ABBI TECH
前往频道在 Telegram
Chaanaalii "ABBI TECH" ✅ Games ✅ APPS ✅ Programming ✅ Tech News ✅ Tech Tips argattu! Want to place ads? Click here: https://telega.io/c/abbi_tech ❤️ Join & Share with your friends! 📥 Contact Us: @Abiti_20. Lencho.et
显示更多4 727
订阅者
-224 小时
-217 天
-9530 天
帖子存档
4 727
Confirmed
Televizhiniin Itoophiyaa karaa Chaanelii "ETv Meznagna" Taphoota Dorgommii Waancaa Afriikaa guyyoota 5 booda jalqabamuu kallattiidhaan akka tamsaasu beekameera. tamsaasuuf akka ta'e beekameera.
EBCn Taphoota Dorgommii Waancaa Afriikaa daawwattotaan gahuuf maallaqa Doolaara Ameerikaa 400,000 akka kaffales dhagahameera.
4 727
update
DSTVn Taphoota Dorgommii Waancaa Afriikaa (AFCON) tamsaasuuf Qaama Dorgommicha Qopheessu (CAF) irraa kallattiidhaan mirga tamsaasuu (TV rights) argachuu dhabus, Dhaabbata Televiizhinii mirga tamsaasuu taphoota Dorgommichaa argate New World TV (NWTV) irraa akka qaama 3ffaatti fudhachuun biyyoota Sab Sahaaraan gaditti jiraniif qaqqabsiisuuf walii galteerra gahuusaanii Hoj gaggeessaan Olaanaa DSTV Reendaanii Raamoovaa fi Daayreektarri NWTV Niimoonkaa Kolaaniin beeksisaniiru.
bu'uuruma kanaan DSTVn Taphoota Dorgommii Waancaa Afriikaa hunduma (52) tamsaasa jedhameera.
via: Super Sport, NWTV
4 727
AI seenaa biraa keessa jira. hojiin artistootaa fi gulaaltota suuraa AI kanneeniin Waan dhuunfatame isinitti hin fakkaatuu? bara 2023 kana ai kun addunyaa akka malee raasaa ture. sadarkaa yaada sammuu kee keessa jiru ai'chatti himtee sekondoota muraasa keessatti suuricha siif maddisiisu irra geenyeerra. maal suuraa maddisiisuu qofa, gama sagalee, ppt, design fi kanneen biroos kan hojjatan hedduutu jira.
Fakkeenyaaf:
✅ suuraawwan dhugaa fakkaatan uumuu.
fkn: Dall-e
✅ sagalee nama tokkoo kan nama biroon jijjiiruu, voice swap.
fkn: voice.ai
✅ haasaa nama wajjiin taasisuufi deebii deebisuu
fkn: chatgpt
✅ presentation hojjachuu
fkn: tome.app
✅ sagalee fi meeshaalee muuziqaa gargar baasuu
fkn: moises.ai
✅ haasaa gara barreeffamaatti (transcription) jijjiiruu, live irratti
fkn: otter.ai
✅ dogongoroota qubee adda baasuu
fkn: grammarly
✅ code barreessuu
fkn: github copilot
✅ automation
fkn: zapier
✅ design
fkn: midjourney
babal'inni ai namoota heddu hojii dhabsiisuun isaa waan hin oolle . waan gara fuulduraatti ta'u wajjumaan ilaalla.
4 727
Koodiiwwan Odeeffannoo Bilbilaa beekuuf nu gargaaranKoodiiwwan kun waa’ee haardwaarii fi sooftiweerii bilbila keessanii odeeffannoo barbaachisaa ta’e isinitti himuu danda'u: ● *#*#2663#*#* – Odeeffannoo gosa iskiriinii tuqaalee agarsiisu. ● *#*#44336#*#* – Yeroo oomisha bilbila keessanii agarsiisa. ● *#*#3264#*#* – Vershinii RAM keessanii ilaaluuf ● *#*#1111#*#* – Vershinii sooftiweerii FTA agarsiisa. ● *#*#2222#*#* – Vershinii haardweerii agarsiisa. ● *#*#232337#*# – Teessoo Bluetooth device ilaaluuf. ● *#06# – Lakkoofsa IMEI bilbila keessanii ilaalaa . ● *#*#232338#*#* – Teessoo MAC network Wi-Fi keessanii agarsiisa. ● *#*#4986*2650468#*#* – Odeeffannoo firmware bilbila keessanii ilaalaa. ● *#*#34971539#*#* – Odeeffannoo firmware kaameraa keessanii ilaalaa.
4 727
#Dubbisi:- Waa'ee #Interneetarraa Galii argachuu.1, Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa? Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira. 2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a? Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu, Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama. 3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna? Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha. Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu: a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba. Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira. -- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha. Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo: -- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan -- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan(Gareen kun garee akka #FIAS) -- Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee #HATTUUDHA, irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa.
4 727
#Telegram irratti waan akkasii kana Namoonni hedduu osoo hin beekin walitti ergaa turan/jiru. Geessituu/link walfakkaataa akkasii kun #virus dha. Altakka bantanii jennaan deetaan eenyummeessaa keessanii ni fudhatama. Deebi'ee osoo isin hin beekin hiriyyoota keessatti ergaa walfakkaatu baay'inaan erga. Haalli sun ammoo #lakkoofsi keessan #spam taha, darbees dhaabbatni Telegiraamii #banned isiniin jedha.
#eeggannoo taasisaa.. jechumaaf.
4 727
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa har'a galgala irraa kaasee haga Boru Sanbata guddaa sa'aa 5:00'tti tajaajila kamuu kan hin kennine ta'uu beeksise.
Baankichi sababaa siistema isaa Fayyessuuf jecha tajaajila kan hin kennine ta'uu karaa fuula feesbuukii isaan ibseere.
Hagasitti namoonni maallaqa of harkaa hin qabne ATM fi Mobile Banking fayyadamaa jirtan baankichi tajaajila kana haga Sabata Guddaatti waan dhaabuuf, qarshii baasuun of harkatti qabadhaan dhaamsa keenya.
@Oro_Tech_Tipz
4 727
Taphataa colleen addunyaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo sababa beeksisa Kiriptoo Karansii bara 2022 keessa US keessatti hojjeteen himannaan doolaara biiliyoona tokkoo ol ta'u irratti dhiyaate.
Beeksisa dhaabbata Baayinaans jedhamu waliin hojjeteen qaamoleen hojiin inveestimeentii keenya miidhameera jedhan beenyaa biiliyoona tokkoo ol baasu gaafachuun isa himataniiru.
@Abbi_tech
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
