ch
Feedback
Bisharo Abdi official

Bisharo Abdi official

前往频道在 Telegram

Baga Gara Maatii Telegram Bisharo Abdi Dhuftan! 🌸 Asitti gammachuu, Qoosaa, jaalala fi waan qalbii nama hawwatu qoodanna. Yoo na dhabdan, du’aaii naaf godhaa..!

显示更多
3 377
订阅者
-124 小时
-87 天
-5330 天
帖子存档
Oggaan dubbisu dafeetiin irraanfadha, furmaatni isaa maali? Irraanfachuun ilma namaa biratti hanqina miti; inumaa umama fi xabi’aa Rabbiin sammuu namaa irratti uume keessaa isa tokkodha. Odoo namni waan irra dabre hunda qalbii fi sammuutti hambisee yaadatu ta'ee, gadda fi dhukkubbii irra dabraan sammuu isaa cufu kana wajjin jiraachuu hin danda'u ture. Xiinsammuu dubbisaa keessatti ammoo, hiikni guddaan irraanfii kana hubatanii tooftaadhaan irra aanudha malee, irraanfiif jacha dubbisuu dhaabuu miti. Tooftaalee irraanfii dubbisaa ittiin hir'isnu: 1.Qalbii fi aqlii dubbisa bira jirtuun dubbisuudha.. 2.Yaada bareeda fi jacha bareeda booda yaadachuu feetu daftara xiqqaa Tokko qopheeyfattee gubbatti barreeysuudha..qalamni yaadachiisaa sammuuti. 3.waan dubbifne daftara sanirraa yeroo hanga Takka booda irra daddeebi’udha..irra daddeebiin akka gad jabeeysutu gooti. 4.oggaa dubbifnu kitaaba namaaf ifa bahu dubbisuudha..yaadni dafee namaaf galu yaada namarratti wal fakkaatu irra namaaf tura. 5.ka barbaachisu ammoo waan baranne hojitti hiiku dandahuudha..yaadni oggaa jireenya keenya keessa seene nama jala baduu irraa ni fagaata. Yeroo garii kitaaba eega fixne booda mee maaliin yaadadha ifiin janna..ammoo kitaaba dubbisuun kee qoftiinu hangam akka jireenya kee jijjiru ati hin beeytu malee faayidaa guddaa siif argamsiiseeti jira. Waan irraanfatte yeroo waan si yaadachiisu argite yaadatta ittin rakkatin. Wanni beekuu qabnu kaayyoon waa dubbifnuuf waan dubbifnu san qomarraa haffazuufii miti ,ammoo faanta hubannaa teenya keessatti hanbisuu fi karaa nu fayyadu irratti nu qajeelchuufi. Sammuun waan dubbifne ni doomti. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Yoo Zikrii ganamaa fi galgalaa guututti jechuu irraa dadhabde, Zikrii torban laaftuu, Faayidaa fi faanti isii guddoo taate tana irraa hin dadhabin: 1. Bismillaahillazii laa yadurru ma'asmihii shay'un fil-ardii wa laa fis-samaa'i wa huwas-samii'ul-'aliim (si'a sadi). 2. A'uuzu bi-kalimaatillaahit-taammaati min sharri maa khalaq (si'a sadi). 3. Radiitu billaahi Rabban wa bil-Islaami diinan wa bi-Muhammadin ‎ﷺ Nabiyyan wa Rasuulaa (si'a sadi). 4. Suuraa (Al-Ikhlaas, Al-Falaq, An-Naas) (si'a sadi). 5. Salawaata Rasuulaa irratti buusuu (si'a kudhan). 6. Aayatal-Kursiyyii (si'a tokko). 7. Subhaanallaahi wa bi-hamdihii 'adada khalqihii wa ridaa nafsihii wa zinata 'arshihii wa midaada kalimaatih (si'a sadi). Ibnul-Qayyim akkana ja’a: "Osoo beekte, hanga nyaataa fi dhugaatiitti haajamtu daran Zikriitti haajamta." Sheekhul-Islaam Ibnu Taymiyyaan salaata Fajrii booda taa'ee Zikrii qara'a; eegasii akkana ja’a: "Tuni afaan-hiikkanna (faxara) kiyya; yoon isii dhiise humnaan dhaba." Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Obboleeyti tiyya Namni yeruma takkallee si qeequu hin dhiisu! Dubartii hin heerumne qeequ, dubartii heerumtes qeequ. Tan ijoollee hin qabne qeequ, Tan ijoollee hedduu qabdus qeequ. Tan durbaa qofa deesse qeequ, tan ilmaan dhiiraa qofa deesses qeequ. Dubartii umrii 18tti heerumte qeequ; dubartii 35tti hin heerumnellee qeequ. Tan barattu qeequ, tan hin barannes qeequ. Dubartii nama ishee caalu umriidhaan heerumte qeequ; tan nama ishee gadi herumtees qeequ. Tan nama biyya biraa heerumte qeequ; kan ilma adeeraa ishee fuudhes, yookaan nama gosa biraa heerumtes qeequ. Tan hojii hojjattu qeequ; tan mana ishee keessaa hin baane qeequ. Tan aangoo qabdu qeequ; tan daldala ishee jalqabdee sadarkaa guddaa irra geesse illee qeequ. Kan mana ishee ofii hojjetu qeequ; kan nama biraa irraa gargaarsa argattu illee qeequ. Kan abbaan manaa ishee irraa fagaatu qeequ; kan abbaan manaa ishee bira jiru illee qeequ. Kan abbaan manaa hojii guddaa qabu qeequ; kan abbaan manaa hojii xiqqaa qabu illee qeequ. Kana hundumaa keessatti… dubartiin ni qeeqamti. Kan uffata isaa bareechifatee fayyaa fi qaama ishe kunuunsit qeequ; tan of hin kunuunfsine illee qeequ. Tan ulfaatina isaa hir’isuuf hojjetu qeequ; tan ulfaatina isaa dabalu illee qeequ. Kan ijoollee isaa ofii kunuunsit qeequ; tan nama biraatti kennatee kunuunsifattu illee qeequ. Kan dubbii baay’ee dubbatu qeequ; tan callistuu taatelle qeequ. Tan hiriyoota baay’ee qabu qeequ; tan hiriyoota hin qabnellee qeequ. Kanaaf, waan tokko qofa yaadadhu: Yeroo hundumaa namni waan ati qabdu irratti dubbate si qeeqa waan ati hojjattes qeeqa. Kanaaf, jireenya namoonni itti gammadan hin jiraatin; jireenya ati itti gammaddutti jiraadhu. 🤍 Namni maal akka siin jedhuuf osoo hin yaadda’in, waan sirrii fi qalbii kee gammachiisu filadhu. 🌷 Jireenya ati ofii keetiif filatte, kan siif malu, kan ati itti nagaa fi gammachuu argattu jiraadhu. 🫂❤️ Yeroo hunda gammachuu kee filadhu; waan namoonni siif filatan osoo hin taane, waan ati ofiif filattu jaalladhu..! 👑🤍 Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Akkamitti namni tokko haala diliin isaa cufti isaaf araaramteen rafa? Ergamaa Rabbii ﷺ akkana ja’a: "Namni hoggaa gama firaasha isaa rafuuf achi deebi’ee: Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahu, lahul mulku wa lahul hamdu wa huwa 'alaa kulli shay'in qadiir. Laa hawla walaa quwwata illaa billaahil 'aliyyil 'azeem. Subhaanallaah, walhamdulillaah, walaa ilaaha illallaahu wallaahu akbar ja’ee ,diliin isaa osoo hanga hoomacha baahrillee geeysee, Rabbiin ni araaramaaf." (Ibnu Hibbaan odeeyse: 5528, Sheikh Albaaniinis Sahiiha je'een) Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Gowwaan akkana siin ja’a: "Nama waa'ee kee hin gaafanne, atiis waa’ee isa hin gaafatin (dantaa irraa dhabi." ❎ Ergamaan Rabbii (ﷺ) ammoo akkana siin ja’a: "Nama si mure maxxanfadhu ; nama si miidheef dhiifama godhi; nama badii sirratti raawwateef tola ooli..." ✅ اللهم صل وسلم وبارك على سيدنا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليما كثيرا Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Haala asiin gadii irratti tiiyfachuun jireenya milkii guyyaa hundaati, gammachuu yeroo hundaati akkasuma jireenya bal’aa guutuu duniyaa fi Aakhiraati: 1. Salaataa Fardii yeroo irratti eeggachuu.. 