala barnoota hin hojjannetti hin dhiyaadhu" ilaalcha jedhu of keessaa qabda. Ilaalchi kun immoo gara amaleeffannaatti guddatee jira. Amala kana sirreessuun gaarii dha. Ilaalcha kana of keessaa baasuun dirqama. Dhiirri hunduu barumsa irratti cimaa akkuma hin taane dubartootni hundis barumsa irratti cimoo miti. Nama tokko akkuma amalaa fi dandeettii isaatti qabachuun barbaachisaadha. Amalli namaa haalaa fi yeroo eeggatee jijjiiramuu ni danda'a. Yeroon kun yeroo ati ilaalcha hin taane of keessaa baastuudha. Jibba osoo hin taane jaalala ijoollee shamarraniitiif qabdu mul'isuu qabda. Ani amala kootti ijoollee dubaraa waliin taphachuu baay'een jaaladha. Amalli kun durumaa jalqabee ana keessa ture. Ejjaaf isaan hin barbaadu malee waliin taphachuuf, waliin qo'achuuf, waliin tajaajiluuf, waliin bunaafi shaayii jechuuf baay'een isaanitti dhiyaadha. Maaliif isa kana siin jedhe beektaa? Osoo hafuura ejjaa keessa hin galin qulqullummaan ijoollee dubaraa waliin yeroo dabarsuun ni danda'ama. Rakkinni dhiiraa fi dubartootaa garuu walitti dhufnaan waanuma wal qunnamtii saalaa kana yaadu. Nuuti akka nama Kiristoositti amanee fayyeetti laphee qulqullaa'aa qabaachuu qabna. Intala takka waamtee kaaffee teessanii yoo buna waliin dhugdan maal rakkoo qaba? Amala ejjaa keessa hin seenin malee ofiifis Waaqayyoofis isheedhaafis amanamtee waliin taphachuu qabda. d) Wal'aansa fayyaa (Medical therapy): Haalli kun sirraa fooyya'uu yoo dide mana yaalaas deemtee yaalamuu qabda. Yaalli fayyaa ogummaa Waaqayyo namaaf kenneen dhimma fayyaa keenyaatiif bakka fala itti argannuudha. Ogeessota fayyaa itti siqnee dhimma kana mariisisuu qabna. e) Wal'aansa hafuuraa (Spiritual therapy): Wal'aansi baay'ee barbaachisaa fi kan ati xiyyeeffannaa itti kennuu qabdu wal'aansa hafuuraati. Sodaan waan alaan arginuun yookiin dhageenyuun miira keessa keenyatti uumamuudha. Sodaan kun immoo amantii keenyaan faallaa kan deemu taanaan balaa guddaaf nu saaxila. Hafuurri nama tokkoo sodaadhaan rukutamnaan jireenya mo'ichaa jiraachuun hin danda'amu. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Show all...
"...sodaa dubartootaa qaba...." Jireenyi namaa bu'aa bahii hedduu qabdi. Kuun bu'aa bahii kana injifatee saggoo milkaa'inaa irra dhaabbata. Inni kuun immoo keessatti kufee gangalachaa jiraata. Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u. Chaanaaliin kun ba'aa hin taane kan sammuu dhalootaa qabee isaan ajjeessaa jiru irraa kaasuuf kan hojjatuudha. Ji'oota muraasa keessatti chaanaaliin keenya namoota kumaatamaan lakkaa'aman gargaaruu isaa walumaan beekna. Ammas carraa argattan hundumaan chaanaalii kana beeksisaa. Sagantaan kun dhiyootti gara "you tube" tti waan guddatuuf liinkii dhuma barruu kanaa irra jiru fayyadamuun "subscribe" godhaa. Akka yeroo viidiyoon haaraan gad dhiifamu akkasumas yeroo tamsaasa kallattii seenu isin jala hin dabarreef "notification" isaa banaatii "all" jedhaa. "Like" fi "comment" gochuudhaan chaanaalii kanas haa guddisnu. Karaa dandeessan hundaan na cinaa dhaabbadhaa! Gaaffilee jireenya dhalootaa jeeqaa jiru karaa eenyummaan isaanii hin beekkamneen deebii itti kennaan jira. Deebii nama tokkoof