ch
Feedback
Obsaa Abdiisaa

Obsaa Abdiisaa

前往频道在 Telegram

Seerri FB waan Hammaateef asitti mana ijaarranne! Seenaa🙏

显示更多

📈 Telegram 频道 Obsaa Abdiisaa 的分析概览

频道 Obsaa Abdiisaa (@obsaabdiisaa) 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 504 名订阅者,在 教育 类别中位列第 19 017,并在 芬兰 地区排名第 381

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 504 名订阅者。

根据 23 六月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -176,过去 24 小时变化为 -2,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 22.86%。内容发布后 24 小时内通常能获得 N/A% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 0 次浏览,首日通常累积 0 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
Seerri FB waan Hammaateef asitti mana ijaarranne! Seenaa🙏

凭借高频更新(最新数据采集于 24 六月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 教育 类别中的关键影响点。

10 504
订阅者
-224 小时
-327
-17630
帖子存档
Hojiileen misoomaa Bulchinsa Magaalaa Shaggar ogeeyyii miidiyaatiin daawwatameera. Bulchinsi magaalaa Shaggar kutaalee magaalaa 12fi aanaalee 36n Onkololeessa, 2022 A.L.A kan hundeeffamte yoo ta'u, bal'ina lafaa heektaara Kuma 160 ol irratti bu'uuramte. Magaalittiin erga hundeeffamtee waggoota sadii qofa ta'us, hojiileen amma dura hojjataman waan waggoota soddoma keessatti hojjatamuu maludha! Akkaatuma kanaan hojiileen hojjatamanis roga rogaan: 1. Qonna: Adeemsa qonna magaalaatiin qonnaan bultoota kanaan dura qe'ee isaanirraa buqqa'aa turan deebisanii dhaabuun qonna babal'isuun danda'ameera. Kanas akkaataa oomishaafi oomishtummaa dabaluun danda'amurratti qonnaan bultoota leenjisuun hojii boonsaan hojjatameera. 2. Misooma magaalaafi gabaa: Qonnaan bultoonni kanaan dura oomisha isaanii gabaatti dhiyeessuuf rakkataafi dallaalota seeraan alaatiin saamamaa turan giddugaloota gabaa 8 ol ta'an kutaalee magaalaarratti ijaarsisuun hojiif banaa taasifameera. 3. Fayyaa: Hundeeffama Shaggariin dura hospitaalli tokkollee kan hin turin yoo ta'u, waggoota sadan darban keessatti qofa hospitaalonni sadii ijaaramuun meeshalee wal'aansaa guuttachuun tajaajila eegalaniiru. Kana malees giddugaloonni wal'aansa baqaqsanii yaaluu sadii banamuun rakkoo karaa tajaajilichaa ture hiikaa kan jiran yoo ta'u hospitaalli rifaraalaa tokko ijaarsi isaa xumuramaa jira. 4. Barnoota: Bulchinsi magaalaa Shaggar waliin gahinsa barnootaa dabaluuf manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa kutaalee maggaalaafi aanaalee hunda sadarkaa jedhamuun danda'amutti ijaaruun barattoota simachuun barsiisaa jira. Kanumaan wal qabatee sagantaa nyaataa barattootaa qixa sirriin adeemsisaa jira. 5. Teeknolojii: Magaalaan Shaggar magaalaa Ismaartiifi ammayyooftuu ta'uu kan ittiin mirkaneessaa jirtu keessaa inni tokko sosochii teeknolojiitiini. Kanas Inistiyuutii Teeknolojii guddaa magaalaa Koyyee Facceetti hundeessuun muummeewwan barnootaa akka addunyaatti gurguddoofi murteessoo ta'an barsiisuuf barattoota simataa jira. Inistiyuutiin kunis sirna barnoota ofii isaa kan hayyoota giddugaloota teeknolojii akka NASAfi kkf keessa hojjataniin bocame kan qabudha. Kana malees sosochii tajaajila waraqaarraa bilisa ta'eefi harkifannaa kenna tajaajilaa hambisuu milkeessuuf wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo "MESOB-Shaggar" eegalchiiseera. Giddugalli kunis seektaroota 32n kan eegale yoo ta'u, gosoota tajaajilaa 159 ta'an kennaa jira. 6. Carraa hojii uumuu: Shaggar magaalaa jireenyaaf mijattuu taate gochuuf lammileef carraa hojii uumuun murteessaadha. Kanuma bu'uura godhachuun pirojeektii "hojii gara Shaggar fiduu" jedhu bocuun seektara hundumaanuu carraa hojii bal'aa uumuuf hojjatamaa jira. Kana malees inisheetivoota adda addaan kutaalee magaalaa hundattuu industiriiwwan godoo hedduun ijaaramuun dorgaggootaaf carraan hojii uumamuu danda'eera! 7. Mana jireenyaafi bulchinsa lafaa: Hundeeffama Magaalaa Shaggariin dura ijaarsota seeraan alaafi saamicha lafaa ture gara baankii lafaatti deebisuun jiraattota qabiyyee seera qabeessa qabaniif mirkaneessuun danda'ameera. Kanaanis karaa misooma real state fi ijaarsa manneen waliiniitiin rakkoo mana jireenyaa jiru furuuf kutannoon hojjatamaa jira. 8. Sassaabbii galii: Hundeeffama magaalattiin dura waggaatti galiin qarshii Biliyoona shan (5B) qofti sassaabamaa kan ture yoo ta'u, hundeeffamaan booda ammoo walumaagalatti galii qarshii Biliyoona afurtama (40B) sassaabuun danda'ameera. 9. Tajaajila lammummaafi tola ooltummaa: Magaalli Shaggar hojii tajaajila lammummaafi tola ooltummaatiin harka qalleeyiifi namoota humna hin qabne 4000 ol ta'aniif manneen jireenyaa 400 ta'an ijaaramuun kennamaniiru. Walumaagalatti Shaggar, magaala haala magaalummaa addunyaa giddugaleeffatte kan taateefi jireenyaaf mijattuu taatedha. Kanaanis Maastar Pilaanii mataa ishee kan qabdu, zoonii manneen jireenyaa, industirii, daldalaafi kkf kan of keessatti hammattu yoo ta'u, waggoota dhiyoo as aanan keessatti magaalaa addunyaa miidhagduufi beekamtuu taasisuuf kan hojjatamaa jirudha. https://www.facebook.com/share/p/1H8jh9yxd6/?mibextid=wwXIfr

