235
订阅者
+124 小时
-17 天
-230 天
帖子存档
Dhaloonni ammayyummaa FI technology dhaan liqimfame kun gaggeessitoota,barsiisotaa FI raajota ,pasteroota Kan hin dhageenyee FI hin abboomamnedha.Kana irraa Kan ka'e waldaan kiristaanaa humna ishee ol waan ta'eef hoolota waaqayyoo keessumaa dargaggoota gadhiisiitti dhiifteetti.Kaleessa dargaggeessi kiraaraa baatu har'a kiraaraa isaa Fanniseera,kaleessa dargaggeettiin faarfattu sun har'a mucummaan irraa badee bifa garbummaan bakkee keessa joorti.Hunduu calliseera,badisa keessatti ilaallee walbira darbaa jirra,baduu dhaloota kanaatti eenyutu gaafatama? Tikseen akkuma hoolaa gattetti gaafatamtu namoonni itti gaafatamummaan mana waaqayyoo isinitti kenname gaafatamuuf jirtu.Maal godhan? Oldeebinee yaadanna,pasterichi Maal godhe,humna isaa ol dhaloota ta'an Sana callisee hin dhiifne,hirmaannaa waaqayyoo gaafate, waaqayyoos kiyyoo inni ittiin didaa qabu itti kenne.Tajaajiltoonni waldaa kiristaanaa keessatti Kennaa garagaraan waaqayyoof hojjechaa jirtan,Yoo nuyi waaqayyoon kadhanne,biyya badaa jirtu,dhaloota mataa jabaatee badaa jiru kana mul'ata oolchu nuuf in kenna. Waaqayyo gaggeessitoota Akka paster waldaa Australia nuuf haa baay'isu.kan hafe itti guutaa 🙌
Dhugumaanu Dubistuu malee irraa hin darbini
#Koottaa waldaa keessan awwaalladhaa!"🥹🥹🥹😭
✍️ Readers be Leaders
.........
Biyyi isaa biyya Australia ture. Pasterii church guddaa tokkotti mindeeffamee hojjetutu ture. Amantoonni waldaa Sanaa namoota baay'ee Waaqayyoon jaalatan ,isaafis Kan of Kennan turan.Yeroo booda Qaroominnii fi ammayyummaan dhufee akkuma dabalaa deeme amantoonni qabaa qaroominaa wallaaluurraa Kan ka'e ittiin liqimfamuu jalqaban.Qooda qaroominatti fayyadaman qaroominnii isaaniiti fayyadame, tokko lamaan amantoonni waldichaa galaanaa FI dukkana ammayyaa Kanaan nyaataman.Garaan kaleessa waaqayyoof qaban, Waaqeffennaan hafuuraa in bade . Namni qooda Waaqayyo wajjin yeroo dabarsu technology, social media wajjin yeroo dabarsuu eegale.Amma Waaqni isaanii namtolchee ta'eera. Macaafni qulqulluu "garaan isaanii waaqayyo isaaniiti" jedha.Fil3:19.
Pasteriin kun tokko tokko isaanii personally manaa manaatti argatee haasofsiisuuf yaale , Kanas yeroo baay'ee irra deddebi'ee raawwate garuu namni waldaatti deebi'e tokko hin argamne, dadhabbiin isaa bishaan dhuge. Keessa ba'ee amantoota bira darbee tajaajiltoonni waldaa Sanaas hafuura Kanaan liqimfaman. Dhumarratti waldaan sun pasterii waldichaa irraan Kan hafe qullaatti ta'e, teessuma qofatu achi keessa Jira. Waldaan in cufame, guyyaan sambataas hin dagatame. Pasteriin kun qofaa isaa dhaabatee waldicha keessatti hafe. Gaaftokko, Waa'ee amantoota badan kanaaf Waaqayyoon kadhachuuf soomaaf sagada qabate. "Maaliin godha? Saba kana adaraa natti kennite, garuu badaniiru, falan dhabe, Maal Jetta? "Jedhee waaqayyoon gaafate.Waaqayyo immoo in dhaga'a, in deebisas mitiiree! Eenyutu waaqayyoon barbaadee dhabe? Waaqayyo paster kanaaf mul'ata kenneef.Mul'atichi akkas ture #"Waldaan keessan duuteetti koottaa awwaalladhaa jedhii beeksisa baasii!" jedhen. Akkuma waaqayyo isa abboometti guyyaa gaafa akkasii waldaa keenya awwaalla waan ta'eef miseensa waldaa kanaa Kan ture tokko illee Akka hin hafne jedhe beeksisa baase. Namni Nama aawwaaluutti beeka malee waldaa aawwaaluutti waamamee dhaga'ees hin beeku.Dubbiin kun xinnaa guddaatti gaaffii ta'e, hunduu maal argina jedhee guyyichi yoom nuuf ga'a jedhee obsa dhabe,. Guyyaan jedhame in ga'e, amantootni kaleessa badanii Turan, xinnaadhaa hamma guddaatti , kana qofa osoo hin taane warri hin amanne iyyuu akka itti waldaan awwaalamu ilaalla jedhanii buqqa'anii dhufan. Akka aadaa biyyichaatti namni gaafa du'u, reeffa sanduuqa banaa keessa godhanii namni hunduu hiriira galee yeroo dhumaaf Fuula namicha du'ee sanduuqa keessatti ilaalee 'Nagaatti👋 'ittiin jedhee ababoo awwaala isaa irra buusee darba. Haala Kanaan sirni awwalchaa raawwatama. Namoonni haaluma Kanaan waldaa aawwaaluuf qophaa'anii dhufan. Waaqayyo mul'ata pasterichaaf kenne keessatti itti fufee, "daawwitii bitiitii sanduuqa reeffaa keessa kaa'i , Sana booda akka awwaalan godhi! " Jedheen. Pasterichi akkuma ajajame godhe. Namoonni toora galanii reeffa waldaa sanduuqa reeffaa keessa ilaanii Nagaa itti dhaamanii awwaluuf eegalan.Yeroo sanduuqa keessa ilaalan daawwitiitu Jira, daawwitii keessa Yoo ilaalan ofii isaanii argan, eenyuun awwaluu eenyuttis nagaa haa dhaaman ree, reeffi isaanitti mul'ate mataa isaaniiti, Innis sanduuqa reeffaa boolla awwalchaa keessattidha. Inni hiriira jalqabaarra jiru waan ta'e kana argee waldaa seenee jilbeeffatee boo'ichaan of dhiqa. Warri duubarraa immoo Maal argina jechaa itti adeemu, namni dhufe hundinuu of awwalee ofiisaattis Nagaa dhaame. Otuu ilaaluu eenyutu awwaalama ree, sabni dhufe hunduu waldaa ofii banatee Akka horiitti mar'atee boo'e😭😭 garuu eenyuuf?
Pasterii waammatanii,"mana keenyatti hin deebinu, waaqayyoon araara nuuf kadhadhu!" Jedhan.Pasterichi in kadhateef, Waaqayyo laphee dhaloota Sanaa in qulleesse,sabni sun ergasii waldaa keessaa hin baane, deebi'es amantii isaa hin buufne.Maal hubattan❓
Har'a ollaakee jira garuu na hin barbaaddu, har'a si faanan oola garuu na hin dubbistu, har'a sirraa liqeeffachuun dhufa garuu naaf hin liqeessitu, har'as guyya guyyaan na agarta garuu Eenyu akkan ta'e hin beektu. Har'a gaarii baay'ee siifin godha ati garuu hamminakoo qofa odeessita, har'a baay'ee fiigaan jira ati garuu na sakaaluuf gamta, Garuu Garuu Garuu .....
👉Guyyaan ati na barbaacha fagoorraa dhuftu jira
👉Guyyaan ati asi achee fagooti isa na argitellee akka nama na faana oolee buleetti haasa'aattullee ni jira
👉Guyyaa ati otoo fageenyaa KM 600 ol wal irraa fagaannuu mucaa ollaakooti jettu ni jira.
