cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Asiyaa Jemal Serdoo

Wabiin Qabsaa'aa Ummata isaati. Haqa qabna, Tarsiimoon Masakamna, Ni Falmanna.. Ni injifanna.

Show more
Finland2 300The language is not specifiedPolitics26 442
Advertising posts
196
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

AADAAN KEENYA ✧ Waliif obsuu! ✧ Waliif dhoksuu! ✧ Waliif dhiisuu! ✧ Wal gorsuu! ✧ Wal eebbisuu! ✧ Wal jabeessuu! ✧ Wal kabajuu! ✧ Wal qajeelchuu! ✧ Wal ijaaruu! ✧ Humna waliif ta'uu! ✧ Tokkummaan jiraachuu dha. ➶ Wal miidhuun ➶ Wal qoccoluun ➶ Walitti hinaafuun ➶ Wal kuffisuun ➶ Yaada walii keessaa, hamaa barbaadanii itti qabata godhachuuf hojjechuun, ➶ Diinaaf wal saaxiluun, ➶ Hammina xaxaa ooluun aadaa keenya miti! Hin baratamne. Aadaa keenya keessas hin jiru. Isaan kunniin akka waliin hin jiraannee fi yaadolee namummaa namaa xiqqeessanii fi diina AADAA keenyaa ta'anii dha. ❏ Gara laafinnii fi yaadni waliin waliif jiraachuu jidduu keenya yoo jiraate tabba baana!
Show all...
Photo unavailable
Balaa konkolaataa barsiisoota Yuunivarsiitii #Madda_Walaabuu mudateen hanga ammaa lubbuun namoota 20 bahuun himame. Caamsaa 20/2023 -Barsiisoonni kunneen Kaampaasii Shaashamanneetti Barsiisuuf konkolaataa yuunivarsiitiin gara #Doldolaa imalaa turan. Godina #Arsii Lixaa Iddoo addaa Washaa jedhamutti , konkolaataan isaan fe'ee deemaa ture hallaayyaa lixuun hanga ammaatti lubbuun namoota 20 darbeera. Akka gabaasa OBN ibsutti, namoonni hafan Hospitaalaa Adabbaa , Doldolaa fi Roobeetti tajaajila yaalaa argachaa akka jiran, Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Ahimad Kaliil himaniiru.
Show all...
𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐚𝐫𝐞𝐞𝐠𝐚𝐦𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐄𝐛𝐥𝐚 𝟏𝟓 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐈𝐛𝐬𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 (𝐀𝐁𝐎) Hunda dura baga guyyaa ulfaataa fi kabajamaa kanaan hunda keenya gahe! Ummanni Oromoo weeraraa fi bittaa sirna alagaa jalatti erga kufe irraa eegalee hanga qabsoo bilisummaa har'aatti biyya isaa Oromiyaa fi mirga aadaa, afaan, duudhaa fi eenyummaa isaatiif aarsaa qaqqaalii kaffalaa as gahe. Sirna koloneeffataa bittoota Itophiyaa of irraa ittisuuf qabsoo taasiseen wareegama lubbuu himanii fixuun hin danda'amne baaseera. Qabsoon sirna kolonii of irraa kaasuuf godhamu takkaa illee hin dhaabbanne. Bifa gurmaa'ee fi hin gurmoofneen Oromoon sirna alagaa of irraa kaasuuf qabsoo geggeessaa ture. Kana keessatti qabsoon Qonnaan bultoota Baalee, kan Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hoogganamu, Hawwisoon Afran Qalloo, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa fi Warraaqsi Barattootaa qabsoo hanga tokko gurmaa'iinsa qabuu fi hundeeffama dhaaba qabsoo Oromoo jalqabaa ABOtiif kanneen wixinee bu'uuraa dhiigaan baarreessanii dha. Waldaalee fi gurmuu qabsoo kanneen keessatti gootonni ilmaan Oromoo hedduun tooftaalee adda addaatiin qabsoo hadhaawaa geggeessanii diina rom'isiisanii aarsaa lubbuu kaffalaniiru. Oromoon Bahaa fi Dhihaa, Kaabaa fi Kibba akkasumas Giddu-galeessa irraa walitti dhufuun dhaaba tokkicha