Oduu Gammachiisaa🖤❤️🤍 Namoota Dubbisa jaalattaniif kitaabota dubbisuu barbaaddaniif, Manni Kitaabaa Finfinnee Daalattii (4 kiilootti) isiniif banameera. Itti goruun iyyaafadhaa. Kitaabota gabaa irraa dhabdanji akka isiniif maxxanfamu barbaaddanis eeruu kennuun nii dandaa’ama. https://vt.tiktok.com/ZS9aW4qPu/

https://www.facebook.com/share/p/18AfUaFWxW/?mibextid=wwXIfr Waldaan Qorannoo Oromoo Fooramii Wixinee Qorannoo Kitaabaa gaggeesse. Waldaan Qorannoo Oromoo har'a Ebla 9/2026 mata dureewwan gurguddoo jaha (6) irratti qorannoowwan hojjachiisuuf hayyootaafi barsiisota Yuunivarsiitiilee garagaraa waliin fooramii gaggeesseera. Fooramiin kunis kitaabilee qorannoowwan mata duree armaan gadii jaharratti xiyyeeffatu ilaalchiseetu wixineen (piroppozaala) qorattootaan dhiyaatee yaadni karaa hirmaattotarraa ka'uun qaaccefameera. Mata duree kunneenis:- 1. Seenaa Orom-duroo (Ancient Oromo History) Qorannoon kunis seenaa Orom-durii, keessumaa haala seenduubee ummata Kuush duriifi ammaa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, haala qubsumaafi bulchinsa Kuush naannoo Kaaba-baha Afrikaa jiraatu, akkasumas jalqabbii sirna Gadaafi falaasama amantii Oromoo giddugaleessa kan godhate ta'uu qorattootni dhiyeessaniiru. 2. Gadaa in Contemporary Soceity Mata dureen qorannoo 2ffaan kuni ammoo qorattoota kudhaniin kan hojjatamu yoo ta'u, kan inni xiyyeeffatus ciminaafi rukkina qabiyyee sirni Gadaa haala jiruufi jireenya Oromoo keessatti qabu, akkasumas, qooda Gadaan ijaarsa nagaaf bulchinsa diimookiraatawaafi wal-dhabdee hiikuu keessatti akka modeelaatti tajaajiluu malu irrattidha. 3. Irreechaa in Contemporary Soceity Mata dureen kunis qorannoo wixineen isaa dhiyaate yoo ta'u, hayyoota jahaa oltu irratti hirmaate. Golli xiyyeeffannoo qorannichaas, haala gaggeeffannaa ayyaana Irreechaa Orom-duroofi ammaa, akkasumas, qooda inni tokkummaa cimsuu, dammaqinsa hawaasaa ijaaruufi aadaa ummatichaa tiksuufi dagaagsuu keessatti qabudha. Gama kaaniin maalummaafi achii dhuftee ayyaanichaarratti qorannoon waggaa tokkoof ni gaggeeffama jedhameera. 4. Oromoo and their neighbors Mata dureen qorannoo kanaa hayyoota kudha lama (12) yuunivarsiitota garagaraarraa walitti dhufaniin kan hojjatamu yoo ta'u, hariiroo Oromoon sabootaafi sab-lammoota akkasumas ummattoota gaanfa Afrikaa jiraatan waliin qaburratti kan xiyyeeffatu ta'a. Kanaanis, qorannichi sababoota walitti bu'insaa kanneen akka naaf malaa daangaa, qabeenya uumamaafi darbees wal-jijjiirraa aadaafi afaanii Oromoon saboota ollaa waliin qabu ni qo'ata, ni qaaccessa. 