👉Guyyaan ati suura waliin kaanee beeknu nama nama harkaa barbaaddattee dhabdu jira
👉Guyyaan ati Friend social media ko ta'uu screen shot godhattee agarsiifattu dhufuuf jira
👉Guyyaan ati chat ani siif barressee screen shot gootee profile fb ke godhachuuf jettu dhufaa jira
Guyyaan ati maqaakoo qofaa odeessaa ooltu dhufuuf jira
👉Guyyaan ati nama na faana wal beeka jedhame hunda faana hiriyyummaa Uumtee hiriyyoonnisaa hiriyyootakooti jettu ni jira
👉Guyyaan ati Gaarummaakoo qofa malee hamminakoo odeessuu hamilee dhabdu ni jira.
👉Guyyaan ati otoon Waan hamaa godheellee gaarii qofaatti hiikkattu jira.
👉Guyyaan ati akka nama na beekuutti inni nama akkas akkasiiti ture jedhani jettee akka nama na beekuutti waa'eekoo namatti haasa'a ooltu jira
👉Guyyaan ati Maaltu sitti hir'ate maaliin si gargaaru jettee waanuma xiqqollee yoo ta'e maqaakootiin gootee akkas godheera jettee haasa'uuf onnattu ni jira, ani garuu har'a waa sirraa hin barbaadu, ati garuu isuma isa yeroon fiigaa ture na sakaaluuf fiigaa turtedha, har'a si harkaa baahee na qabuu dadhabde jennaan na deeggaruuf olii gadi fiigda, Yeroon deeggarsa barbaadutu har'a miti galii rafi.
👉Guyyaa ati nama ani maqaasaa dhahe akka waan inni bakka guddaa gaheetti yaaddu jira.
Guyyichis guyyaan bakka guddaa gahe, guyyaan iddoon har'a sammuukootti yaadaa jiru sana gahe, guyyaa oolmaankoo lafa ati gahuuf sammukeetti yaaddee hin beekne ta'e sanadha.
ANIMMOO GAAFAS SI HIN BEEKU.😁🙏
Kanan kana hunda barreesse ofiikoo qofaaf miti siifisidha, har'a maal keessa jirtaa? Barreeffamni kun sinis si ibsa, bor ati iddoo har'a kana hin jirtu, cimtee hojjette jennaan iddoon amma jedhe kana ni geessa, hamma namni harka Afaanirra kaawwatuttu Ardiirra darbitee Addunyaa iyyuu Afaan qabachiista.
Jabaadhu oduu hin dhaggeeffatiin.
Imallikee gara funduraatti haa ta'u, Asumaan barreeffama kana screen shot godhadhaa guyyaa raawwiusaa eegduuti.
Hin dagatiin immoo isa ati naan jette nan yaadadha, isa gaafan beela'ee, isa gaafa ati waa naan jettee, isa gaafa ati waa natti maltee, isa gaafa ati akkan tarkaanfii dhaabuuf waan baay'ee gootee, isa gaafa ati gaariikoo tokkollee hin haasnee.... hin yaadda'iin nan yaadadha jechuun siif hin dhiisne jechuukoo miti, siif dhiiseeraa garuu hin daganne jechuukooti malee.
Nyaadhu nyaadhu herreegi na biradha.
