259
订阅者
无数据24 小时
无数据7 天
无数据30 天
帖子存档
Guyyaa 26/3/2016-27/3/2016 ttii
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Cinaaksan Hubannoo Seera Kenne jira.
WAAC, Sadaasa 26/2016 fi 27/2016 Godina Harargee Bahaa,Aanaa Cinaaksanitti. waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Cinaaksan guyya Ayyaana Riibaanii Adii sababeeffachuun akkaa Aduunyattii yeroo 32ffaaf akkaa biyyaa keenyaatti yeroo 18ffaaf yakkoota Dubartii fi daa'imman irratti rawwataman, mirga dubartootaafi da'immani,Godansaa seeran alaa fi gahee Ummanni yakka ittisuu irratti qabu ilaalchisuun dhabbataa Mitti mootummaa katoolikiifi DUMONDE wallin ta'uun Araddoota Mulisaa Igguu,Amoola fi Walleensu guyyoota lamaaf hubannoo bal'aa keenname jira.
Chaartara Mootummaa Cehumsaa Itiyoophiyaa Bara 1983
TRANSITIOANAL PERIOD CHARTER OF ETHIOΡΙΑ.1991
#Oolmaa Dhaddachaa
Himatamaan Diinoo Aadam Muummad jedhamu gaafa guyyaa 21/3/2016 tti guyyaa irraa toora sa'a 9:00 yommuu ta'u Godina Harargee Bahaa, Aanaa Cinaaksan, Magaalaa aCinaaksan Arraddaa 01 iddoo addaa Wajjira poolisii Aanaa cinaaksan fuula duratti osoo hayyama ga'umsa konkolaachisummaa hin qabaatiin baajaj FORCE lakkofsi gabatee ishii 98280 OR taate ,magaalaa Cinaaksan Araddaa 01 irraa gara Aanaa Makkanniisa Oromootti jimaa fe'atee osoo konkolaachisaa jiruu waan qabamef eeruun dhiyaatee qorannaan galmee erga xumurameen booda Abbaan Alangaa himata RTD hundeessee mana murtiif dhiheesseen himatamaan dhiyaatee dhaddacha irratti himannaa isarratti dhihaate guutumaa guututti waan amaneef jecha dhaddacha gaafa 22/03/2016 ooleen bu'uuruma Amantaa isaan Manni Murtii Adabbii himatamaa kanaa fi fakkaattota isaa ni barsiisa jedhee amane Adabbii hidhaa salphaa baatii 4(afur)tiin Adabee jira .
Haqaan Haqaaf hojjanna !!!
Repost from Sheref Ame Laws channel
Ø Fakkeenyummaa( Dambicha keww. 106)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Bakka hundatti aadaa, safuu fi amantii uummataa kabajuu
Amala isaatin fakkeenyummaa qabaachuu fi waan ogummaa abbaa alangummaa tuffachiisu hawaasa keessatti raawwachuu irraa of-qusachuu
Jechaa fi gocha isaatin kabaja qabaachuu, namoota kabajaan keesumeessuu fi ogummaa abbaa alangumaa fi mana hojichaatti ulfina argamsiisu hojjachuu
Miira itti gaafatamummaa gonfachuu, jijjiirrama deeggaruu fi maqaa gaarii mana hojichaa eeguu fi aadaa hojii gabbisuu
Ø Hariiroo Abbaan Alangaa uummata waliin qabaachuu qabu( Dambicha keeww. 107)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Aadaa, duudhaa, safuu fi amantaa uummataa kabajuu
Jireenya dhuunfaa isaa kabaja ogummaa abbaa alangummaan wal simsiisun hojjachuu
Hojii isaatin wal qabatee kenna ykn keesumeessa kamiyyuu fudhachuu irraa of-qusachuu
v 👍👇👊💻💻💻🚙🚙🚙👩👦Nama dhimma biraa qabu irraa kallattiinnis ta’ee al kallattiin maallaqa irraa liqeeffachuu dhiisuu❌❌📵
😩😩 dallaalummaa fi faddaalummaa hojachuu irraa of qusachuu🙈🙈🙈🎥🪣🪣🪣🚱
Ø Sochii Siyaasaa irraa bilisa ta’uu Dambicha keeww. 108)
ü Abbaan Alangaa kamiyyuu
Miseensa Paartii siyaasaa kamiyyuu ta’uun bakka bu’uun filannoof dhiyaachuun dhorkaa ta’uu
ü Paartii Siyaasaa tokko deeggaranii ykn mormanii haasaa gochuun dhorkaa tauu
ü Haala kamiinuu rogeessa siyaasaa dhimma siyaasaa tauun hojjachuun dhorkaa tauu
ü Paartii siyaasaa kamiyyuu deeddaruuf deeggarsa maallaqaa ykn buusii gochuun dhorkaa tauu
ü Waltajjii, kora ykn yaaii dhaabni siyaasaa waame irratti hirmaachuun dhorkaa tauu
ü Abbaan alangaa dhimma siyaasaa keessatti hirmaachuu yoo barbaade duursee hojii abbaa alangummaa gadi lakkisuu kan qabu tauu
Ø Gahumsa hojii Abbaa Alangummaa( Dambichaa keeww. 109)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
ü Seerota yeroo yeroon bahan beekuu fi leenjii qophaau irratti hirmaachuun gahumsa isaa gabbiffachuu
ü Dhaddacha seenun dura qophii gahaa taasisuu fi waaroo dhaddachaa uuffachuu fi uffannaa gaarii kabaja dhaddachaa madaalu uffatee argamuu
ü Beekumsaa fi dandeettii dhuunfaa hojii abbaa alangummaa hojjachiisuu dandeessisu qabaachuu
ü Gahumsa isaa fooyeffachuuf yeroo yeroon tataaffii gochuun barbaachisaa tauu
ü Leenjii fi haalawwan manni hojii mijeessutti qixa sirriin fayyadamuu
ü Gudinaa fi jijjiirama seeraa fi sirna seeraa yeroo yerootti taasifamu duuka buee argachuun hubachuu
ü Beekumsaa fi muuxannoo qabu namoota waliin hojjatuu fi hawaasaaf qoodun hojjachuu
ü Qajeeltoowwan namuusa Ogummaa Abbaa Alangummaa kun sadrkaa idila Adunyaatti fudhatama kan qabuu fi sadrkaa Biyyaa keenyaa fi Naannoo keenyaattis seeran tumamee hojiirra oolaa kan jiruudha.