5. Urbanization in Oromiyaa Mata duree 5ffaan kuni ammoo akkaataa guddinaafi babal'ina magaalota Oromiyaa tokko tokko kanneen akka Finfinnee, Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamanneefi kkf irratti xiyyeeffata. Kanaanis, dhiibbaawwan babal'inni magaalota kanneenii afaan, aadaafi dinagdee Oromoorratti fidetu qoratama. Kana malees akkaataa ittiin Oromoo magaalota saffisaan guddataa jiran keessatti itichuun danda'amutu yaadni dhiyaata. 6. Socio-political Economy of Oromiyaa Wixineen qorannoo kanaa akka dhiyaatetti, qorannichi kan xiyyeeffatu haala siyaas-dinagdee akkasumas hawaasummaa ummata Oromoofi Oromiyaatu qoratama. Kana jalatti waa'ee qabeenya lafaa, humna namaa, hojiilee qonnaa (qotiisaafi horsiisa loonii) Orom-duroofi ammaa, cehumsa industirii, adeemsa invastimantiifi saamicha qabeenya bara as dhiyoo keessa adeemaa ture akkasumas, guddina dinagdeefi qoodama qabeenyaa haqa-qabeessa ta'erratti fuulleffata. Walumaagalatti qorattootni 40 ol kan irratti hirmaatan wixineen kitaaba qorannoo kuni hojjatamuuf yeroo turtii waggaa tokkoo hanga lamaa kan fudhatu yoo ta'u, qorannicha hojjachuuf hayyootnifi qorattootni kunneen dhumarratti Waldaa Qorannoo Oromoo waliin koontiraata isaanii mallatteessaniiru.

Sirni Gadaa Sirna guddaa ganamaa kan Oromoon ittiin wal bulchaa turee fi jirudha. Sirni Gadaa qe'ee Karrayyuu Fantaalle Tarree Leeditti, tuuti Gadaa Michillee tuuta Gadaa Halchiisatiif sirna Goobaa kennuu yeroo geggeessu! https://vm.tiktok.com/ZMDMYCfGq/

Maqa-Najjoo 👉 መቀናጆ🤦🏽‍♂️ https://www.facebook.com/share/r/17J9vPnsZy/?mibextid=wwXIfr

Yuunivarsiitiin Amboo Waldaa Qorannoo Oromoo waliin waliigaltee mallaatteesse Yuunivarsiitiin Amboofi Waldaan Qorannoo Oromoo
+1
Yuunivarsiitiin Amboo Waldaa Qorannoo Oromoo waliin waliigaltee mallaatteesse Yuunivarsiitiin Amboofi Waldaan Qorannoo Oromoo hojiiwwan qorannoo Oromoo irratti xiyyeeffataniifi biyyaafis bu’aa buusan irratti waliin hojjachuuf waliigalanii jiru. Waliigaltee kana kan mallatteessan gama Yuunivarsiitii Ambootiin itti aanaa Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Dr. Salamoon Maashoo yoo ta’an; isaanis haala waliigala Yuunivarsiitii Amboo ibsuun barbaachisummaa waligaltee kanaa ibsanii bu’uura waliigaltichaatiinis hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an akka hojjetamuu danda’an abdii qaban ibsanii jiru. Gama Waldaa Qorannoo Oromootiin Hojii Raawwachiisaa Ol'aanaan Waldichaa Dr. Tafarii Buzaayyoo waliigaltee kana kan mallatteessan yoo ta’u; haala waliigala waldichaa erga ibsanii booda waliigalteen kun hariiroo dhaabbilee lamaanii akka cimsu eeranii hojiiwwan waliin hojjachuuf karoorfaman Falaasama Oromoo giddugala akka godhatan dubbatanii jiru. ©️Ambo University

