ch
Feedback
Oromo - Positive

Oromo - Positive

前往频道在 Telegram

We give you the best positive quote and life advice's every single day. Stay with us and benefit alot.

显示更多

📈 Telegram 频道 Oromo - Positive 的分析概览

频道 Oromo - Positive (@oromo_positive) 是活跃参与者。目前社区聚集了 15 614 名订阅者,在 商业 类别中位列第 4 376,并在 芬兰 地区排名第 288

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 15 614 名订阅者。

根据 08 七月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -192,过去 24 小时变化为 -19,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 9.36%。内容发布后 24 小时内通常能获得 N/A% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 0 次浏览,首日通常累积 0 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
We give you the best positive quote and life advice's every single day. Stay with us and benefit alot.

凭借高频更新(最新数据采集于 09 七月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 商业 类别中的关键影响点。

15 614
订阅者
-1924 小时
-247
-19230
帖子存档
Namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuu 1. Hiika yaadaa kanaa hubachuu Yaadni “namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuu” jedhu, namoota yeroo rakkoo, dhiphinaa fi yeroo namni biraa si hin hubanne, si waliin dhaabbatan ibsa. Namoonni akkanaa, yeroo gammachuu qofa osoo hin taane, yeroo dukkanaa keessattis si argu; jechuunis, rakkoo kee, miira kee fi dhugaa jireenya kee sirriitti hubatu. Kanaaf jaalalli isaanii ifaa fi dhugaa dha. 2. Namoota dhugaa si hubatan filachuu Namoonni hundi si wajjin ta’uu danda’u, garuu hundi si hubachuu hin danda’an. Namoota si dhaggeeffatan, si kabajan, fi yeroo si barbaachisu si bira dhaabbatan adda baasuun barbaachisaa dha. Namoonni akkanaa yeroo baay’ee baay’ina hin qaban, garuu gatii guddaa qabu. 3. Yeroo rakkoo keessa si waliin dhaabbachuu isaanii Namoonni si jaallatan dhugaan, yeroo rakkoo keessa si hin dhiisan. Yeroo namoonni biroo fagaatan, isaan ammoo si bira dhaabbatu. Kun jaalala isaanii kan dhugaa ta’uu agarsiisa. Kanaaf namoota akkasii beekuu fi kabajuun barbaachisaa dha. 4. Jaalala isaanii deebisanii kennuu Namoota siif dhaabbatan jaalachuun qofti gahaa miti; jaalala isaanii deebisanii argachuu qabu. Akkuma isaan siif dhaabbatan, atis yeroo isaanii barbaachisanitti isaanii bira dhaabbachuun dirqama. Kun hariiroo cimaa fi waaraa uuma. 5. Of ta’anii jiraachuu siif hayyamuu isaanii Namoonni dhugaan si jaallatan, akka ati of taatee jiraattu siif hayyamu. Si hin jijjiiran, si hin dirqisiisan. Akkuma jirtutti si simatu. Kun mallattoo jaalala qulqulluu fi kabajaa dha. 6. Amanamummaa fi iccitii eegu Hariiroon gaariin amanamummaa irratti hundaa’a. Namoonni yeroo dukkanaa si argan, iccitii kee eegu, si hin gurguran. Amanamummaa isaanii kun siif tasgabbii fi nageenya kenna. 7. Gatii isaanii beekuu fi hin daganne Namoonni akkanaa salphaa hin argaman. Kanaaf gatii isaanii beekuu fi yeroo hunda yaadachuun barbaachisaa dha. Yoo isaan dagatte, yeroon boodarra deebisuun rakkisaa ta’a. Kanaaf yeroo isaan siif qaban kabajuu fi jaalala isaanii tikfachuun murteessaa dha. Xumura irratti namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuun, jireenya keessatti murtii guddaa dha. Isaan kun warra dhugaa siif dhaabbatan waan ta’aniif, jaalala isaanii tikfachuu fi kabajuu qabda. 🔑Join🔑   @Oromo_Positive  ♻️share