Gaaffilee hirmaannaa keessan hoo”aa barbaadu akka armaan gadiitti kan dhiyeessine waan ta’eef, of qusannaa tokko malee yaada irratti nuuf kennaa!!
1ffaa, Akka Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa fi caasaa isaa sadarkaan jirutti hojiirra oolmaa qajeeltoowwan kana sadarkaa maalii irra jira kan jedhu beekuuf, addatti qorannaa mataa isaa danda’e kan barbaadu yoo ta’es, haala waliigalaan yemmuu ilaallu qabatamaan hojiirra oolmaan qajeeltoowwan kanaa maal fakkaata? Ciminaalee fi hanqinaalee jiran maali? Haa tarraa’u!
2ffaa, Hanqinaaleen gaaffii 1ffaa jalatti ka’an yoo jiraate furmaata akkamiitu kennamuu qaba? eenyutu furmaata kana kennuu qaba? ykn qaama furmaataa eenyutu ta”uu qaba??
3ffaa, Ciminaalee fi muuxannoowwan babalachuu qabanis yoo jiraate kaasun yaada kennuun ni dandaama.
Hub. Ciminaalee fi hanqinaalee jiran fi rakkoowwan furmaata barbaadan irratti yaada walii kennuu fi irratti hojjachuun sirni ijaarama waan ta’eef, hirmaannaa hoo’aa isin irraa eegnaa!!
Hubachiisa:Barreeffamni kun leenjii namusa abbaa alangummaa waajjira Alangaa Godinaa Harargee Bahaatiin kennamee turee dha.
Repost from Sheref Ame Laws channel
#Qajeeltoowwan Namuusa Ogummaa Abbaa Alangummaa(Principles of Public Prosecutors Professional Ethics)#
Ogummaan Abbaa Alangummaa akkuma ogummaa gosoota biroo qajeeltoo namuusaa ittiin hoogganamu qaba. Qajeeltoowwan namuusa ogummaa Abbaa Alangaa Dambii Bulchinsaa fi Namuusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa lakk. 218/2013 kewwattoota 96-109tti tarreeffamanii ifaan taaanii jiru. Qajeeltoowwan kun iftoomina dhabuun hubannoo irratti isiniif uumuuf osoo hin taane ykn Abbootin Alangaa dhimma kana tokko tokkoon dubbisanii hin hubataniif osoo hin taane; dhuma barreeffama kanaa irratti qajeeltoowwan kanneen sirritti dubbisuu fi xinxaalun gaaffilee gurguddoo 3(sadi) yaada keessan balinaan irratti nuuf kennitan isiniif kaasuu barbaanneti! Kanaas akka gootan isin abdachuun!
Ø Amanamummaa( Dambii lakk. 218/2013 keww.96)
ü Abbaan Alangaa Kamiyyuu
ü Heeraa fi seeraaf amanamaa tauun hojjachuu
ü Ogummaa ofiitiif amanamaa tauun hojjachuu
ü Hojimaata mana hojichaaf amanamaa tauun hojjachuu
Ø Haqummaa( Dambii lakk. 218/2013 keww. 97)
Abbaan Alangaa Kamiyyuu
Waadaa seenan kabajuun haqaaf hojjachuu
Gocha waliin dhahuu irraa bilisa tauu
Himannaa fi falmiin keenya haqaa fi ragaa dhugaa irratti kan hundaae tauu
Yeroo hunduma dhugaa baasuuf tataaffii gochuu
Ø Al-Loogummaa( Dambii lakk. 218/2013, keww.98)
Abbaan Alangaa Kamiyyuu
Nama sabaan, gosaan, amantiin, sanyiin, saalan, bifaan fi k.k.f gargaar osoo hin basin tajaajila abbaa alangummaa kennuu
Seerota Biyyaa fi Naannichaa soda fi daba tokko malee raawwachiisuu
Mana Hojichaa keessatti gartummaa fi loogii irraa walaba of-taasisuu
Ø Ejjannoo Gaarii(Dambii 218/2013 keeww.99)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Jireenya isaa keessatti ejjannoo cimaa qabaachuu ykn dhimma itti amaneef hanga dhumaatti dhaabbachuu
Gorsa seeraa madaalawaa tae kennuu
Kabaja ogummaa isaa/ishee tiif amanamummaa fi ejjannoon dhaabbachuun galmaan gahuu
Yeroo hojii isaa raawwatu mirga maamiltoota hundaa kabajuu fi kabachiisuu
Dhibbaa keessaa fi alaa hojii isaa irratti adeemu hayyamuu dhiisuu
Ø Iftoomina( Dambii lakk. 218/2013 keww.100)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Murtii fi tajaajila kennu ilaalchisee iccitii eegun yoo barbaachise malee tajaajilatootaaf odeefannoo gahaa kennuu
Hooggansa, tajaajilamtoota fi miiltoo isaatiif odeefannoo guutuu fi sirrii tae kennuu
Ø Itti gaafatamummaa(Dambicha keww. 101)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Namuusa ogummaa kan cabse itti gafatamummaa namuusaa, yakkaa fi hariiroo hawaasaa mirkanaauu kan qabu tauu
Ø Iccitii eeguu( Dambicha keww. 102)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Odeefannoo sababa hojii isaatin/isheetin harka gale iccitumaa isaa eeguu
Dhimmoota qorannaan ykn himannaan isaa hin xumuraamne adeemsa dhaddacharra jiru irratti ibsa kennuu ykn maxxansuu irraa of qusachuu
Hojii erga gadi lakkisee ykn mana hojii birootti yoo jijjiirrame, boodas iccitii mana hojii duraanii sababa hojiitin harka gale eeguu qaba.
