5 871
订阅者
+2224 小时
+357 天
+12330 天
帖子存档
#Guddinni_Akkana
Galaa ganna kanaa! Dhufaa jira! Dubbistoonni qopha'aa!
Gara Yuunivarsiitii Walaayyittaa Sooddoo deemaa jirra. Yeroo gaarii qabaanna jennee amanna.
Luba Guddinaa Tumsaa dabalatee namoonni gurguddoon biyya kanaa hedduun bakka kanatti ajjeefaman. Bakki kun bakka itti Dargiin namoota ajjeesaa turedha. Dargiin biyyaaf jecha ajjeechaa suukaneessaa raawwate. Hamma ani beekutti garuu biyyi nama hin caalu. Eyyee, biyyi nama booda dhufa. Lubbuun namaa gatii qabaachuu qaba. Har'as dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu feesisa. Siyaasni nama hin caalu.
#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa
"Namoota abjuu fi fedha hin qabne gidduutti guddaa ta'uu irra namoota abjuu qaban gidduu gad jedhee jiraachuun filadha!" Kahlil Gibran
Kitaabonni kun maxxanfamanii gabaatti deebi'anii jiru. Dubbisaa!
#Xalayaa_banaa_Obbo_Abbaa_Duulaa_Gammadaaf
(Eebbisaa Baayisaa)
Kabajamo! Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u!
Akkuma beekamu sagantaalee hawaasummaa muraasa irratti wal arguun ala gaaf tokko illee wal arginee waliin dubbannee hin beeknu. Dhimmi dhuunfaa walitti nu fides haga yeroo kanaatti hin turre. Xalayaa banaa isiniif barreessuun kan na barbaachise kanaafi.
Waggaa 47 booda ilma keessan argachuun gidduu kana gammachuu guddaatti akka jirtan miidiyaalee irraa argaan jira. Carraa kanatti fayyadamee baga gammaddan isiniin jechuun barbaada. Baga gammaddan!
Xalayaa kana akkan isiniif barreessu dhimmi na taasise dhimma mucayyoo xiqqoo tokkooti. Jiituu jedhamti. Dhaabbanni keessan 'Dibora Foundation' daa'imman dhibee 'Autism' qaban gargaaruuf akka hundeeffame quban qaba. Dhaabbata kana hundeessuu keessaniif galatoomaa jechaa, Jiituun magaalaa Gincii kan jiraattu mucayyoo dhibee kanaan qabamtedha.
Haati Jiituu, Aadde Baqqaleen, qaama miidhamtuudha. Miilli ishee lamaan laamsha'aa waan ta'eef, akka daa'imaatti lafa irra daa'imti. Dhibee ulfaataa kana waliin ijoollee 6 guddisti. Intalli ishee hangafni mana barnootaa seentee barachuuf carraa hin arganne. Qofaa ishee ijoollee kana guddisuun itti ulfaattaan mucaa ishee angafa hojjettuu mana namaa akka taatuuf namaaf laatte.
Kabajamo! Eeruu namoonni naaf kennaniin iyyaafadhee mana ishee deemee gaafan dubbise hammam akkan gadde isinitti himuu hin danda'u. Guyyootaaf midhaan waan hin nyaatiiniif, yoo na waliin dubbattu sagaleen ishee hagas mara hin dhaga'amu ture. "Nyaata ergan nyaadhee guyyaa meeqaffaa seete?" naan jette imimmaan ija ishee irraa haqachaa. Sana arguun akkam nama dhukkuba seetan?
Haati qaama-miidhamtuun kun egaa Jiituus guddisaa jirti. Ofii ishee of gargaaruu waan hin dandeenyeef, Jiituun guutummaa guutuutti deggersa namaa barbaaddi. Aadda Baqqaleen garuu Jiituu kunuunsuu hin dandeessu. Kanaaf Jiituun miidhamtee jirti. Yeroo yerootti qaamni ishee hin dhiqamu; nyaata ga'aa argattee hin nyaattu, daa'imman naannoo waliin fiigdee hin taphattu...baay'ee ulfaata.
Kabajamo! Pirojektii 'Fuula Ifaa' jettu tokkon qaba. Namoota rakkoo hamtuu keessa jiran barbaadeen waan xiqqoo hiixadhaaf. Humni koo garuu baay'ee xiqqoodha. Bulchiinsi magaalaa Gincii mana gandaa kenneefii yaaddoo manaa irraa bilisa baasuu isaaf galateeffachaa, manicha keessatti garuu maatiin kun beela'aa jira. Keessumaa immoo Jiituun! Harmee Jiituu, Aadde Baqqalechiif, maallaqa xiqqoo isheen ittiin midhaan bitattee beela ijoollee ishee ittiin obsisiistu kennuufis, Jiituu garuu gargaaruu hin dandeenye. Addunyaa kana irratti wanti baay'ee ulfaataan maal seetan, kabajamo? Nama gargaaramuu qabu argitanii, gargaaruuf fedha qabaattanii garuu gaafa humna dhabdan! Kun baay'ee nama dhukkuba.
