cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

OROMIYAA MEDIA🌍

Show more
Finland2 850The language is not specifiedNews & Media37 685
Advertising posts
959Subscribers
No data24 hours
+37 days
+2130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Waraana Israa'el- Gaazaa: Yuniversitoonni bebbeekamoo US mormii jabaan raafamaa jiruApril 23, 2024 https://abdiisabaamedia8.wordpress.com/waraana-israael-gaazaa-yuniversitoonni-bebbeekamoo-us-mormii-jabaan-raafamaa-jiruapril-23-2024/
Show all...

Maalaawiin lammiilee Itiyoophiyaa 11 hidhaa fi hojii humnaa cimaan adabdee jirtii Maalaawiin lammiilee Itiyoophiyaa 11 seeraan ala gara biyya ishee seenan hiitee jirti. Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Mazuuzu akka ibsetti lammiileen Itiyoophiyaa seeraan ala Maalaawii seenan, seera immigireeshinii keewwata 21/1 cabsuun Maalaawii seenan jechuun himataniiru. Godaantota 11 keessaa 7 isaanii paaspoortii osoo hin qabatin torbee darbe qarqara galaanaa Hangalawe aanaa Karoongaatti to'annoo jala oolaniiru. Godaantonni torban kun hojii cimaa waliin hidhaa ji'a lamaa itti murtaa'eera. Lammiileen Itiyoophiyaa afran hafan ji'a tokko keessatti biyya gadhiisani akka bahan kan taasifamu yoo ta'u, yeroo ammaa mana hidhaa Maazuzuu keessa jiru. Dhiheenya kanas baqattoota Itiyoophiyaa 52 biroo Maalaawii keessatti seeraan ala daangaa ce'aniif murtee kennitee turte. Hojiin humnaa cimaan lammiilee Itiyoophiyaa irratti murtaa'ee kun, hidhamtoonni yeroo mana hidhaa keessa jiraatanitti mana fincaanii qulqulleessu, hojii humna fi hojiiwwan biroo akka hojjataman kan taasifamaniidha. @ABDII_SABAA_MEDIA
Show all...
#Ibsa_Gaddaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti barataa Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Muummee ‘Nursiingi’ waggaa 2ffaa kan ture Maahir Abdallaa Aadam dhibeen tasaa isa muudatee yaalamaa osoo jiruu du'aan addunyaa kanarraa boqateera. Yuunivarisiitiin Odaa Bultum du’aan boqachuu barataa Maahir Abdallaa Aadamitti gaddi cimaan kan itti dhaga’ame ta’uu ibsaa, maatii, firoottan, hiriyootafi barsiisota isaa maraaf jajjabina hawwa. @ABDII_SABAA_MEDIA
Show all...
Repost from ABDII SABAA MEDIA
#Tiktok Tiktok Ameerikaa keessatti cufamuuf Manni maree bakka bu’oota ummataa Ameerikaa "TikTok" US keessatti dhorkuuf sagalee kenneera. Manni maree bakka bu’oota uummataa dhimma #TikTok irratti sagalee 360 ​​kennuudhaan, dhaabbata ByteDance jedhamuun kan hoogganamu Tiktok dhaabbata Ameerikaa tokkotti yoo hin gurguramnee fi hariiroo Chaayinaa waliin qabu hin kutu yoo ta’e guutuu Ameerikaa keessatti akka cufamu murteesse. "TikTok" US keessatti fayyadamtoota miiliyoona 170 ol qaba. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman Website: ABDIISABAAMEDIA.8wordprsse.com
Show all...
Repost from ABDII SABAA MEDIA