Ø Mirgaa fi faayidaa uummataa duursuu( Dambicha keeww.103)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Humnaa fi dandeettii qabuun uummataa fi mootummaa tajaajiluu
Hojii raawwatu keessatti mirgii fi faayidaan uummataa kabajamuu mirkaneeffachuu
Faayidaa dhuunfaa osoo hin taane kan uummataa buuura godhachuun hojjachuu
Hojiiwwan biroo hojii idilee isaatin walitti buuu dandaan kamiyyuu hojjachuu irraa of- qusachuu
Ø Angoo seera qabeessa taetti fayyadamuu ykn seera kabajuu( Dambicha keww. 104)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Daangaa aangoo qabnu keessatti uummataa fi mootummaa tajaajiluu
Hojii keenya kamiyyuu heeraa fi seerota buuura godhachuun hojjachuu
Qajeelfama seera qabeessa tae barreeffamaan itti gafatamaa dhiyoo irraa kennamu fudhachuun raawwachuu
Ø Gaaffii uummataatiif deebii gahaa kennuu(Dambicha keww. 105)
Abbaan Alangaa kamiyyuu
Tajaajilamtootaaf kabaja barbaachisu kennuun deebii fi furmaata barbaachisaa kennuu
Tajaajilamtootni yeroo isa komatanii fi ceephaan of tooatee miira tasgabbiin keesumeessuu dandauu
Repost from Sheref Ame Laws channel
15. Tajaajilamtoonni sababoota dhukkuba sammutiin, dullumaa fi dhukkubaan fedhii isaanii yookiin dhimma dhufaniif ibsachuu hin dandeenye namoonni dhimma isaanii raawwachiisuuf dhufan bulchaa qabeenyaa (tutors) yookiin aangoo kunuunsituu (Gurdians) mana murtiitiin muudamuu isaanii dhiyeessuu isaanii mirkaneessuu
16.Qabeenya dhaalaan yookiin kennaan argame deebisanii gurgurtaan ykn kennaan dabarsuufqabeenyichi dhaalaan ykn kennaan kan argame ta’uu isaa qofti yoo mirkanaa’eragaa gaa’ilaa gaafachuun barbaachisaa miti.
17. Dhimma Lamummaatiin walqabatee Lammiileen biyya alaa hayyama invastimantii hanga hin dhiheessinetti abbaa qabeenyaa qabeenya hin sochoonee ta’uu hin danda’an.
18.Namoonni dhalattoonni Itoophiyaa lammii biyyaa alaa ta’anii fi waraqaa eenyummaa dhalattummaa (yellow card) Ministeeraa Haajaa Alaa irraa yoo dhiyeessan akka lammii biyyattiitti keessumeeffamu.
Haa ta’u malee, namootni guutummaan lammii biyya alaa ta’anis ta’ee dhalattoota Itoophiyaa lammii biyya alaa ta’an dhaabbilee akka baankii, inshuraansii fi dhaabbilee faayinaansii biroo keessatti abbaa akisiyoonaa ta’uu hin danda’an
Maddi:-Moojulii_Mirkaneessa_Galmeessa_Sanadaa_fi_Kenna_Hayyamaa_2014
Repost from Sheref Ame Laws channel
Ulaagaaleen kunneen irra jireessa isaanii yoo ilaallu ulaagaalee waraqaa eenyummaa tokko seera qabeessa taasisani dha jechun ni danda’ama.
Haa ta’u malee, ulaagaalee muraasa maanuwaalichi tarreesssen walqabatee gaaffileen fi yaadoliin ykn qeeqnii yoo itti ka’uu ni mul’ata. Karaa gara biraatin ulaagaalee maanuwaaliichii kaaseen dabalatatti ulaagaalee ka’uu qabanii fi otoo hin ka’iin haafaniis akka jiran namoonni yaada kaasan ni jiru.
Yaadoliin ulaagaalee irratti ka’an akkuma jiranitti ta’ee maanuwaalichi waraqaaleen enyummaa dhiyaatan kunneen ulaagaalee asii gadiitti tarreeffaman guttachun akka irra jiraatu techisee jira:-
a.Kan haaromsaman/yeroon kan irra hin darbinee ta’u qabu,
b.Suuraan kan itti maxxanfame ta’u qabu,
c.Chaappaan kan sirnaan irratti rukutame ta’u qabu,
d.Wanti haqame kan irra hin jiraanne,
e.Mallattoo abbaa taayitaa waraqaa eenyummicha kennee kan qabu,
f.Tiitarii maqaa fi itti gaafatamummaa sirriitti kan irratti taasifame ta’uutu irra jiraata.
Ulaagaaleen waraqaaleen enyummaa fudhatama qaban kunnen guttachu qaban maanuwaalii federaalaa irrattis haaluma walfakkaatuun techifamanii jiru. Haa ta’u malee, maanuwaaliin ejansii federaalaa maqaa fi gaheen hojii nama waraqaa enyummaa kenne barruu harkaatinisbarraa’u akka danda’u fi barreeffamni harkaa garu sirriitti kan duubbifamu ta’u akka qabu yoo ibsuu; maanuwaaliin Biiroo AAWO ammoo Maqaa fi gaheen hojii abbaa Aangoo kanaa tiitariitin rukutamuu akka qabutti tumaa.