We’re Hiring — Join the Digital Transformation Journey at Kerchanshe Group! As Ethiopia’s leading agro-industry group, Kercha
We’re Hiring — Join the Digital Transformation Journey at Kerchanshe Group! As Ethiopia’s leading agro-industry group, Kerchanshe is expanding its Enterprise Systems and Applications Department — and we’re looking for passionate tech professionals to join our growing team! 🚀 Open Positions: 🔹 Manager, Enterprise Solutions and Applications – Lead enterprise-level ERP and digital transformation projects across the Group. 🔹 ERP Specialist II – Configure, customize, and optimize ERP systems to drive performance and automation. 📍 Location: Addis Ababa 🕓 Deadline: November 5, 2025 💼 Employment Type: Full-time If you’re ready to shape the future of enterprise systems and be part of Ethiopia’s most dynamic business group — apply now! 🌍 📩 Send your CV & cover letter to hr@kerchanshe.com 👉 Use the subject line: “Manager, Enterprise Solutions and Applications” or “ERP Specialist II” 🔗 Apply here: https://ethiojobs.net/companies/kerchanshe-trading-company/jobs https://www.facebook.com/share/1Augoyyfdv/?mibextid=wwXIfr

Deggersa/filannoo daqiiqaa tokko nutti hin fudhanneen, obboleessa keenya badhaafamaa miiliyoonaa haa taassifnu🖤❤️🤍 Dargaggo
Deggersa/filannoo daqiiqaa tokko nutti hin fudhanneen, obboleessa keenya badhaafamaa miiliyoonaa haa taassifnu🖤❤️🤍 Dargaggoonni keenya dorgommii irratti argamu, dorgomichis badhaasa maallaqaa gurguddaa qaba. Fakkeenyaaf kan Obboleessi keenya Miinaa Mul(Astemari Mokonnin) irratti Chilalo Award irratti dorgomaa jiru, qarahii 1,000,000(miiliyoona tokko nama injifate badhaassisa. Qajeelummaan sagalee keenya haa kenninuufi. Vote haa goonu, vote gochuuf, Jalqaba Liinkii kana👇 tuqa https://www.tca2025.com/category/26 Gaafa tuqxan suuraa fi maqaakoo Tartiiba Qubee(spelling) dhaan waan jiruuf barbaaddanii tuqxu , erga tuqxanii 👉lakkoofsa bilbilaa keessan galchitanii login gootu 👉ergasii coden digit 4 karaa message (ergaa gabaabaa) bilbila keessanii isiniif gala isa itti guuttanii verify jettu.

Dargaggoonni keenya dorgommii irratti argamu, dorgomichis badhaasa maallaqaa gurguddaa fi beekkamtii kennuu qaba. Rache Tesfa
Dargaggoonni keenya dorgommii irratti argamu, dorgomichis badhaasa maallaqaa gurguddaa fi beekkamtii kennuu qaba. Rache Tesfayes, garee/category best live streamer jalatti kaadhimamaa dorgommii kanaa ta’ee argama, Qajeelummaan sagalee keenya haa kenninuufi. Vote haa goonu, vote gochuuf, Jalqaba Liinkii kana👇 tuqa https://www.tca2025.com/category/16 Gaafa tuqxan suuraa fi maqaakoo Tartiiba Qubee(alphabetically) dhaan waan jiruuf barbaaddanii tuqxu , erga tuqxanii 👉lakkoofsa bilbilaa keessan galchitanii login gootu 👉ergasii coden digit 4 karaa message (ergaa gabaabaa) bilbila keessanii isiniif gala isa itti guuttanii verify jettu.

Waggaa dhufu irraa eegalee, ramaddiin barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo akka hin jirree fi muummee barnootaa barbaadan f
Waggaa dhufu irraa eegalee, ramaddiin barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo akka hin jirree fi muummee barnootaa barbaadan filannoo fi iyyata barataa qabxii darbiisaa fidee irratti hundaa’uun kennan beeksisaniiru. Mee gaarummaa moo miidhaa isaatu caala jettuu? Filannoon barattoota baay’ee walfakkaatee, yuunivarsiitiwwan Finfinnee irraa fagoo ta’an barattoota waan dhaban isinitti hin fakkaatuu? https://www.facebook.com/share/p/1BXpohyXJC/?mibextid=wwXIfr

photo content
+1