#Ibsa ejjanno barattota harargee. #Share waliif godha Dhimmii omishaa jimaa ummaata harargeetif dhimma jiraachu fi jiraachu dhabuuti nuti barattonni harargee hawaasa keenya kan midhamaa jiru callise hin ilaalu jechuudhan ibsa ejjanno armaan gadii kana baase jira. 1.Guyyaa Roobii ( arbaa ) irra egaale lagannan gabayaa omishaa jimaa akka egalamuu namni tokko Abbaa jimaas tahee daldalaan kamuu jimaan isaa deemu yoo arkamee tarkanfii irratti fudhatamuuf itti gafaatamumma mata isaati. 2 motuummaan nannoo oromiyaa dhimma kana ummaata keenya irra hatattamaan akka kaasu. 3.Abbotin qabeenya ummaata keenya motuummaa wajjin Wal tahani saama jiran akka irra ofqusatan kabajaan gaafanna. 4 Hiriraa gudda mormii kan waan kana balaaleyfatuu harargee hunda keessatti akka gaggeefamu cimsinee akekkachiifna. 5.Warren dafqa qotee bulaa kenyaa siyaasaf itti fayyadamuu barbaddan harka keessan akka sassabbattan isiin akekkachiifna. ***** Nuti barattonni harargee ibsa ejjanno kana akka baafnu kan nu dirqamsiise ummannii keenya osoo qabuuti rakkatee qabeenya Isa bira beelawe Ummaata keenyatu ijolleen isaa jalatti beeloyte Ummaata keenyatu akka tahu dhabee kadhaaf Kara irratti bahee fuula dhabbatee. Ummaata keenyatu ijollee barsiifachuu dadhabee Ummaata keenyatu rakkoo hamaaf saxilamee. Ummaata keenyatu biyyarra godanee. Obboleeyyan keenyatu sababaa kanaan biyyarra godanee biyya ormaatti gidiraa arkaa jira. Obboleeyyan keenyatu sababaa kanaan hiree isa irra abdii kutatee Obboleeyyan keenyatu sababaa kanaan nama gad tahee jiraacha jira. Shamarran keenyatu sababaa kanaan magaala irratti godaane durriyyeen itti taphacha jirti. Shamarran keenyatu sababaa kanaan biyya ormaatti godaante bahara keessatti qurxummiin nyaatama jirti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡
Show all...
Maallaqni mana Mubarik Musamatti deggersa uummata Walloof walitti qabame, 2,434,080.00 ( Miiliyeenni lamaaf kumni dhibba afuriif Soddomii afurii fi birriin sadeetamni) lakk. herregaa Ustaaz Raayyaa Abbaamacca irrattu galii godhameera. Mubaarak-faan imaanaa isaanitti kenname harka Ustaazotaatin ga’aniiru, Waaqnis ustaazotaaf laaffisee ariitiin karaa fi haalli isaaniif qajeelee uummata keenya bira akka ga’uuf isaan haa milkeessu🖤❤️🤍 Ulfaadhaa Galatoomaa🙏 http://t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡
Show all...
Repost from ABDII SABAA MEDIA
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hidhaa gaazexeessitootaa fi dhimmoota biroo gaazexeessitoota waliin akka mari’atan gaafatamaniiru. Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hidhaa fi dararaa gaazexeessitootaa irratti yaaddoo qaban ibsuun, rakkoo dhaabbileen miidiyaa mudatan irratti dhaabbilee miidiyaa fi gaazexeessitoota waliin marii akka taasisu Manni Maree Miidiyaa Itiyoophiyaa gaafataniiru. Manni Maree Miidiyaa Itiyoophiyaa marii walduraa duubaan MM Abiy kutaalee hawaasaa adda addaa waliin taasisan ilaalchisee kana kan gaafate yoo ta’u, gaaffii marii kana torban sadii dura Waajjira Muummicha Ministeeraatiif dhiyeessuun deebii eeggachaa akka jiru Dooyichee Veellaan gabaaseera. Manni marichaa dhiheenya kana yaa’ii waliigalaa isaa kan gaggeesse yoo ta’u, dhaabbilee miidiyaa, waldaalee ogummaa fi miidiyaalee interneetii fi hawaasaa 80 ol kan of keessaa qabu; Ministirri Muummee kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii taasisaa osoo jiranii waggoota 6n darbaniif ogeeyyii miidiyaa fi gaazexeessitoota waliin rakkoo damichaa irratti mari’achuu dhabuu isaanii yaadachiisaniiru. @ABDII_SABAA_MEDIA