Bara dhugaan Baddee sobni Bakka Buute
Bara Ilma namaa Jalluufi cubbuun Guute
Bara fooniin male Hafuuraan lubbuun Duute
Bara Nami Hantuun Guutame Hojii Damsaa dhiisee
Bara Kiristaanni Hafuuraan jigee Dalla ciise
Bara dhugaa dhoksee Nami sobaan Daldalu
Bara Nami dhugaa dhoksee Sobaratti wolii galuu
Bara Nami Birrii jedhee Lubbuu wolii qaluu
Dhufa yesuusiiti dhiyaate fakkaataa
Guddoo keessa ho'ee Barichi hin hammaataa
Nami Buddeena adhaatiif jedhee wol ciree nyaataa
Dhugaa si dharraanee Eessa jirta laataa🥹
Bara dhugaan Baddee sobni Bakka Buute
Bara Ilma namaa Jalluufi cubbuun Guute
Bara fooniin male Hafuuraan lubbuun Duute
Bara Nami Hantuun Guutame Hojii Damsaa dhiisee
Bara Kiristaanni Hafuuraan jigee Dalla ciise
Bara dhugaa dhoksee Nami sobaan Daldalu
Bara Nami dhugaa dhoksee Sobaratti wolii galuu
Bara Nami Birrii jedhee Lubbuu wolii qaluu
Dhufa yesuusiiti dhiyaate fakkaataa
Guddoo keessa ho'ee Barichi hin hammaataa
Nami Buddeena adhaatiif jedhee wol ciree nyaataa
Dhugaa si dharraanee Eessa jirta laataa🥹
Isaac Dera Miimmii Gololchaa Badhatu Markos Maatii Haroo Kiyya Shuga Gobana
Birhanu Dharo
Hayi Biyya lafaa Gubbaan ke Bareeda Qalbii Nama fuutaa
Ofitti Nama harkicha suutuma suutaa
Worra siin Michoomee Adeemsuma keessa quba Irraa Cirtee affeeratta qubee
Meeqa kasiin firee Adoo hin hubatin jireenya Ifii Gubee
Galatikee yoo jiraate Funyaan namarraa fuutee shittoo Nama affeertaa
Meeqa Ilkaasaa Guurtee Kollafa Affeertee Itti Taphatteettaa?
Dhage'i Biyya lafaa Nusi keessa jirraa Garuu Wol eeganna wolti hin qannu ooltii!
Jiruun siin wolii Xumurrisii Badii silaa Eennuu mijoottii
Nummoon Guyyaan tokko Dhufee nu Guurataa Hoolichi Ilmi waaqaa Hin turru sikeessaa
Inni Addee Nuu qabeera Gara midda Abbaa Guuratee nu geessaa
Me Gaaffiisi Gaafadhuu ati jireenya Beettaa?
Me adoo si gaafatanii ati Garam akeetta?
Jireenya jechuun kun woma adha nyaattuu
Yookiin mana Ijaarrattee keessasaa jiraattuu?
Na caqasi lam Wonni addunyaa kana Lafa tanaa olii Gubbaa Tanaa Gadii
Jira fakkaata male xumurrisaa Badii
Wonni Addunyaa kanaa Marti Waan taraatii Iyyesuus kiristoosi Abdii Bara baraatii
Akka Nuuti hin jiraanneefi Adoo dhufuu Gufuunii
ARAARA WAAQAATIIN JIRAATANII DHUFUUNI
BAGA ITTIIN ISIN GEYE BAGA WOLUMAAN GEENNEE
OOLMAA WAAQ NUU OOLE HIN FINDHU DANDEENNEE
ADOO GAAFUU DU'UU BACAASAA NUBIRAA
WAAQANNU GARGAARE NU TOLCHE NAMA JIRAA
WAAQA GALATEESSAA WAAN ADHA GEETTANIIFII
AYYAANA DAMSAA TE'UU HINDA KEESSANIIFI
HANGA BAKKA GALMA KEETII GEETTUTTI
DUUBAFI CINAAKE HIN ILAALIN GARA DURAA QOFATTI XIYYEEFFADHU
Ee waaqa Nu BAASI LAFA DHUTTEE FARRI
Addunyaan wol makee maanti DEEMA BARRI
Sobi Lafa guutee dhugaan ADDEE DHADDEE
Jaalti dhugaa Lafa keessaa Baddee
Waldaan kiristaanaa Biyya lafaa te'ee
Alaafi keessalleen wol makatee le'ee🥹
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