kennamuun namootni baay'een barnoota argachaa akka jirtan shakkii hin qabu. Namootni haaraan gara chaanaalii kanaa dhufaa jirtan immoo osoo gaaffii keessan hin dhiyeeffatin dura barruulee kanaan duraa ol seenaa dubbifadhaa. Gaafa gaaffii naaf erguuf barbaaddan yaada keessan akka anaaf galutti godhaa barreessaa. Bifa barreeffamaa (๐Ÿ๐จ๐ง๐ญ) kana (๐Ÿ๐จ๐จ๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐ค๐š๐ง๐š) fayyadamtanii yoo gaaffii naaf ergitan isin hin keessummeessu. Foontii normaalii (normal font) fayyadamaa. Egaa har'as yaada haaraa qabadhee gara keessan dhufeen jira. Yaadni obboleessi koo naaf erge akka armaan gadii kanatti isiniif dhiyaatee jira. "Nama waaqayyoo dhalootaaf kaasee edheen, amana. Dr, gaafii tokko qaba. Dhiifama guddaa wajjiin, Akka naa deebistan fedha. Sodaa shamarrani,(phobia). Sodaa akkasiย  jireenya koo irra Akka jiruu, yeroo dhihoon bare.ย  ijollumma kootti, jalqabnee hangan kutaa11 gahuutti, shamarra Kan hamma tokko jalladhu, yoo isheen barumsa hojjetti tahee duwwadha. Sababa ilaalcha dogogoraan kanaan, shamarra, yoo isaan barumsa hin yaalle, ijaan hin ilaaluu. Ilaalaalchi Kun dogogoraa ta'uu isaa, fi Namni kamuu akkata kanaan Akka hin madaalamnee , yeroo kutaa 12,hubbadhe. Egaa ilaalcha dogogoraa sana waani guddadheef, still shammarra duuka face to face haasahuu hin danda'uu. Kaninin hasahu, tgm fi social media qofani. Sun immo dhibba waan qabuu gara dhumaa kana dhiisa dhufe. Egaa gaafa shamarra tokko fulaa ta'uu, Akka nama saafa keessa jirutti dafqii narra yaa'aa yeroo kaan narra hin jiru. Yeroo shamarra biraa ta'ee gaafii jalalaaf, haasa'a jedhu, dhaqni koo guutuun naasuun rukutama. Iratti kadhadhees Nan dadhabee. Dafqaa kana qoricha qabaa jedhee , mana yaala deeme ture. Qorichi hin jiru, dafqii koos dhukuba Akka hin taanee natti Himani. Rakko kana keessaa bahuuf, wantoota Ani godhe baay'edha. Ogeessa psychology bira deemeera. Faalii hin jiru.Sabab sodaadhuuf, hariiroo jalala kamuu jalqabuu hn barbaanne. As iratti dhimma biraa hasa'u(dhimmota barumsa fi Kan biraa yoo haasofnee)hin sodaadhu. Garuu dhimma jalaala hin haasahuu. Tarii waaqumatuu natti ergeera kan jedhus, Nan yaada. Kanaaf, maal naa wayya??" Yaada obboleessa koo kan armaan gadii kana hubattanii jirtu jedheen yaada. Mee yaada gorsaa nama kanaaf kaa'uun barbaada. Dubbisa gaarii! 1. Sodaa: Sodaan miira namatti hin tollee fi baayโ€™ee cimaa kan taโ€™e kan balaan jiraachuu isaa tilmaamuun ykn beekuudhaan namatti dhufuudha. Sodaan uumamuma namaa keessa jira. Sodaan gaariin akkuma jiru sodaan gaarii hin taanes ni jira. Waa'ee sodaa irratti wanti nama ajaa'ibu yeroo baay'ee wanti nuuti sodaannu tokko waan nurra hin geenneedha. Sodaan baay'een yaada (imagination) namaa keessatti uumama. Sodaan daangaa darbe foobiyaa (phobia) jedhamuun beekkama. Foobiyaan sodaa waan tokkoo ykn haala tokkoo kan itti fufiinsa qabuu fi cimaa ta'ee jechuudha. Namootni dhiiga sodaatan ni jiru. Inni kun heemoofoobiyaa (hemophobia) jedhama. Namootni tokko tokko immoo bofa sodaatu. Innis "ophidiophobia" jedhama. Sodaa "OPDO" akka hin jenne garuu kkkk. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Show all...