Dhaamsa koo gabaabsuuf, mucayyoo garaa nama nyaattu, Jiituu dhaabbata keessan 'Dibora Foundation'tti akka naaf fudhattan isin gaafachuufan kana hunda naanna'e. Isinis ba'aa namoota gargaaruu waan qabdaniif dhaabbata kana hundeessitan jedhee waanan amanuuf, ba'aa ulfaataan waa'ee Jiituuf qabdu isiiif qooduun jaalladha! Dhaamsi kun isin geenyaan aaga akkan isin irraa dhaga'u nan abdadha. Gaaf tokko Ginci deemee Jiituu fidee dhaabbata keessanitti kennee haadha ishee boqochiisuun hawwa.
Deebii keessan nan eeggadha!
Teessoon koo kunooti:
Bilbila: 0911388084
Iimeelii: ebabayissa@gmail.com
Jiituuf waan dhimmitaniif galatoomaa!
#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa
#Boris_Hin_Nyaannuu?
Har'a Waldaa keenya Waldaa Guutuu Wangeelaa Gafarsaa Buraayyuutti sagalee Waaqayyoo kan nuuf qoodan Paaster Tasfaayee Tafarraa turan. “Jaalala Waaqayyoon lafa kuftee ni kaata!” mata-duree jedhuun barumsa guddaa nu barsiisan.
Seenaa isaan dubbatan tokko garuu addumaan nu gaddisiise. Namoonni hedduun akkuma seenaa kana dhaga'aniin boo'aa turan. Seenichi akkana:
Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.
Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. “Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, “Ijoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. “Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, “Abalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.
Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. “Ijoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. “Hin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!
Seenaan baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru Paaster Tasfaayeen nutti himan. Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.
Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee iji keenya namoota akkanaa hin argu. “Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.
Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!
#horaabulaa
#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa
#Yooman_Si-Gate?
Nagaan hunda keessaniif haa ta'u. Barreeffama Margaareet Feshbaak Paaworsi barreessite dubbiseen isiniif qooduu jaalladhe. Isinis barreeffama kana "share" gochuun namoota hedduu naaf qaqqabsiisaa. Akkana jetti Paaworsi:
Galgala tokko rafeen abjuu abjoodhe. Samii dukkana'aa irratti taateewwanjireenya koo hammi tokko natti mul'atu turan. Ani immoo Gooftaa koo waliinan qarqara galaanaa deeman ture. Tokkoo tokkoo argaman sanaaf faana miillaa kan koo fi kan Gooftaa koo walumatti fakkii faanawwan miillaa namoota lamaan arge.
Dhuma irratti gara xumura argamawwan sanaatti fakkii faana miillaa cirracha galaana biraa sana irratti yoon ilaalu faana miillaa nama tokkoo qofatu natti mul'ata. Yeroon yaadu yeroon sun jireenya koo keessatti yeroon itti rakkoowwan gurguddoo keessa turedha. Yeroon itti baay'ee gaddaa ture. Waan kun baay'ee waan na dhiphiseef Gooftaa koon gaafadhe.
"Gooftaa koo, si duukaa bu'uuf yeroo ani murteesse bara jireenya koo hundumaa karaa koo irratti akka na waliin taatu waadaa naaf seentee turte. Garuu jireenya koo keessatti yeroon hunda caalaa dhiphadhee fi gidirfametti kunoo faana miillaa nama tokkoo qofan arge. Yeroo itti baay'ee na barbaachistutti maaliif akka ati na gatte naaf hin galle!" jedheen gaafadhe.
Gooftaan koos naaf deebisee, "Jaallatamtuu mucaa koo! Yooman si gate? Baay'een si jaalladha. Raawwadhee si hin dhiisne; si hin dhiisus! Yeroo rakkinaa fi qormaataa sanatti faana miillaa nama tokkoo qofa kan argite, ati deemuu dadhabnaan si baadhee waanan deemeefi. Ati dugda koo irra turte. Faanni miillaa ati argite sun kan koo malee kan kee miti!" naan jedhe.
Ergaan qaba! Yeroo tokko tokko qorumsaa fi rakkina gurguddaa keessa seenna. Wantonni hunduu dalga nu galu. Firoonnii fi hiriyyoonni dugda nutti gatu. Akka waan qofaa keenya addunyaa bal'aa kana irra jiraannuutti nutti dhaga'ama. Kallattii arfanuu irra ilaallee harka gargaarsaaf nuuf hiixatu dhabna. Kallattiin nu harkaa badee gara itti gorru wallaalla. Kumaatama nu marsee jiru keessaa nama nu hubatu tokko dhabna. Karaan namoota dabarsu nutti immoo ni cufama. Bokkaan eebbaa ollaaf yandisee roobu mana keenya lagata. Eyyee, yeroo tokko tokko akkasi!
Yeroo akkanaa keessa garuu kan nu hin ganne, kan nu hin dhiisne, akka namaa kan nu irraa hin fagaanne, ol fuudhee kan nu baatu, dukkana hamaa keessa kan nu dabarsu, kan nuuf yaadu...tokko qabna! Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jedhama! Isa amanachuutu nuuf ta'a!
Yeroo gaarii qabaadhaa!
#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa
