cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Horn Media (HM)

#HM is based in Addis Ababa,Ethhiopia is balanced media outlet that delivers fresh news to it's audience. It is an independent Media Outlet which delivers news and education to people in Ethiopia.

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedPolitics21 660
Advertising posts
405Subscribers
-124 hours
-37 days
-1130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Goobeefi Shinooyyee Magaala Finfiinneettifi Oromoota Magaalichaa { Olii Yaadataa, Dooqaa Booraarra} Waqtiin amma keessa jirru yeroo bacaqiin gannaa darbee booqaan birraa simataa jirudha. Yeroo roobaa, yeroo yaddeessaa, jireenyii ulfaataafi sababa lagni guuteen firri walirraa cite ture gara caamaa, ifa abdii namatti horu, midhaan daraaruufi lagni hir’atee firri walitti deemuu eegalu akkasumas barri barnootaa haaraa yeroo itti eegalu waan ta’eef bifa addaan ilaalama. Waqtii kunimmoo uummata Oromoofi sabaaf sablamoota biyyatti biratti bifa garaa garaan kabajama. Keessumaa dargaggoonni Goobeefi Shinooyyeen yeroo kabajatantu mul’ata. Yeroo ammaa kanatti magaalaa Finfinnee handhuuraa Oromiyaa keessatti dargaggonni bifa qindaa’aa ta’een aadaasaanii agarsiisuuf karaa qindoomina dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aartiifi Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaatin qophaa'e sochii erga eegalanii waggaa Shan lakkoofsiseera. Bara kana keessas marsaa 5ffaaf torban kana keessa Giddu gala Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti argamutti sirni Goobeefi Shinooyyee eegalamee jira. Ce'umsi bara tokkoo isa biraatti taasifamu kun adeemsa uumamaan cinatti adeemsa aadaa mataasaa akka qabu kan himu hoji gaggeessaan dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aarti dargaggoo Biruuk Girmaa, taateelee aadaa barri haaraan uummata Oromoo biratti ittiin simatamu keessaa Goobeefi Shinooyyeen isaan ijoo taa’uu waggaa lama dura ibsa miidiyaleef kenneen dubbatee ture. Haa ta'u malee aadaan Goobeefi Shinooyyee dagatamaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun "aadaa kana bakkatti deebisnee Itoophiyaan bara haaraa bifa kanaan simatti kan jedhu akka agarsiisnufi" jechuun sababa festivaalli kun itti qopha'e himeera. Bara kanaas dargaggoonni Goobeefi Shamarran Shinooyyee magaala Finfinnee keessatti torbaanoota lamaa oliif taphoota aadaa kunneen kan agarsiisan ta’uu himameera. Hojiin karaa dhaabbata Piromooshiinii Boraatii Aartiifi Biiroo aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin eegalame waan jajjabeeffamuu qabu ta’us akka sabaati qooda nuti magaalaa Finfinnee keessa qabna jennufi wayita ayyaana uummataa akka sabaatti qabnu magaalaa kana keessatti kabajamu sabootaa biroo waliin walbira qabnee yoo ilaalluu akka baay’inaa keenyaafi magaalaa guddoo keenyaa jennu waliin waan nama salfachiisu fakkaata. Fagoo osoo hindeemiin torbanoota muraasa dura ayyaanaa ijoollee dubaraa saba obbolaa naannoo 1 kabajan yaa ilaalluu. Naannoon kun magaalaa Finfinnee waliin kallaatti waldangeessus hinqabu fageenya irra jirus ilaaluun ni dandaa’ama. Torbanootaaf ijoolleen dubara jaraa magaalaa keessa faayamanii gareen ta’anii aadaa isaanii guutummaa magaalatti keessatti agarsiifataa turan. Konsartii muuziqaa galma Brakumetti taasifatanis yaa ilaallu bakki dhaabbii tokkoolee hinargamu sababa baay’ina isaaniif jechuudha. Kun waan gaarii jajjabeeffamuu qabudha. Garuu wanti hubatamuu qabu ijoolleen shamarranii kun harki caalaan isaanii jechuun nidanda’ama magaalaa Finfinnee keessa kan jiraataniifi kan keessatti dhalatan akka ta’e nihubatama. Hammam jarri akka sabaatti ijoollee isaanii afaaniifi aadaa isaanii barsiisanii akka guddifatan namatti agarsiisa. Nutiho kanarratti keessumaa magaalaa Finfinnee keessatti eessa jira? Goobeefi Shinooyyee yeroo ammaa magaalatti keessatti geggeeffamaa jiru waan jajjabeefamuu fi itti fufuu qabu ta’us, Oromonni Finfinnee keessa jiraannu gaaffii guddaa ofgaafachuutu nurra jira. Ijoollee keenya afaan, aadaafi eenyummaa isaanii akka beekanii guddatan nama meeqatu irratti hojjechaa jira? gaaffii deebii barbaaduufi itti yaadamuu qabu natti fakkaata. Isinoo yaada maalii qabdu waliif haqoodnu.