2. Haadha fi Abbatti tola oolu fi rahima maxxanfachuu. 3. Sunnaawwan Rawaatiba fi Salaata Witrii irratti tiiyfachuu. 4. Ibaadaa dabalataa (Nawaafila)—salaata, soomana fi sadaqaa— irraa sinqeeyfachuu. 5. Wirdii Quraanaa irratti tiiyfachuu. 6. Arjummaa, tola ooltummaa fi jecha gaarii baay'isuu. 7. Zikrii heddummeeysuu: (Subhaanallaah, Laailaaha illallaah, Allaahu Akbar...) 8. Qajeeloo fi fayyaa kadhachuu baay'isuu (Dua’ii) 9. Istighfaara baay'isuu: (Astaghfirullaah wa atuubu ilayhi). 10. Haqaa namootaa firraa kafaluu, nama haqa sirraa qabu ykn ati miite dhiifama gaafachuu , dhugaa dubbachuu fi du'aaf qophaa'uu. Namni haalli isaa akka asiin olii kana tahe.. "Rabbii saatiin wal qunnamuu jaalate, Rabbiinis isa qunnamuu ni jaalata." Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Guyyaa tokko beekuuf jiraatta...! •Salaatni hirriba irra kan caalu ture... ati immoo ni rafte. •Qur'aana qara'uun Rabbi biratti sadarkaa kee ol kaasa ture... ati immoo ni lakkifte. •Azkaara ganamaa fi galgalaa qara’un jireenya keetiif barakaa dabala ture... ati immoo ni hifatte. •Istighfaarri hulaa rizqii teetii siif bana ture... ati immoo ni irraanfatte. •Hulaan towbaa yeroo hunda banaa turte... ati immoo hanga duuti si saamtutti booda aansite. •Dilii ati lakkiftu cufti sababa furmaata rakkoo teetiiti turte... ati immoo dilii dalaguu keessatti daangaa dabarte. •Ajajni Rabbii kan ati raawwattu hundi jannatatti si dhiyeessee, ibidda irraa si fageessa ture... ati immoo dantaa dhabde. Aliyyi Ibnu Abii Xaalib yeroo “irra hedduun nama hirriiba keessa jiran ogguma duuti itti dhufte dammaqan” ja’u dhugaa dubbate..!! Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Suuraa tanarraa maal hubattan mee? Keessattuu shamarran!
Suuraa tanarraa maal hubattan mee? Keessattuu shamarran!

هذا ما وجد لأحد الشهداء💔
هذا ما وجد لأحد الشهداء💔

Wanti guddaan gurbaan Tokko jaartii isaatiif kennu nyaata ,uffata fi waan isii barbaachisu dhiyeessuufi qofa miti, isiin akka gatii fi kabaja qabdu akka itti dhaga’amu godhuudha. Dhiirti gariin dirqama maallaqaa fi meeshaa jaartiin isaa barbaaddu guutuufi qoftiidhaan maatii tasgabbaa'aa jaaruun ni danda'ama ja’anii yaadu; garuu waan ilmi namaa hundi waa hunda dura barbaadu kan biraa irraa ni dagatan: saniis jaartiin isaa jaarsa isii biratti nama kabajamuu fi dinqisiifamu tahuun isii itti dhagahamuudha, kunis wajjin jireenya dhooysaa qofaatti osoo hin ta'in, fuula namoota biraa durattiis ta'uu qaba. Abbaan warraa jaartii isaa fuula maatii isaa fuulduratti gaarummaan dubbatuun, hojii