Haaluma kanaan namootni dubartii sodaatanis ni jiru. Sodaan akkasii jiinoofoobiyaa (gynophobia) jedhamuun beekkama. Sodaan akkasii kun yeroo baay'ee kan uumamuu danda'u miidhaa karaa dubartootaa dhufa jedhanii yaadan sana sodaatanii gaafa isaan dubartoota irraa baqachuu jalqabaniidha. Namootni tokko tokko amala akkasii kana maatii yookiin naannoo isaanii irraas ni baru. Yeroo tokko tokko dubartootni miidhaa qaama dhiiraa yookiin dhiirummaa nama tokkoo irraan gahu raawwachuu ni malu. Namni daa'imummaa isaatti gochaa gadhee akkasii kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) horachuu ni danda'a. Yeroo tokko viidiyoo wayii akka tasaa naaf ergamee ture. Viidiyoon sun gochaa dubartootni (shan?) ta'anii dhiira tokko irratti raawwatan kan agarsiisu ture. Isaanis namticha tokko mataa isaa gad dhudhulchanii qullaa isaa fannisanii qaama saalaa isaa (penis) akka inni ka'u (erecting) godhu turan. Akka inni hin iyyineef afaan isaan pilaasteriidhaan hidhanii mana namni hin jirre keessa turan. Sana booda qaama isaa kaasanii ofii isaanii "masturbate" godhu turan. Yommuu fedhiin isaa dhufutti (sperm) mataa isaa gad gombisanii fannisaniiru waan ta'eef dhangala'aan sun akka afaan isaatti dhangala'u godhan. Gochaa baay'ee sodaachisaa fi jibbisiisaa ture. Gochaa kana kan raawwatan warra feeministoota (feminists) akka ta'an nan bare. Amma namni gocha kana arge sodaa dubartootaa (gynophobia) keessa galuu ni danda'a. Guyyaa tokkos dhugaa bahumsa dargaggeessa tokkoo dhaga'een ture. Innis akkas ture. Osoo inni karaa deemaa jiruu intalli garmalee bareeddu tokko konkolaataa qabattee itti dhufte. "Koottu sin gaggeessaa" jettee konkolaataadhaan fuutee deemte. Gurbichis bifa ishee kanas waan jaallateef ishee hordofee duukaa deeme. Egaa gara manaa seennee buna dhugdee deemta jettee gara gibbii bareedaa tokkoo lixan. Gaafa mana seenan dargaggoota akka ishii sadi malee namni biraa mana hin turre. Afran isaaniiyyuu ijoollee dubaraa waan ta'aniif gurbichi balaan ana irra gaha jedhee akka hin shakkine dubbata. Achumaan gurbicha gara kutaa ciisichaatti galchan. Qoricha qaama saalaa kaasu (Viagra) nyaachisan. Kana booda harka isaa hidhanii wal qunnamtii saalaa akka inni raawwatuuf dirqamsiisan. Hin raawwadhu akka hin jenneef rukuttaan jiru baay'ee ulfaata. Sodaa kanaan qaamni isaa akkamitti ka'a akka hin jenneef qoricha nyaachisaniiru. Akkaataa kanaan guyyaa meeqaaf akka ta'e hin beeku jireenya gurbichaatti taphatanii konkolaataadhaan fuudhanii iddoo wayiitti gatanii biraa deeman. Gurbaan kun torban tokko guutuu mana yaalaa ciisee akka yaalamaa ture dhugaa baha. Ergasii sodaan dubartootaa (gynophobia) akka isa qunname himata. Gochaa akkasii kana namni argu foobiyaan isa qunnamuu danda'a. Gama biraatiin immoo hawaasa keessatti haala dhiirrii fi dubartootni akka walitti hin makamneef dhoowwu keessatti namootni guddatan foobiyaan akkasii isaan argachuu danda'a. Amalli nama tokkoos gara foobiyaatti nama geessuu ni danda'a. Kana jechuun sammuu keessatti ilaalcha hin taane keessummeessuun balaa mataa isaa qaba. Kanas ta'ee sana sodaan dubartootaa rakkina mataa isaa danda'eedha. Amma sodaan kun eessaa dhufe jennee faana soquu (qoruu) osoo hin taane haala gurbaan kun sodaa kana keessaa bahu fala faluufii wayya. 2. Fala: Sodaan dubartootaa (gynophobia) karaa hedduun jireenya namaa miidha. Hariiroo hawaasummaa fi gaa'elaa miidha. Hojii keenya miidha. Barnoota keenya miidha. Hirmaannaa jireenya waliinii miidha. Kanaafuu, maal gochuu qabna? a) Wal'aansa haasaa (talk therapy): Namni sodaa dubartootaa (gynophobia) qabu tokko wal'aansa akkasii kana fudhachuu qaba. Haasaan jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha. Namni tokko kophaa isaa hin jiraatu. Nama waliin jiraata. Nama tokkoon dirqama mana tokko keessa jiraachuu hin qabu. Hariiroo gaarii nama kamiiyyuu waliin qabaachuun gaariidha. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Show all...