2.Sanadni tokko mirkanaa’uuf yemmuu dhiyaatu sanadicha irratti namni mallatteessuuf dhiyaate maqaa fi teessoon isaa kan sanadicha irratti ibsameen tokko ta’uu isaa mirkaneessuu fi sanadicha irratti mallatteessuufis mirga yookiin aangoo kan qabuu ta’uu isaa mirkaneessuu;
3.Waraqaan eenyummaa yemmuu dhiyaatu, namni waraqaa eenyummichaa qabatee dhiyaate sun isa waraqaa eenyummichaa irratti suurri maxxanfame faana tokko ta’u isaa mirkaneessuu,
4.Sanada dhiyaate utuu hin mirkaneessiin dura qabiyyeen isaa faallaa seeraa fi safuu (moral) ta’uu dhiisuu isaa mirkaneessuu;
5.Ogeessi sanadoota mirkaneessu yemmuu sanada mirkaneessu seerota rogummaa qaban hordofuu akka qabaatu hubannoo gahaa qabaachuu;
6.Namni mallatteessuuf dhiyaate dandeetti kan qabu (umuriin isaa waggaa 18 kan guute, M/Murtiitiin kan hin dhorkamne, itti gaafatamummaa wanti inni raawwatu hordofsiisu sirriitti kan hubatu ta’uu isaa mirkaneessuu)
7.Sanadootni mirkanaa’uu fi galmaa’uuf gara mana hojii keenyaatti dhiyaatan hundi afaan hojii naannichaatiin (Afaan Oromootiin) kan qophaa’an ta’utu irra jiraata.
8.Yeroo kamiiyyuu dhimma qabatee dhiyaate raawwachiisuu kan danda’u abbaa dhimmaa ofii isaatiin yookiin bakka bu’aa seeraan bakka isaa bu’ee, moogziitii (tutor) yookiin yoo waldaa ta’e hojii gaggeessaa waldichaa yookiin bakka bu’aa isaa ta’uutu irra jiraata.
9.Seera dhaabbataa foyyeessuuf qaboon yaa’ii kan dhiyaatu bakka dhaabbatichi itti galmaa’eetti ta’uu qaba.
10.Sanadoota mallattaa’uuf dhiyaatan irratti maqaa guutuu hanga akaakayyuutti, lammummaa fi teessoon jiraachuu isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha.
11.Barreeffamni hundeeffamaa fi qaboowwan yaa’iiyemmuu dhiyaatan yoo xiqqaate koppii 3 tiin kan qophaa’anii fi kan irratti hin mallattoofne ta’uu qabu.
12.Tokkoon tokkoon sanada orjinaalaa dhiyaatan waliin koppiin isaanii sirrii ta’ee walqabatee dhiyaachuu isaa mirkanessuu.
13.Sanadootni walii galtee walta’iinsa wal fuutotaa barbaadan yemmuu dhiyaatan ragaan gaa’ilaa yookiin gaa’illi yoo hin jiraanneragaan hin fuunee/ heerumne jedhu yeroo gabaabaa keessatti qaama dhimmi ilaalu irraa kan kenname dhiyaachuu mirkaneessuu
14Sanadoota biyya alaati karaa Ministeera Haajaa Alaatiin ergamanii fi afaan alaatiin barreeffaman qaama hayyamni turjumaanaa kennameefitin gara Afaan Oromootti turjumaanamuun isaa mirkanaa’uu qaba.
Repost from Sheref Ame Laws channel
Kuni akkuma jirutti ta’ee mootummaan biyyooleessaa lammilee biyyatti %95 ol ta’aniif waggoottan afuran dhufaniitti waraqaa eenyummaa dijitaalaa kennufif karoorfatee hojjetaa kan jiru ta’u ibsa ministeerrii kalaqaa fi technolojii (Ministry of Innovation and Technology) bara 2013 keessa kenne irraa hubachun ni danda’ama.
Maanuwaaliin Daayireektooreetii mirkaneessa sanadootaa fi kennaa Heyyamaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa faayidaa tajaajila kanaatif waraqaalee eenyummaa fudhatama qaban adda baasee techisee jira. Haaluma kanaan waraqaaleen eenyummaa fudhatama qabaatan:-
Waraqaa eenyummaa jiraataa gandaa,
Waraqaa eenyummaa hojjattoota mootummaa,
Paas poortiiyeroon isaa hin darbine
Waraqaa hayyamaa Abukaatoo,
Hayyama konkolaachisummaa
Waraqaa eenyummaa kaffalaa gibiraa
Waraqaa eenyummaa sooramaa hojjatoota mootummaa fi
Waraqaa eenyummaa barattoota yunivarsiitii kan guyyaa(regular university students) dha.
Waraqaalee eenyummaa gubbaatti tarra’an akka waliigalaatti yoo ilaalluu waraqaalee eenyummaa qaamolee mootummaatiin kennaman irratti kan xiyyeeffateedha. Haa ta’u malee, maanuwaaliichi waraqaa eenyummaa dhaabbileen gurguddaa qaama seerummaa qaban hojjettoota isaaniitif kennan, waraqaa eenyummaa qaamoleen mootummaa kan biraa kanneen akka Ministeera dhimma alaa qaamolee ilaallatuf kennan fi waraqaa eenyummaa dhaabbileen addunyaa kanneen akka dhaabbata mootummoota gamtoomanii (kana booda UN kan jedhamuu) fi dhaabbata Gamtaa Afriikaa (kana booda AU kan jedhamuu) hojjettoota isaaniitif kennan tarree maanuwaaliichii tarreessee jalatti haammatamuu dhabuu isaaniitin abbootii dhimmaa waraqaalee eenyummaa dhaabbilee kanarraa kennaman qabatanii dhufan keessummeessu fi keessummeessu dhabutiin walqabatee ogeeyyii giddutti garaagarummaa yoo uumuu ni mu’ata.