Show all...
Jijjiirraa Barsiisotaa
Show all...
Manni Maree Ministeerotaa Labsii Yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti akka labsamu sagalee guutuu murteesse ==== Manni Maree Ministiroota walga’ii idiilee 23ffaa har’a gaggasseen dhimma rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessatti uumame ilaalchisee erga mari’ate booda, “Naannoo Amaaraa keessatti sochii seeraan alaa hidhannoon deeggarame mul’achaa jiru sadarkaa adeemsa seera kabachiisuu idileetin to’achuu hin danda’amneerra waan gaheef” naannicha keessa yeroo hin murtoofneef Labsii Yeroo Muddamaa akka labsamu sagalee guutuun murteesseera.
Show all...
የሚኒስትሮች ምክር ቤት በአማራ ክልል የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ አወጀ ==== ምክር ቤቱ የሕዝብን ሠላምና ደህንነት ለማስጠበቅ በቀረበው የሚኒስትሮች ምክር ቤት የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ቁጥር 6 /2015 ላይ ነው፡፡ በአማራ ብሄራዊ ክልላዊ መንግስት የሚታየውን በትጥቅ የተደገፈ ህገወጥ እንቅስቃሴ በመደበኛ የህግ ማስክበር ስርዓት ለመቆጣጠር ወደ ማይቻልበት ደረጃ የተሸጋገረ በመሆኑ፤ ይህ እንቅስቃሴ የክልሉን ነዋሪ አጠቃላይ የኢኮኖሚ እና የማህበራዊ እንቅስቃሴ በከፍተኛ ደረጃ ያወከ እና ህገ መንግስታዊ ሥርዓቱን አደጋ ላይ የጣለ በመሆኑ፤ የሕዝብን ሠላምና ፀጥታ ለማስጠበቅ እንዲሁም ህግ እና ስርዓት ለማስከበር የአስቸኳይ ጊዜ እርምጃዎችን መውሰድ አስፈላጊ ሆኖ በመገኘቱ ፣ እንቅስቃሴው በሃገር ደህንነት እና በህዝብ ሰላም ላይ የደቀነው አደጋ ከቀን ወደ ቀን እየጨመረ መጥቷል፡፡ መንግስት ትጥቅ አንስተው የሚንቀሳቀሱ ሃይሎች ሁሉ የሰላም እና ህጋዊ መንገድን እንዲከተሉ ተደጋጋሚ የሰላም ጥሪዎችን ሲያደርግ ቆይቷል፡፡ የታጠቁ ፅንፈኛ ቡድኖች እየፈፀሙ ባለዉ ጥቃት ምክንያት የክልሉ ፖለቲካዊ፣ ማህበራዊ እና ኢኮኖሚያዊ እንቅስቃሴ ላይ ከፍተኛ ጉዳት እየደረሰ ይገኛል፡፡ የክልሉ መንግስትም በአማራ ብሄራዊ ክልላዊ መንግስት ያጋጠመው የፀጥታ መደፍረስ በክልሉ ከፍተኛ ሰብዓዊ፣ ማህበራዊ እና ኢኮኖሚያዊ ጉዳት እያስከተለ የሚገኝ መሆኑን በመግለጽ፣ ሁኔታውን በመደበኛው የህግ ማስከበር ሥርዓት ለመቆጣጠር አዳጋች ሆኖ በመገኘቱ፣ የፌደራል መንግስት አስፈላጊውን የህግ ማዕቀፍ በኢፌድሪ ህገ መንግስት መሰረት እንዲደነግግ እና ተገቢውን እርምጃ እንዲወስድ ጥያቄ አቅርቧል። በመደበኛ የህግ ስርዓትን መሰረት አድርጎ ይህን ፈር የለቀቀ እንቅስቃሴ ለመቆጣጠር አዳጋች ሁኔታ በመፈጠሩ የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ማወጅ አስፈላጊ ሆኖ ተገኝቷል፡፡ ህገመንግስቱ እና ህገመንግስታዊ ስርዓት ላይ የተቃጣ አደጋን በመደበኛ የህግ ስርዓት ለመቆጣጠር ባልተቻለ ጊዜ የሚኒስትሮች ምክር ቤት የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ በማወጅ ህገመንግስታዊ ስርዓትን ከአደጋ የመከላከል ስልጣን እንዳለው በኢፌዴሪ ህገመንግስት አንቀፅ 93 (1) ተደንግጓል፡፡ በመሆኑም የሚኒስትሮች ምክር ቤት በህገመንግስቱ የተጣለበትን ሃላፊነት ለመወጣት የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ማወጅ ስላለበት የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ቁጥር 6/2015 እንዲታወጅ በሙሉ ድምጽ ወስኖል ፡፡
Show all...
የአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ በስሙ ሐሰተኛ የትምህርት ማስረጃ የተጠቀሙ ግለሰቦችን ይፋ አደረገ ==== አርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ከተለያዩ ተቋማት በቀረበለት የተማሪዎች የትምህርት ማስረጃ ይጣራልን ጥያቄ መሰረት የደረሰበትንና ሀሰተኛ ናቸው ያላቸውን ሰነዶችና ግለሰቦች ስም ይፋ አድርጓል። የዩኒቨርሲቲው እንዳስታወቀው፤ በ2015 ዓ/ም የቀረቡ የትምህርት ማስረጃ ማጣራት ጥያቄዎችን ተከትሎ በተደረገ የማጣራት ሂደት ከአንዳንድ ተቋማት የቀረቡ የዩኒቨርሲቲው ምሩቃን የትምህርት ማስረጃዎች በዩኒቨርሲቲው በተሰጣቸው የተማሪ ውጤት ኮፒ ላይ የአጠቃላይ ነጥብ ለውጥ የተደረገባቸው እንዲሁም ፈጽሞ በአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ ያልተማሩባቸው ሐሰተኛ ዲግሪ ማስረጃዎች ሆነው የተገኙ መሆኑን ለማረጋገጥ ተችሏል፡፡ መሰል ኃላፊነት የጎደላቸው ተግባራት እንዳይበረታቱ ብሎም ሕዝብና መንግሥት ሙያዊ ብቃት በሌላቸውና ኃላፊነት በጎደላቸው ዜጎች ለጉዳት እንዳይጋለጥ በማሰብ በዩኒቨርሲቲው የትምህርት ማስረጃ ላይ የዘመኑን ቴክኖሎጂ በመጠቀም ከፍተኛ ውጤት ያስመዘገቡ በማስመሰልና በመቀየር እንዲሁም በዩኒቨርሲቲው ስምና ሎጎ ያልተማሩበትን ዲግሪ ይዘው የማጭበርበር ተግባር ላይ የተሠማሩ ግለሰቦች መኖራቸወን አረጋግጫለሁም ብሏል። ወደ ፊትም በዚህ ተግባር የሚሠማሩ ቢኖሩ ለሕዝብ የማጋለጥ ሥራ በተከታታይነት እንዲሠራ ዩኒቨርሲቲው መወሰኑንመ ገልጿል። ከታች በቀረበው ዝርዝር መሰረት የሐሰተኛ ማስረጃ ማጣራት ሪፖርት ላይ ስማቸው የተጠቀሱ ግለሰቦች በእነዚህ የትምህርት ማስረጃዎች በየትኛውም ተቋም ቢቀጠሩ ማስረጃዎቻቸው ሕጋዊነት የሌላቸው መሆኑንም ዩኒቨርሲቲው አስተራውቋል ስል ኢ ፕ ድ ዘግቧል::
Show all...
