无数据
订阅者
-324 小时
-157 天
-6130 天
帖子存档
Goolabbii dubbii tiyyaatiif barruu Jawar { Boqonnaa Qabsoo Oromoo } ja'ee barreessee gara Facebook isaas gama media OMN dabarse PDF dhaanis maxxanee jiru kan dubbisin akka dubbiftan isin affeera kan arkatin anaas gaafadhaa isiniif ergaa sadarkaa qabsoon Oromoo gubbaa jirtu xumuree lafa kaayee jira waan ta'eef.
#Waan_Waliin_Dhabne_Malee_Waan_Irratti_Wal_Dhabne_Hin_Qabnu
Tokkummaan Humna Guddaa Injifannoo Oromooti
Ilaalcha siyaasaa gara garaa qabnuun wal jibbaa keessaa baanee fuul-dura ummata Oromootiif waliin tokkoomaa hojjadhaa isiniin jannan.
Waan dubbiftaniif galatoomaa yaanni koo yoo isinitti Tole share godhaa.
@BIIFTUU_SABAA
Ijoo Dubbii Dr. Abiy Ahmed Ali Maal Jedhee.!
Ajaa'iba ture.!
Haasaan Dr Abiy raajii ture specially qabsaawota Oromootiif ergaa guddaa qaba ture akkana ja'e. Yaahaadig ykn wayyaanee keessa seennee cabsine akka isaan itti caphanitti qaamni kamuu nun cabsu waan beeynuun kun siif gala mitii? Jarri nun cabsu nuti yoo wal afaan deebines akka kaleessaa wanni milkaahu hin jiru kanaaf ilaalcha duubatti hafaa gattanii waliif abboomuun haa deemnu akka waan ja'uu fakkaata.
Inni biraa ammoo ijoollee bosona jirtuuf dhaamsa dhaame ykn warra bitaaf innis kana ture dhaabbilee akka manneen barnootaa mana yaalaa waajjira mootummaa fkkf mara diiguun wallaalummaadha maaliif jennaan biyya kanatti yoo mootummaa taate haaraatti waan harka keetiin balleessite deebitee ijaaruuf kadhaa fuula namaa dhaabbatta ergaan kunis gad lallaalan mixiin ija qabdii sani.
Inni biraa ammas kaabineef dhaamsi dhaamame Innis akkana ture. Nama tahi ummata wajji boohi ummata wajji kolfi ummata wajji rakkadhu ummata wajji badhaadhi nama tahi suufa uffattee konkolaataa duuba teeysee hulaa namni sirraa banee ajjaabiin if rakkisuu dhaabi nama tahi boru gaafa hojjachuu sababa dhabdeef sikaafne nuti akkana yaannee turre jechuun hiikan qabu yaadde osoo tahee carraa siif kennametti fayyadamtee hawaasaaf hojjatta ture ja'een dabalees
Inni adaamaa jirtu akka itti Finfinnee boolee seentu yaaduu dhiiftee akka adaamaa itti boolee fakkeessitu irratti hin hojjattu taanaan atis karaa qabatta ergaa walii galaa hoggantootaati kaabineef kan dheengadda dhaamame.
Kan biraa ammaas isan durarra kaase sanittin deebi'a akka ilaalcha kiyyaatti jechi Dr Abiy ja'e sun directly warra siyaasaa Oromoof dhaamame jechuun waliin taanee haa hojjannuu malee akka wayyaanee taankiif baankii waahundaan if ijaarte waggaa 30 deemte kuftetti keessa waan beeynuuf haala saniin kan nukuffisu abadan hin jirus hin jiraatus ja'e kana jechuun warri isa kuffisa ja'ee yaadu ykn ammoo sagalee hawaasaa qaban ja'ee yaadu dhaabbilee siyaasaa Oromoo malee taan hunda karaa qabsiise waan taheef ergaan kun waan isaan ilaallatu natti hin fakkaatu warra keenya malee.