ABO jalatti, sagantaa siyaasaa baafachuun akeekaa fi kaayyoo tokko jala hiriiranii qabsoo qindaawaa geggeessuun wareegamoota gama hundaan injifannoolee boonsoo galmeessaniiru. Bu'aa bayii qabsoo bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf godhamu keessatti qabsaawonni qaqqaaliin kufanii qabsoo fuul-duratti tarkaanfachiisaa turaniiru. Goototni hedduun maqaa isaanii waamanii fixuun hin danda'amne Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan durfamu keessatti xurree qabsoo dhiigaan tattaraaranii dabraniiru. Hoogganoota dhaabichaa irraa hanga miseensotaa fi deeggartootaatti, seenaa boonsaa hojjetanii kanneen saba isaanii bilisummaa gonfachiisuuf lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne kennan kumaa fi kitila dha. Kunneen hundi akka urjiitti galmee seenaa keessaa ifaa jiraatu. Barabaraanis dhalootaan yaadatamu. Ebli 15 guyyaa Gootota Oromoo tahee akka yaadatamu ABOn wayta murteessetti, miseensota dhaabaa wareegaman ittiin yaadatuu herreguun qofa hin turre. Ilmaan Oromoo kanneen ummata Oromoo gabroomfatuuf itti duulan osoo ittisanii kufan, roorroo fi hacuuccaan itti hammaatuu fi jabaatuu irraa sirna bittaa alagaa matayyaanis tahe gareen osoo lolanii kanneen lubbuu isaanii kennan, kanneen gabrummaan booda, bakkoota adda addaatti ummata Oromoo irraa waanjoo gabrummaa kaasuun akka sabaatti mirgi qabu kabajameefii jiraatuu qabaatti amanuun sirna gabroonfataa irratti osoo qabsa’anii wareegaman cufti akka ittiin yaadatamaniif Ebli 15 guyyaa goototaa tahee akka yaadatamu murteesse. Kanaaf, ilmaan Oromoo mirga Oromoof osoo falmanii bakkootaa fi haalota garagaraan wareegaman hundi guyyaa kana yaadatamu. Guyyaa kana gootota mirga saba isaanii fi biyya isaaniif falmanii kufan hunda bakka tokkotti yaadachuuf yoo ta’us, addatti guyyaa kana irra, Hayyu Duree dhaabichaa Jaal Magarsaa Barii dabalatee hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo kudhan (10) bara 1980 gammoojjii Somaaliyaa keessatti, bakka Shinniigaa jedhamutti haala suukanneessaa taheen shiftootaan ajjeefamanii bool’a tokkotti awwaalaman yaadachuudhaan kaayyoo fi akeeka isaan itti wareegaman galmaan gahuuf irbuun kan itti haaromsatamuu dha. Hoogganootni kunneen siidaa tokkummaa lafee isaaniitiin jabeessanii gad-dhaabanii dabran. Oromummaaf jedhanii, kaayyoo manaa bahaniif wareegaman. Haalli kun tokkummaa Oromoo itichee, ulee diinni ittiin Oromoo addaan qoqqoodee bara baraan bituu yaadu cabseera. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Ebilli 15 Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ta’uu murteessee erga labsee guyyaan kun mooraa qabsoo Oromoo keessatti, caasaa ABO, sab-boontota Oromoo biyyoota alaa fi ollaa keessa jiraataniin akkasumas biyya keessatti dhoksaan caasaalee dhaabaan kabajamaa ture.
Show all...
Perezedaantiin Naannoo Gambeellaa sabni Anyuwaa akkanatti jiraattota A/Oromoo dubbatan magaalaa Gaambeellaa ganda 03 fi 04 keessatti ilmaan Oromoo akka ajjeesan ajaja dabarsee haala sukkanneessaa kanaan oromoo ajjeesaa jiran!
Show all...
Kaleessaaf gaabbuufi boruuf dhiphachuun; guyyaa har'aa balleessuudha! Har’akee jiraadhu!
Show all...