isii joollee isaa fuulduratti galateeffachuuni, fi dadhabbii isiin jireenya isaa baadhachuuf laffaatu hiriyoota isaa fuulduratti galateeffachuun ; nageenyaa fi gammachuu maatii saniif qaama ta'uu isii akka taate isitti dhaga'amsiisa. Oggaa akkanatti qooda isii hubate akka waan: "Ani siiniin boona, gaarummaa fi gumaacha kee amanee fudhachuuttis hin qaanfadhu." Jachutti jiruuti. Gara biraatiin immoo, abbaan warraa tokko jecha qoosaa qalbii nama cabsuu fi tuffii ta'een namoota fuulduratti jaartii isaa salphisuun, ykn sadarkaa isii gadi qabuun, ykn nama kofalchiisuuf ja’e qoosaa namoonni itti koflan jachuun miira jaartii isaa cabsuun akka bultiin san diigamtu godha. Madaan tokko tokko arraba dirree bahe qofaan nama arrabsuun hin argamtu, tuffii fi nama xiqqeeysuuniis ni uumamti. Namni Tokko jaartii isaa namoota fuulduratti galateeffachuun Ulfina isaatiif ykn sadarkaa isaatiif hir'ina ja’ee yaaduun dogoggora. Inumaa dhiirti kabajaa qabdu nama isaan cinaa dhaabbate galateeffachuu hin sodaatan; nama galateeffachuu fi haqa namni isaanirraa qabu himuu keessatti dadhabina osoo hin ta'in, amanamummaa fi galata beekuudha ja’aniiti fudhatan. Oggaa akkana jannu fakkeessuu osoo hin taane gaarummaa jirtu dhugaan galateeffachuudha. Yoo isiin nyaata qopheessite dadhabina isii galateeffachuudha; yoo joollee karaa gaariin guddifte carraaqqii isii himuudha; yoo isaa rakkate cinaa dhaabbatte, galata isiif galchuudha. Haati manaatis abbaa warraa isiitiif akkanumatti miira isaa beeku qabdi; wal-galateeffachuun hariiroo isaanii kan walitti dhiheeysuufi namni hundi laffaatiin inni laffa’u ni mul’atti ni bekkamti jachuu akka namatti dhaga’amu godha. Jechoonni joolleen abbaan isaanii oggaa haadha isaanii faarsu galata isii beeku dhaga'an, dubartoota akkamitti kabajuu akka qaban fakkeenya gaarii isaaniif ta'a deema, akkaasuma walitti dhufeenyi bultii keessatti abbaa warraati fi haadha warraa jiddutti akkamitti akka ta'u isaan barsiisa. Maatiin maallaqa qofaan sadarkaa hin argattu, garuu maatiin Takka guddachuu fi lalisuu kan dandeeysu, yoo tokkoon tokkoon abbaa warraa fi haadha warraa akkuma qalbii keessatti wal jaalatan, fuula namoota fuuldurattis wal-olqabu fi wal-kabajuun argame qofaadha. Dr Abdu Kariim Bakkaar. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Imaamu Ash-Shaafi’iin (Rabbi isaan irraa haa jaalatu) akkana ja’a: "Dilii akka itti dhiifnu barbaanneeti—Salaata Duhaa keessatti arganne. •Qabriin teenya akka nuuf iftu barbaanneeti—Qur’aana qara’uu keessatti arganne. •Siraax irra saffisaan dabruu barbaanneeti—Soomanaa fi Sadaqaa keessatti arganne. •Gaaddisa Arshii jala taa'uu barbaanneeti—Obboloota gaggaarii Rabbiif jecha wal jaallannu heddummeeffachuu keessatti arganne." Wallaahi, namoonni erga ati duutee si irraanfachuun isaanii akka ati yaaddu caalaa sitti ariifata. Har'umahu osoo lubbuun jirtuu, firoottan kee warri sitti dhiheenya qabu qofaatu yeroo tokko tokko "Abalu eessa jira?" Ja’anii si yaadatu. Namuu dhimma jireenya isaanitiin shaakalamanii jiran. Erga ati gara aakhiraa deemte duuba maal gaafatta ? Maal Godhuu Qabna? Hojii Gaarii baay’ifadhu: Karaa gara Rabbii keetitti si dhiheessu hunda keessa seeni. Waan erga ati duutee si fayyadu—hojii gaarii facaafachuu fi Sadaqaa Jaariyaa (sadaqaa itti fufiinsa qabdu) hambifachuuf carraaqi. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Gurbaa Tokko Rabbiin guyyaa keessaa qajeelcheeti tawbaa isa waffaqe garaa guutuun, "Har'a niin salaata" ja'ee gara masjiidaa qajeele. Oggaa inni masjiida ol seene, osoo inni salaata keessa jiruu, moobayilli isaa akka tasaa iyyite.. oggaa iyyitu walleen sagalee moobayil keessaa namoota salaatutti jiru jeeqxe..! Ogguma, san warri salaatee fi imaamni itti dhufanii dallansuun Lolaanii akkana ja'aniin: "Mana Rabbii keessattillee dilooytaa? Rabbiin dachii gad sin kuchiisuu hin sodaattu ? Sodaa rabbii hin qabduu?!" Gurbaan qalbiin isaa cabdee madooytee, rifate fuula isaa lafatti qabaa masjiidaa bahe.. guyyaa sanirraa eega masjiidarraa gad bahe, deebi'ee Lammada masjiidatti hin deebine.! Guyyaa biraa ka’eti hoteela dhaqe: Hoteela Keessa Osoo achi jiruu, dogongoraan mataan shiishaa harkaa bu’e cabse. Inni sodaatee naasuu keessa osoo jiruu, abbaan hoteelichaa fuula banaan itti dhufee akkana ja'een: "Kun si hin yaachisin jaalalloo keenya! atummaan nagaya nuuf qabaadhu, ati fayyaa taanaan sanuma barbaanna " ja'een. Gurbaan garummaa kanaan onneen isaa booji'amte. Guyyaa sanirraa ka'ee maammila jabaa hoteela sanii tahe! Asitti seenaan dhumte.. Nama gammachiisaa malee hin baqachiisinaa! Waa laaffisaa malee hin jabeeysinaa! Ja’e Ergamaan Rabbii. Jannata isaan feena ja'aniiti, jechaafi amala hamaan gara ibiddatti isa geeysan.. Namoota gara haqaa jaalachiisuun kan danda'amu onnee isaanii obsaafi jaalalaan simachuuni malee, dogongora isaanii qofatti quba qabuufi itti lallabuun miti. Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

⚠️ Kasaaraan guddoon arra namni keessa jiraatu; Kasaaraa maallaqaa ,ta hojii fi ta hiree bareedduu argachuu dhabuuti miti. Kasaaraan guddoon Namni umriidhaan dabalamaa deemee, hubannaa fi jijjiiramni inni jireenya isaa kan dhuunfaa dabalamaa deemuu dhabuudha. Kasaaraan jabduun, waggaan guutuun umrii namaa irraa dhumee , namni sun ammoo humaa keessatti jijjiiramuu dhabuudha: •Kitaaba bara dabree booda haaraya hin dubbifne. •Yaada bara dabree malee yaada haaraya hin qabu. •Amala hamaa qabu ka jijjire hin jiru. •Waan bara dabre itti dogongore arraas ittuma jira. •Hariiroon inni Rabbii wajjiin qabu irra hammaatte. •Karoora jireenya hin qabu ,karoorattiis hin amanu. Osoo haala kanaan jiruu ammoo, 'maaliif jireenyi kiyya hin jijjiiramne?' Ja’ee komata. 💡 Hunda caalaa hubachuu kan qabnu: Yeroon nama hin jaartu; wanti nama jaaru fi namummaa namaa fooyyessu waan namni sun baratu, waan of keessatti gadi fageenyaan xiinxalu fi amala isaa keessatti jijjiirudha..!!