Maanuwaaliin hojii ejansii galmeessaa fi mirkaneessa sanadootaa Federaalaa tumaa waa’ee waraqaa eenyummaatiin walqabatee tumamee jiru keessatti waraqaalee eenyummaa maanuwaalii Biiroo AAWO tiin fudhatama argatan irratti dabalataan waraqaalee enyummaa kanneen biiroo qaamolee mootummaa fi dhaabbilee addunyaatiin kennaman, kanneen akka:-
waraqaa eenyummaa Embaasii Itoophiyaarraa kennamuu,
waraqaa eenyummaa dhaabbilee addunyaa kanneen akka UN fi AU irraa kennamuu,
waraqaa eenyummaa ministeera dhimma alaa irraa dippiloomaatootaafkennamuu,
waraqaa eenyummaa heyyama ogummaa fi
Waraqaa eenyummaa Maaritaayimii (Maritime ID)fi k.k.f isaan biratti fudhatama akka qaban teechisera.
Waraqaaleen eenyummaa kunneen waraqaa eenyummaa qaamolee mootummaa fi dhaabbilee gurguddaa sadarkaa addunyaatti qaama seerummaa qabaniin kennamanii dha. Haa ta’u malee, Maanuwaalii Biiroo AAWO keessatti caqasamuu dhabuu isaanii irraa kan ka’ee fudhatamuummaa isaanitin walqabatee ejjennoo garaagaraa yoo ogeeyyiin calaqqisan ni mul’ata. Otoo fudhannee keessummeessinee rakkoo hin qabu gareen jedhu kan jiru yoo ta’u; manuwaalii irratti haamma ifaan hin techifamneetti simannee keessummeessu hin qabnuu gareen jedhu ammoo karaa biraatin yaada kaasun ni falmuu. Haa ta ‘u malee, gosota waraqaa eenyummaa Maanuwaalii ejansii mirkaneessa fi galmeessa sanadoota federaalaa keessatti caqasamanii jiran kunnnen yoo ilaallu irra jireessi isaanii waraqaalee eenyummaa qaama mootummaatin kennamanii fi qaama biraatin kennamu hin dandeenyee fi waraqaalee dhaabbilee gurguddoo sadarkaa addunyaatti qaama seerummaa qaban dha. Waraqaaleen eenyummaa akka kanaa sanadoota sadarkaa adduunyaattu fudhatama qabanii dha waan ta’eef fudhatanii keessummeessun akka danda’amuutti maanuwaaliin Biiroo AAWO qixa kanaan foyyeessun dhimma xiyyeeffannoon itti kenname hojjetamuu qabu dha.
B. Ulaagaalee waraqaaleen eenyummaa fudhatama argatan guttachuu qaban
Waraqaaleen enyummaa qabxii “a” jalatti tajaajila Biiroon AAWO dhimma kanaan walqabatee kennuf fudhatama qabu jenne kaafnee kunneen dhiyaachun isaanii qoftii gahaa miti. Ulaagaalee kan biraa waraqaaleen eenyummaa kunneen guttachuu qaban maanuwaaliichi dabalataaniis teechise jira.
Repost from Sheref Ame Laws channel
#Dhimmoota Waliigalaa Sanadni Tokko Mirkanaa’un Dura Xiyyeffannoon Itti Kennamuu Qabu #
👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌👌
1.Waraqaa Enyummaa Abbaa Dhimmaa
Dhimmi sadarkaa jalqabaatti xiyyeeffannoodhaan akka ilaalamuuf maanuwaalichi teechise waraqaa eenyummaa abbootii dhimmaatiin dhimma walqabatuu dha. Kunis, abbaan dhimma tajaajila argachuuf gara Biiroo Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaan jiranitti dhufu kamuu enyummaan isaa adda bahu fi tajaajilicha argachuuf ammoo nama maluu ta’uun mirkanaa’u qaba yaadama jedhurraa kan maddee dha.
Karaa gara biraatiin waraqaa eenyummaatiin walqabatee rakkooleen qunnamaa jiran heddu dha. Waraqaa eenyummaa qaama Aangoo qaburraa hin kennamneetti (sobaan qophaa’eetti) fayyadamuun, waraqaa eenyummaa ulaagaa seeraa gutee hin kennamne qabatanii dhiyaachuun, waraqaa eenyummaa namaatiirratti suraa ofii maxxansuun gowwomsuuf yaaluun, waraqaa eenyummaa guyyaan irra darbee qabatanii dhiyaachuun, waraqaa eenyummaa biyya biraa (biyya alaa) qabatanii abbootii dhimma dhiyaataniif tajaajila kennun fi k.k.f rakkoolee muraasa waraqaa eenyummaatiin walqabatee mul’achaa jiranii dha.
Kanaafis maanuwaalichi dhimmi waraqaa eenyummaatin walqabatee jiru sanadni kamuu mirkanaa’un duratti xiyyeeffannon guddaatiin ilaalamuun akka irra jiraatu teechisee jira. Haaluma walfakkaatuun maanuwaaliin ejansii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa Federaalaatis; dhimmi waraqaa eenyummaatiin walqabatee jiru xiyyeeffannootiin ilaalamuu akka qabu tumee jira.
Waraqaa enyummaatiin walqabatee maanuwaaliin Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa tiin qophaa’e akka waliigalaatti dhimmoota gurguddoo lama kantumee yoo ta’u; isaanis:-
A.Gosoota waraqaa eenyummaa fudhatama qaban fi
B.Ulaagaalee waraqaaleen eenyummaa fudhatama argatan guttachuu qabani dha.
A.Gosoota waraqaa eenyummaa fudhatama qaban
Waraqaan eenyummaa sanada eenyummaa nama tokko mul’isuudhaaf qaama kennudhaaf aangoo qabuurraa kennamu akka ta’ee barreeffamootni baay’een ni ibsu.Biyyootni baay’een dhimma waraqaa eenyummaatin walqabatee imaammata baasudhaan hojiin dhimma kanaan walqabatee hojjetamuu akkaataa seeraatin akka hojjetamuu gochuuf yoo hojjetan ni mul’atu. Imaammata isaanii keessattis dhimmoota baay’ee kan haammachisan ta’us; dhimmootiin haala argannaa waraqaa eenyummaa, umrii lammileen waraqaa eenyummaa itti argatan murteessu, waraqaalee eenyummaa dabalataan fudhatama qabaatan fi sirna lammileen biyya alaa itti keessumma’anin walqabatanii jiran garu haaguuggiin bal’aan kennameefi argama.