Photo unavailable
Waraana Godina Gujii Lixaatti WBO fi Loltoota mootummaa gidduutti gaggeeffamaa turee fi jiruun loltoota mootumma hedduu ajjeesuun 240 ol jiraatti booji'uun akjadumad meeshaalee waraanaa hedduu qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun injifannoo guddaa galmeessuu WBO yeroo beeksisu gama mootummaatiin garuu hanga ammaatti waakkachuunis ta'e amanuun ibsi lola kana ilaalchisuun kenname hanga ammaatti hin jiru .
Show all...
Photo unavailable
Impaayera Itoophiyaa fi Amantaalee Akkuma beekamu Impaayera (empire) jechuun, sirna mootummaa kan eenyummaa, aadaa fi amantaa saboota biroo balleessuutiin, eenyummaa, aadaa fi amantaa saba tokkoo qofa dagaagsu jechuudha. Impaayera keessatti saboonni biroo akka qabeenya yokaan garba saba Impaayerittii ijaarrateetti ilaalamu. Impaayerri Itoophiyaa, ol'aantummaa saba "Amaara" ofiin jedhaniitiin, humna QAWWEE fi gowwoomsaa AMANTAA (OTI) tiin ijaaramte. Saboota biroo duguuguu fi gowwoomsuun garboommfatanii, Impaayera Itoophiyaa ijaaruu keessatti, qawween deggersa Faranjiitiin argamee fi amantaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa (OTI), Minilikiif humna guddaa ta'aniiru. Gama amantaatiin, amantaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa kan jedhamtu, harka mirgaa garboommfattootaa ta'uun: 1) Amantaan Waaqeffannaa, kan Oromoo waan ta'eef qofa balleesuun seenaa qofa irratti hambisuuf "Traditional Religion" ittiin jedhan. 2) Amantaan Musliimaa, hordoftoota sabaan Oromoo ta'an hedduu waan qabuu fi Oromummaa irratti ejjennoo gaarii waan qabu qofaaf duula hamaa irraan gahaa turanii, ammallee itti jiru. 3) Amantaa Pirootestaantii wayita Onesmos Nasiib gara uummata Oromoo fidee sabicha barnoota ammayyaa barsiisuu eegalu, "Oromoon barachuu hin qabu" jechuun duula ulfaataa irraan gahaa, ergasiis amantaa Protestantiin, "መጤ" jedhanii xiqqeessaa turan. Akka Onesmos Nasiib biyya isaa Oromiyaa hin seenneef illee sochii cimaa taasisaa turan. 4) Manuma amantaa Ortodoksiitti illee, tajaajiloota isaanii keessatti gochoota tuffii Oromoof agarsiisan hedduu kan akka: a) Alaabaa Minilik, mallattoo duguuggaa sanyii Oromoo sana Oromoo irratti mirmirsuu; b) "Waaqayyo Afaan Oromoo hin dhaga'u" jechuun sabichatti baacuu; c) "Oromoon Daaqonummaa (deacon) olitti tajaajiluu hin danda'u" jechuun Qeesota Habashootaa fidanii Oromoo irratti muuduu; d) "Taabotatu bu'e" jechuun lafa Oromiyaa saamuu; e) Manneen amantaa kuusaa meeshaa waraanaa gochuun ittiin Oromoo daguugsisuu fi wanneen kana fakkaatan dalagaa turan. Manni amantaa OTI kun qabeenya Oromoo guurrachuu malee, guyyaa tokkollee rakkoowwan uummatichaaf deggersa uummataa taasiftee hin beektu. Amma immoo hanqinoota OTI sana furuuf, tarkaanfii fudhatameen manni amantaa "Ortodoksii Tewaahidoo Oromiyaa" ijaaramuu isaa fi luba ofii muuddachuu isaatti gungummii kaasu. Seera biyyattii cabsuun mootummaan dhimma amantaa isaanii keessa akka seenuufis waamicha taasisaa jiru. Lammiilee Oromiyaatiin baga gammaddan jechaa, Abuuna Sawafirosiif bara hojii gaarii hawwina! Manni amantaa Ortodoksii Tewahidoo Oromiyaa hongee fi buqqaatii lammiilee Oromiyaaf xiyyeeffannoo kenna jennees abdanna. Didne Garbummaa! Oromiyaan Biyya!
Show all...
00:39
Video unavailable
WBO hidhamtoota yeroo mana hidhaa irraa lakkisiisu .
Show all...