“Diliin ati hojjattu hanga feetellee guddattu ,Salaata hin dhiisin, yeroo isii irraahis duubatti hin aanisin.” "Musalmoonni Tokkolleen namni ⁧#Salaata_Lakkisu dilii hundaarra guddooti fi kabaa’ira akka hojjachutti jiru keessatti wal hin dhaban. Diliin nama salaata lakkisuu dilii nama lubbuu baasuu (nama ajjeesuu), qabeenya saamuu, akkasumas zinaa hojjatu, ka waan namaa hatuu fi farshoo dhuguurra heddu guddoodha. Namni salaata lakkisu adaba Rabbii, dallansuu Isaati fi salphina addunyaa fi aakhiraatiif of saaxileeti jira." "Gurbaan salaata dhiisu nama waa hatuu fi zinaa hojjeturra hamaadha jachutti Ulamaan waliif galaniiti jiran . Intalti hin salaannees, isii zinaa hojjettu,ta hattuu fi ta farshoo dhuuydura hamtuudha." Ergaa nama Salaata lakkisuuf.. Mana kee keessatti , magaalaa keessatti , biiroo tee kessatti fi bakka dalagaattillee yoo ta'e Salaati, kophaa keetillee tahu salaati ,kophaa kee salaatuutu oggu kuma dhibba Takka salaata guutumaan guututti dhiisuu ykn yeroo isii irraa duubatti tursiisuurra siif caala—! Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

“Miliyoonaan kan lakkaawaman onneen isaanii fi miirri isaanii tapha kubbaa miilaatiif yommuu sossohu, gama biraatiin immoo dhiphina fi rakkina dhiiga obboleyyan keenya kan dachii barakhaa qabduu keessa jiraatanii halkanii fi guyyaa dhiigni isaanii dhangala’uuf sossohuu dhabuun na dhukkubsa. Tartiiba dhimmoota dursa kennamuufii qaban (priorities) wallaaluun, waan hamilee fi sammuu dhala namaa miidhu keessaa isa duraati. Gaafa dardarri amantiin isa eeggattu ka ba’aan isarra jirtu waan xiqqoo tanaaf ja’ee if rakkise kuni ummata fuulduratti abdii hin qabne jachuutu namaaf mul’ata. Nuti uummata injifannoon isaa bu'aa tapha kubbaatiin safaramuu miti. Uummanni Tokko kabajaa fi guddinni isaa Tapha kubbaatiim hin ijaaramu, kabajaan ummata Tokkootiis murtee abbaa murtitiin hin laalamu. Taphni deemu jiru ni dhuma. Teessumni irra ta’anii tapha laalaniis ni duwwata.. Tvn kubbaa dabarsuus dhimma biraatti dabra.. Haa ta'u malee, dhugaan uummata keenyaa akkuma jirutti bifa isaa isa ulfaataa fi madaa isaa itti tuulamee jiruun bakkuma isaatti hafa; hawaasni Islaamaa kan nurraa eeggatu dammaqiinsa malee harka waliin dhawuu miti, hojii malee iyyeensaa miti, gootummaan dhugaatiis daqiiqa 90 keessatti hin murtooytu. Yoo yeroo hunda bakkuma amata 5n dura teeysu teeysee kubbaa deeggara , kubbaaf yaadni kiyya malee hin tahu jattee lolte osoo hin beeyne “Sanama”Qureeyshiin maalif nu jalaa xuqama jattee loluufi turte ka akkasii jireenya kee keessatti uumteeti jirta jachuudha. Maaltu zamana keenya kana “Sanama” namni Baaxiliin irraa lolu heddummeeyse..! Dhaamsi kiyya “Sanama” kee caccabsi ,nama ifiif jijjirama uumu tahi malee nama jijjirama uumu qofaaf harka dhawaa hin oolin. “Murtiin hundi duraa fi boodeeniis tan Rabbiiti.” Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Nama Akka Kheeti Tahuu Fedhu Khan tahuu Hin dandeenye irraahi Dhufti "Hinaaffaan"❗ Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Dubartiin dhiira dalagaa malee mana oolu hin feetu dhiira dalagaan busy isiirraa tahuus hin feetu 😁🤌 Dhuguma mii🙂 Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

