#Dogongora_Sadarkaa_Afurii(4)
4 steps mistake 🤷
Gaafa tokko harreefi qeeransa daandiin walitti fidde. Akkuma walitti dhufaniin nagaas osoo walii hin gafaatin falmii eegalan. Ajandaa falmii isaaniis halluu margaa ture. Akka yaada harreetti halluun margaa cuquliisa ture. Akka yaada qeeransaatti immoo halluu margaa magariisaa ture. Tanumaan dubbiin jabaattee, lachuu hanga isaaf danda'amutti walii waliin isaanii amansiisuuf ragaa hanga danda'an dhiyeessuuf yaalan. Kanarraa darbee falmiinis hoo'e.
Boodarratti walii galuu dadhabuu isaanii hubatanii, qaama sadaffaa murtii kennee, walii isaan galchisiisuu akka isaan barbaachisu irratti walii galan. Kanaanis mootii bineensoota bosonaa kan ta'e Leenca bira deemuuf murteessan. Achinis gara leenci jirutti imalan. Kanaanis osoo bosona biraa hin gahiin, bakka Leenci 'dash' jedhee ciisuu fageenyarratti argitee lallabuu eegalte, harreen. "Kabjamoo obbo leencoo, margi cuquliisaa mitii?" jetteenii gaafatte.
Leencis dammaqee bakkaa ciisuu ka'ee, "Eeyyeen, cuquliisa!" jedheeni.
Harreenis deebistee, "Kunoo kabajamoo obbo leencoo, qeerransi 'margi magariisa' jedhee nan falmaa jira. Heddu nan falmee na aarse. Kanaafuu naaf adabaa" jette.
Achin Leencis, qeerransaa waggaa afuriif(4) akka callisu itti murteesse.
Kabajamoo obbo Leencoo, "Margi magariisaa mitii?" Jedhee gaaffii dhiyyeesse qeerransis. "Eeyyee, magariisa!" Jedhe Leencis.
"Kanaafuu maaliif murtee waggaa afurii natti murteessitan?" jedhee gaafate.
"Murteen sitti murtaa'ee halluu margaa waliin wal hin qabatu. Kan sitti murtaa'eef, bineensi akka qeerransaa gamniifi simboo qabeessi, gaafa dogoongora hanga sadarkaa afur hojjatu arguun waan na aarseefin sitti murteessee" jedheeni.
Qeerransiis deebisee, "Kabajmoo obbo leencoo dongoongora sadarkaa afurii eessattin hojjadhe? Ani kanan morme, halluu margaati" jedhee gaafate.
Leencis akkana jedhee deebisef; "
1. Bineensi akka keetii kun harree waliin maaf oola?
2. Erga oole immoo maaf harree faana mormii eegala.
3. Eegalte immoo erga harreen hin amanuu jettee diddee, harree amansiisuuf akkamitti yaalta?
4. Ofii kee, harree waliin hiriyyaa taate, mormiis eegalte, anis akkan harree faana hiriyyummaa eegaluuf, qabde na bira dhufte moo akka harree faana mormii eegaluuf qabdee fidde?" Jedhee qeerransa adabee jedhama.
🏆🏆Animmoo, "Dirreekee filadhun" jedha!
Dirreekee Filadhu!
Galatoomaa!🙏
Via: Dr Abdi