Show all...
2
Iraan yoo Israa'el haaloo baate haleellaa guddaatu eeggata jechuun akeekkachiifte Iraan Dilbata har'aa Israa'elitti akeekkachiisa ergite. Akkas jette Iraan, haleellaa kanaan dura ta'ee hin beekne daangaa Israa'el keessatti raawwanneef deebii kennuu hin qabdu. Yoo kan deebii kennuuf yaaltu ta'e, tarkaanfiin itti aanu kana caalaa cimaa ta'a. I/Gaafatamaan waajjira Ajajaa waraanaa Iraan M/J Mohaammad Baagerii miidiyaa mootummaa biyyattiif Israa’el yoo deebii kennite deebiin Iraan kan barii har’aa raawwaterra ‘’guddaa ta’a’’ jedhan. Iraan dabalataan Waashingiteniinis kan akeekkachiifte yoo ta'u, Israa'el akka haaloo baatuuf deeggaruun buufataaleen US gara irratti xiyyeeffatamuutti geessa jette. Madda:- BBC SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman Website: ABDIISABAAMEDIA.8wordprsse.com
Show all...
Hordeefftoota Amanta Muslima adunyaa hundan   Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa baga geessanii Duraan dursee kabajamtootni hordoftoota Amantaa Islaamaa Adunyaa hundaa keessaatti argaman  baga Ayyaana Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa nagaan geessani! Iid Mubaarak isiniin jechuun barbaada. Raamadaanni mallattoo tokkummaa fi obbolummaati. Baatiin Raamadaanaa ji’a araaraa fi dhiifamaati. Raamadaanni baatii waloomaa fi arjoomaati.  Baatii kana  keessa namni dhiifama waliif gochuun, qabeenya horaterraa sadaqaa kennachuudhaan rakkataa kan itti gargaaruufi guutummaatti Rabbiisaatti of kennuun kan dabarsuudha. Ayyaanni Iid Al-Faxirii Ayyaana guddaafi kabajamaadha. Guyyaan Iidaa kun wal deeggaruun, wal eebbisuunii fi gammachuudhaan kabajama. Ayyaanni Iid Al Faxirii hordoftoota amantichaa gidduutti walitti dhufeenya cimsuurra darbee amantaawwan biroo gidduutti wal kabajuuniifi wal danda’uun akka  jiraatu taasisuufi duudhaa waliin jireenya hawaasa keenyaa dagaagsuudhaan obbolummaafi tokkummaan dagaagee, ollaafi ollaan wal eebbiseefi wal gaafatee kan waliin dabarsu guyyaa eebbifamaadha. Ayyaana kana yeroo kabajnu araara, dhiifama, tokkummaa fi nageenya labsuun ta'uu qaba. Ayyaana guddaa kana yeroo kabajnu nageenya magaalaa keenyaatiif waardiyyaa dhaabbachaa tokkummaafi wal jaalalaan akka waliin kabajnu dhaamsa koon kabajaan isiniif dabarsa. Ayyaanichi kan obbolummaa keenya itti cimsinu, kan itti waliif yaadnuufi wal kabajnu akkasumas duudhaa jaalala biyya keenyaa itti cimsinuufi badhaadhina hunda galeessa itti mirkaneessinu akka nuuf ta'un hawwa! Warra baranaa kan bara egeree nu haa taasisu! Iid Mubaarak! SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡 MIIDIYAA t.m/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman Website: ABDIISABAAMEDIA.8wordprsse.com
Show all...
ABDII SABAA MEDIA

👉

https://youtube.com/@abdiisabaatube

Https://x.com_abdiisabaa04 Channels telegram 👉

https://t.me/+oPeCGZZEhfswOTJk

Hordeefftoota Amanta Muslima adunyaa hundan keessatti argaman hundaan Iid Al-Faxirii waggaa 1445ffaa baga geessanii
Show all...