Biyya keenya keessattis dhimma waraqaa eenyummaatiin walqabatee labsiin 760/2004 labsii hundeeffama ejansii galmeessa taatewwan bu’uraa fi waraqaa eenyummaa lammummaa akka yeroo jalqabaatif of danda’ee bahee hojiirra akka ooluu ta’eera. Sadarkaa imaammataatti ammoo itti gaafatamuummaan imaammata waraqaa eenyummaa baasu ministeera nageenyaatif (ministry of peace) kenname hojiin waraqaan eenyummaa lammilee gara dijitaalaatti jijjiiruu magaalaa Finfinnee fi magaaloota gurguddaa muraasa keessatti akka calqabamuu taasifamaa jira. Sadarkaa naannooleettis sirnoonni fi hojiimaatonnii hojiicha hojjechuf qarqaaran baay’een qopha’anii hojiirra oolaa turaniru.
Karaa gara biraatin, sadarkaa biyyooleessaatti waraqaan eenyummaa kennamaa jiru waraqaa eenyummaa jiraataa gandaa malee waraqaa eenyummaa lammummaa waan hin taaneef gara sanaatti olguddisuudhaaf fi lammileen biyyatti hunduu lakkoofsa eenyummaa lammummaa akka qabaataniif yaadamee hojjetamaa kan jiru ta’uu labsiin hundeeffama ejansii galmeessa taatewwan bu’uraa federaalaa fi waraqaa eenyummaa lammummaa kun ni akeeka.Dabalataanis, labsiin kun qaamni waraqaa eenyummaa lammummaa kennuf aangeeffamu mana mare ministeerootaatin kan hundaa’uu ta’u ni tuma.
Lammileen biyyatti waraqaa eenyummaa jiraataa gandaa akka qabaataniif hojiin hojjetamaa kan turee ta’us; haallii argannaa isaa garuu rakkoolee baay’ee kan of keessaa qabu ta’un dhugaa mul’atu dha.
Repost from Sheref Ame Laws channel
-Barreeffamichis gabaabinaan ijoo waldhabdeen irratti ka'e kan ibsuu fi gaaffii gaafatan kan keessatti qabate ta'ee, mallattoo itti gaafatamaa olaanaa mana hojjchaatiin kan mallattaa'e ta'uu qaba.
-Qaamni waldhabdeen jidduu isaaniitti uumame kamiyyuu dhimmichi mala filannoo biroon waldiddaa hiikuutiin akka ilaalamuuf fedhii isaanii kan ibsuu qaban barreeffamaan ta'ee mallattoo Hoogganaa ol'aanaa ykn bakka bu'aa mana hojichaa ykn dhaabbatichaa ykn nama dhuunfaa kan qabu ta'uu qaba.
Tajaajila kanaaf Guyyaa kudhan/10/
7.Dhimma falmii Hariiroo Hawaasaa, Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa ykn jaarmiyaalee ummataa, Namoota deggersa addaa barbaadaiif, Harka Qalleeyyiif ;
-Gaaffii seerummaa Qaama kamiyyuu irraa qaban;
Ragaalee barreeffamaa/sanadoota adda addaa, himannaa, deebii kennuuf, oliyyannaa/deebii kennuuf/gidduu seenuuf gargaaran
-Tarree ragaa namootaa fi dhimmoota ragaaleen kun himannaa keessatti ijoo isaan mirkaneessuu danda'an;
-Tajaajila kana kennuuf yeroo inni fudhatu:-
-Himata qopheessuu guyyaa 3-8
-Deebii qopheessuu guyyaa 3-8
-Qabeenya himatamaa adda baasuun dhorkisiisuuf guyyaa 4
-Deebii ykn ol iyyannoo qopheessuuf guyyaa 3-5
-Iyyata ykn deebii ijibbaataa qopheessuuf guyyaa 5
-Himata ykn deebii raawwii qopheessuuf guyyaa 5
8.Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa ykn jaarmiyaalee ummataa tiif murtii rawwachiisuuf;
-Murtii mana murtii kamittuu murtaa'eef darbiinsa yeroon kan hin daangeffamnee
-Murtii jaarsolii Araaraan kenname;
-Qabeenya Abbaa Idaa adda baasanii beeksisuu
-Tajaajilii kun guyyaa 10 keessatti kan rawwatudha.
9.Iyyata Maamilaaf furmaata kennuu ilaalchisee
Iyyannoo Afaaniin ykn barreeffamaan dhimma furmaanni itti kennamuuf barbaadan
-Tajaajilli kun sa'atii lama/2/ gidduutti rawwatama.
Maddi-Daariktooreetii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa BAAWO
Repost from Sheref Ame Laws channel
Ulaagaa kenniinsa Tajaajila Hojiiwwan Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa BAAWO 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
1.Gorsa seeraa Mana Hojii Mootummaa ykn Dhaabbilee Misooma Mootummaaf kennamu
Dhimmichi ergama, kaayyoo, aango fi ga'ee hojii mana hojii mootummaa gaaffii dhiyeesse faana kan walqabatu ta'uu qaba.
Qabiyyeen gaaffichaas ragaalee ykn sanadoota barbaachisoo ta'an qabatee, bifa iftoomina qabuu fi haala namni hubachuu danda'uun dhiyaachuu qaba.
Gaaffichi darbiinsa yeroo seeraan kaa'ameen kan hin daangeffaamne ta'uu qaba.
Tajaajilli kennamu afaaniin yoo ta'e Sa'atii 1:30;barreeffamaan yoo ta'e hanga guyyaa lama/2/ fi sa'atii 2:45.