Hawaasni Oromoo Minisootaa rakkoon nageenyaa fi siyaasaa Oromiyaa keessa jiru marii nageenyaan akka furamu gaafate. ==== Hawaasichi haala yeroo irratti erga maryatee booddee ibsa baaseen, jijjiiramni Itoophiyaa keesaatti dhufe rakkoo uummata Oromoo kan fure otoo hin taane inumaa kan hammeesse ta'uu himeeti jira. Dhiittaan mirga namoomaa hammaataa fi rakkoon nageenyaa hamaan uummata Oromoo mudachuu eeree, waraanni waggoota shanan darban Oromiyaa keessa ture gaagama'a hamaa geessisuu hawaasni Oromoo Minisootaa beeksiseeti jira. Hooggantoonni siyaasaa Oromoo olaanoon, hayyoonnii fi hooggantoonni hawaasa siiviikii hedduunis hidhamuu akkasumas waajjiraaleen dhaabbilee siyaasaa Oromoo cufamuu eereeti jira. Miidiyaaleen Oromoo akka cufaman taasifamun dhugaan Oromoo akka dhokatu taasisuus hawaasichi himeeti jira. Hawaasichi rakkoo sabni waggootaaf keessa turee fi haala yeroo jiru irratti tibbana marii taa'uu eeree, waltajjii kana irrattis kallattiiwwan furmaataa kaa'uu eereeti jira. Haaluma kanaan qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo Oromiyaa furuuf tarkaanfii akka fudhatu gaafannaa jedheeti jira. Walitti bu'iinsi kutaalee Oromiyaa mara keessatti saffisaan akka daabbatu kan gaafate Hawaasni Oromoo Minisootaa, mariin nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti jalqabame firii akka argamsiisu abdannaa jedhe. Rakkoo Oromiyaa keessa jiru karaa nagaan furuuf tattaaffii taasifamu akka tumsu Hawaasni Oromoo Minisootaa himeeti jira. Mootummaan Itoophiyaa fi dhaabbileen tola ooltummaa biroon namoota Oromiyaa keessatti buqqa'anii jiraniif gargaarsa akka dhiheessan hawaasichi gaafateeti jira. Kana malees namoonni qe'ee isaanii irraa buqqaafaman gara qe'ee isaaniitti deebi'anii jireenya idilee akka jiraatan mootummaan haala mijeessuu qaba jedhe. Dabalataanis mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa hidhamtoota siyaasaa mara saffisaan akka hiikan Hawaasni Oromoo Minisootaa yaamicha dhiheesseeti jira. Mootummaan Itoophiyaa yaadota walmorkan hundaaf dirree siyaasaa banaa taasisuun, bilisummaa sochii dhaabbilee siyaasaa Oromiyaa kan gaafate hawaasichi, mootummaan Itoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa akka dhaabuu fi qaamni walabaa akka qoratu gaafateeti jira. Ameerikaa dabalatee hawaasni addunyaa dhiibbaa gama isaa akka taasisu Hawaasni Oromoo Minisootaa yaamicha dhiheesseeti jira. Namoonni dhuunfaa, dhaabbileen miidiyaa fi dhaabbileen garaagaraa haasaa jibbiinsaa fi duula ololaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa jiran gochaa isaanii irraa akka ofqusatan hawaasichi hubachiiseeti jira.
Show all...