Hasan Al-Basriin erga namni tokko awwaalamee booda qarqara qabrii irra dhaabbatee, gara nama isa cinaa jiru tokkotti achi garagalee akkana ja’ee gaafate: "Osoo namni kun gara duniyaatti deebi'ee, maal waan hojjetu sitti fakkata?" Namtichis: "Araarama Rabbi kadha, Towbaa heddummeeysa ,Salaata yeroo irratti salaata, hojii gaggaarii dabalatee waan Rabbiin jaalatu irraa sinqeeyfata" ja’ee deebiseef. Hasan Al-Basriin : "Inni waan akkasii hojjechuuf carraan isaa dhumatee jira ,Ati garuu ammallee lubbuun jirta , kanaaf carraa kee kanatti fayyadami, if jalaa hin dabarsin (Inni carraa dhabeeti jira, ati garuu carraa qabdu kanatti fayyadami) " ja’een Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4

#Akeekkachiisa_hatattamaa! 🚨 Dhiheenya kana hacking fi hanni akkaawuntii baayyee balaa ta'e #Telegram irratti raawwatamaa jira. Suuraa fi viidiyoo baay'ee fokkataa ta'e fayyadamuun liinkii walitti qabsiisanii #post godhaa jiru. Linkiin kun namoota hin beekne qofaan kan isiniif ergamu osoo hin taane, hiriyyoota keessan dhiyoo ykn firoota keessan kan account isaanii hack ta'e ta'uu danda'a. Sana booda akkuma link sana cuqaasteen, akkaawuntii Telegram keessan sekondii muraasa keessatti, to'annaa keessan ala ta'ee hack ta'a. Sana booda vaayirasii wal fakkaatu bakka kee bu'ee namoota birootti erga. ⚠️ Kanaaf linkii gosa kamiiyyuu nama kamirraayyuu (beektanis ta'ee hin beekin) isiniif ergamu hin tuqinaa! Hin bananaa! Odeeffannoo kana namoota itti dhiyaattanii fi hiriyoota keessan hundaaf #Share godhaa #hackers irraa save godhaa. 💦 Ahmed Mohammed #Ahmed_M_Jimma✍️

Aalimni guddaan jaarra keenya kana Sheek Abdul-Aziiz ibnu Baaz Rabbiin rahmata haa godhuuf akkana ja’a: "Yeroo umriin kiyya waggaa 19 gahu, ija kiyya lamaan niin dhabe! Halkan tokko haboon tiyya mana keenya dhufte. Waaniin rafu seete, suutatti haadha tiyyaan akkana jette: 'Abdul Aziiz na rifachiisa, akkamitti dalagaa inni ittiin jiraatu argata?'..." jatteen. "Guyyaa biraa saahibtittin haadha tiyyaa tan #Nafiisa ja’amtu mana keenya dhufte. Haadha tiyya isii boochu argite! Nafiisaan rifattee: 'Maaltu si boochisa?' jetteen. Haati tiyyas gaddaan guutamtee: 'Amrii (haala) Ibnu Baaz tanaatu na rifachiisa, boru akkamitti jiraata' jetteen. Imimmaan haadhaa kan agarte saahibtii gaariin tun akkana jettee gorsite: 'Booyinsi kee isa hin fayyadu! Ka'i, raka'aa lama salaati, ummata Islaamaa nama fayyadu akka Rabbiin isa godhu Rabbbii kadhadhuuf!'" Haati bo'icha dhaabdee gara qiblaa garagaltee Rabbii isitti boochee du'aa'ii kadhachuu jalqabdee! Rabbiin du'aa'ii haadhaa qeebalee Mucaa ija hin qabnee fi ka namni boru maalin jiraata ja’e isaaf rifachaa ture san: 👑 Muftii Walii-gala biyya Sa'udii ta'an. 🌍 Itti gaafatama Fiqhii Islaamaa addunyaa guutuu ta'an. 🏆 Badhaasa Addunyaa 'Malik Feysal' tajaajila Islaamummaatiif argatan. 📚 Goota fi Hangafa Ulamaa'ii zamana keenyaa ta'an. Maaliin jiraata ja’anii isaaf rakkachuu turan , Rabbiin ammoo jireenya ummata Islaama walii gala harka isaa irratti godhe. #Rizqiin_harka_Rabbii_jirti, harka namaa hin jirtu! Namni ija dhabee karaan addunyaa itti dhiphate ja’ame, har'a addunyaan maqaa isaa yaamti. Kanaaf, rizqiif jettee nama duratti if gad hin qabin. Rabbiin if biraa rizqii gaarii fi barakaa qabdu nuuf haa kennu! 🤲✨ Join 👇 ╭┈───────── ╰┈➤ @bishaara_4