2.Gorsa seeraa Harka Qalleeyyiif kennamu
Harka Qalleeyyii ta'uu isaa ganda keessa jiraatu irraa ragaa agarsiisu mana murtii hawwasummaa gandaa irraa dhiyeeffachuu qaba.
Namni gaaffii tajaajila gorsa seeraa dhiyeesse dhimma dhiyeesse irraa dantaa kan qabu ta'uu ragaa agarsiisu dhiyeeffachuu qaba.
Qabiyyeen gaaffichaas ragaalee ykn sanadoota barbaachisoo ta'an qabatee,
Formaatii dhimma kanaaf Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa tiin qophaa'e irratti fedhii isaa mallattoodhaan ibsachuu qaba.
Tajaajilli kun Afaaniin yoo ta'e sa'atii 1:30
barreeffamaan yoo ta'e hanga guyyaa lamaa/2/ fi sa'atii 2:45 ti
3.Gorsa seeraa fi falmii Dubartoota, Daa'imman, Qaama miidhamtoota fi Maanguddoota, Namoota Godaansa seeraan alaan miidhamanii deebi'aniif;
Haala kamiinuu qabeenya qaban irratti ajajuun mirga isaanii kabachiifachuu haala hin dandeessifnerra kan jiran yoo ta'e ragaa haala isaani ibsu ganda keessa jiraatan irraa dhiyeeffachuun tajaajila gorsa seeraa argachuu ni danda'u;
Qaamolee gocha yakkaatiin miidhaan qaamaa cimaan irra qaqqabe kanneen akka dubartootaa, daa'immanii, Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota ta'an tajaajila gorsa seeraa argachuudhaaf ragaa haala keessa jiran agarsiisu dhiyeessuudhaaf hin dirqaman.
Ragaa Biiroo Hojjetaaf Hawwaasummaa irraa Godaansa seeraan alaan deebi'uu isaanii ragaa agarsiisu barreessifachuu qaba;
Tajaajila Afaanii yoo ta'e sa'atii 1:30
barreeffamaan yoo ta'e hanga guyyaa lamaa/2/ fi sa'atii 2:45ti
4.Wixinee waliigaltee gulaaluu fi Qopheessuu ilaalchisee;Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa ykn jaarmiyaalee ummataa
-Qaamoleen gaaffii wixinee, waliigaltee gulaaluu mana hojichaa fi caasaalee isaaf dhiyeessan wixinee waliigaltee akka gulaalamuuf gaafatan
barreeffamaan haard-koppii fi
soofti koppiin dhiyeeffachuu qabu.
-Wixineen waligaltee manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa ykn jaarmiyaalee ummataatiin gulaalliif dhiyaatu kunis lakkoofsa, guyyaa, mallattoo Hoogganaa ykn I/A/Hoogganaa fi chaappaa qaama akka gulaalamuuf gaafatuu qabaachuu qaba.
-Manni hojii mootummaa ykn Dhaabbileen misooma mootummaa odeeffannoo ykn ragaa dabalataa waliigaltichi faayidaa uummataa fi mootummaa akka eegsisu taasisuuf gargaaru yommuu mana hojichaa ykn caasaalee isaatiin barreeffamaan gaafataman kennuuf dirqama qabu.
-Waliigaltee kana gulaaluuf Guyyaa tokko /1/
5.Qophii wixinee waliigaltee Manneen hojii mootummaa, Dhaabbilee misooma mootummaa ykn jaarmiyaalee uummataa,
-Gaaffiin deggersa Qophii wixinee waliigaltee kan dhiyaachuu qabu barreeffamaan ta'ee akka barbaachisummaa isaatti qaamaan, poostaadhaan, faaksii fi imeeliidhaan dhiyaachuu danda'a.
-Gaaffiin deggersa wixinee waliigaltee qopheessuu fudhatama yoo argate Manni hojichaa ykn caasaalee isaa Ogeessa qophii wixinee irratti hirmaachuun deggersa kennu ramadamuun wixinichi akka qophaa'u ni ta'a.
-Tajaajila kanaaf guyyaa lama/2/ sa'atii hojii mootummaa shan/5/
6.Dhimmootni waldhabdeen uumaman Mala filannoo biroo waldiddaa hiikuu, Manneen Hojii Mootummaa Dhaabbilee miisooma mootummaa ykn jaarmiyaalee uummataa,
-Gaaffii seerummaa mana hojii irraa qaban ibsuu fi ragaalee dhimma kanaaf rogummaa qaban hunda dhiyeessuu.
✅#Gaaffiin akkanaa Mana Murtii idileetiin kallattiin kan keessummeeffamuu miti.
➡️Dhimmoota armaan olitti ibsaman jalqaba dhimmicha ilaalee Murtii kennuuf aangoo kan qabu,Mana Murtii Bulchiinsaati.
↔️Manni Murtii Bulchiinsaa falmii ijoo dubbii irratti murtiin kennu kan dhumaa ta'a,ta'us murtiin Mana Murtii Bulchiinsaa dogongora seeraa qaba jedhee qaamni falmu murtiin Mana Murtichaa isa dhaqqabee guyyoota 60 keessatti ol'iyyannoo isaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiif dhiheeffachuu ni danda'a.
Credit to Muhammed T.Nure.
⚖️ #Badiiwwan Naamusaa fi Adabbiilee Hojjettoota Mootummaa,fi Dhimmoota Mana Murtii Bulchiinsaatiin Ilaalaman:
================================
⚫🔀#Badiiwwan Naamusaa fi Adabbiilee:
👉Kaayyoo Adabbii Naamusaa Kaayyoon adabbii naamusaa hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwateef,balleessaa isaa irraa gaabbee of sirreessu,ilaalchaa fi amala gaarii akka qabaatuu fi hojjetaa gahoome akka ta’u dandeessisuuf yookiin kan of hin sirreessine yoo ta’ee,hojii irraa gaggeessuufidha.