Kanaaf wantoota ijaan arkaa jirru baayyeedhaan wantoonni saba keessaa baane fakkaatu tan dhiigaaf lafee lubbuun itti dhabame hedduun mumullachaa jiraattus gamtaa dhaba dhaabbilee siyaasaa Oromootiif hundi milkaawaa hin jiru kanaaf wantoonni adeemsaan sirratan baayyeen jiraatus fedha keessaniin fedha mootummaatiin wantoota ammatti hin mijjanne booddeetti qabadhaatii waliigaltee uumaa akka warri diina keenya dhaabbataa jaarraa mooyyee/sanduuqa tokkotti walitti qabanii { ye onag mangist ye onag sarawit} makkalaakiyaa dabalatee isa Oromummaa himatu hunda diina godhatu kanatti ija laaffadhaa waliif abboomaa waan sabaaf tahu irratti waliin hojjadhaa.
Dhugaa kana hin dagatinaa ammoo dhaabbileen siyaasaa Oromoo hayyoonni Oromoo beeytonni Oromoo paartii kamuu keessa jirtan hoggansarras jirtan ummanni keenya gatii waggaa shanan darban kana kaffale kana itti gaafatama jalaa akka hin baane sababa keessan ummanni gatii kana mara akka kaffale hin dagatinaa wal tuffii akkamittiin siin hogganama anaatu si hoggana malee kun naan hin malu san malee waliin jechaa keessaniif kanaaf amma kan kutte gundoo tan dhuftuu guddo akkuma ja'amu sana isii dabarte bira kutaatii fuul duratti maal sabaaf goona michooma akkamii uumnaarratti xiyyeeffadhaan dhaamsa kooti dhaamsa Oromooti.
Waggaa arraa xiinxalaan siyaasaa hayyuun Oromoo Jawar Mohammed gaafa galatoomaa addunyaarra deemaa ture dubbate kan Oromoo walin sobnu warra hoggansarra jiran hin tuffatinaa
Nucaalanii dirree qabsoo nuti finnee keessatti nu injifatanii aangoo dhunfatanii kanaaf akka diina darberratti qabsaawaa turretti kan nukeessaa bahetti qabsaawuun hin tahu ja'e kun dhugaa lafa jirtuudha kana Oromoon marti amanee fudhachuu qaba tuffachuu osoon taane tasgabbiin waliin deemuu gaafata..
+1
Gaazexessaa haleellaa Israa'eliin yeroo tokkotti maatii isaa dhabe
~~~~~
Waa'il Dahduh jedhama. Gaazexessaadha. Haadha warraa, ilmaafi intala isaa yeroo tokkotti haleellaa Israa'el raawwatteen dhabe. Maatiin isaa kaan ammoo mada'aniiru.
Taateen kun ta'ee sa'atii tokko booda ''maaltu sitti dhaga'amaa jira?'' jedhanii sagantaa tamsaasa kallattii (Live) irratti isa gaafatan. ''Kan deeme deemeera, karaan keenyas kanuma, garuu kabajni keenya jira, biyyi keenyas jirti, amantiin keenya kan nuti Allaah irraa qabnu jabaan kan bakkaa hin sochoone ni jira'' jedhee deebise.
Rabbi maatii isaatiif jannata haa kennu, kanneen miidhaman haa fayyisu, isaaf ammoo obsa haa kennu. Biiftuu Sabaa Media
https://t.me/BIIFTUU_SABAA
#Oduu_Ammee
Paarlaamaan Liibiyaa yaa'ii gaggeesseen ambaasaaddaroonni biyyoota Israa'el deeggaranii Liibiyaa gadi dhiisanii hatattaaamaan akka ba'an murteesse. Isin ambaasaaddaroonni biyyi keessan yakka duguuggaa sanyii Israa'el lammiilee Filisxiin irratti raawwataa jirtu deeggartu hariitiin biyya keenya Liibiyaa gadi dhiisaa bahaa jechuun murtoo dabarsaniiru. Anadolu wabeeffanne.
Nu hordofaa
https://t.me/BIIFTUU_SABAA
Badhaasa "Baaloon Doorii" bara kanaa eenyutu injifachuu danda'a?
Shaampiyoonaa addunyaa Arjentiinaa Liyooneel Meesiin badhaasa "Baaloon Doorii" bara 2023 akka injifatu maddeen odeeffannoo amanamoo ta'an beeksisaniiru.
Injifataan badhaasa "Baaloon Doorii" Guyyaa wiixataa halkan Faransaay Paarisitti sirna badhaasa kanaa irratti ni ifooma.
Shaampiyoonaa addunyaa Arjentiinaa Liyooneel Meesiin Wiixata galgala badhaasa seena qabeessa "Baaloon Doorii" 8ffaa isaa ni fudhata jedhamee eegama.
https://t.me/BIIFTUU_SABAA
Addunyaa nagaa dhorkaa kan jirtu Ameerikaadha- Chaayinaa
Biiftuu Sabaa : Onkoloolessa 14/2016
Addunyaa nagaa dhorkaa kan jirtu Ameerikaadha jechuun Chaayinaan himte.
Chaayinaan Waraana guddicha ijaaraa jirtu irratti Peentaagoon ibsa faallaa baasuu isaa hordofee Ameerikaan addunyaa irratti ''nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraanne godhaa akka jiru Addunyaa booressuu irratti argamti jechuun Chaayinaan kan himte.
Ameerikaan meeshaa waraanaa yuuraaniyeemii fi boombii kilaastara jedhamu gara Yukireen ergiteetti, gareewwan waraanaafi dooniiwwan fe'umsaa ishee gara Meditiraaniyaaniitti ergitee jirti.
Dabalataanis meeshaa waraanaa gara Israa'elitti ergu irratti kan argamtuudha. Kennaa waraanaa Ameerikaa kana ammoo Israa’eelonni ‘‘kennaa Wangeelaa’’ jechuun ittiin dhaadataa jiraachuu dubbi himaan Ministeera Ittisaa Chaayinaa Wu Qiyaan hasawa guyyaa har’aatiin kan dubbatan.
Peentaagoon humna waraana isaa dandeetti humna waraana Chaayinaa itti madaaluu keessaa waraana hammaan guddaa kan ta’e naannoo Ardii Eeshiyaa fi garba Paasifiik irrati qubachisaa kan jiruudha.
Kun ammoo Ameerikaa keessatti balaa ijoo fi qormaata nageenyaa yeroo dheeraa fiduu danda’a kan jedhan.
Yeroo ammaa kana keessatti Peentaagoon waraana guddaa guutuu addunyaa irratti ijaaraa jira.
Haa ta’u malee humna waraana Chaayinaan ijaara jirtu irratti ammoo qeeqa kaasuu irratti argama.
Beejiing bara 2035tti lakkoofsa waraanaa qabdu dachaa afuriin guddisuuf daandii irra akka jirtu ibsamera.
Dippilomaatiin olaanaa Chaayinaa Wang Yi akka himanitti wal gaarrrffannaa Ameerikaa fi Chaayinaa kana keessatti Xi Jinping gara Ameerikaa deemuun ji’a kana kamisa boruu Joon Baayidan waliin mariin taasisuuf jiran Abdiin eegamaa jira.
Wal gaarreffannaan Ameerikaa fi Chaayinaa bara 2018 irraa eegalee hammaataa dhufee jira. Jalqaba irratti waldhabdee daldalaa irraa kan ka’ee fi ka’umsa weerara dhibee Koronaa yoo ta’u, tarkaanfiin Chaayinaan Xiinjiang fi Taayiwaan irratti fudhatte ammoo walitti dhufeenyaa isaanii hammeesssuuf Sababa ta'eera jechuun TRT World kan gabaase.
Ameerikaan meeshaa waraanaa Doolaara Ameerikaa Biliyoonaan lakkaa'amu Taayiwaanitti gurgurtee jirti.
Dubbi himaan Chaayinaa, akka himanitti ‘‘Ameerikaan walitti dhufeenya waraanaa Ameerikaa fi Taayiwaan cimsuuf sababa kamiinuu deeggarsa waraana taasiisuu hin qabdu, mala kamiinuu Taayiwaan deggaru akka dhiiftu, karaa kamiinuu Taayiwaan seeraan ala hidhachiisuu akka dhiiftu ni gaafanna'' jedhani jiru.
Dubbi himaan Waajjira Dhimma alaa Taayiwaan akka himanitti ammo Chaayinaa Kibxata darbe ibsa miidiyaaleef kenniteen ,gabaasa humna waraanaa Chaayinaa Ameerikaan baafte jedhame kun ibsa dhimma Taayiwaan irratti kenname dabalatee qabiyyee dogoggoraa gosa hundaan kan guutameedha jechuun kan himan.
TRT World wabeeffachuun Waliif TV tu gabaase.
Nu hordofaa
https://t.me/+mIRcTtGUeZwwN2Q0