Kiristaanaaf sodaa jechuun "Waaqayyo hin jiru" jechuu wajjiin wal hin caalu. Mee akka nama Gooftaa Yesuus amanee fayyeetti maal gochuu qabna? e1. Waaqayyo akka si waliin jiru beekuu: Kiristaanni Waaqayyotti amanee isatti irkatee jiraata. Waan Macaafi Qulqulluun jedhuun gaggeeffama. Macaafi Qulqulluun maal jedha? (Isa 41:10): "Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba." "Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaสผa?" Faarfannaa 118:6. Namni waadaa ajaa'ibaa akkasii kana qabu gaafa sodaatu maal jedhama? Namni osoo sagalee Waaqayyoo akkasii kana dhaga'uu waan tokko sodaatu dhuguma Waaqayyotti amaneera jedhama? Mee of madaalii ilaali. e2. Waaqayyotti amani: Carraan nuuti waan tokko itti sodaanne carraa ittiin Waaqayyotti amannuudha. Yeroo tokko tajaajilaaf halkan guutuu deemaa bulla turre. Lafti isaa baadiyyaa waan ta'eef gaafi gaafi osoo tajaajilluu lafti bariiti. Gaafi immoo halkan sa'aatii sagal faatti sagantaa xumurree daandii dheeraa kophaa koo gara manaa deema. Harka koo irraa Macaafa Qulqulluu malee homaa hin qabadhu. Keessi koo maal akka jedhu beektaa? Osoo bineensi halkan kanaan anatti dhufee iyyuu Macaafa kanaan isa rukuta innis ni du'a jedhee amana ture. Garuu kan isin ajaa'ibu guyyaa tokko iyyuu wanti nama rifachiisu na qunnamee hin beeku. Namootni dukkana sodaatan ni jiru. Sodaan akkasii niiktoofoobiyaa (Nyctophobia) jedhama. Ani garuu dukkana hin sodaadhu. Harmeen koo "maaliif halkaniin deemta?" jettee ana lolaa turte. Dhugaadha. Haa ta'uu malee ani Waaqayyo ana waliin akka jiru waan amanuuf sodaa tokko iyyuu keessa kootii hin qabu ture. Macaafi Qulqulluun (Far 56:3-4): "Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha. Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duสผa hin oolle maal na gochuu dandaสผa?" Kanaafuu, carraa sodaatte kanatti fayyadamii Waaqayyoon amanadhu. e3. Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu: Sodaan nagaa keessa keetii balleessee jeequmsa keessa keetti guuta. Ati garuu Waaqayyo waliin nagaa qabaadhu. Nagaa isaas barbaadi. Keessi keeti Waaqayyo waliin nagaa qabaannaan nama waliinis nagaa qabaata. e4. Nama jaalalaa ta'i: Jaalala keessa keetii qabaannaan obboleessa keeti yookiin obboleettii keeti akkuma keetitti jaallatta. Namni jaalala of keessaa qabu sodaa of keessaa hin qabu. Akkamitti obboleettii keeti sodaatta? Mana keeti keessa kan jirtus dubartiidhaam. Haati keeti dubartiidhaam. Sodaan waan gaarii miti. Macaafi maal akka jedhu beektaa? (1Yoh 4:18): "Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti." Jaalala keessa sodaan hin jiru. Ati karaa Kiristoos nama jaallatta waan ta'eef sodaan gidduu kana jiraachuu hin qabu jechuudha. e5. Jabaachuu: Kiristaanni Kiristoosiin waan qabuuf ija jabaataadha. Macaafi Qulqulluunis akka nuuti jabaannu nu gorsa. Mee Waaqayyo maal jedhee akka Iyyaasuu gorse haa ilaallu: (Iya 1:9): "Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taสผuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin." Wanti Iyyaasuu sodaachisuu danda'u fuuldura isaa jira. Waaqayyo garuu "cimi, ija jabaadhu, ...hin sodaatin" jedhee isa gorse. Iyyaasuun osoo gorsa kana dhaga'uu osoo sodaatee kan itti gaafatamus kan miidhamus isuma. Kanaaf waan Waaqayyo jedhu dhaga'uudhaan hojiitti hiikuu qabna. e6. Waaqayyoon kadhadhu: Barruu keeti keessatti "Waaqayyoon kadhadhees dadhabe" jette. Hin jedhamu akkas. Kadhannaa jechuun akka nuuti yaadnutti "waan barbaanne Waaqayyoon gaafachuu" qofa miti. Yeroo biraa bal'inaan ilaalla isa kana. Haa ta'uu malee ofii kee Waaqayyotti dhiyeessuu qabda. Waaqayyo abbaa gaariidha. Kadhannaa namaa ni dhaga'a. Yeroo jalqaba konkolaataa keessa taa'e nan diddige. Osoo haala kanaan jiruu yuuniversiitii iddoo fagoo na gahe. Egaa haalli kun ana sodaachisnaan Waaqayyoon kadhadhe. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Show all...
Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!     โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Gorsaa fi Barnoota โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Dhimmota Gaa'elaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“   Hikka Jalalaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Dhimmota Dhunfaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Mula'ata Kee bekku hin barbada โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› Waliin barannee waliis haa barsiifnuu๐Ÿ“š๐Ÿ“š โ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ
Show all...
Repost fromย WAALIIF PROMOTION
๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’”๐’Š๐’”๐’‚! ๐‘ต๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’ ๐‘พ๐’‚๐’‚๐’’๐’‚๐’š๐’š๐’๐’ ๐’‰๐’–๐’๐’…๐’–๐’Ž๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’•๐’‚'๐’–. ๐‘ฉ๐’‚๐’ˆ๐’‚ ๐’๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’„๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’‚ ๐’…๐’‰๐’–๐’‡๐’•๐’‚๐’. ๐‘ช๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚ ๐’ˆ๐’–๐’š๐’š๐’‚๐’‚ ๐’ˆ๐’–๐’š๐’š๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’†๐’“๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’† ๐’„๐’Š๐’„๐’„๐’Š๐’Ž๐’๐’ ๐’‡๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‚๐’…๐’…๐’‚๐’‚ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’•๐’†๐’† ๐’Š๐’”๐’Š๐’ ๐’ƒ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚. ๐’€๐’๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’„๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’‚ ๐’…๐’‰๐’–๐’‡๐’•๐’‚๐’ ๐’Œ๐’‚๐’๐’๐’†๐’†๐’ ๐’‚๐’“๐’Ž๐’‚๐’‚๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’…๐’Š๐’Š ๐’•๐’๐’๐’‚๐’‚๐’ ๐’๐’Š ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’•๐’•๐’–: 1) ๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’…๐’‰๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š โˆš ๐‘ฏ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’“๐’๐’ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’‚ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’๐’‚๐’‚ โˆš ๐‘น๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š๐’๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‡๐’–๐’“๐’Ž๐’‚๐’‚๐’•๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š โˆš ๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚ ๐’…๐’–๐’“๐’‚๐’‚ ๐’…๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’๐’๐’•๐’‚๐’‚๐’‡ 2) ๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’…๐’‰๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’™๐’Š๐’Š๐’๐’”๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’–๐’– ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’•๐’•๐’Š 3) ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚ ๐’Ž๐’Š๐’๐’Œ๐’‚๐’‚'๐’Š๐’๐’‚๐’‚ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’–๐’ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’‚'๐’‚๐’Ž๐’– 4) ๐‘ฎ๐’‚๐’‚๐’‡๐’‡๐’Š๐’๐’†๐’† ๐‘ด๐’‚๐’„๐’‚๐’‚๐’‡๐’‚ ๐‘ธ๐’–๐’๐’’๐’–๐’๐’๐’–๐’–๐’•๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š๐’Š ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š 5) ๐‘ซ๐’‰๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‰๐’‚๐’˜๐’‚๐’‚๐’”๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‡๐’–๐’“๐’Ž๐’‚๐’‚๐’•๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š 6) ๐‘ด๐’–๐’'๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚ ๐’Ž๐’–๐’'๐’‚๐’•๐’‚๐’‚๐’ ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’ 7) ๐‘ต๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’‹๐’Š๐’‹๐’‹๐’Š๐’Š๐’“๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐’•๐’‚'๐’–๐’– 8) ๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’‰๐’Š๐’Š๐’ƒ๐’ƒ๐’‚ ๐’‚ ๐’–๐’–๐’Ž๐’–๐’–๐’ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’‚'๐’‚๐’Ž๐’– 9) ๐‘ฐ๐’‹๐’‚๐’‚๐’“๐’”๐’‚ ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’†๐’†๐’•๐’•๐’Š๐’Š (๐’„๐’‚๐’‘๐’‚๐’„๐’Š๐’•๐’š ๐’ƒ๐’–๐’Š๐’๐’…๐’Š๐’๐’ˆ) 10) ๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’๐’๐’๐’•๐’‚๐’‚๐’ ๐’Ž๐’Š๐’๐’Œ๐’‚๐’‚'๐’–๐’–๐’ ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’…๐’‚๐’๐’…๐’‚'๐’‚๐’Ž๐’– 11) ๐‘ช๐’‚๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’๐’๐’๐’•๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’Š๐’š๐’š๐’‚ ๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š (๐’”๐’„๐’‰๐’๐’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’‘) ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’ˆ๐’–๐’–๐’•๐’‚๐’ 12) ๐‘ป๐’†๐’Œ๐’๐’๐’๐’๐’๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐’‡๐’Š ๐’Ž๐’Š๐’Š๐’…๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ 13) ๐‘ถ๐’ˆ-๐‘พ๐’‚๐’‚๐’’๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ (๐‘ป๐’‰๐’†๐’๐’๐’๐’ˆ๐’š) 14) ๐‘บ๐’Š๐’“๐’๐’‚ ๐‘จ๐’…๐’…๐’–๐’๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฏ๐’‚๐’‚๐’“๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐‘ฐ๐’๐’๐’–๐’–๐’Ž๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š 666 (๐‘ต๐’†๐’˜ ๐‘พ๐’๐’“๐’๐’… ๐‘ถ๐’“๐’…๐’†๐’“ ๐’‚๐’๐’… ๐‘ฐ๐’๐’๐’–๐’Ž๐’Š๐’๐’‚๐’•๐’Š 666) 15) ๐‘ฒ๐’Š๐’•๐’‚๐’‚๐’ƒ๐’Š๐’๐’†๐’† ๐’‹๐’Š๐’“๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’‚๐’‡ ๐’๐’– ๐’‡๐’‚๐’š๐’š๐’‚๐’…๐’‚๐’ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’ˆ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’๐’๐’–๐’– ๐’‡๐’Š ๐’Œ๐’Œ๐’‡ ๐‘ฒ๐’๐’๐’•๐’•๐’‚๐’‚! ๐‘ซ๐’‰๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‚๐’“๐’Ž๐’‚๐’‚๐’ ๐’๐’๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’‚๐’๐’๐’†๐’†๐’๐’Š๐’Š ๐’‡๐’Š ๐’Œ๐’‚๐’๐’๐’†๐’†๐’ ๐’ƒ๐’Š๐’“๐’๐’ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’š๐’‚๐’‚๐’…๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’–๐’Ž๐’”๐’‚ ๐’๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’๐’“๐’…๐’๐’‡๐’‚๐’‚. ๐‘ด๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š ๐’‡๐’Š ๐’‰๐’Š๐’“๐’Š๐’š๐’๐’๐’•๐’•๐’‚๐’ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’„๐’‰๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’†๐’†๐’๐’š๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’˜๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚. Galatomaa
Show all...
๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’†๐’Ž๐’‚๐’š๐’†๐’‰๐’– ๐‘ฏ๐’๐’•๐’†๐’”๐’”๐’‚๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Contact me at @DrAlemayehuHotessa

๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’…๐’‰๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’“๐’“๐’‚๐’‚๐’•๐’•๐’Šโค๏ธ โˆš ๐‘ฏ๐’‚๐’“๐’Š๐’Š๐’“๐’๐’ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’‚ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’๐’‚๐’‚ โˆš ๐‘น๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š๐’๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’Š ๐’‡๐’–๐’“๐’Ž๐’‚๐’‚๐’•๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’Š โˆš ๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚ ๐’ˆ๐’‚๐’‚'๐’†๐’๐’‚ ๐’…๐’–๐’“๐’‚๐’‚ ๐’…๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’๐’๐’•๐’‚๐’‚๐’‡
Show all...
๐Ÿ˜Gorsa Gaa'elaa๐Ÿ˜
โค๏ธLOVE โค๏ธ
๐ŸฅฐJaalala dhugaa๐Ÿฅฐ
Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!     โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ  โ‡ฃโ‡ฃ โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Gorsaa fi Barnoota โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Dhimmota Gaa'elaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“   Hikka Jalalaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Dhimmota Dhunfaa โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”“ Mula'ata Kee bekku hin barbada โ”—โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”› Waliin barannee waliis haa barsiifnuu๐Ÿ“š๐Ÿ“š โ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ   โ–ˆโ–ˆโ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆโ–ˆโ–ˆ
Show all...