👉#Gosoota_Adabbii_Naamusaa fi Ramaddii Isaanii:
• Hojjetaan mootummaa hir’ina naamusaa raawwate akkaataa ulfaatina balleessaa raawwatameen adabbiiwwan kanatti aanaan keessaa tokko irratti murtaa’uu ni danda’a:
1. Akeekkachiisa afaanii;
2. Akeekkachiisa barreeffamaa;
3. Adabbii mindaa hanga guyyaa kudha shan gahu;
4. Adabbii mindaa hanga ji’a sadii gahu;
5. Yeroo waggaa lama hin caalleef sadarkaa hojii fi mindaa irraa gadi buusuu;
6. Hojii irraa gaggeessuu.
⚖️1ffaa hanga 3ffaatti kan tarreeffaman adabbiiwwan naamusaa salphaa jedhamanii kan ramadamaniidha.
⚖️4ffaa hanga 6ffaatti kan tarreeffaman adabbiiwwan naamusaa cimaa jedhamanii kan ramadamaniidha.
⚖️Hojjetaan mootummaa tokko naamusaan erga adabamee booda adabbichi rikoordii ta’ee turuu fi irratti caqasamuu kan danda’u:
⚖️ Adabbii naamusaa salphaa yoo ta’e, guyyaa adabbichi murtaaee irraa kaasee hanga waggaa lamatti;
⚖️Adabbii naamusaa cimaa yoo ta’e, guyyaa adabbichi murtaa’ee irraa kaasee hanga waggaa shani ni ta’a.
=============================
🔴#Balleessaawwan Adabbii Naamusaa Cimaa Hordofsiisan:
a) Ajaja seera qabeessaan kennamu kabajuu dhiisuu, maal na dhibdeedhaan, dhibaa’uummaadhaan yookiin ta’e jedhee sirna hojimaataa yookiin imaammata mootummaa hordofuu dhabuudhaan hojii irratti miidhaa geessisuu,
b) Ta’e jedhee dhimmoota tursiisuu yookiin abbootii dhimmaa deddeebisuu;
c) Hojiin akka hin hojjatamne ta’e jedhee jeequu yookiin warra jeeqan waliin wal ta’uu;
d) Tarkaanfiiwwan adabbii naamusaa salphaadhaan of sirreessuu dhabuudhaan sababa gahaa malee deddeebi’anii hojii irraa hafuu yookiin sa’aatii hojii kabajuu dhabuu;
e) Iddoo hojiitti dubbii kakaasuudhaan wal reebuu;
f) Machii barsiifataan yookiin araada baala sammuu adoochuun summaa’uun hojii miidhuu;
g) Matta’aa fudhachuu yookaan akka kennamuuf gaafachuu;
h) Iddoo hojiitti gocha faallaa hamilee uummataa ta’e raawwachuu;
i) Hanna yookiin gocha amantaa hir’isuu raawwachuu;
j) Gocha gowwoomsuu yookiin dogongorsuu raawwachuu;
k) Qabeenya mana hojichaa irratti ta’e jedhee yookiin dagannoodhaan miidhaa geessisuu;
l) Seeraan ala aangootti fayyadamuu;
m) Iddoo hojiitti miidhaa koornayaa raawwachuu;
n) Keewwata kanaan kan tarreeffaman waliin ulfaatina walfakkaatu hir’ina naamusaa kan qabu biroo raawwachuu.
⚪#Darba_Yeroo_Himannaa_Badii_Naamusaa:
⚖️Hojjetaan mootummaa balleessaa adabbii naamusaa #salphaa geessisu kan raawwate,guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga ji’a jahaatti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate naamusaan itti hin gaafatamu.
⚖️Hojjetaan mootummaa balleessaa adabbii naamusaa #cimaa geessisu raawwate,guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga waggaa tokkootti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate naamusaan gaafatamaa hin ta’u.
===============================
🔀#Hojjataa Mootummaa Ilaalchisee Dhimmoota Mana Murtii Bulchiinsaan Ilaalaman:
⚒Ol'iyyannoo hojjattoota mootummaatiin wal qabatee dhimmoonni:
#1ffaa,seeraan ala hojii irraa dhorkamuu yookiin tajaajilli addaan cituu,
#2ffaa,murtii adabbii naamusa cimaa,
#3ffaa,mindaan yookiin kanfaltiiwwan biroo seeraa ala kan jalaa qabame ykn cite,
#4ffaa,miidhaa yookiin dhibee sababa hojiitiin irra gaheen haala walqabateen mirgi hir'achuu,
#5ffaa,akkaataa Labsicha keewwata 77(7) ibsameen ala,koree komii Qulqulleessaatiin dhimmoota ilaalamanii murtiin itti kenname,
#6ffaa,dhimmoota gaaffii hojii gadi lakkisuu fi ragaa muuxannoo hojii irratti ka'u ilaalchisee ol'iyyannoon ilaalee Murtii kennuuf aangoo qabu Mana Murtii Bulchiinsaati.
Repost from Sheref Ame Laws channel
✅#Gaaffiin akkanaa Mana Murtii idileetiin kallattiin kan keessummeeffamuu miti.
➡️Dhimmoota armaan olitti ibsaman jalqaba dhimmicha ilaalee Murtii kennuuf aangoo kan qabu,Mana Murtii Bulchiinsaati.
↔️Manni Murtii Bulchiinsaa falmii ijoo dubbii irratti murtiin kennu kan dhumaa ta'a,ta'us murtiin Mana Murtii Bulchiinsaa dogongora seeraa qaba jedhee qaamni falmu murtiin Mana Murtichaa isa dhaqqabee guyyoota 60 keessatti ol'iyyannoo isaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiif dhiheeffachuu ni danda'a.
Credit to Muhammed T.Nure.