Namoonni dachee kana irra jiraatan yeroo hunda yaadoota lama maddisiisaa oolu. Kana immoo yoo hirama itti laanne ilaallu:- ❶Namoota Yaada gaarii yaadan (optimistic). ➋Namoota Yaada hamaa yaadan (pessimistic) jechuun hiruun nii danda'ama. Yaadonni nuti sammuu keenya keessatti maddisiisaa Oollu galaa jireenya nuti gara fuulduraatti jiraannuti. Toora milkaa'inaa keessa seenuuf yaadoota gaarii ta'an kan kennaa kee waliin deeman maddisiisuun mala ittin tooricha keessa seenani milkoomaniidha. Har'a yaada nagatiivii ta'an yaadda yoo ta'e bor jireenya ati jiraattu jireenyuma gad-aanaa ta'a jedhuudha. Sababni isaa Sammuu nagatiivii yaaduun jireenya poosatiiviin argamsiisa jedhanii yaaduu irra Samiin dachee ta'i, dacheen immoo samii ta'i jedhanii ajajuutu salphata. Samiin dachee ta'uu akkuma hin dandeenye, dacheenis samii ta'i jenne yoo ajaja laanneef ta'uu akkuma hin dandeenye sammuu nagatiiviidhaan jireenya poosatiivii nuuf gumaachi jechuun amma iyyuu itti ida'uun yeroo keenya qaalii qisaasessuu taati malee fala nuuf hin argamsiisu. 🔑Join🔑   @Oromo_Positive  ♻️share

⏰️ "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa utuu hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne) 👍 Dhugaan jiru jireenya kee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'odha. 📌 Gatii Yeroo Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo hogganuu hin dandeessu, yeroo keessatti garuu jireenya kee hogganuu dandeessa. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yerootti fayyadamuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yerootti fayyadamuun jireenya kee gaggeessuuf murtoo jalqabaa fi olaanaadha. 🕖 🔑Join🔑   @Oromo_Positive  ♻️share

"Harka namaa ilaaluurra, halkan ka'anii hojjechuu wayya," jedhu Chaayinoonni. Dhuguma, ofii cimanii yoo hojjetan, kan argatanis guduunfachuun dirree hojii biraatti yoo ce'an milkaa'ina. Walitti fufiinsaan jabaatanii yoo hojjetan, maallaqa furdaa kuufatu; maallaqni sunimmoo: • Mana akkamii keessa akka jiraattu murteessa. • Gosa nyaataa akkamii akka soorattu murteessa. • Hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an murteessa. • Milkaa'ina ijoollee keef qooda qaba. • Fayyaa fi umurii keessaallee harka qaba. • Tarii yoo dhukkubsattes, eessatti akka yaalamtuu fi dawaa akkamii akka fudhattu murteessa. Kanaafuu aadaa hojii cimaa gabbifadhu! Sooromuuf murteessi! Hiyyummaa hadheeffadhu! Jabaadhuu hojjedhu! 🔑Join🔑   @Oromo_Positive  ♻️share

New Post  See it open  👀 follow tiktok account https://vt.tiktok.com/ZSuVethTd/

New Post  See it open  👀 follow tiktok account https://vt.tiktok.com/ZSux1tV22/

Post 1 See it open 👀 Post 2 See it open 👀 Post 3 See it open 👀 Profile 💥click

Repost from N/a
New post                    Like share ❤️🔥                   ✨follow 👈   ✨follow 👈 ✨follow 👈                

Repost from N/a
⏲ sa'atii muraasa booda ni balleeffama. ➡️As tuquun follow!                  👇👇👇                   🫱 ✨follow 👈  🫱 ✨follow 👈 🫱 ✨follow 👈                  ⬆️⬆️⬆️

Repost from N/a
Thank you 1k Followers ! 🌹                   ⇣ ┏━━━━━━━━━━━━━┓  https://vt.tiktok.com/ZSufJd3nw/ ┗━━━━━━━━━━━━━┛   ⇣ ❤️